Quantcast
Channel: Welcome to bilisummaa
Viewing all 1337 articles
Browse latest View live

Somalia’s president, prime minister and speaker of parliament have issued a joint condolence to the nation over an unconfirmed report that some migrants may have drowned in the Mediterranean Sea on a trip from Libya to Italy

$
0
0

Doonii biyya Masrii irraa gara Itaalii osoo deemaa jirtuu dhidhimterraa warri hafan akka jedhanitti, walii galatti namoonni doonii san yaabbatan gara namoota 550 yoo ta’an, kan dhuman gara 500 ti. Oromoon doonii sanirra turan, 250’tti yoo tilmaamaman; walii galatti hanga ammaatti baqattootni Oromoo lubbuun baraaraman 9 qofatu beekkame. Taarreen maqaa isaanii kan armaan gadii ti.
1. Joorji ( Baale irraa)
2. Ibsaa Abdusalaam ( Dirre Dhawaa)
3. Abdalla ( Baale)
4. Muaz Hassan ( Bale)
5. Abdulfattah ( Baale)
6. Gammachis Hussen ( Bordoddee, Harargee Lixaa)
7. Umar ( bakki hin beekamne)
8. Ibrahim ( bakki hin beekamne)
9. Ibsaa ( Bakki hin beekamne)

By ABDI GULED, Associated Press

MOGADISHU, Somalia (AP) — Somalia’s president, prime minister and speaker of parliament have issued a joint condolence to the nation on Monday over an unconfirmed report that some migrants may have drowned in the Mediterranean Sea on a trip from Libya to Italy.Reports of the drownings are circulating among families and on social media but so far remain unconfirmed by coast guard authorities in Italy, Greece, Libya or Egypt.

Somalia’s state radio quoted the Somali embassy in Egypt when reporting the incident.

The joint statement from the Somali leaders said that 400 migrants, mostly Somalis, drowned when their boat capsized in the Mediterranean Sea on a trip from Libya to Italy. But the Somali information minister later said that 200 drowned. Later reports said even fewer had drowned.

“It’s a painful tragedy which reminds us all how important it is for us to discourage our youth from embarking on such high risk journeys,” the leaders’ joint statement said.

Many people saw on Facebook the “I am Somali” page which a montage of photos of young people who it said were Somalis who had drowned. It was not possible to verify the identities of those in the post.

“Very painful, death of nearly 400 Somalian young men and women near the Egyptian coast … most of them are students in Sudanese and Egyptian universities,” said one post.

Another post read: “April 17, 2016 – black day.”

A Somali news website, Goobjoog News, carried an interview with Awale Warsame, who said he is a survivor of the incident.

“There were 500 passengers, mostly Somalis on the boat, but only 23 people survived,” he said. “Survivors, including me, had to use broken wood pieces from the capsized boat to float over waters before we were rescued. We had travelled from Egypt, especially Alexandria, on April 7th and the boat capsized on April 12 but we were rescued by a Filipino ship off a Greek island five days later.”

Egyptian Foreign Ministry Spokesman Ahmed Abu Zeid said that his ministry had no information and officials are checking the reports.

Libya’s Coast Guards Spokesman Ayoub Jassem said he has no information on the migrants, and said that scores of boats leave the Libyan shores every day and they have very limited capabilities to stop them or rescue those who are at risk of drowning.

A top Somali diplomat in Cairo told AP that “we have no official confirmation on the reports and they are working with the Egyptians to verify them.”

The Greek coast guard said it had no reports of any boat sinking in the area. On Saturday, Greece’s coast guard said a merchant vessel had rescued 41 migrants about 95 nautical miles (110 miles, 175 kilometers) off Greece’s southwest coast after their wooden boat lost steering. The coast guard said those rescued boarded a Filipino-flagged merchant ship, which arrived at the southern Greek mainland port of Kalamata early Sunday. The migrants on board were reportedly from Egypt, Eritrea, Somalia and Sudan.

Shipwrecks in open seas are difficult, if not impossible, to verify, as it is often not possible to recover bodies. Instead, their fates are described by survivors and, in cases when boats are lost at sea without any rescue attempt, by relatives who report their failure to arrive in Europe. Organizations tracking the migrant flows rely on the consistency of the reports from loved ones which they say give veracity to such reports.

The report of the sinking comes on the one-year anniversary of the anniversary of the shipwreck of a fishing boat crowded with smuggled migrants which sank to the seafloor with some 800 people on board. Only 28 survived.

The Vatican newspaper L’Osservatore Romano reacted to the reports on the front page Monday afternoon with the headline “Yet another massacre,” recalling the anniversary of the shipwreck near Lampedusa last April 18.

“The migrant drama knows no end,” the newspaper wrote.

The post Somalia’s president, prime minister and speaker of parliament have issued a joint condolence to the nation over an unconfirmed report that some migrants may have drowned in the Mediterranean Sea on a trip from Libya to Italy appeared first on Bilisummaa.


Maati tokko keessaa namni afur ka doonii sanirra turan keessa tokkoo lubbuun hafe

$
0
0

‪#‎OromoRefugees‬ four members one family were on board the boat. Three of them Aisha Rare, Ramadan Ibrahim Rare, and Abdi Abro died. Nasru Abro survived. Theywere from Bordode town, West Hararge.
======
Maati tokko keessaa namni afur doonii sanirra turan. Isaan keessaa sadi, Ayshaa Raaree, Ramadaan Ibrahim Raareefi Abdi Abro yoo bishaaniin nyaataman, Nasruu Abroo irraa hafee jira. Isaan dhalattoota Harargee Lixaa magaalaa Bordoddeeti turan.

The post Maati tokko keessaa namni afur ka doonii sanirra turan keessa tokkoo lubbuun hafe appeared first on Bilisummaa.

Warra balaa doonii garagaltee irraa hafan keessaa tokko kan tahe, Mu’aaz haadha warraa fi ilmi isaa bishaaniin nyaatame haala ture akkanatti dubbata caqasaa!

More than 400 migrants drown in the Mediterranean after four overcrowded boats capsized whilst crossing from Egypt to Italy

$
0
0
Most of the 400 migrants aboard the boat were fleeing from Somalia, Ethiopia and Eritrea and had been hoping to reach Italy. (file picture)
Most of the 400 migrants aboard the boat were fleeing from Somalia, Ethiopia and Eritrea and had been hoping to reach Italy. (file picture)

Dozens of African migrants have reportedly drowned after a boat carrying 400 people capsized in the Mediterranean Sea.

Most of the 400 migrants aboard the boat were fleeing from Somalia, Ethiopia and Eritrea and had been hoping to reach Italy.

Somali media reports say that rescue workers have only managed to save 29 passengers from the waters after the shocking incident.

Over 400 migrants are thought to have drowned, the Somali ambassador in Egypt told BBC Arabic.

Social media users have claimed that the boat had started its journey in Egypt with Italy being its intended destination, a route favoured by many smugglers.

Photographs of a handwritten list of victims names have been uploaded on to social media by several Somali speaking users.

The post More than 400 migrants drown in the Mediterranean after four overcrowded boats capsized whilst crossing from Egypt to Italy appeared first on Bilisummaa.

–ARAARAAN…!!–

$
0
0

Walaloo Yaadannoo obboleewwan keenya Galaana irratti dhumaneef Dr. Dhinsaa Yonaasiin qophayee akka itti aanutti dubbisaa.

–ARAARAAN…!!–
Gamatti abdii ilaalaa
Maatii qabatanii,
Garbummaa ormaa jalaa
Biyyaa baqatanii,
Miiltoo abbaa malaa
Doonii yaabbatanii,
Tuujuba galaanaan
Raafama bishaanii,
Dambalii qilleensaan
Galaanatti dhumani,
Cittee abdiin isaanii
Karaatti hafani!!
—————–
Garaatu nu gubate
Xinnaaf guddaan dhumee,
Madaa kulkulfate
Nu keessatti uume,
Waaqa abbaa araaraa
Lubbuu isaanii maari,
Nu dhaga’i adaraa
Nuunis nu baraari,
Cubbuu nurraa kaasi
Maalo ati nuuf dhiisi,
Onnee keenya jiisi
Obsaan nu badhaasi,
Uumaa harka keetii
Ati waa nuuf mali,
Yakka keenya mitii
Garaa keenya ilaali!
Abdii keenya tolchii
Ati mo’ii caali!
Dheekkamsa nu oolchi
Araaraan nu ilaali!!

# Nuuf_Maari !!
Dr. Dhinsa Yonas
April 19, 2016

The post –ARAARAAN…!!– appeared first on Bilisummaa.

Anaanyaatu lammii

$
0
0

 

= == = = = = =  = ==

12998639_1199956453348214_7456841127037709367_n

Anaan haa dhidhimsu

Jiraachuuf jettanii

Sin dhabne hanga liphsuu

Anuu rakkoo keessan

Gad taa’ee tilmaamee

Utuun hin nyaatamiin

Yaadaan ukkaamame

Gubannaa rasaasaa

Kan lafeen caccabu

Goginsa baranaa

Isa teenyu hagabuu

Maal si goone uumaa

Maaliif nurran darbu?

Oromoon si waamee Uumaa…

si kadhata Nurraa garagalchi…

Irree abbaa irree Maaf nurratti ilaalta?

Anaa nyaatu Oromoo

Qomoo gaafa xiiqii

Roorroon biyyaa baasee

Sin garsiise cinqii

Du’a akka-maleetoo

Seene mana keenya

Lubbuu isin haa maaru

Maal gochuu dandeenya?

migrant-crisis-res_3273144b

Aboonkeeti Balaay Ebla 18,2016 Finfinnee.

(Yaadannoo obboloota koo biyya Misirii gara Xaaliyaaniitti du’a baqa imalaa du’atti dirmaniif.)

#OromoRefuges

The post Anaanyaatu lammii appeared first on Bilisummaa.

LAKKISAA HIN GODAANNUU….. (yoo hin xumurtu ta’e hin jalqabin)

$
0
0

Jalqabarratti maatiifi uummata ballaa gadda hamaan liqimsameef gadda natti dhaga’amu ibsuun barbaada.. Dhugaadha nama jaallatan of biraa dhabuun akkaan ulfaata.. Bakka tokkotti maatiin lakkoofsaan shan ga’uufi: abbaa, haadhaafi ilmoon dhumuunimmoo sana daran ulfaataadha. Jiruun dachii kun hammuma liphuu ijaati gaafa namatti jige.. Amma mullatani ammuma dhibamu… kan dheessanii jalaa hin baaneefi baqatanii hin dandeenye ta’eetuma jalqaba uumamaarraa eegalee dhaloota lufsiisaafi fufsiisaa asiin ba’e du’i kunis. Du’uun seeruma uumama kanaa ta’uu waan namnuu quba qabu… ammoo akki itti du’an/keessattuu kan saba keenyaa/ hamma aaranii waaqaan dheekkamuutti nama geessisa…

Akka sirna bulguu biyya kanaatti.. Biyyittiirraa kan baqatani. Yoo baratanii homaa hin fidne. Olaantummaa saba tokkootiin qofa daldalaafi sochiin biyyittii kamillee kan dhuunfatamu ta’e. Yoo saamamaniifi gaafa namatti roorrifamu….. Haala kanaanimmoo barootaaf jiraanneera. Hamma funyaan nu ga’utti godaanneerra. Oromoon addunyaa kanarra golee arfanuun faca’ee jirusimmoo miliyoonaan kan lakka’ama har’a. Jiruun nutti ulfaattee hiyyuma baqachuutti… hidhaaf ajjeechaa nuffuurraan kan ka’e. Hamma biyyi namaa Oromiyaa xinnoo jedhamee waamamuu ga’utti kumaataman godaannus garuu har’allee rakkoon keenya achuma jira.. Jijjiiramne argame… furmaanni mullate homaa…

Har’as akkuma gaafa haayila sillaasee.. Akkuma gaafa dargii… akkuma wayyaanee ammaa… gabrummaan nurraa hin kaane.. Akka rakkannetti..akka nutti roorrifametti… akka hiyyoomnetti baroota lakkoofsisaa as geenyeerra.

Utuu baqachuun furmaata ta’ee bara mootummaa ce’umsaan booda kumaatama karaa keeniyaa yaa’etu waan tokkorraan nu ga’a ture.. Leenci ganda isaa gadhiisnaan adurree ta’aaf malee…

Ammasimmoo godaanuutti jirra… finciluma dheengaddaan walqabateellee gammoojjii saharaan kan qaxxaamure kumaatama.. Dhugaadha nama waan taaneef obsa fixachuu malla.. Fedhi keenyas daangaa dhabuu mala. Garuu “hamma yoomiitti?” Isa jedhu jala mureen gaafachuu barbaada. Gaaffiin bu’uuraa dhalootni kun deebisuu qabu maali? Foon ofii mo’anii rakkoo dandamachuun jijjiiramaaf aarsaa ta’uumoo biyya jijjiirametti godaanuutu furmaata? Dhaloota ofii darbee dhalootaaf dabarsuuf qabsaa’umoo…. Dhaloota ofiifuu ifa arguu barbaadu? Baqachuun kuni hoo hamma yoomiitti itti fufa…?
Gaaffiiwwan kunniin namnuu akka of gaafatun barbaada. Keessattuu dhaloonni amma Oromiyaa keessa jirtan. Tikseen gaariin hoolota isaa bineensa baraara malee ofii dheessee akka hin baanes beekaatuma of gaafadhu.. irra deddeebi’ii of gaafadhu.

Har’a uummanni keenya balaa uumamaafi nam-tolcheetiin guyyaadhaa guyyaatti hir’achuutti jira. Beela, balaa konkolaataa, dhibee akkasumas hidhaafi ajjeechaan irratti walfuree qe’ee isaarratti akka baalaa harcaasuu hin dhiifne. Tokkoon tokkoon saba kooti lapheen mada’aadha. Gaddis golatti nu aseenee ba’uu didee mataa jabaate. Ta’us garuu nuti hin dhumne.. Hin dhumnusi.. Harca’aama biqilla… goggogaama daraara.. Ni baayyanna.. Nuti sanyii badu miti..mitii?

An akka nama tokkootti dhaloota ammaa kanaan waanan jechuu barbaadu, hireen uummata keenyaa harka keenya keessa qofa akka jiru akka naaf beeektaniidha. Rakkoon nuti keessa jirru hundeedhaan buqqa’uu kan danda’us garee galaana gama jiruun osoo hin taane nu’i warra as Oromiyaa jiruun qofa ta’uus sirriitti beekkadhaa. Yoo godaansi nu jijjiireef warri godaananiyyuu ni gahu. Aayyoofi abboo wayyaaneen ijatti tuftu kan arguutti jiru anaafi si’i.. Shamarran keenya salphataniif daa’imman keenya gombifamanis nutu dhiiga ho’aa arguutti jira. Dhugaadha waa’ee keenya garee siyaasaa ykn nama jabaa tokkorratti dhiisuun qofti yoo nutti hammeesse malee furmaata waaraa hin argamsiisu. Keessaa ba’uurra keessatti hafnee keessaa baasnu malee.

Biyya keenya eenyuufi eenyuutti dhiisnee deemna..

Mee kottaa keessaa hin baqannuu..! Yoo du’a ta’e eessattiyyuu nuuf hafaa hin jiru silaa. Adaraa oboleettiiko.. Adaraa obboleessako.. Iji kan kee ala hin’laalin.. Oromiyaatti dudda gattee qajeeluufis faana hin kaasin. Yoo dhumuu asitti dhumna.. Bakka haadhaaf abbaan keenya nu awwallatanitti.. Bakka firaaf lammiin quba nu qabaatutti.. Malee jiraachuuf utuu fiignuu.. Osoo du’a baqannuu du’i xiiqii nuun qabachuutti jira… maaloo nutti haa hafu. Yoo as teenyee aarsaa barbaachisu kafaluun falmanne malee biyya keenya bineensatti dhiisnee hin deemnu adaraa… waan lubbuun nu hawwituufi foon keenya kajeeltu nutti haa hafu.. Dhaloota jijjiiramaaf cichu taanee dhaloota jijjiiirame haa uumnu. Warri anaaf siin har’aa uuman keesaa baqataniiti miti keessaa alattis hin godaanne.. Jireenya dhuunfaa isaanii gatanii… alaatii as dacha’an malee.

Kormi Oromiyaa gadhiisee baroodus bookkisus sagaleensaa amma lukkuu asii iyyituullee dhiibbaa hin fidu. Barooduun asumatti toltiitii dhaamsaan qabsaa’uuf daangaa hin qaxxaamurin.

Qabsoon dhaamsaan taatu waggoota digdamii shanan darban yoo nu cabsuu malee nun dhidhiibne.. Yoo nu diiguu malee nun ijaarre. Bakka itti waa gochuu dandeessu gadhiistee ibsa ejjennoo nuu erguuf gammoojjii hin qaxxaamurin maaloo… erga duuti hin oollee falmaa duuna ijoolle…

Kun yaada dhuunfaa koo ta’us mee irratti haa mari’annu… dubbii kana akkamitti ilaalta ati?

Galatoomaa!

Rabbi isin haa jajjabeessu…

by Abdiisaa Balaachoo

The post LAKKISAA HIN GODAANNUU….. (yoo hin xumurtu ta’e hin jalqabin) appeared first on Bilisummaa.

Ilmaan Oromoo addunyaa mara keessaa dhumaati obboleeyan isaaniif gadda isaanii mul’isaa jiru


#‎OromoProtests‬ leaders of various Oromo Community organizations on stage presenting the procedure for tomorrow’s briefing and solidarity rally.

MALOO ABDII HIN KUTINAA!!

$
0
0

======================
Rabbiin nu badhaasee
namaan saamamnullee,
▶Osoo hundumaa qabnuu
beelawaan yaamamnullee,
▶Haqaaf osoo falmannuu
alagaan dhaanamnullee,
▶Cubbamnee biyyaa baanee
galaanaan nyaatamnullee,
▶Abdii hin kunnu rabbirraa
Isa qabnaa ammallee.!!!
■■■■■■■■■■■■■■■■■■■■
▶Dhugaadha dubbiin keenna
hedduu nama dhamaasaa,
▶Inni kuun yeroo ta’u
Cubbuun nyaata rasaasaa,
▶kuun roorroo dheessee bahe
gatee haadhaaf abbaasaa,
▶Isa kaan diinni hedhee
maatiin adda facaasaa,
▶Roorroon yoo heddummaatu
qabsoof nama kakaasaa,
▶Abdii hin kutin lammiikoo
rabbiin keessaa nu baasaa,
▶Waan fideef kan beekullee
Isa qofaa balaasaa,
▶Kan barbaade kuffisee
guyyaa fedhes ol kaasaa,
▶Balaa rabbii obsinee
haa kadhannuu tolaasaa.!!
■■■■■■■■■■■■■■■■■■■■
▶Roobuuf yeroo barbaadus
akka duumessa godhuu,
▶Gammachuu hedduus
fiduuf gaddaatu dursa jedhuu,
▶Numa qormaate malee
rabbiin eennullee hin miidhuu,
▶Balaan yoo jabaattellee
naaf obsi ciniinnadhuu.!!!
■■■■■■■■■■■■■■■■■■■■
▶Hanga yoom du’a sabaa
himaa wol jabeessinaa?
▶Hanga yoo gara du’aa
du’a jalaa dheessinaa?
▶Maaliif du’a jalaa dheessuuf
awwaalas fageessinaa?
■■■■■■■■■■■■■■■■■■■■■■
▶Lakki nuuf gamtee jirtii
eessaa garam dheessinaa?
▶Amma booda nu gahe
kaaneet wol jabeessinaa,
▶Diina nu barbadeessu
cimnee barbadeessinaa,
▶Akka nut-hindeebines
ufirraa fageessinaa,
▶Ari’uu qabna malee
akkam jalaa dheessinaa.!!
■■■■■■■■■■■■■■■■■■
▶Mirga waaqni nuuf kenne
ufirraas hin butinaa,
▶Falmannee keessaa baanaa qarqaarsa rabbii wojjiin
MAALOO ABDII HIN KUTINAA!!

The post MALOO ABDII HIN KUTINAA!! appeared first on Bilisummaa.

US Congress Tom Lantos Human Rights Commission Media Briefing: Mohammed Ademo

Interview with Jawar Mohammed at US Congress Briefing on Human Rights in Ethiopia

Seenetaroonni Ameerikaa kudha sadi labsii mootummaa Itoophiyaa balaaleffatu baasan

$
0
0

Daandiin eegalame kuni tooftaa ciccimaan utubame, dhaabbilee siyaasaa hundaan irratti hojMiseen taanaan shakkii tokkoon maletti kan nugayu Finfinneedha
………………………….
Miseensonni senetii Ameerikaa 13 senetar Maarkoo Ruubiyoo (paartii R.) fi senetar Ben Kaardiin (paartii D.) durfaman wixinee labsii seeraa Itoophiyaan mirga namaa akka kabajjuu gaafatu dhiyeessan. Itoophiyaan humnatti dhimma bayuudhaan ummata hiriira nagaa bayan, gaazexeessitootaa fi dhaabbilee hawaasaa ukkaamsiti jedha wixineen labsichaakuni.Labsiin senetaroota Ameerikaan dhiyaate kuni gargaarsi mootummaan Ameeikaa Itoophiyaaf laattu irra deebi’amee akka xinxalamu MinisterriHaajaa Biyya-alaa Ameerikaa Joon Keeriif waamicha dhiyyeessa. Mootummaan Itoophiyaa affaan qawween ummata doorsisuu, ajjeesuu fi hidhuu akka dhaabu; akkasumas ajjeechaan hanga ammaatti raawwatame qaama walabaan akka qoratamuu fi kanniin yakka hoojjatan seeraaf akka dhiyaatan gaafatawixineen kuni.Senetar Maarkoo Ruubiyoon, ‘Itoophiyaa keessatti namoonni nagaa mirga isaaniif dubbachuu qofaaf ajjeefamu, hidhamu, doorsisamu,’ jedhe. Itti fufuudhaanis,

‘Dararaa mootummaan Itoophiyaa ummata isaa irraan gayuu fi tuffii inni mirga dhala-namaaf qabu ni balaaleffadha. Bulchiinsi Obaamaa haala mirga dhala-namaa fi akkaataa fooyya’iinsa siyaasa Itoophiyaaf xiyyeeffannaa guddaa laatuu akka qabu gaafadha,’ jedhe.’Gara jabeenya humnoota tika nagaa Itoophiyaatti baay’ee rifadhe,’ jedhe senetar BenKaardiin. Kanniin maatiin irraa dhumeefis gadda isaa dabarseera, senetar Kaardiin.Dhiigni Oromoo dhangala’uun, lammiin keenna kumaatamaan mana hidhaatti gatamuun hedduu keennaaf gaddisiisa ta’us, wanti abdachiisaan garuu dhiigni isaanii bilisummaa Oromoof bu’aa abadachiisaa argamsiisaa jiraachuu isaati. Labsii fi balaaleffannaangaree senetaroota Ameerikaas qaamuma injifannoo kanaati.

Yeroo dabres Paarlaamaan Awurooppaas labsii cimaa baasuu fi ergaa balaaleffannaa cimaa dabarsuun ni yaadatama.Injifannoon keessumattuu kallattiin dippiloomaasiitiin argamaa jiru kuni bu’aa dhiiga gootota Oromoo ufii du’anii saba isaanii jiraachisuu, uffi hidhamanii saba isaanii bilisoomsuudhaaf muratanii gatii qaalii hanga lubbbuutti gayu kaffallaniin. Hawwiin isaani kangalma gayuu fi kana caalu kan argamuu malu yoo qabsoon kuni osoo addaan hin citin injifannoondaran babal’ataa fi anniisaa isa barbaachisu argataa yoo deeme qofa.Takkaa takkaa lubbuu Oromoo galaafatamtuu filammii mana hidhaatti dararamu irraa qabsoon Oromoo waan guddaa fayyadamuu qabdi. Kanagodhuu irratti shoorri hoogganoonnii fi hayyoonni Oromoo taphatan guddaa ta’utu irra jira. Yeroo dargaggoon Oromoo lubbuu fi jireenya isaanii kennaa jiranii fi kennuudhaaf qophii ta’an kanatti angawoonni sa’aa, beekumsaa fi maallaqa isaanii qusachuun, akkasumas waan xixiqqoo irratti uflamaanii ilkaan walitti ciniinnachuun madaallii kamiinuu sirrii hin ta’u.Ammas kan ifa ta’uu qabu, faaydaa qabsoo karaa nagaa, oduudhaan osoo hin taane, qabatamaan argineerra.

Kallattiin kuni daran jajjabeeffamuu,xiyyeeffannaan isa babaachisu itti laatamuu, tooftaan addaddaan geeddaramuu, hunda caalatti milkaayinaaf wareegamni barbaachisu itti kaffalamuu qaba. Daandii eegalame kuni tooftaa ciccimaan utubame, dhaabbilee hundaan irratti hojjatama taanaan shakkii tokkoon maletti kan nugayu Finfinneedhaan.Waan hunda caalatti hidhamaa, ajjeefamaa fi gidiramaa qabsoo tana xumuraan gayuuf hundi waadaa woliif seenuu qabna. Kuni taanaan gufuun nu kuffisu, humni daandii irraa numaqsutokko hin jiru. Yeroo kamuu caalatti Oromoo dhaabate huni jilbiiffachisu tokko kan hin jirre ta’uu isaa baatii dabran qabatamaan nutti argisiisanii jiru. Osoo lubbuun jirru kana arguu danda’uun waan guddaadha.Guutummaa labsii senetar Ruubiyoo fi Kaardin miiltoo PDF kana banaa dubbisaa.

The post Seenetaroonni Ameerikaa kudha sadi labsii mootummaa Itoophiyaa balaaleffatu baasan appeared first on Bilisummaa.

‘Unbridled violence’ in Gambella leaves Ethiopia searching for answers

$
0
0

Why did a group of South Sudanese people cross the border into western Ethiopia and start shooting mothers and abducting their children?

Nyruach Lam, 30, at Gambella hospital in Gambella town, Ethiopia, on 17 April.
Nyruach Lam, 30, at Gambella hospital in Gambella town, Ethiopia, on 17 April. On the bed is her daughter, Beyang Luk, 14. Beyang was shot in the leg as she and her mother ran from the assailants. Photograph: Jacey Fortin

The South Sudanese attackers arrived on foot before dawn. In the Nuer villages in the grasslands of Gambella in western Ethiopia, people woke to the sound of gunshots and tried to flee, but armed men stopped them. Mothers were shot when they tried to stop the raiders taking their children.

Bol Choul, 26, tried to run away but one of the attackers caught him in his hut and they fought. Bol injured his hand but managed to get out. He had to leave without his wife and children, and his blind father, who was shot but survived.

“I heard my wife’s alive, but one child is taken and one is with her,” Bol said at the main hospital in Gambella region two days after the attacks in the Lare and Jikawo districts.

More than 200 people were killed in the attacks on more than 20 villages, according to Ethiopia’s government. About 100 children were abducted, and livestock was snatched as well.

Unicef said the attack on children constituted a violation of human rights, and condemned “this horrific act of unbridled violence”.

Described by locals as the worst violence they had seen in two decades, the cross-border attacks pose a new challenge to the Ethiopian government, already grappling with growing tensions between central authorities and ethnic populations.

Ethiopia’s ability to respond is hampered by difficult terrain and the weakness of the state in South Sudan, where a peace deal intended to end years of war hangs in the balance as rebel leader and former deputy president Riek Machar delays his much-heralded return to the capital Juba, originally scheduled for Monday.

The assailants who crossed the border last week were probably Murle, a mainly cattle-herding ethnic group of perhaps 200,000 people that primarily live 150-200km from Gambella in the Pibor area of South Sudan’s troubled Jonglei region.

Gambella, a sparsely populated region of dense scrub and swamps borderingSouth Sudan, has long been marked by sporadic violence.

But the scale, organisation and brutality of last week’s attack had more in keeping with atrocities committed in South Sudan, where war has turned chronic underdevelopment into a humanitarian crisis. The UN estimates that 5.1 million people need assistance this year out of a population of 12 million.

Of the approximately 80 injured people who arrived at Gambella town’s hospital, more than 50 were women, said staff. A few Nuer community militia members with guns retaliated, killing some attackers, who wore unmarked military uniforms and carried modern Kalashnikov rifles, according to survivors.

South Sudan’s militarisation, maladministration and rampant disorder (pdf), combined with recent clashes in Gambella between the Nuer and the Anuak communities, may have contributed to the brutality of the attack.

The massacre marks a new challenge for Ethiopian authorities in Gambella after unsuccessful development policies and an influx of Nuer refugees from South Sudan compounded the area’s problems.

Previously a majority in the region, the sedentary Anuak feel threatened by the arrival of pastoralist Nuer on what they consider to be their land. Many Anuakwere angered by a government resettlement plan that began in 2010 and clustered them into expanded villages near roads.

While Ethiopian officials said this was done to make public services more efficient, opponents claimed thousands were forced off their land to make way for agricultural investments.

Anuak discontent was exacerbated by the arrival of more than 250,000 Nuer tonew refugee camps, starting after South Sudan’s government imploded in December 2013 when the ruling party fractured and up to 70% of the military rebelled.

Tensions between the Anuak and Nuer exploded in February, with dozens killed and clashes even involving members of the Regional Special Police fighting among themselves, along the same ethnic lines.

Subsequently, all those forces were withdrawn to Ethiopia’s capital, Addis Ababa, for training – even from parts of the state, such as the locations of last week’s Murle raid, where they had not clashed, according to an aid worker, victims and a local security official.

Their removal followed disarmament of the Nuer over previous years, said Gatwich Tok, 26, who was in one of the villages attacked last week. “The government of Ethiopia does not allow communities to have guns,” he said.

Ethiopia said it is prepared to pursue the raiders into South Sudan and rescue the kidnapped children. But a local security official said bilateral negotiations were the way forward.

“We cannot cross the border … these people are criminals and we do not do the same criminal acts as them,” he said, requesting anonymity.

Improving border security through dialogue or a joint military operation with South Sudan may prove tricky. Before the latest bout of civil war, Jonglei state was already one of the most violent in the country (pdf), partly because of clashes linked to cattle raiding.

Further complicating the political situation is a contested October decree by President Salva Kiir to increase the number of states in South Sudan from 10 to 28. That decision has already reportedly led to fresh conflict in Murle areas.

The post ‘Unbridled violence’ in Gambella leaves Ethiopia searching for answers appeared first on Bilisummaa.

Gaafiif Deebii H/Duree ABO Tokkoomee Ob. Abbaa Nagaa Jaarraa Waliin Goone


12 U.S. Senators Condemn Ethiopia’s Crackdown on Civil Society

$
0
0

By U.S. Senate Committee on Foreign Relation,

U.S. Senator Ben Cardin (D-Md.), Ranking Member of the Senate Foreign Relations Committee, introduced a resolution with 11 other Senators today condemning the lethal violence used by the government of Ethiopia against protestors, journalists, and others in civil society for exercising their rights under Ethiopia’s constitution.

The resolution calls for the Secretary of State to conduct a review of U.S. security assistance to Ethiopia in light of allegations that Ethiopian security forces have killed civilians. It also calls upon the government of Ethiopia to halt violent crackdowns, conduct a credible investigation into the killing of protesters, and hold perpetrators of such violence accountable.

“I am shocked by the brutal actions of the Ethiopian security forces, and offer condolences to the families of those who have been killed. The Ethiopian constitution affords its citizens the right to peaceful assembly and such actions by Ethiopian government forces are unacceptable,” Senator Cardin said. “The government’s heavy-handed tactics against journalists and use of the 2009 Anti-Terrorism and Charities and Societies Proclamations to stifle free speech and legitimate political dissent demonstrate a troubling lack of respect for democratic freedoms and human rights.”

“Peaceful protestors and activists have been arrested, tortured and killed in Ethiopia for simply exercising their basic rights,” Senator Rubio said. “I condemn these abuses and the Ethiopian government’s stunning disregard for the fundamental rights of the Ethiopian people. I urge the Obama Administration to prioritize respect for human rights and political reforms in the U.S. relationship with Ethiopia.”

Joining Cardin and Rubio as cosponsors of the resolution are Senators Maria Cantwell (D-Wash.), Christopher Coons (D-Del.), Dick Durbin (D-Ill.), Al Franken (D-Minn.), Amy Klobuchar (D-Minn.), Patrick Leahy (D-Vt.), Edward J. Markey (D-Mass.), Bob Menendez (D-N.J.), Patty Murray (D-Wash.), and Sherrod Brown (D-Ohio).

The United States works closely with Ethiopia on signature Administration initiatives including Feed the Future and the African Peacekeeping Rapid Response Partnership. It also provides funding for Ethiopia’s participation in the African Union Mission in Somalia.

“Given the challenges posed by the devastating drought and border insecurity, it is more important than ever that the government take actions to unify rather than alienate its people. It is critical that the government of Ethiopia respect fundamental human rights if it is to meet those challenges,” Cardin added.


The Resolution


Download (PDF, 23KB)

The post 12 U.S. Senators Condemn Ethiopia’s Crackdown on Civil Society appeared first on Bilisummaa.

Hiriira nagaa Oromoonni magaala gudditti Ameerikaa, Waashingitan Diisiitti geggeessaa jiran.

OROMOO BARAARUUF WAYYAANEE GAGGABSUUN BARBAACHISAADHA ( Sirritti dubbisaa waliif dabarsaa)

$
0
0

Kabajamtoota ilmaan Oromoo!!!

Ji’oota afran darbaniif ummanni keenya mirga abbaa biyyummaa isaa kabajchiisuudhaaf xiiqiin ka’ee qabsoo wareegama qaqqaalii nu kafalchiise, akkasumas injifannoolee cululuqaa nu gonfachiise godhaa jira. Sirni abbaa hirree ol’aantummaa wayyaaneetiin hoogganamu gaafii ummanni Oromoo karaa nagayaatiin dhiheesseef nagayaan deebisurra dhiiga lammii keenyaa dhangalaasuu fi hidhuu itti fufee jira. Hanga ammaattis gochaa suukkaneessaa raawwataa jiruun dubartii ulfa fi daa’imman kichuullee otoo hin jedhin raasaasaan akaayuun diinummaa uummata Oromootiif qabu agarsiisaati jira. Gorsaa fi akeekkachiisa ummata addunyaa biraa dhihaataafii jirutti gurra cufatee jira gochaa sanyii duguuguu ittuma jira. Murni wayyaanee kun yaada furmaataa DHDUO/OPDOn dhiheesseef tuffatee qondaalota DHDUO lakkii gochaan Oromoo irratti raawwatamaa jira jedhanii diddaa agarsiisan hidhuu fi hojirraa ari’uun doorsisuu filatee jira. Murni wayyaanee kun warreen kaaniin immoo uummata Oromoo gadi qabdanii akka nuti barbaadne akka bulu taasisuu dadhabdan jechuuniin aangoo irraa kaasaati jira.

Murni wayyaanee abbaan hirree kun yaada araaraa manguddoota Oromoo fi abbootii Gadaatiin dhihaate wayitti hin lakkoofne. Waamicha nagayaa maanguddoota Oromoo fi Abbootii Gadaa kana tuffachuun ol’aantummaa guyya guyyaan jalaa shigigaataa jirtu humna qawweetiin deeffachuuf Oromiyaa bulchiinsa waraanaa jala galchee jira. Murni wayyaanee kun duula ifatti uummata Oromoo irratti labsuun humnoota isaa hidhatan Oromiyaa guutuutti bobbaasee hanga ammaatti yoo xinnaate ilmaan Oromoo meeshaa waraanaa wayiituu hin hidhanne dhibba shanii ol haala suukkaneessaa ta’een galaafatee, Kuma dhibba tokkoo ol hidhee mana hidhaa keessatti dararama hammaataa ilma namaa irratti hin raawwatamne raawwataa jira. Bakka mormiin hin jirrettiyyuu Oromoota nagayaan karaa deeman ykn mana isaanii keessatti fixaa jiran. Yeroo ammaa kana Oromoo ta’uu qofaan ilmaan Oromoo akka yakkamaatti ilaalamaati jiru.

Duula ajjeechaa kanarraa saba keenya baraaruu fi qabsoon mirga abbaa biyyummaa injifannoon akka goolabamtuuf tooftaalee qabsoo babal’isaa sirna abbaa hirree kana hudhuun murteessaa dha. Kunis fincila marsaa 3ffaa keessatti hojirraa ooluu eegalee jira. Akeekni ijoon tooftaa kanaa qabsoon Oromoo duula mirga ofii gaafachuutirraa gara tarkaanfii mirga ofii deeffachuutti ceesisuudha. Haaluma kanaan tooftaaleen armaan gadii kun amma booda bal’inaan hojitti yoo hiikkaman sirna kana

hafuura itti kutuun takkaa akka harka kennee mariif gadi taa’u, yookaanii gaggabee akka lafa dhahu taasisu.

1) Wayyaaneen gaafii saamichi lafaa haa dhaabbatu kan saamame haa deebi’u jedhu diddee jirti. Kanaafuu ummanni humna isaatiin gaafii tanaaf deebii argachuu qaba. Tarkaanfiin qabeenyaa invastaroota alagaa kan lafa Oromoo fudhatanii saba keenya hiyyoomsanii ofii duroomaa wayyaanee gibiraa fi matta’aa/gubboon goobsaa jiranii barbadeessuun lafa deeffachuun cimee itti fufuu qaba. Faayidaa: Akka seera Itoophiyaatti qabeenya lafarra jiru malee lafti kan ummataati. Kanaafuu qabeenyi irratti tuullatan dhabamnaan wanti hafe kan saba keenyaati. Itti dabaluunis kasaaraan invastarootarra gayu dinagdee isaan biyya sanitti seensisan sodaan akka dhaaban waan godhuuf madda galii Wayyaanee goggogsuun laaffisaa deema. Tarkaanfiin hamma ammaatti fudhatameeyyuu maallaqni abbootii qabeenyaa biyya alaarraa seenuu guututti akka dhaabatu godheera. Dabalataanis inveestaroonni biroonis gara Oromiyaa dhufuun maqaa inveestimentiitiin saamicha lafaa irratti bobba’uu akka sodaatan taasisaati jira. Tarkaanfiin amma booda fudhatamu immoo maallaqa biyyasii qaban akka baasan godha. Kun kaaznaa Wayyaanee goggogsuun sirnicha laamsheessee kufaatii isii saffisiisa.

2) Wayyaaneen ummata mirga isaa karaa nagayaan gaafannaan mana hidhaatti guurte hidhaa keessaa akka baastu ummanni Oromoo fi ummanni addunyaa sagalee tokkoon gaafatus kan hidhaman hiikuu dhiisi kumaatamaan guyyumaan itti dabalaa jirti. Kanaaf ummanni keenya ilmaan isaa mirga abbaa biyyummaaf waan falmaniif hidhaman takaanfii ofiitiin hiiksisuu eegalee jira. Hanga ammaattis seenaan hin dagatamne hojjateeti jira. Duulli manneen hidhaa wayyaanee Oromiyaa keessa jiran irratti eegalame kun of eeggannoo cimaa fi tooftaadhaan itti fufuun dirqama ta’a. Bakka mana hidhaa diiguun danda’amutti mana hidhaa diiguun qabsaa’ota harka diinaa jiran baasuu bakka hidhaa diiguun rakkisaa ta’etti heddumminaan itti hidhamuunis fala. Faayidaa: Qabsaa’otaaf bilisummaa argamsiisuutti dabalee caasaa sirnichaa gara gadii laanshessuu fi dhabamsiisuun sirnicha caasaa sirnichi uummata keessatti diriirsee uummata ittiin to’atu dhabamsiisuuf gargaara.

3) Daandii Cufuun bu’aa guddaa buusee jira. Tarkaanfiin kun tooftaalee sirnicha akka malee wareersuun waan qabatu wallaalchisee bu’aa guddaa buusan keessaa tokko. Tarkaanfiin daandii bakka hundatti cufuu kun akkuma jirutti ta’ee daandiilee gurguddoo sochii Agaazii fi diinagdee Wayyaaneef barbaachisoo ta’an cufuun yeroo dheeraaf adda kutuun faayidaa guddaa qaba.

Faayidaa: Sochii Agaazii saffisaan bakkaa bakkatti geessuu hanqisa. Akkasumas sochii geejjibaa laaffisuun humna diinagdee sirnichaa laamshessaa deema. Hojiin daandiiwwan cufuu kun bifa gurmaa’aa fi qindaa’aa ta’een yeroo halkanii halkanii duulaan yoo raawwatame qabsoo guyyaa itti aanuuf fayidaa guddaa qaba. Yeroo halkanii daandiiwwan cufuun immoo lukkeeleen wayyaanee eenyu akka cufe akka hin beekne waan godhuuf gaaga’ama qabsaa’ota irra gahus hedduun xiqqeessa.

4) Diddaan konkolaachiftoonni/shufeeronni taaksii, baajaajii fi konkolaattota biroo kun karaa cufuudhaan deeggaramnaan geejjiba biyyattii dhaabuun mootummaa guututti laamshessa. Shufeeronni hojii dhaabuu qofa osoo hin taane gaafin isaanii deebi’uu baannan konkolaattota tajaajila kennan kan biroo irratti tarkaanfii dhaabsisuu fudhachuun faayidaa guddaa buusa.

5) Gibira Kafaluu Diduu: Akkuma beekamu qonnaan bulaan keenya tumsa qabsichaaf qabuu fi aantummaa Oromummaaf qabuun akkasumas jibbiinsa sirnicha irratti qabuun gibira lafaa kafaluu dideeti jira. Duulli gibira lafaa kafaluu diduu kun bakka maratti bifa walfakkaataan itti-fufuu qaba. Tokkoon tokkoon barataa fi dargaggoonni dhimma kana irratti maatii isaanii hubachisuun dirqama. Fayidaan gibira lafaa kafaluu diduu: sirnicha beekkamtii dhorkuu, mootummaa galii dhabsiisuu, gaaga’ama siyaasaa mootummaa irraan gahuu faati.

6) Uggura gurgurtaa: Akkuma beekamu midhaan, beelladni, kudraafi fudraan biyya san sooru irra caalaan Oromiyaa keessaa dhufa. Galii mootummaa sanii daran hanqisuufi rakkoon Oromoo mudatte tun ummata kaanis geettee akka mootummaa irratti ka’aniif duulli ominishi nyaataa saffisaafi baay’inaan akka hin sochoone godhuu feesisa. Tooftaaleen kun omishoota jireenyaaf murteessoo ( necessity) ta’an adda baasuun yeroofi bakkaa murteessaa ta’een dhaabuun milkii isaa ni guddisa. Tooftaa kana hojitti hiikuuf qonnaan bulaanfi daldalaan keenya gurgurtaa dhaabuu ykn hir’isuu dabalatee tarkaanfii daandii cufuufi shofeeronni hojii dhaabuun hojitti hiikama.

6) Barnoonni Bilisummaan Booda: Akkuma beekamu ji’oota sadan dabraniif barnoonni sirnaan Oromiyaa keessa hin turre. Mootummaan kun barsiiftota 60 ol ajjeessee, kuma lamaa ol mana hidhaa keessatti hiraarsaa jira. Barattoota dabtaraa fi qalama qofaa of harkaa qabanitti dhukaasa banuun hedduun fuuldura barattootaatti wayita galaafatu, hedduun dhiigni isaanii dhangala’eeti jira. Barattoonni 20,000 ol mana hidhaa keessatti hiraarfamaa jiru. Manneen barnootaa Oromiyaa buufata waraanaa waan ta’aniif tasgabbiin barachuun hin danda’amne. Kanaafuu haala kana keessatti baranneet wayitti baanaan hin yaadamu. Fakkeenyaaf warreen qormaata biyyaalessaa qorataman bifuma kamiinuu barattoota naannolee biroo bifa tasgabbaa’een waggaa guutuu barataa turan waliin dorgomanii gara barnoota ol’aanaatti ce’u jedhanii yaaduun gonkumaa hin danda’amu. Barattoonni Oromoo barana qormaata biyyaalessaa tasa fudhachuun irra hin jiraatu. Kanaaf barnoonni Oromiyaa keessa bilisummaan booda ta’uu qaba mariin jedhu baldhinaan godhamaa turuun ni yaadatama. Kanarratti amma namuu waliif galee jira. Garuu tooftaa kana barattoonni mana barnootaa irraa hafuun osoo hin taane manneen barnootaatti argamuun kan amma duraa caalaa daran dirree qabsoo bilisummaa Oromoo gochuutu nu baasa.

Kanarraa ka’uun Wiixata dhufu irraa eegalee barattoonni hundi manneen barnootaa banaa jiranii fi kan cufaman dabalatee yunifooormii isaanii sirnaan uffatanii dhaquutu irra jiraata. Barsiisonnis hojii idilee isaanitti deebi’u. Garuu adeemsa baruu fi barsiisuu osoo hin taane tooftaalee diddaa garaagaraatiin guyyaan dabra. Bakka qeerroo fi qonnaan bulaan hiriira qopheessanitti gurmuun itti dabalamuun, bakka haalli akkasii hin mijoofnetti taa’umsaan, seenaa barreessuun, waliif

dubbisuun, warra miidhameef kadhannaa gochuun, faaruu qabsoo Oromoo farsuun kkf dabra.

7) Tarkaanfii hojii dhaabuu: Akkuma konkolaataan tokko socho’uuf goommaa isaa irratti irkatu, mootummaan kamiyyuu bulchiinsa/ bittaa guyya guyyaa geggeessuuf ogummaa hojjattootaa irratti hundaaya. Hojjattonni kun galii isaanii mootummaa irraa waan argataniif akkasumas dirqamni lammummaafi biyyummaa itti dhagayamee hojii isaanii sirnaan hojjatu. Garuu yeroo sirni abbaa irraa mirga ummataa sarbee, dantaafi ilaalcha hojjattootaa moggatti bgate, mootummaa san kararratti deebisuuf yookin ofirraa kaasanii kan irra wayyaatin bakka buusuuf hojjattoonni shoora guddaa qabu. Baatilee darban kana keessa hojjattoonni mootummaa Oromiyaa keessaa duulaa hojii laaffisuu (procrastination) godhaa jiraniin laamshayuufi burjaajjawu sirnichi yeroo ammaa keessa seeneef gahee guddaa taphatanii jiran. Amma tarkaanfii isaanii ol dabaluu diddaa hojii dhaabuutti seenuun kufaatii sirnicha kanaa saffisiisa. Tarkaanfii kana ammoo tooftaalee diddaa barattonni, shofeeronnifi qonnaan bultoonniifi daldaltoonni fudhataniin walitti qindeessuun bu’aa isaa dachaan guddisa.

Tarkaanfileen armaan olii kun bifa qindaawaa ta’aniin hojitti yoo hiikaman bu’aalee tarsimoo (strategic gains) armaan gadiitu irraa argama. Baasiin mootummaa ni dabala, galiin isaa ni hir’ata. Bajata namoota ittin bitee ummata ittin cunqursuun rakkata, kan warra alaa sossobuun hanqataa deema. San qofaa miti akkuma diinagdeen laaffatuun qondaalonni ol’aanooniin quba walitti qabuun walsababuu akkasumas adda babahuu aangorraa waldarbutti seenu. Kun ammayyuu akkuma agartan galma gayaa jira. Daran itti jabeessinaan yeroo gabaabaa keessatti gaaga’ama hamaa (acute crisis) keessaa bahuu hin dandeenye seenti. Kun ammoo tarkaanfii isa dhumaa irratti fudhatamuu qabuuf toora saaqa. Tarkaanfiin sun maali? Yoo achi geenye mari’anna. Amma qabsoo jalqabne finiinsuu qofaa dha filmaanni qofa galeessi qabnu!!!

Dhumaratti ilmaan Oromoo milishaa, poolisii fi loltuu ta’anii sirnicha tajaajilaa jiran hamma ammatti obsaan turuun keessan nama boonsa. Ammasyeroon tarkaanfii dhihaachaa jirti. Miidhaan lammii keessanirra gahu garaa isin gubee dhuunfaan tarkaanfiitti seenun dogongora tarsiimooti. Tarkaanfin fudhatamuu bifuma karooraatin karaa qindaawaa ta’een gamtaan raaw’atamuu feesisa.

Amma qophiin lojistikii, qorannoo fi karooraa (research and planning) saffisaan goolabamuu qaba. Mootummattiin saffisa yaadameen olitti diigamaa waan jirtuuf hojiin qophii bifamu saniis saffisaan goolabamee gara tarkaanfii seenamuu baannaan gaaga’ama hamaatu uumamuu mala. Amma gara tarkaanfii karoorfameetti deemamutti gaaga’ama uummata Oromoo mormiif dirreetti bahu irra gahu xiqqeessuuf toftaalee garaagaraa bilchinaan fayyadamaa.

Ilmaan Oromoo miseensummaa DHDUO/OPDO keessa jirtan immoo hedduun keessan keessa keessa qabsoo deemamaa jiru deeggaraa fi kallattiiwwan addaa addaatiin gargaaraa akka jirtan uummanni hubachuun barbaachisaa dha. Warreen duraan irraa jalqabdanii qabsicha gargaaraa fi deeggaraa jirtan haaluma jalqabdaniin qabsicha cinaa dhaabbachuun galmee seenaa keessatti seenaa boonsaa akka olkeewwatan isin yaadachiisuu feena. Namoonni muraasni fayidaa dhuunfaaf jecha qabsicha gufachiisuuf ulee diinaa ta’aa jirtan uummanni Oromoo balleessaa keessan irraa ni barattu jedhee obsaan yeroo isiniif kenneeti jira. Obsis hanga akka qabu isin hubachiisuu barbaadna. Dogoggora seenaa hojjattanii maqaa keessan seenaa xuraawaa dibuu qofaa miti wanti isin eeggatu. Uummanni dheekkamee jira waan ta’eef yeroon otoo karaatti deebitanii isiniif gaarii dha. Sirna kufaa jirtutti rarra’uun fiiguun kun waliin qilee seeenuun ala fayidaa tokkollee hin argamsiisu.

Dhimmi inni biraa fi murteessaan Oromoo marti dagachuu hin qabne waan naannawaa keessanitti ta’aa jiru Suuraa fi Viidiyoo kaasuun erguun gochaa wayyaanee saaxiluu fi adeemsa qabsoo Oromoo addunyaatti beeksisuun dhimma murteessaa dha.

Haqaaf falmanna,tokkummaan qabsoofna, tarsiimoon masakamna, ni injifanna!!!

Source: Jawar Mohammed

The post OROMOO BARAARUUF WAYYAANEE GAGGABSUUN BARBAACHISAADHA ( Sirritti dubbisaa waliif dabarsaa) appeared first on Bilisummaa.

The security situation in Ethiopia and how it relates to the broader region

$
0
0

As Africa’s oldest independent country, Ethiopia has a history that is unique in the continent. The country has faced its share of conflict, including a protracted civil war from 1974 through 1991. A land-locked location in Eastern Africa, the country has also been witness to climate catastrophes, — including the drought that killed a half a million people in the 1980s and the threat of a new drought today. Despite being one of Africa’s poorest countries, Ethiopia has experienced significant economic growth since the end of the civil war, and a majority of its population is literate. In addition, Ethiopia is a crucial U.S. security partner, particularly when it comes to counterterrorism, in a region plagued by threats.

On April 25, the Africa Security Initiative at Brookings will host a discussion examining the security situation in Ethiopia, in broader political, economic, and regional context. Panelists will include Abye Assefa of St. Lawrence University and Terrence Lyons of George Mason University. Michael O’Hanlon, co-director of the Center for 21st Century Security and Intelligence, will moderate.

The post The security situation in Ethiopia and how it relates to the broader region appeared first on Bilisummaa.

Guyyaan gotota Oromo 2016 Qeerro bilisummaa Oromo biyya masriin ebla 23/2016tti kabajame haalaa midhagaan xumuramee jira.

$
0
0

Guyyaan gotota Oromo 2016 Qeerro bilisummaa Oromo biyya masriin ebla 23/2016tti kabajame haalaa midhagaan xumuramee jira.

Egalleen sirna ayyaanichaa ebba manguddota Obbo Fessahaa , Obbo Fu’aad fi Aaddee Halimaan kan banamee hoggaa tahuu Yaadanno jaallan wareegamaniif daqiiqaa shaniif yaadannon sammuu taasisanii jiru.

Kanatti aansee faaruun alaabaa Oromo aaartisti Badrii Mohammadiin dhihaatte turte gutuun hirmaattota walgayii ayyana gotota Oromo biyya masrii waliin faarfatanii jiru.

Bakka bu’aan Dhaabaa Obbo Abdusalaam Sutee Seenaa ayyana gotoota irraa ibsaa bal’aa hirmaattotaaf godhee jira.

Itti dabaluudhaan dhumaatii dargaggota ilmaan Oromo galaana awrophaa fi egypti jiddutti dhuman laalchisee dhaamsa dhunffaa Hayyuu Dureen ABO j/Daawud Ibsaa firaa fi aalii warreen dhumaniif dhaame gara Obbo
Abdusalamin hawaasa dhaqqabee jira.

Waltajjii ayyana gotota Oromo 2016 biyya masritti kabajame kana irratti Aadder Raggaatuu Roobaa haasawa bal’aa gotee jirti.

Bifuma kanaan kessummaan ayyaanicha kanaa Dr Mohammed Abduna’iim haasawa dhagessisaniin dhumaatii ilmaan Oromo galaanaa kessatti mudachaa jiru kana motummaan wayyaanee itti gaafatama kan qabdu tahuu ibsee , Qabsoo ABOn durfamu cinaa dhaabbachu isaanillee ibsee jira.

Bifuma kanaan tin’isni qabsoo bilisummaa ABOn durfamuuf godhamee jira.

Gara biraan bakka bu’onni hawaasa Oromo gara-garaa fi hojjattonni Oromo dhaabbilee adda addaa kessa hojjachuun hawaasa isaanii tajaajilaa jiran maqaa Qeerroo Bilisummaa Oromo biyya masritiin badhaafamanii jiru,

Gutuun gutuu ayyanicha kanaa wallee warraaqsaa gara-garaan kana boharsaa turan Misensdota Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Oromo biyya masrii Aartistii Taajuu shurtubbe , Abdii Komiyaa Ramadaan Badrii Mohammed , Hordofaa Mohammed , Nasiifayi Addunyaa fi Aartistii Gaaddisee shamsuddiin hoggaa tahan hogganaan baandii kanaa Obbo Yousuf Bakrii waltajji kana irratti badhaafamee jira.

Dhuma irratti abbaan wal-tajjii kanaa Obboo Aksiir Nureen gutuu hawaasa baqataa Oromo biyya masrii wal-tajjii kana irratti qoda fudhatan galatomffatee sirna wal-gayii akkuma ebba manguddoon egalametti ebba manguddoon xumursiisee jira.

The post Guyyaan gotota Oromo 2016 Qeerro bilisummaa Oromo biyya masriin ebla 23/2016tti kabajame haalaa midhagaan xumuramee jira. appeared first on Bilisummaa.

Viewing all 1337 articles
Browse latest View live


<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>