Quantcast
Channel: Welcome to bilisummaa
Viewing all 1337 articles
Browse latest View live

Qabsoo afaan Oromoo qaroomsuu (bara 1881 – 1991)

$
0
0

Diinni (motummaan Habashaa) kallatiin sanyii uummata Oromoo lafa
irraa duguuguuf milkaawu yeroo hanqateetti tarsiimoo afaan, aadaa, fi
seenaa Oromoo ittiin dhabamsisu baafatee sochowe. Angoo waranaa fi
tumsa motummoota alagaa fayyadamuun biyya Oromoo jaarraa tokkoo fi
cina (waggoota 150) oliif motummaan weraree jiru kun acuccaa afaan
Oromoo irratti gessisuu bifa adda addaan fufee raawataa turee fi
raawatasi jira. Acuccaan bara 1889 – 1991 afaan Oromoo irratti
raawataman warri gurguddoon armaan gaditti tarrifamu:
(1ffaa) Moraa mana barnotaa kessatti afaan Oromoo dubbachun
dhorkamuu; (2ffaa) Afaan Oromoo barresuu fi dubbisuun dhorkamuu;
(3ffaa) Afaan Oromootiin Waaqayyo waaqessuun dhorkamuu; (4ffaa)
Qora-qalbii adda addaa fayyadamuun ilmaan Oromoo afaan Oromoo
haasawutti leeyyaasisuu; fi (5ffaa) Odeefannoo afaan Oromoon karaa
raadiyoo tamsaasuun dhorkamuu. Fakkenyaaf gaazexesitoota yeroo
jalqabaaf sagantaa radiyoo afaan Oromoo magalaa Moqaadishoo, biyya
Somalee, kessatti bara 1960ta hundessan irratti motummaan Habashaa
waraana qindeeseen basaastuu fayyadamee gazexesaa Oromoo, Ayyubi
Abubakar, ajjeesise.

. Qabsoo afaan Oromoo qaroomsuu (bara 1881 – 1991)
Karaa roga qabsoo bilisummaa afaan Oromoo hojiin eegalamee
milkoomina hojii qabsoo bilisummaa Oromoof qooda guddaa
gumaacheera. Qabsoo blisummaa afaan Oromoo bu`ureessuuf hojiilee
Hiikaa Awaaji (Onesmoos Nasiib), Asteer Gannoo, Liidiyaa Damboo,
Sheek Bakirii Saphaloo, fi Dr. Hayilee Fidaa raawatan seenaa qabsoo
bilisummaa afaan Oromoo kessatti iddoo guddaa qabu.
Afaan Oromoo badiisa irraa hambisuuf hojiin hoogganummaa Hiikaa
Awaaji (Onesmoos Nasiib) dhaan raawatame seenaa qabsoo bilisummaa
afaan Oromoo keessatti sadarkaa olii qabatee jiraata. Hiikaa fi Asteer fi
Liidiyaa hojiile barruulee afaan Oromoo bara 1881 irraa jalqabanii
raawataa turan keessaan, waggoota 18 booda macaafi qulqulluu
guutummaan gara afaan Oromootti hiikamuudhaan, Waxabajjii 10
bara1899 maxxanfame. Hojiin kun qabsoo bilisummaa afaan Oromoo
keessatti milkoomina sadarkaa olii argamsiise. Guyyaa macaafi kun
maxxanfamee bahu, barsiisaan wangeelaa (macaafa-qulqullu), Hiikaa
Awaaji, kennaa kanatti heedduu gammaduudhaan akkas jedhe:
“Waaqayyo amma badhaadhummaa namni kamuu dhowwachuu (harkaa
saamuu) hin dandeenye saba Oromoof kenneera, kanaafuu guutummaan
macaafa qulqulluu kumi lamaa (2000) fi kakuu haaraa kumi shan (5000)
dafee iddoo qophaa`eef (biyya-Oromoo) haa ga´u, sabni Oromoo
hawwiidhaan isa eeggachaa jira 11”. Akkasumas barrulee aadaa Oromoo
bifa wedduu, geerarsa, walaloo, mamaaksa, fi kkf barreessuu irratti qoodi
Aster Gannoo, Abbaa Gammachiis (Onesmoos Nasiib), fi Lidiyaa Damboo
gumaachan waan laayyootti ilaalamu miti. Fakkenyaaf akkataa barsiisa
afaan Oromoo fi wedduulee fi mamaaksa Oromoo isaan qubee saabaan
barreessan fi bifa kitaabaan maxxansiisan waggota 120 booda gara qubee
afaan Oromootti J. Abbaa Caalaa Lataan jijjiiramee bifa haaraan
maxxanfamee yeroo ammaa mana Waldaa warra Wangeelaa Eriteriyaa
keessatti argama.
Onesmoos (Hiika) kitaabota hedduu afaan Oromootti erga hikee boddee
Asmaraa irraa ka`ee karaa Jabuutii keessaan Finfinnee seenudhaan gara
Najjootti bara 1912 galee mana barumsaa Najjoo hundessee, barsiisota isa
wajjin turan wajjin, ijoollota Oromoo afaan Oromootiin barsiisuu jalqabee
ture; garuu luboonni waldaa kiristaanaa Ortodoksii guutummaa kutaa
Wallaggaa keessa yeroosi turan, afaan Oromoon barssisuu isaa waan
jibbaniif, isa irratti duulan2. Kana irraan kan ka´ee waggaa tokkoo fi
walakkaa erga afaan Oromoon barssiifameen booda akka Najjootti hin
barsifamne dhowwamudhaan manni barumsichaa cufamee, Onesmoos fi
hiriyootni hojii isaa (barssiisoni) Naqqamteetti godaanan. Naqamtettiis
akka hin barsifine dhorkamuun, akka mana isaanii keessatti hidhamanii
taa`an mootummaan Habashaa fi hoogganoti waldaa kiristaanaa
Ortodoksii waliigaluun murteessan2. Kana booda bara 1927 ergamtooti
wangeelaa warra Siwudinii, lubi Maartiin Noordifeelt fi haadha manaa
isaa fi narsii Heelmann Oolson, magaalaa Najjootti galanii akkuma Najjoo
seenaniin mana barumssaa isa Onesmoos jalqabee ture bananii barsiisuu
itti fufan2. Meeshaa siyaasa mootummaa Habashaa kan ta`ee waldaan
Ortodoksii fi ergamtooti mootumichaa kallatii fi bifa hin mull’atineen
afaan, aadaa, fi seenaa Oromoo dhabamsiisuuf duula wali irraa hin citne
geggeessaa turan; garuu qabsoo hadhooftuu barsiisaan wangeelaa, Hiika,
hoogganeen afaan Oromoo afaan barreeffamaa fi meeshaa barnoota
amantii kiristaanaa biyya Oromoo keessatti babalisuu ta`uu irratti
milkaawuudhaan guddinaa fi tikfamuu afaan Oromoof qooda sadarkaa olii
gumaacheera, gumaachaasi jira waan mormiin dhoksaan fufeef.
Afaan Oromoo tiksuuf qabsoon hoogganummaa sheek Bakrii Saphaloon
geggefame seenaa qabsoo bilisummaa afaan Oromoo keessatti sadarkaa
olii qabateera. Bara 1950 keessa walaloolee fi barnooti aadaa Oromoo
sheek Bakrii Saphaloo barressee dhiyessaa ture uummata Oromoo baha
Oromiyaa dammaqsuun qabsoo bilisummaa afaan Oromoof hiriirsuudhaan
bara 1960 Waldaa Afran Qalloo (WAQ) hundeesuuf milkaaweera5. WAQ
hundee sochii qabsoo bilisummaa afaan Oromoo ti. Hoogganummaa sheek
Bakrii jalatti qabsoo bilisummaa afaan Oromoo geggefamee kessaa
hawisoo bebbeekamoon akka Biftuu Ganamaa, Urjii Bakkalchaa, fi kkf
hedduun dhalataniiru. Walliftooti sochiilee bilisummaa afaan Oromoo
keessatti bara sani hirmaatan warra akka Ayyuub Abubakar, Mohammed
Rashaad, Shantam Shubbisaa, fi kkf turan. Sochiin buu`raa (hundee
jalqabaa) kun walistoota bebbeekamoo kanneen akka Alii Birraa, Alii
Shabboo, Haloo Daawee, Almaaz Tafarraa, Zariwuun Wadaajoo, Ilfinash
Qannoo, Abitawu Kabbadaa, Elemoo Alii, Nohoo Gobanaa, Qamar Yusuuf,
Umar Suleyman, fi kkf hedduu daandii qabsoo afaan fi aadaa Oromoo
qaromsuu irra hiriirse.
Sheek Bakrii barruudhaan falmuun tarsiimoo mootummaan Habashaa
afaan Oromoo dhabamsiisuuf saganteeffatee ture sani saaxile. Akkuma
ilmaan Amaharaa afaan isaanin barnoota barachuuf mirga qaban, akka
ilmaan Oromoos afaan ofiin barnoota barachuuf mirga qabaatanif
qabsaa’e: akkasumasi akkuma sagantaan raadiyoo afaan Amaharaan
dhiyaatu, akka sagantaan raadiyoo afaan Oromoonis dhiyaatu falme5.
Afaan Oromoo dagaagsuuf sochii eegalame kana sodaachuudhaan
mootummaan Habashaa tarkaanfiilee WAQ diiguu fi miseensota WAQ
biyyaa ariyhuu fudhate.
Qubee fi giraameera (sirna bareefamu fi dubbifamuu) afaan Oromoo
hundeessu keessatti qabsoo bara 1968 – 1974 Dr. Haayilee Fidaa hooggane
seenaa qabsoo afaan Oromoo qaroomsuu keessatti sadarkaa olii qabatee
jiraata. Dr. Haayilee Fidaa (hayyuu afaan Oromoo fi abbaan qubee afaan
Oromoo), akka afaan Oromoo dubbachuu, barreessuu, fi dubbisuudhaaf
uummati Oromoo mirga seera uumamaa irratti hundaawe qabu
beeksise10. Bara 1968 – 1973 qormaata afaan biyya Itophiyaa irratti
geggessuun Dr. Haayile barruu: “Languages in Ethiopia: Latin or Geez for
writing Afaan Oromo” jedhamu qoheessun qubee afaan Oromoo waligayii
idilee tokkummaa barattota Itiyophiyaa kan biyya Awuropaa irratti
dhiyeesuun jornaala Tatek (theoretical Journal of Ethiopian Studies in
Europe) jedhamu kessatti maxansiise: akkasumasi Dr. Haayile bara 1973
qubee laatiin fayyadamee qubee 35 tolcheen sirna barrefamuu fi
dubbifamuu afaan Oromoo mata duree “Hirmaata Dubbi Afaan Oromo”
jalatti maxxansee beeksise.(malkamu J)
Kan 1991 boodaa itti fufa.
Ulfaadhaa.

The post Qabsoo afaan Oromoo qaroomsuu (bara 1881 – 1991) appeared first on Bilisummaa.


“shiraa fii daba moraa qabsoo Oromoo keessatti deemaa jira saaxiluurraa if duuba hin deebi’u” Hangaasaa Ibraahim

OMN: Gabaasa Addaa ( Maatii Musxafaa Huseen) Caamsaa 29, 2017

Dirmannaa Gargaarsa namoomaa

$
0
0
Abdulkadir Shek Mohamed

 
As wr wb.
Ummanni khenya (Oromo Harargee “nama 2408 VOA Afaan Oromo News) khan dheengadda Ilu Abba Boora irraa buqqa’anii furmaata barbaachaf odoo gara Finfinne deemanii, mootummaan Oromiya/Ethiopia, Jimma kheessatti walitti qabee hayyisaa ture, amma khunoo torbaan 1 dura mooraa(camp) “Membaroo” je’amtutti geessaniit achi kheessatti daa’imman,dubartoota fii manduddoonni hedduu rakkataa jiran.


“Ummanni khenya khan Jimmaa gargaarsa obbolummaa masjiidarratti labsanii funaananii: nyaata, dhugii, fii waan dandahaniin haala boonsaa taheen waan isaanif godhanii godhaatis jiraniif heedduu nuuf galatoomu qabuu” jedhan.
Ummanni khun gargaarsa tokkollee hin qaban, mootummanis sababaa isintu qe’e teessan dhiisee yaa’e jechuutin qamadii goggoyduu xiqqo xiqqo irra firfirsan malee waa takka hin goonef, duuba hawaasni kuma 2 olii khun
●~Ala galaa jiran
●Waan irra ciisan hinqaban
● Nyaata gayaa hin qaban
●Uffata dirrarraa hin qaban
●Hedduun isaanii dhukkuba garaa kaasaatin miidhamaa jiran
● Tajaajila fayyaa hin qaban
●Soomanni dirqama waan taheef soomanuttis jiran.
Duuba ummanni khun maal nurraa barbaadan isinitti fakkaata?
Deebin isin bira jirti👉

The post Dirmannaa Gargaarsa namoomaa appeared first on Bilisummaa.

Wallagga against Arsi; Our enemy’s last attempt to weaken the Oromo liberation movement

$
0
0
 By Rundassa Asheetee Hundee
Recently, as I scanned through some Facebook pages, I came across the unwise chattering of uneducated bunch, which led me to the writing of this article examining the relationship between tribe, region, race, ethnicity and nationality, and how these phenomena are linked to one another. In order to define the Wallagga domination preached by certain pro tribe advocate groups, I will try to differentiate the Oromo tribe from the artificial region such as “Wallaggaa“, constructed by the Habasha ruling classes, thereby try to see what constitutes the history of the said “dominating” region. To do so, it is important to ask whether or not “Wallagga” as a region involves the hierarchical and socially constructed valuation as opposed to “Arsi”, the Oromo tribe which is directly linked to all Oromo linage groups.

To analyze the “Wallagga” discrimination against the Arsi tribe, one must understand that such claim is the practice of inequality, which also means whatever the so called “Wallagga” REGION did or does must be resulted in unequal outcomes of income, education, health, etc. The problem with such claim however is that entities such as Wallagga and SHAWAA are a social construct, while ARSI or Maccaa are a biological phenomenon which links all Oromo family branches. Hence, Looking at the Wallagga discrimination against the Arsi tribe from this point of view makes the claim meaningless because Wallagga has nothing to do with Arsi and Maccaa physical differences such as skin color, ability or behavior. By giving Wallagga a definition, the complaining team, be it is an enemy or a friend, gave the region “Wallagga” a biological meaning, the same way plants, animals, and humans are given a sub classification as different spices.
The fact no one can deny is that the Oromo people were given different classifications which became a reality in the minds of certain shallow individuals as time went on and helped the enemy to justify it’s exploitation, domination, and violence against Oromo people. As such, that Wallagga and Shawaa do not exist as a biological category among the Oromos or humans in general. In fat, if we go back a little further and examine our genetic variation as Arsi or as Maccaa, we recognize that the same variation that exists among a family setting across time and place to exist among us, as people. While keeping in mind about the variations we have as individual Oromo family members who may see things differently, it is also very important to understand that trying to destroy our common ancestry, history, and cultural practices because of this fluid and self-asserted political views and sensitivity is nothing but stupid.
Today, the Amharic speaking people who call themselves “Amhara” are imposing a strong pressure upon the TPLF who is now considering Siyye Abraha’s original idea of abandoning the current form of federalism and go back to a unitary system. Most importantly, the group that calls itself the Oromo Democratic Front (ODF) is working very hard to change the Oromo political narrative by using the Arsi Wallagga divisive game or the unity of empire Ethiopia. When the Amharic speaking people stick together by using the littlest similarities such as linguistic, tradition and religious practices, we the Oromos who enjoy kinship, language, system and strong cultural attributes, must fight identities such as Shawaa and Wallagga imposed by our enemies in order to make sure that we don’t fall victims of our own making.
The Tibetans, the Bengalis, the Chines, the Japanese or the Koreans differ because of the classifications that they have adopted over time, even when they are considered to be the same race, the Asian race. Similarly, we the Oromos must remain the same as the Japanese do and enjoy the diverse cultural variation we have. ShaggoyyeeHiyaaseeTirriiDhiichisaRagadaa etc can be our cultural diversity. To avoid the confusion that the enemy is trying to create among us, we must understand that region and nationality always overlap because they are socially constructed, thus they are not biological. As such, Ethiopia, Shawaa, Wallagga, Baalee’s definitional boundaries are shaped by the tug and pull of state power, group interests, and other social forces such as religion and the cultures that came with these entries.
Although we are confusing REGION with LINAGE, our little variations and misunderstandings can be like a couple who sometimes have a hard time living together but who simply cannot live apart. No matter how we pronounce afaan Oromo or sound different, each variation we have plays an essential role in maintaining certain social order forward going. it is also true that Wallagga, Ethiopia and Shawaa travel on parallel tracks of Oromummaa because these entities do not recognize our commonality. They rather reject and stifle our freedom by imposing division that gives way for the Abyssinian domination. Hence, it is very important to distinguish the meaning of domination, racism , segregation, politics, tribalism and imposition, if we want to avoid serious problems in the future if not properly understood from the outset.
Those who claim that the so called WALLAGGA region has the privilege to discriminate against the Arsi tribe must understand that no Oromo region controls political and economic apparatus to discriminate any Oromo tribe or region at this moment or in the past. What is true is that we all tend to believe that hiding our inferiority complex and point our fingers at someone else thinking that will solve our inability to produce results. But where matters of such magnitude are ignored, they will eventually come back again. To avoid such misunderstandings, we need to be educated and start doing what is moral compelled by TRUTH not by envy and jealousy. It only educating oneself that can take ignorance out of us, hence, lets try to learn about who we are and what is socially constructed over the long period of time. The Abyssinians who were on the dominant position have tried to mold our minds that Shawaa or Wallagga are closer to their system and others such as Bartummaa, Boorana, Gujii, Walloo, Arsi aren’t. What is true is that individual Oromos have served the enemy and they come from all Oromo regionsJaatanii Ali from BoranaJaagamaa KeellooXagayee G. Madihin from Ambo, Dawit Abdi and Tilahun Gasasa from TulamaaBaroo and Abdisaa Aga from western Macaa have served the Habasha systems in the past. Today, Junadin, Hasan Ali, Lamma MagarsaaAbbaadullaa etc have and still serving the Tigre rule and they all have committed similar crimes that Gobana Dachee, Jagaamaa Keelloo, Qusee Dinagdee and Magarasaa (Abuna Phexiros) have committed. Hence, we should not foster hate among us by falsely propagating saying one region is favored over the other region or tribe. We must be free to rely on our own free conscience to learn and to understand things properly and avoid the looming crisis set up for us by our enemy agents.
Oromiyaan dhiiga fii dafqa Oromootiin walaboomti!

The post Wallagga against Arsi; Our enemy’s last attempt to weaken the Oromo liberation movement appeared first on Bilisummaa.

Baasa baranaa: “Qubeen afaan Oromoo Lrraa eeguu qabdi jedhu”

$
0
0

Jawaar Mohameed

Gaafa barnoonni qubee Afaan Oromoo A irraa dhiisee L irraa eegaluufi jedhamu qoosaan se’ee ture. Jijjiirama guddaa akkanaa kanaaf sababa kan jedhame qorannoo USAID’n dandeettii daa’imman kutaalee jalqabaa dubbisuuf qaban madaaluuf godhame jedhameera. Gaafa qorannoon sun bara 2010 bahe ala kanattis miidiyaalee irratti mariin godhamaa ture. Facebook fi VOA irratti marii goonee turre. Yoon sirritti yaadadhe qorannoon sun Oromiyaa dabalatee naannolee saddeet fi afaanota jaha irratti godhame. Rakkoon daa’immaan kuta 1-3ffaa dubbisuu dadhabuu kun rakkoo Itoophiyaa guutuu ( naannolee fi afaanota qorataman cufaa) akka tahetti kaaye qorannoon sun. Rakkina kanaafis sababoota hedduudha kanneen akka leenjii barsiisaa, dhiheessii kitaabotaafi kkf tarreesse. Laafinni hamaan barnoota kutaalee jalqabaa kun Afaan dhalootaa qofarratti osoo hin taane afaan Ingilizii, herregaanfi saaynsii irratti akka tahe qorannoon kutaa 4ffaa irratti godhame ni agarsiisa. Akka biyyatti daa’immaan dhibbeentaa 15% gaditu dandeetti bu’uraa mirkaneessuu danda’e.

Rakkoo kana furuuf waan jijjiiramuu qabus hedduudha lafa kaaye qorannoon sun. Oromiyaa keessatti laafina jiru furuuf jijjirama godhuun gaarii ture. Jijjiramni sun garuu kan qorannoo jabaafi marii baldhaa hayyoota damee afaaniifi barnootaaa jidduutti godhamu irratti hundaayuu qaba ture. Hubadhaa rakkoon dubbisuu kun Oromiyaa qofa osoo hin taane naannoleefi afaanota biroottis muldhatee jira. Naannoleen sun hoo furmaata akkamii yaadan? Waliin mari’achuu feesisa ture. Akkasumas qubee Laatiniin kan barreeffamu afaan Oromoo qofaa miti. Afrikaa hamma Ashiyaafi Latin Ameerikaatti afaanota danuutu itti fayyadama. Rakkoon dubbisuu yeroo daa’imman mudatu Afaanota meeqatu qubee A irraa eegaluu dhiisee L irraa jalqabsiisuu murteesse laata? Yoo jiraatan hoo jijjiramni argamsiise hammam quubasaadha? Osoo jijjiramni guddaan akkanaa hojiitti hin hiikamin gaafilee kanaaf kan biroof qorannoodhan deebiin laatamuu qaba ture. Kana gochuu dhabuu isaatin biiroon barnoota Oromiyaa badii guddaa hojjate. Afaanfajjii amma uumameefis itti gaafatamummaa qaba. Ammas osoo hin turre sirreessuu qaban.

The post Baasa baranaa: “Qubeen afaan Oromoo Lrraa eeguu qabdi jedhu” appeared first on Bilisummaa.

Abbootiin Irree  Odoo Dhaadatanuu Hallayyaa Bu’u !

$
0
0

 

Baarentuu Gadaa Irraa//

gessogeda@gmail.com

Abbootin irree baayyeen osoo dhaadatanuu, osoo gaafii ummataa qixa sirriin deebisuurra humnaan ukkaamsuun bara bittaa dheereeffachuuf carraaqanu hallayyaa hin deebine bu’aa turan, bu’aas jiru.  keessumaa abbootiin irree Afrikaa fedhii fi heyyama ummataa malee qawwee fayyadamanii aangoo humnaan qabatan hundi isaanii jechuutu danda’amaa odoo dhaadatanuu, odoo rorrisanuu irree ummataatin daaraa botoroo
ta’aa tura. Ta’aas jiru.  Hundii isaanituu aangoo humnaan qabatan quufnee wallaaluun akka qawween Koran qawween harcahaniiru. Baayyeen isaaniis du’a saree abbaa hin qabnee du’anii hafaniiru.

Wayyaaneen har’a qawween harkaa qaba jettee ummata Oromootti dhaadachaa fi
roorrisaa jirtus kan ishii  eeggatu kanuma. Akka rorriftetti hin haftu. Qawwee harkaa qabna, carraa arganneerra jedhanii ummata sivilii irratti roorrisuun, dhaadachuun yoo gaafii mirgaa kaase ajjeesuun, saamuun yakka, sammuu dhabuudhasii. Beekaan gaafii ummataaf gurra laata, dhaggeeffatee deebii barbaachisaa ta’e kenna. Kan akka
wayyaanee garuu gaafii sirrii fi mirga uumamaa ta’e kan ummattoonni biyyattii keessumaa Ummanni Oromoo kaasaa turee fi jiruuf deebiin ishiin waggoottan 26n darbaniif keessumaa ammoo waggoota 2 as deebisaa turte waraana amma funyaanitti hidhate bobbaaftee kaa’imman Oromoo rasaasaan harcaasuudha. Guurtee mana hidhaatti darbuudha. Biyyaa godaansisuudha.

Ummanni  humna, ummanni  mirga isaaf kaanaan humni  ummata dhaabuu hin jiru. Umamnni abbaa irree kamuu daaraa botoroo  akkuma jedhamu san akka taasisu shakkiin hin jiru. Murni qawwee qabate kamuu qawwees ta’e holola fayyadamee humna ummataa duran dhaabbadhaan gongumaa waan yaadamuu miti.  Jabaan kamuu humna ummataa hin caalu.

Addunyaan har’aa abbaa irree kamiifuu iddoo hin qabdu, jaalalaa fi fedhii malee ummanni bara baraaf bittaa jala qawween jiraatus hin jiru, jiraachus hin qabu. Jiraachisna jedhaniyyuu hin danda’amu. Deemsi  fi fedhiin akkasiis  waan yeroon itti darbee fi fudhatame hin qabneedha. Humnaan nama ajjeesaa, hidhaa fi dararaa  nan bulchaan gongumaa hin danda’amu, yakkasii. Oolee  haa bulu malee shakkii malee
seeraanis seenaaniis nama gaafachiisa.
Ummanni gaafa achii dallanee ka’e, qabuuf nama rakkisa. Balaan dhufus salphaa ta’uu baachuu mala.  Wayyaaneen har’a  yeroon naaf tole jettee ummata  Oromoo fi saboota biroo ajjeesaa, hidhaa fi  saamaa jirtus boru bakka seentu akka dhabdu ifaa dha. dhiiga dhanagalaaftee fi qabeenya saamteef numa itti gaafatamti. Ammalleen gatii kaffalaa
jirti.

Dhugaan, Dhiigni, cubbuun namaa yoomiyyuu lafatti hin hafu, hafees hin beeku, har’a waan qawween harka jiruuf ajjeesuu, hidhuu, saamuu malu, gochaas jiru. Haata’uutii heddummina qawweetiin, ajjeechaa fi hidhaan bara baraaf angora turuun danda’aan wayyaanee waan dhugoomuu miti.

Gatii dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa turtee fi jirtu yeroon itti kaffaltu fagoo  hin ta’u.  kanaaf ammoo qabsoon amma Oromoon Itti Jiru FXG ragaa guddaadha. Kunoo  dhiphuu keessa galchee  akkuma abbootii irree kaanii guyyaa badii ishii lakkaawwachaa jirti, Wayyaaneen abbaa irree waggoota 26n darbaniif ummata Oromoo fixaa fi saamaa turte ta’uun  eenyu jalaawuu dhokotaa miti.  Murni tun yeroo ammaa kana Isa itti turte kana fuunduraafis itti fufsiisuuf akka carraaqaa jirtus Oromoon quba qaba. dhugaan lafarra jiruu fi qabsoon Oromoon Itti jiru garuu gongumaa carraa kana hin laatufii. Itti hin milkooftu.
Ummanni Oromoo amma sadarkaan irra jiru sadarkaa sobaa fi sossobaa, akkasumas dorsisaan qabsoo isaarraa  dagamuu fi duubatuu miti. Oromoon keessumaa ilmaan isaa qaqqaaliin diina innikaa waggoota 26n darbaniif ummata Oromoo qorqaa turte  wayyaanneerratti qabsoo eegalan  yeroo ittuma jabeessaa deeman malee yoo laaffisan muldhachaa hin jiru.

Dhugaan lafarra jiru kan argisiisu Wayyaaneetti xumura  gochuuf sochiin walirraa hin cinne, Fincilli XG finiinee itti fufuu dha. Wayyaaneen afaaniin jira, jira jettee haa dhaadattu, haa bookistu malee qabatamaan  hin jirtu, bakkaa hiiqxee jirti,  qabsoon Oromoo bakkaa hiiksee jira. Har’a labsii yeroo muddamaa baafteen waraana bobbaaftee jiraachaa jirti.

Yoo midiyyaarraa bookkistu, dhaadattu jabaa  of fakkeessuuf haa yaaltu, haa hololtu, jabaan ana caalu hin jiru jettee yaa odeessitu malee keessi ishii oneera, sodaan , dhiphuun gutamtee jiraachaa jirti.  Dhugana lafarra jirus kanuma mirkaneessa.
Abbootiin irree biyya kam keessattuu amala itti ta’ee yoo xumurra jala gahan caalaatti dhaadatu, jabaa fakkaatanii muldhachuu barbaadu, ni bookkisu.  Haa ta’uutii osoo dhaadatanuu, jabaadha ofiin jedhanuu yoo irree ummataatiin  hallayyaa  bu’an argaa turre, argaas jirra.

Wayyaaneen har’a ummata Oromoo goolaa jirtus carraan ishii kanaan ala hin ta’u.  qabsoon eegalame jabaattee itti fufnaan yeroo gabaabaattis hallayyaa bu’uun ishii shakkisiisaa miti.

Murna osoo hallayyaatti gulufaa jirtuu afaaniin dhaadattu, kan keessi ishii burkutaayee fi abdii kutatte tana gulufa ishii kana caalaatti saffisiisuuf wanti cunqurfama ahundarraa eegamu ni jira. Inniscunqurfamtoonni impaayeera itiyoophiyaa keessatti bulchiinsa wayyaanee jalatti mankaraaraa jiran keessumaa ummanni Oromoo osoo hidhaa, dararaa fi ajjeechaa akkasumas holola wayyaaneen gaggeessitu kanaaf iddoo hin laanne  qabsoo eegale ,FXG finiinsee itti fufuudha.  Eeyyee ummanni Oromoo keessumaa ilmana isaa qeerroon  FXG jabeessanii itti fufuudhaan Wayyaanee waggoota 26n darbaniif ajjeechaa, saamicha, fi dararaa raawwataa turte xumura itti gochuun dubbii fardii fi dirqama lammummaati.  Falli  abbaa irree jalaa bilisa nama baasus kanumaa fi kana qofa waan ta’eef.

The post Abbootiin Irree  Odoo Dhaadatanuu Hallayyaa Bu’u ! appeared first on Bilisummaa.

Xumura hoggonoota OPDO

$
0
0

Hasan Alii, Almaaz Makkoo, Dr. Nagaasoo Gidaadaa,Junaddii  Saaddoo,
Abbaa Duulaa Gammadaa, Bakar Shaalee, Lammaa Magarsaa….Abaate Kishoo,
Yaaragaal Ayishashum…fi ….Xumura Isaanii!

Baarentuu Gadaa Irraa//

gessogeda@gmail.com

Biyyaa fi saba kam keessattuu, dhaabooleen siyaasa walii masaanuu
ta’anii fi anatu caala, anatu caala waliin jechuun waliin atakaran ni
jiru.Yaadoota adda addaarrattis wal mormuu danda’u; bakka walii
galanitti walii galanii, bakka walii hin galletti ammoo garaagarummaa
isaanii tikfatanii jiraatu. Biyyoota hedduu keessattis jiraachaa jiru.
keessumaa biyyoota lixaa hedduu keessatti kun aadaa ta’eera.
Dhaabni kamuu  dhimma ummata kiyyaaf ni tola jedhe mararrattuu yaada
adda addaa burqisiisee,  keessumaa toftaa bulchiinsaa, diinagdee fi
hawaasummaa isaa ummataaf dhiheessee masaanuu isaa waliin dorgomee yoo
sagalee ummataa wayyaba argate hojiitti hiikee, yoo masaanuu isaan
injifatame ammoo isa injifateef aangoo heebbisee bara filannoo itti
aanuf of qopheessun dhimma addunyaan irratti walii galuu fi daandii
sirrii ta’ee dhimma itti bahamaa jiruudha. Afrikaan garuu yoo biyyoota
xiqqoo fi qubaan lakkaawwaman ta’e malee  kanaaf hin carroomne.
Afrikaan keessumaa Itiyoophiyaan har’a wayyaaneen bulaa jirtu gama
tokkoon biyya  bulchiinsaan seenaa waggaa kuma 3 olii qabdu jedhamee
odoo hololamuu, gama biraan ammoo Itiyoophiyaa dhiisii kan addunyaanuu
ajaa’ibsiifate, kan yeroo ammaa kana Yuniskootti  hambaa  ilma namaa
addunyaa ta’ee galmaaye Bulchinsi Sirna Gadaa waggoota kumootaaf biyya
sana keessatti Ummanni Oromoo dhimma itti bahaa ture osoo jiruu;
sirnoonni Itiyoophiyaa bulchaa turanii fi jiran itti fayyadamuu diduun
biyyi sun yakka ilma namaarratti hojjetamuun dorgomaa dhabde.
Impaayeera Itiyoophiyaa Wayyaaneen bulaa jirtu  keessatti ishiin duras
ta’ee sana booda akka aadaa Oromoo sirna Gadaattis ta’e, akka
dimookraasii ammayyaatti  erga Itiyoophiyaan humnaan ijaaramtee as
sirni karaa nagahaatin aangoo wal harkaa fuudhe |Itiyoophiyaa keessa
hin jiru. karaa nagahaatiin filannoon  hangoo walitti dabarsuu mitii
lammiileen akka amma humna isaanii fi beekmumsa isaanii hojjetanii
nyaatanilleen carraan gahaan hin turre,jirus. Hunduu abbaa irree
qawween dhufe, qawweenis bu’e.  Wayyaaneen har’a biyya kana bulchaa
jirtus qawwee malee akka hin buune waggoonni 26n darban ragaa
qabatamaa dha.
Wayyaaneen mirga ummattootaa kabajuufan qabsaawe, kabachiisaan jiras
jettee erga hololuu eegaltee waggoonni 26 kunoo Caamsaa 28 ykn akka
iittin of waamanitti Caamsaa 20n  guyyaa muraasa dura raawwate. Haa
ta’uuti dhuguma akka Wayyaaneen jechaa jirtu Itiyoophiyaa keessatti
dimookraasiin jiraayii? Ummattoonni hiree isaanii murteeffachuu
danda’uuyii..? Kan filatantu isaan bulchaa jiraayii…? jennee yoo
gaafanne gongumaa dhugaan jiru faallaa holola Wayyaanee ti. Waggoonni
26n darban bara saamichaa, bara ajjeechaa, bara hidhaa fi dararaa,
bara godaansaa ture, ammalleen akkasuma. Keessumaa ummanni Oromoo
biyya san keessatti bara akka malee itti dararamee dha yoo jenne
dhugaa lafarra jiru waan ta’eef  sobduu nama hin godhu.
Waggoota 26n darban yakki ummata Oromoorratti raawwate amma hin qabu.
Wayyaaneen ofiifis ta’e karaa ergamtoota ishii warra sammuu keessaa
fuutee garaa qofaan oofaa jirtu ummata Oromootti bobbaaftee saamicha,
ajjeechaa fi hidhaa amma feetu raawwatteetti; raawwachaas jirti.
Namoonni Ishiin walitti qabdee akka dhaabaatti maqaa OPDO jedhu itti
tolchitee Oromootti bobbaafte kun  garaa malee sammuu akka hin qabne
waggoonni 26n darban sirritti nuuf mirkaneessaniiru. Jarreen kana
dhamni nama nama jechisiisu, ykn akka farnajoonni  jettu sabistaansin
namummaa keessa hin jiru. Akkuma namaatti  lafee fi foon uffatanii,
ejjetanii haa deeman malee maashinoota Wayyaaneedhaan gutaman jechuutu
danda’ama.  Wayyaaneen  namoota  namummaa  hin qabne kana  erga
ijaartee booda yakka  sirni Appaartaayidii, ykn kolaneeffattoonni
Awuroopppaalleen hin hojjetin  Oromoo fi saboota cunqurfamoo biroo
irratti  hojjetteetti. Saboota saamaa fi saamsisaa, hidhaa, ajjeesaa
fi biyyaa godaansisaas kunoo waggoota 26 fixattee 27ffaa seentee
jirti.
Dhaggeeffattoota; mee  waayee Wayyaanee dhiisnee  waayee warra
Wayyaaneen bixxiltee ummattoota cunqurfamootti bobbaaftee yakka ittiin
raawwachaa jirtuu miseensoota dhaaboolee  akka  OPDO, DHDN, BADN, fi
warra wayyaaneen “aggaar dirjitoochi” jettuun haa ilaallu.  Miseensota
dhaaboolee kanaas haa ta’an dhaaboleen kun dhuguma ummata  ittiin
waamaman kanaaf dhaabbatanii…? Ummata kanaaf hojjetuu..?, fedhii
ummata isaanii guutuuf ijaaramanii…?  Dhaaboleen kun mee maal  ofii
karoorsanii, irratti mar’atanii waan ummata ittin of yaamanii saniif
tolu dalagan..?  walumaa galatti waggoota 26n darban bu’aan isaan
ummata maqaa dhahataniif  buusan maali…? jennee yoo saaqnee ilaalle
dubbiin faallaa holola  dhaabolee fi miseensoota dhaabolee kanaan
gaggeeffamaa jiruu ti.
Qondaalonni dhaabolee Wayyaaneen ijaaraman kana keessa jiranii fi akka
gaggeessaattis of ilaalan kun; kan biraa haa hafuuti Wayyaanee biratti
gatii saree takkaallee hin qaban. Akka harree amma  baachisan
baachisanii yoo dadhaban yoo ashuffeetti gatan argaa turre, argaas
jirra.
Kanneen Wayyaaneen itti fayyadamaa jirtu  qondaalonni dhaabolee maqaaf
nuti bakka bu’aa saba akkasii fi akkanaatti jedhan kunneen keessumaa
qondaalonni OPDO yakki isaan ummata Oromoorratti hojjechaa turanii fi
akki itti isaan Wayyaanee biratti  ilaalaman baayyee fokkisaa dha.
Dhugaa dubbachuuf namoonni dhaaba jalee Wayyaanee OPDO keessatti
qondaala ofiin jechaa turanii fi jiran kunneen sadarkaa adda addaatti
dirqama Wayyaaneen  itti kennite bahataa turanis wanti muldhatu garuu
kabaja namummaa dhabuu qofaa osoo hin taane, hojii ergamtummaa
raawwatanifilleen  osoo waan saamsisanirraa kaffaltii gahaa  hin
argatin, yoo argatanis osoo hin nyaatin hoo hidhaman, hoo hari’ataman
darbees yoo biyyaa baqachiifamaniidha. Dubbii kana dhugoomsuuf ammoo
akka fakkeenyaatti  qondaala OPDO kan maqaaf Pireezidaantii Naannoo
Oromiyaa calqabaa  godhanii muudanii itti fayyadamaa turan Hasan Alii,
miseensuma dhaaba kanaa kan turtee fi kan fakkeessiif afi yaa’ii mana
marii feedereeshiinii turte Almaaz Makkoo, Prezidaantii Itiyoophiyaa
kan ture Dr. Nagaasoo Gidaadaa, kan dhiheenya kana biyyaa baqatee bahe
pireezidaantii fakkeessii Oromiyaa kan ture Junaddii Saaddoo kaasuun
ni danda’ama. Hundumaa Wayyaaneen akka shankooraa xuuxxee bara rakkoo
itti dabarfattee ariite.
Wayyaaneen ergamtoota maqaa OPDOn ijaarte qofattii mitikan fayyadamaa
turtee fi jirtu, kan booddees akka harree ba’aa dadhabdee kan hartee
gate, PDOLee naannoo naannootti ijjaarte hunda keessaawuu kaan hiitee,
kaan ariitee, kaan ajjeeftee kaan ammoo biyyaa godaansiftee jirti.
Mee kan saboota biroos  haa ilaallu, akkuma OPDO jettee ijaarte
Kibbattis DHDN jettee ijaaruun ergamtoota gurmeessitee kaayyoo ishii
saamichaaf itti fayyadamaa turtee jirti. Kanneen  keessaa
pireezidaantii ummattoota  kibbaa kan ture Abaataa Kishoo ergama isaa
fixannaan mana hidhaatti darbame.  Dhaaboolee haalauma walfakkaatuun
ijaarte kan aggaar dirijitoochi jettuun keessaa ammoo Pireezidaantii
Naannoo Beenishaangula kan ture Yaaragaal Ayishashumis qabeenya
naannichaa warqii dabalatee erga saamsisaa ture booda xumurri isaa
mana hidhaa ta’e ammallee hidhaa keessa jira. Pireezidaantii naannoo
Ganbeellaa kan turees akkasuma kunoo mana hidhaa jira. Kan Affaarii fi
Sumaalees haaluma walfakkaatuun hidhamaa turan. BADN ykn naannoo
Amaaraa irraa ammoo Ministeera muummee biyyattii kan ture  Taammiraat
Laayinee fi jeneraalonni hedduun salphifamanii mana hidhaatti
dararamaa turan.Hunduu hojii ergamummaa fixannaan Wayyaaneedhaan
haramanii akka kosii gataman.
Dhimma Qondaalota  OPDO  kophaatti baafnee  yoo  gadi fageenyaan
ilaalle, yakki isaan Wayyaanee jala deemuun Oromoorratti raawwatan
baayyee sukanneessa dha. Warreen kun tokkoon isaanilleen  warra dhama,
qabiyyee  namummaa, ykn sabstaansii nama nama jechisiisu qabuu miti.
Garaa malee sammuu itti hin uumne. Mooraalii namummaa  tokkolleen of
keessaa hin qaban.
Qondaalonni OPDO sabstaansii ykn qabiyyee nama nama jechisiisu of
keessaa hin qabne hedduu ta’anilleen kan Abbaa Duulaa fi ergamtoota
amma Naannoo Oromiyaa bulchaa jirra jedhanii hololaa jiranii garuu
gongumaa hin jiru,  kan isaa adda.  Namni Abbaa Duulaa jedhamuu fi
kan kanaan dura  pireezidaantii  naannoo Oromiyaa ture, kan yeroo
ammaa kana ammoo af -yaa’ii  mana marii ummataa ykn paarlaamaati ofiin
jedhu kun, ykn jedhamu kun  yoo dhaabbatee deemu akkuma nama kamiitu
nama fakkaata.  Garuu namni kun  qabiyyee namummaa,dhama nama nama
jechisiisu ykn sabstaansii namummaa  gongumaa hin qabu, moraaliin
dhala namaa keessa jiru isa keessa hin jiru. Namni kun waggoota 26n
darbaniif  jechoota maaliif, akkamitti..? jedhan afaan isaatii bahee
hin beeku.  Hojiin isaa osoo hin yaamamin owwaachuu, osoo hin ergamin
ergamuu dha. Arrabsamus, tuffatamus, ifatamus danda’aadha.Hundumaa
numa danda’a.
Abbaa duulaa hidhi jennaan ni hidha, ajjeesi jennaan maaliifin isa
bira hin jiru waan ta’eef numa ajjeesa. Ajjeesaa fi ajjeechisiisaas
ture. isa qofas osoo hin ta’in warreen yeroo ammaa kana Oromiyaa
bulchaa jirra jedhan kanneen akka Lammaa Magarsaa, Bakar Shaalee, fi
waayiloonni isaa haaluma walfakkaatuun yakka hojjechaa as gahan
hojjechaas jiru.
Namni Abbaa Duulaa jedhamu kun akkuma hunduu beekuu fi quba qabutti
pireezidaantii nananoo Oromiyaa ta’ee hojjii ergamummaa bahataa nama
tureedha. Bulchiinsa isaa jalattis Wayyaaneen yakka dandeechu hunda
ummata Oromoorratti raawwatteetti, innis waan danda’u hundaan
gargaaree jira, gargaaraas jira.  Egaa namni haala kanaan Oromoon isa
beeku kun  kunoo tibba kana nama aantummaa ummata Oromoo qabu
fakkaatee as bahaa jira. Namni kun waggaa 26f ergamaa wayyaanee ta’ee
ummata Oromoo ajjeechisiisaa fi saamsisaa turee har’a deebi’ee Oromoon
diinagdeen miidhamee jira, warraaqsaa diinagdeetu isa barbaachisa
koottaa warraaqsa diinagdee gaggeessina jechuun waayiloota isaa waliin
shubbisaa jira. kun dhugumatti baayyee, baayyee  kofalchiisadha.
Diraamaa yeroon itti darbesi.
Kan caalaatti baayyee nama ajjaa’ibu ammoo warri isa waliin
Oromiyaatti bobba’anii holola warraaqsa diinagdee gaggeessaa jiran;
kanneen akka Lammaa Magarsaa, Warqinee Gabayyoo fi ergamtoonni biroon
haaluma walfakkaatuun warrootuma waggoota 26n darbaniif  hojii
gaggeessituu naannoo Oromiyaa ta’anii ummata Oromoo qorqisiisaa turan
ta’uun isaanii beekamuu nama haaraa waan hundumaa quba hin qabne
ta’anii as bahuu isaaniti. Jarri kun waggoota 26n darban  ummata
Oromoo saamaa fi saamsisaa, hidhaa fi hiisisaa, ajjeesaa fi
ajjeechisiisaa, biyyaa baqachiisaas  warra tureedha. Ergamtoonni kun
har’a akka nama biyya biraarraa dhufeetti gadi bahanii hololuuf
yaalanis yakka hojjechaa turan ummanni Oromoos ta’e gutummaan saboonni
biyyattii ni beeku.quba qabu.
Kaleessa amma har’aatti nama mirga gaafate ajjeesaa jiru, nama
qabeenyi Oromoo maa samama jedhe shoroorkeessa dha, ABO dha jechuun
hidhaa turaniiru, hidhaas jiru.Yoo Oromoon gaafii misoomaa gaafate kun
ergama diinaati kan jechaa turee fi qabeenya Oromoo Tigraayitti
guursiisaa turee fi jirus isaanuma. Yoo wayyaaneen saamtee Tigraayitti
warshaa Mismaaratirraa hanga warshaa konkolaataa ijaartu kan jala
deemee jabaadhaa jechaa ture eenyu, isaanuma. Egaa amma maaltu
dhalate? Essaa amma hirriibaa dammaqan?
Jarri kun kaleessa bulchiinsa wayyaanee keessa hin turree…? Turaniiru.
Kan biraa haa hafuutii yoo Oromoon handhuura keenya magaalaa
Finfinneedhaa baane Adaamaatti hin gallu jedhulleen farra misoomaa fi
guddiinaati, miseensoota ABoti jedhee kan hiisisaa fi barataa
barnootarraa hariisisaa ture eenyu ? isaanuma.  Egaa har’a moraalii
maalitiin waayee warraaqsa diinagdee Oromoo haasa’u.? gongumaa jarri
kun kana haasa’uuf moraalii itti hin qaban, waan fakkaatuus miti, kun
ergama wayyaaneerraa fudhatanii gadi bahaniidha.
Dhugaa dubbachuuf hojiin ergamtoonni kun yeroo ammaa itti jiran
abshaalummaa  siyaasaa itti fakkaachuu danda’a. garuu miti. Beekumsaa
fi toftaa addaas dalagaa jirra jedhanii yaaduu malu. Kunis bakka hin
qabu.  Nama hubatee ilaalee fi xinxaleef jarri kun hojii akkanaa hojii
gadhee, hojii ergamummaa kanarratti kan bobba’aniif dhama namummaa,
mooraalii, qabiyyee namummaa ykn  akka faranjiin jettu  sabistaansii
namummaa  waan dhabaniifi.  Eeyyee garaa malee sammuun waan irra hin
jirreef tuffatamaa, arrabsamaa, hidhamaa, hari’atamaa ergamaa jiraatu.
Jarri kun  waan waggoota 26n darbaniif  raawwatan innuu hafee waan
waggaa 2 as itti jiran ummanni Oromoo waan dagate itti fakkaachuu
mala, akkasitti yaadu taanaan kun abshaalummaa osoo hin ta’iin
dhukkuba  samuu guddaadha.Mmoraalii dhabuu malee abshaalummaa
siyaasaatii  jechuun gongumaa hin danda’amu.
Dhugaa dubbachuuf ergamtoonni maqaaf qondaaloota jedhaman kanneen akka
Abbaa Duulaa, Lammaa Magarsaa, Warqinee Gabayyoo fi kanneen hafan
sadarkaa ummata Oromoo maqaa dhahachaa jiraniif yaaduu mitii hojiin
isaanii kan muldhisu ofiidhuma isaanitiifuu akkuma ilma namaatti
namoota namummaa isaa hin kabachiifnee fi namummaa hin guunne ta’uutu
irraa muldhachaa jira.
Yoo maashina ta’e malee namni  hin  aara, hin  gadda,  hin gammada,
hin  kolfa, hin  boo’a,  hin  jibba, hin  jaalatasi. Qondaalononi OPDO
kunneen  garuu  qabiyyee namummaa ykn sabistaansii nama nama
jechisiisu akkasii waan of keessaa hin qabaneef kana godhuu hin
danda’an. Roboonni  bara kana illee isaanirra gaariif yaraa  adda
baafata.
Jarri kun  taa’i jedhan taa’uu, kaa’i  jedhaman ka’uu, ajjeesi
jedhaman ajjeesuu, saamii fidi jedhaman saamuu malee lakkiin,
maaliifin isaan bira hin jiru.  Kanarraa ka’uun hojiin isaan tibba
kana itti jiranis waanuma wayyaaneen godhaa jetteen godhuu malee itti
yaadaniiti miti. Warraaqsi diinagdee kun  shakkii malee kan qindaayee
fi duubaan ajaja kennaa jiru wayyaaneedha. Kanammoo Oromoon ni beeka.
Wayyaaneen maaliif kana godhaa jirti jedhee kan gaafatu yoo jiraateef
ammoo deebin isaa salphaa fi ifaadha. Qabsoo Oromoo FXGti. Isatu
muddee qabee jira. Yaanni wayyaaneen kana gootufis dargaggoo Oromoo
Biyya abbaa isaa deeffachuuf qabsoo hadhooftuu gaggeessaa jiru
diinagdee jettee  qabsoorraa daguufi.
Egaa Oromoon kanuma hubatee holola yeroon itti darbe, kan yeroo ammaa
kana maqaa warraaqsa diinagdeetiin karaa ergamtoota Wayyaanee
qondaaloota OPDO kanneen akka Abbaa duulaa, Lammaa Magasaa, Warqinee
Gabayyoo fi fakkaattoota isaanii gaggeeffamu kana dura dhaabbachuun
dubii fardii fi barbaachisaadha!

The post Xumura hoggonoota OPDO appeared first on Bilisummaa.


OPDOn Tartiiba Qubee Afaan Oromoo A B C D….Z  Ture  Jijjirte!

$
0
0

 

Baarentuu Gadaa Irraa//

Biiroon Barnoota  OPDO Oromiyaa keessatti tartiiba qubee Afaan Oromoo A B C E F….Z   ture jijjirudhaan  tartiiba haaraa L irraa eegalu uumee kitaaba barnootaa maxxansee barsiisuu eegaluun wal qabatee gutummaa Oromiyaa keessatti  ummanni Oromoo keessumaa barattoonnii fi barsiiftonni mormii guddaa muldhisaa jiru.

Akka gabaasa kanaatti  biroo barnoota Oromiyaa kena jedhamuu fi kan jalee wayyaanee OPDOn hogganamu  jiru  qormaata gahaa fi sababa  ifa ta’e osoo lafa hin kaa’iin  tartiiba qubee faaan Oromoo waggota hedduuf, Odoo OPDOnuu hin ummamin hojiirra oolaa ture  tartiiba isaa faalleessuun isa ummanni Oromoo fi  saboonni kuunilleen ittiin beekan A B C D…..Z jedhu jijjiruun  ka’uumsa isaa L.. …..taasisuun kutaa 1- amma 8tti  kitaaba maxxansee barsiisuu eegaleera.

Jijjiramuu  tartiiba qubee afaan Oromoo  kanaaf sirnichis ta’e ogeeyyiin afaanii amma ammaatti ibsa ballaa fi sababa isaa kan lafa hin kaa’iin yoo ta’u; Barattonnii fi barsiiftonni manneen barnootaa  adda addaa gutummaa Oromiyaa keessa jiran deemsa kana ifatti balaaleeffachaa akka jiran gabaafameera.

Barattonnii fi barsiiftonni  naannawa Finfinnee ona Sulultaa keessumaa  barsiiftoonnii fi Barattoonni mana baruumsa sd.1ffaa Noonnoo Mana abbichuu gocha kana akka malee  warra balaaleffataa jiru keessaa tokko kan jedhan amddeen keenya; mormii fi balaaleeffannaan kun gutummaa Oromiyaatti babbalataa akka jirus ifa ta’eera.

Tartiiba qubee  afaana Oromoo A B C D jedhu kana ummanni Oromoo waggoota 30 oliif itti fayyadamaa ture, artiistoonni, barreessitoonnii, qo’attoonnii hedduun tartibuma kana hordofuun hojii seenaan hin daganne hojjechaa turan kan jedhan hayyoonni  tokko tokkos; jijjiraaqn tartiibaa amma taasifame kun shakkii malee ta’e jedhamee hojii hayyoota Oromoo kan kanaan dura ture  diiguu fi qubee afaan Oromoon katabuu kana fiduuf dhiiga ilmaan Oromoo qaqqaalii dhanagalahaa ture gatii dhabsiisuuf shira dalagamaa jiruudha  jechuun  akka balaaleffatanii fi dura dhaabbatan ibsaa jiru.

The post OPDOn Tartiiba Qubee Afaan Oromoo A B C D….Z  Ture  Jijjirte! appeared first on Bilisummaa.

OMN: Jijjiiramuu Tartiiba Qubee Afaan Oromoo Ilaalchisee Dr. Abdusamd Mohammed waliin..

Qubeen Afaan Oromoo qabsoo cimaafi wareegama qaqqaaliin as geesse. Laaftutti L jedhanii lallaaquun hin taatu.

$
0
0

Mee seenaa dhufaatii Qubee irratti barruu hayyuun Seerlugaa Dr Abdulsamad Mohammed bara 2013 barreessan tana laalaa. Barruun tun gafa Dr Shek Muhmmadrashaad Abdullee gara fuula rabbii deemaan qooda isaan guddina Afaan Oromoo keessatti qabaniif akka yaadannootti barreeffamte.
============
Seenaa barreefama afaan oromootiifi shoora dr. Sheek mahammad rashaad
(Dr. Abdulsemed Mohammed)

Afaan meeshaa walqunnamtiiti; mallattoo eenymmaatiisi. Akeeka barruu tanaatiif meeshaa walqnnamtii tahuu isaa haafuulleeyfannu. Meeshaa walqunnamtii hoggaa jennu moggaalee lama walitti fida; akka riqichaati isaan tajaajila jechuudha. Kanas bifa lamaan jechuunis: dubbiifi katabbiidhaan tajaajiluu dandaya. Dubbiin sagalee ykn qooqa qofaan gargaaramanii walitti dubbatanii ykn haasawanii hariiroo walhubantiidhaan xumuramtu qabaachuudha. Haaluma kanaan qubee walitti diranii waan katabbii jennuuniin wal qunnamtii akkasii qabaachuun hindandayama. Afaan kamuu karaalee lameen himaman kanaan hawaasa isaa akka tajaajilu shakkiin hinjirtu. Garuu, ar’allee afaannan baay’eetu sadarkaa dubbii qofatti hornagamee hafee jira. Kanneen gara katabbiititti dhawaataan tarkaanfachaa jiranis muraasaa miti. Afaannan sadarkaa afaan dubbii qofatti bara dheeraa turan keessaa, tokko, Afaan Oromooti. Ragaalee qabnurraa akka hubannutti afaan Oromootiin katabuun erga eegalame hinturre: umriidhaan yoo himne bardhibbee lamaafi cinaa qofa. Qabsoo garasiin godhamte dheertuudha; gufuuleen mudatees baay’eedha.

Akeekni barruu tanaa seenaa barreeffama afaan Oromoo bifa gabaabaadhaan dhiheessuudha. Afaan tokko afaan katabbii tahe jechuun mallattoolee sagaleelee afaan sun keessa jiran bakka bu’an moggaafatee sirnaan walfaana tarree galchee barruu dhaamsa ittiin dabarfatu ittiin tolchuun dandayame jechuudha.

Mallattooleen afaan tokko ittiin katabuuf mogaafaman waliigalatti QUBEE jennaan. Qubeen afaan tokkoo mallattoolee sagaleelee afaan sun keessa jiran guututti bakka bu’an of keessaa qabaachuu qabdi. Fakkeenyaaf, Afaan Oromoo sagaleelee SODDOMA qaba; soddomman kanarraahi ijaarama jechuudha. Qubeen afaan tokkoof moggaafamtu tan sagaleelee afaan sunii sirriitti bakka buutee laaftutti ittiin barreessuu nama dandeessiftu tahuu qabdi.

Gara akeeka barruu tanaatti ceehuu dura, ifaajee Afaan Oromootiin barreessuuf godhamte ilaalla. Ragaan harkaa qabnu akka mul’isutti kitaabni duraa Raayya keessatti bara sheekoota Aanniyyi fi Daanniyyi keessa katabame. Kitaabban sun kitaabban manzumaati. Faaruu Rabbiitiifi kan ergamaa Isaati of keessaa qaban jechuudha. Kitaabban sun qalama dibeetaan tuqachaati harkaan barreeffaman. (qalamni gaafasii gobeensa fiinxi qaraa jechuudha). Qubeen ittiin barreeffamaniis qubee Arabaati. Qubeen Arabaa seera dheerina, gabaabina, laafinaafi jabeenya sagalee mul’isan qajeellotti qabdi. Sababa kanaafis namni Afaan Arabaa dubbisuufi katabuu beeku Qubee Afaan Oromoo dafeeti barata; katabuufi dubbisuus laaftutti qomatti galfata. Qubeen Arabaa tuni immoo, Afaan Oromootiif hanquudha. mallattoolee sagaleelee afaan Oromoo baay’inaan 6 (jaha) tahan bakka bu’an of keessaa hinqabdu. Isaanis: c, ch, dh, g, ny, ph [q x ?] hinqabdu jechuudha. Isaan kanaaf mallattoolee jiranirratti waa dabalanii mallattoo hahhaaraya itti tolchuun hindandayama. Meeshaalee katabbii afaan Arabaatiif tolfamaniin afaan Oromoo katabuun ykn maxxansuun hindandayamu. haatahu jennee yoo itti seennelle waan baay’ee feesisa: meeshaalee barruutiifi kan mana maxxansaa bifa haarayaan qoranii tolchuu, maallaqa guddaa dhimma kanaaf barbaachisuus diinnagdee biyyaa agabsanii garasitti ramaduu, hundaa’ol immoo mootummaa dhimma kana akka dantaa ofiititti fudhattee hojiirra oolchuuf qaamaa qalbiidhaan sossootu aangoorra jiraachuun dirqama taha. Kanaafuu ifaajeen garasiin godhamaa turte hundi hawwii milkiidhaan wal hingarre taateeti hafte.

Tattaaffiin itti aantu warra kiristaanaatin godhamte. Toora xumura bardhibbee 19ffa pirotestaantoonni warra Orophaa “Macaafa Qulqulluu” gara afaan Oromootti hiikanii maxxansiisuu fedhan. Hojii suniifis Oromticha Oniisimos Nasiib (Abbaa Gammachiis) jedhaniin muudan. Anisimoos Nasiib teessoo isaa magaalaa Asmaraa biyya Ertiraa godhatee Macaafa ulqulluu Afaan Amaaraatirraa gara afaan Oromootti hiikee bara 1886 keessa achumatti maxxamfames. Kitaabni sun “Macaafa Qulqulluu” jedhama. Kan hiikees “Anisimos Nasiib, nama biyya Oromoo” jedha. Qubee Saabaatiin barreeffame. Qubeen Saabaa tanuma Afaan Amaaraatiifi afaan Tigree ittiin barreeffamtu tana. Qubeen tuni sababoota lamaaf afaan Oromootiif mijjooma hinqabne. Sababni tokko, seera dheerina, laafina, gabaabina fi jabeenya sagalee mul’isu hinqabdu. Sababni lammadaa, dubbachiiftoota “vowels” torba qofa qabdi; afaan Oromoo immoo, 10 qaba; kurnanuuti barbaada. Torban qubeen saabaa qabdu keessaahis lama sagalee afaan Oromoo waliin wal hingitan. Kanaafuu, qubeen Saabaatiin Afaan Oromoo katabuun hindandayamu.

Tattaaffiin Sadaffaan tan qubee Laatiiniin godhamte taati. Tanas bakka lamatti qoonnee laalu dandeenya. Tokko kan Lola addunyaa kan lammaffaatiin dura taheefi kan Lola lammaffaa keessaafi achiin boodaati taha. Tattaaffiin duraa ammas tanuma warra Orophaa (France, German, Italy) fedhii amantii babal’isuu qabaniin godhamte taati. Kitaabban xixiqqaa amantii mataskaana pirotestaantii ykn kan kaatolikii barsiisan qubee Laatin tanuma afaan faransaa, afaan Jarman ykn afaan Xaalyaanif moggaafaman jijjiirama tokkollee osoo itti hingodhin Afaan Oromoo ittiin kataban. Seera afaan isaaniitiin afaan Oromoo barreessuu yaalan. Rakkoolee gararreetti gara dheerina, gabaabina, laafina fi jabeenya sagalee jennee ibsine sun qaban. [sagalee takka qubee adda addaa tin bakka buusuu fkf ny —> gn, …]

Kan itti aanu tattaaffii Lola Addunyaa kan Lammaffaa keessa taate taha. Kuni gadaa qubee afaan Oromootiif aduun baate, gadaa qormaata karaa saayinsii afaaniitiin maalummaan afaan kanaa sirnaan itti hubatame jechuu nidandeenya. Tattaaffii ogeeysa saayinsii afaanii Martin Moreno warra biyya Xalyaaniitiin godhame taha. Kitaaba saa kan mataduree “Gramatica della Lingua Galla” jechuudhaan moggaasees bara 1939 keessa maxxansiise. Nama yeroo duraatiif xiinsaga (phonology), xiin-unkaa (morphology) fi walfaanoommii jechootaa qajeellotti hubate waan taheef gadaa suniin “Gadaa Moreno” jedhee yoon moggaase dogongora hintahu.

Qubee MARTIN MORENO

’ A B C Č D Ḑ0 E F G H I J K L M N Ñ O H Q R S Ṧ T Ṭ U W Y Z

Lola addunyaa kan lammaffaa booda haala ilmaan biyyaa barnootaaf gara biyya alaa itti imaltaawaniitu dhalate. Akkaataa biyyaa itti bahaniin immoo,murnoota lamatti qodaman. Murni tokko warra hiree barnootaa bifa qaari’aatiin (scholarship) ykn motummaadhaan ergamanii biyya alaatti deemani. Jarri kuni warra barnoota sadarkaa lammaffaa biyya eessatti fixatanii digrii duraatiif alatti imaltaawan ykn kanneen digrii duraa qaata biyya keessatti univarsitiirraa eebbifamanii digrii Maastersiitiif ykn Doktaraatiif deeman of keessaa qaba. Isaan kuni biyya itti deeman, universitii itti baratan, maal akka baratan, yeroo hammam keessatti barnoota sun akka xumuran, maallaqa ittiin jiraataniifi meeqa akka argatan beekaniiti roophilaadhaan gara biyya itti baratan sunitti imaltaawan. Jarri kun yeroo baay’ee gara biyyoota Orophaa ykn gara Ameerikaati dhaqan. Garri caalu, Ilmaan Amaaraa haa tahan malee, ilmaan sabootaafi sablammiilee birootis hammi tokko hinjiran.

Barattoonni hiree tana argatanii barnootaaf gara Orophaa dhaqan barnoota qofa osoo hintahin nashaaxa siyaasaatis hinhoratan. Siyaasaa gara bitaatti conqoltutti waan amananiif bitaaleeyyii yaada maarkisistii ykn sooshalistiitiin masakamuufi biyyaas ittiin maskuu kajeelan tahan. Isaan kuni, dura Waldaya Barattoota Tophiyaa kan Orophaa jechuun beekkamu ijaarratan. Ilmaan Oromoo miseensoota waldaya kanaa tahan keessaa, kanneen Afaan Oromoo gara afaan barruutitti akka tarkaanfatu hawwaniifi hawwii tanaas dhugoomsuuf hojii nama boonsitu hojjetaniifi seenaanis dagachuu hinqabneetu jira. Isaan kuniis Haylee Fidaatiifi Abdullaahi Yuusuf turan. Kufiinsa Haylesillaasee booda kan qooda guddaa qabu Haylee Fidaati. Qubee Martin Moreno fudhatanii jijjiirama xiqqaa itti godhuudhaan ittiin barreessuu jalqaban. Qubeen isaaniitiis kunoo tana. Qubeefi seera Martin Moreno lafa kaayetti jijjiirama xiqqaa itti godhaniiti kunoo qubee kanatti aantuun as bahan:

A B C Č D Ḑ E F G H I J K L M N Ñ O H Q R S ṧ T Ṭ U W Y Z

Warri Orophaa kuni garuu, waa lama dagatan. Laageen (’) tan namni garii hudhaa ykn hamzaa jedhuun phoneme (dhamsaga) of dandeesse tahuu dagataniiti keessaa hanqisan. Qabxiin lammaffaan Qubee tanaan biyyatti galanii ittiinis barreessuuf hiree yoo argatan makiinaan barruutiifi manni maxxansaa kanaaf qophaawan jiraachuu dhabuudha dagatan. Akkasiinuu qubee tana lafa hinkeenye. Bara 1973-1974 keessa kitaabban lama biyya Jarmanitti maxansiisan. Matadureen kitaabban lameenii: tokko Hirmaata Dubbii Afaan Oromoo kan jedhu yoo tahu kaan immoo Bara Birraan Barihe jedha. Kitaabni duraa, akkuma maqaan isaatuu himutti kitaaba seera afaaniiti. Seera afaanii kan bu’uraa bifa gabaabaadhaan dhiheessa. Kitaaba kana qopheessuurratti maqaan baay’ee dhawamu Haylee Fidaa haatahu malee, jarri kaanis qooda hinqaban. Kan Bara Birraan Barihe jedhu immoo, roorroo sirni nafxanyaa ummatarraan gayu bifa diraamaatiin dhiheessa. Kitaabban lameen kuni jabeenya fi laafina, dheerina fi gabaabina sagaleelee afaan Oromoo yeroo duraatiif qajeellotti adda baasanii mul’isan waan tahaniif seenaa barreeffama Afaan Oromoo keessatti bakka guddaadha qaban. Jarri kitaabban kana qopheesse kuni kufiinsa mootummaa Haylesillaasee booda, dhaaba siyaasaa “MEISON” jedhu moggaafatanii gara biyyaa deebi’an. Maqaan “MEISON” Kottoonfii maqaa Afaan Amaaraatiin dhaaba saaniitiif moggaafataniiti (“Mellaa Itiyoophiyaa Soshalist Niqinnaaqee”) Afaan Oromootti (Sochii Soshalistii Idil Tophiyaa) jechuudha.

Yoos sochiin ABO tiis qaata jalqabde. Hoggansa Elemoo Qilxuutifi Jaarraa Abbaa Gadaatiin qabsoon hidhannoo dhandhaaramte. Waraanni ijaaramuus barnoota siyaasaa, leenjii lolaatiifi barnoota qalamaa akka argatu, barnoonni kuniis afaan Oromootiin akka kennamu murteeffame. Kanaafuu, Qubee warri MEISON fide guutumatti fudhatan. Makiinaa Barruutiin barreessuuf immoo, makiinaaleen qubee tanaaf qoramanii tolfaman hinjiran. Makiinaan jirtu tanuma afaan Ingiliizii qofa. Makiinaan Afaan Ingiliizii Qubee Haylee Fidaa ittiin barreessuuf hinmijjooytu. Barkoo ykn baallaa xixiqqoo mallattoolee garii gararreerra (gubbaarra) jiran harriiqqaadhaan bakka buusanii barreessuu jalqaban. Kuniis golollee waraqaa ooftu oliifi gad qabuudhaan harriiqqaa ykn qabxii itti godhuu dirqama tahe. Kuniis tarree yaa’a barruu jallisuufi barruus buburreeysuu fide. Yeroo dheertuu fudhachuu malee rakkoon barruu fokkiftu mul’achuun dhimma furmaata saffee itti barbaadan taate.

Gaafas kitaabni “ Fura Afaan Oromoo” kan Sheek Mahammad somaaliyaarraa hulluuqee gara biyya teenyaa seenuu haahimamu malee, harka namayyuu gayuu hindandeenye. Garuu, makiinaa barruu tan biyya keessa jirtuun rakkoo malee ittiin barreessuun akka dandayamu hoggaa dhagayan barbaachaaf karaa bu’an. Dr. Mahammad Rashaad qunnamuun dirqama tahe. Akkasitti booddee magaalaa guddittii biyya Soomaaliyaa moggaasatti wal qunnamanii haasawaafi marii booda Qubee Dr. Mahammad Rashaad fudhatanii ittiin fayyadamuu jalqaban. Qubeen ar’a manbarnoottan keessatti ilmaan Oromiyaa ittiin barataniifi waajjiroota Oromiyaa keessattiis ittiin hojjetan qubee suni. Qubeen sun kitaaba mataduree “Fura Afaan Oromoo” jedhuun bara 1969 keessa dura harkaan barreeffameeti ganna lama booda yeroo duraatiif maxxamfame. Namni kana barreessees Sheek Dr. Mahammad Rashaadi. Qubee Afaan Oromoo bifa arra qabdu kana Sheek Mahammad Rashaad Abdulleetu itti abbaa. Kanatti aansee Sheek Rashaad eenyu akka tahan beekuuf akkaataa biyyaa itti bahaniifi maal akka hojjetan seenaa isaanii hamma tokko dhiheessuun yaala.

Sheek Mohammed Radhaad Eeenyu? Akkamiin Qubee Tolchutti Seenan?

Oromoota barnootaaf biyya alaa dhaqan keessaa, murni lammadaa warra fedhii barnotaaf qabaniin ka’anii ofumaan daangaa qaxxaamuranii biyyaa bahan of keessaa qaba. Jarri kuni mootummaa isaan afeertee qaariyaa isaaniif baaftees tan irraa kafaltee isaan argitees hinjirtu. Ka galaa (sinqii) qabu gala saa baadhatee, kan hinqabne immoo, dhoortoo kadhachaa miilaan daangaa biyyattii tarkaanfatanii, dura gara biyya ollaa dhaqan. Barnoota barbaacha biyyaa bahuu malee, maal akka baratan, biyya tamitti akka baratan, yeroo hammamiif akka baratan, maallaqa qubsumaaf, nyaataafi uffataaf barbaachisu hinqaban; eebyurraa akka argatanis himbeekan. Kanneen haala kanaan afaan bineensaa bu’anii, dhukkuba hamaadhaan qabamanii ykn beelaafi dheebuudhaan du’a mudatanii karatti hafan baay’eedha. Kanneen lubbuun isaanii eewalamte keessaa, garii hiree barnootaatin wal dhabanii biyya ollaa miilli saanii dura ejjete sun qubachuufi mu’oya (kuulii) dalagachaa of jiraachuisuuf dirqaman. Muraasa imala isaanii itti fufanii fagaatanii deemanis biyyoota Baha Jiddugaleysaa gayaniiti imala saanii xumuran. Warri haala kanaan biyyaa bahan hundi muslimoota sabaafi sablammii garagaraatirraa dhalatan tahuu isaanii beekuun gaariidha. Oromoota hiree akkanaatiin miilaan biyyaa bahanii fedhii barnootaaf qaban argatanii sadarkaa digrii duraatiifi tan lammadaa argachuudhaan eebbifaman keessaa, tokko, Dr. Muhammad Rashaad Abdullee ti.

Sheek Muhammad Rashaad Baha oromiyaa, Godinaa Harargee Dhihaa, Koonyaa Carcar Laga Arbaatitti dhalatan. Hoggaa Umriin barnootaaf geeyse barnoota amantii Islaamaa abbaa saanii jalatti barachaati guddatan. Dr. Muhammad Rashaad barataa faxina turan. Kanaafuu, barnoota bu’uraatiifi kan sunitti aanu yeroo gabaabduu keessatti xumuran. Kana malees, sabboonaa roorroon sabni Oromoo sirna nafxanyaa jalatti mudate isaan anaannachiiftu turan. Hoggaa umriidhaan dardarummaa guutan waahila isaanii tokko wajjiin miilaan Laga Arbaatii ka’anii, dura magaalaa Ciroo gayan. Achirraahis tirachaa magaalaa Harar gayan. Waan Ciroofi Hararitti argan laalchisee bara 1992 keessa yeroo duraatiif gara biyyaa hoggaa dhufan gaaffii fi deebiin godheef keessatti akkana jedhan: “Hoggan magaalaa ciroo gaye, ashkara Amaaraa kan ‘irgiccaa’ dhiituun arke. Magaalaa Hararittiis waanuma akkasiitiin arke. Yoo anaatii ashkarri Oromoo miidhu bakkuma lameen kana jira. Kanaafuu anaafi waahilli kiyya biyyaa baanee biyya Islaamaa dhaqnee rakkoo sabni keenya qabu itti himnee hidhannoo akka nuuf kennan kadhanna. Achirraa hidhannee bombii harkatti qabannee tokkoon keenya gara magaalaa Harar, tokko ammoo, gara magaalaa Ciroo sunitti deebinee yeroo takka kessatti Ashkaroota bakka lameenuu jiran bombiidhaan daaraa gooneeti saba keenya bilisoomsina” jedheetiin yaade. Yemmuu biyyaa bahaniis akeeka lama qabaachaati turan. Akeekni duraa barachuu yoo tahu kan lammadaa biyyatti deebi’anii diina saba miidhu murruq godhuudha.

Biyyaa ka’aniiti miilaan dura Jibuuti dhaqan. Achirraa dooniidhaan Yaman seenan. Yamanirraahis miilaani Su’uudiyaa dhaqanii magaalaa Madiinatul Munawwaraa qubatan. Hamtuun amna dheeraa kana keessatti qunnamaniis baay’ee nama sodaachifti; lubbuu Rabbi eewalami jedheen qaban malee, nama umriidhaan turee as gayu tahuun akka jabaadha. Yeroo hamma tokkoof Su’uudiyaa taa’aniiti booddee gara Suuriyaatti deeman. Achitti barnoota saanii yoo xumuraniis xalayaa ragaa takkaan malee geggeeffaman. Yoos gara Misratti qaceelanii Universitii Al Azharitti galmeeffaman. Achitti Digrii Duraa, itti aanseetis Digrii Lammaffaa argachuudhaan eebbifaman. Barnoonni baratanis guddichi (major) barnoota amantii haatahu malee, barnoota hawaasaa (Sociology), xiinqalbii (Psychology), Manxiq (Logic), xiinqoonqa (linguistics) barataniiti jiran.

Dr. Muhammad Rashaad hayyuu hayyummaa saa beekkoomsaan mirkaneessa qofa miti. Sabboonaa hojiidhaan maalummaa saa mul’iseesi. Universitii Al Azhar kutaa afaanii keessa damee afaannan alagaa itti barsiifamuutu jira. Afaannan achitti barsiifaman keessaa, tokko, afaan Amaaraati. Dr. Rashaad suutatti itti dhihaatanii dubbiin dhugaa tahuu hoggaa hubatan seerumaani “Afaan Oromootis nuu naqaa” jedhanii gaaffii saanii dhiheeffatan. Gaaffiin saanii hoggaa fudhatama dhabde “Maalif” akka didamte gaafatan. “Afaan Oromoo Qubee hinqabu; kanaaf dinne” jechuudhaan deebii laataniif. Haalli kuni hayyicha kana garamitti akka bobbaase tilmaamuun nama hindhibu. Gadaan achiin duraa tanuma ofiif barachuuf itti tattaafatan turte; tan achiin boodaa immoo, saba saa barsiisuuf tattaaffii adda citii hinqabne itti jalqabani. Afaan Oromoo qubee hinqabu; qubee dhabuun kabajaa afaannan biroo argatan isa dhabsiisuun hedduu itti dhagayame. Qubee qabaatee afaan ittiin barreeffamu tahuu akka qabu itti amane. Dirqama kana ofitti fudhatee tarkaanfii saa jalqabe. Tattaaffii Sheek Bakrii Saphaloo qubee Afaan Oromoo uumuudhaan godhaniifi sheekkaniifi darasoota faana Aanniyyiifi Daanniyyi bu’uudhaan Qubee Arabaatin Afaan Oromoo barreessan qoratanii tolaafi gufuu qaban adda baafatanii hubachuu jalqaban. Ulaagaalee barbaachisoo fi murteessoo jedhaniin hunda madaaluu itti fufan. Ulaagaaleen kuniis:

Mallattoon filatamtu tan sagalee Afaan Oromoo sun guututti bakka buutu tahuu,
Namni qubee sun barsiisu laaftutti argamuu; bakkayyuus jiraachuu.
Makiinaaleen ittiin katabaniifi ittiin maxxansaniis lafa jiraachuu
Ulaagaalee sadeen kanaan Qubee lameenuu hoggaa madaalan lameenuu fullahuu ykn bakka gayuu hindandeenye; lameenuu hinkufan.

Qubeen Arabaa ulaagaalee sadeenuu guutuu hindandeenye. Gara mallattootiin afaan Oromootiif hintaatu; hinhanqatti. Mallattoolee sagaleelee Afaan Oromoo jahaaf bakka bu’uu dandayan hinqabdu. Mallattooleen jahanis kanneen akkaataa ammaatti kataban kana: “G, C, CH, DH, NY, PH” . Hanquu tana ibsuuf fakkeenyuma Dr. Rashaad natti himanin dhiheessa. Hima akkanatti barreessinu kana “Dhagaa caphsii cirracha nyaadhu” qubee Arabaatiin barreessuun hindandayamu. Jijjiirama tokko tokko itti godhuudhaan sagaleelee tana akka bakka bu’an gochuun hindandayama. haatahu immoo, makiinaan akkasitti qoramtee tolfamte lafa hinjirtu; beekaan beekkoomsa kana qomaa qabaatee yoggasumatti barsiisuu dandayuus hinjiru. Kanaafuu, Afaan Oromoo ittiin barreessuuf filachuus moggaafachuus hindandeenyu.

Hayyoota Oromoo kanneen Afaan Oromootiif qubee qoranii qopheessuuf tattaaffii godhan keessaa, kan duraatiifi guddichi, Sheek Bakrii Saphalooti. Qubeen Saphaloo qubee ajaa’ibaati. Qubee takkittiin Afrikaa keessatti dhalattees isii tana. Qubee ilma Oromootiin qoramtee Oromiyaa keessatti dhalatte tahuu isiitiin malees, qubee saba Oromoo saba qubee ofii qabu taasifte waan taateef ayaa hundi keenya ittiin boonnu, tan yaadqalbii sabaa ar’aas jajjabeeysituufi niis dagaasituun jedha. Asirratti waa himee taruun fedha. Qubeen Saabaa Qubee biyya Yamanitti dhalattee warra Habashaatiin gara Afrikaa as goodaante malee Afrikaa keessatti hindhalanne. Ragaalee baay’ee tarree galchinee dhiheessuus ni dandeenya. Akeekni barruu tanaa garuu, kana miti. Kanaafis kanumaan irra tarree hegere hoggaa feesise itti deebina.

Qubeelee lameenuu tan Arabaatiifi tan Saphaloo gara ulaagaalee lameen irraa boodaatin yoo laalle Arabaatu irra wayya. Kanaafuu Dr. Rashaad osoo Misra jiranuu hamma qubeen irra wayyaa argamtutti yeroodhaaf qubee Arabaatitti fayyadamuu turan. Maluma Aanniyyi fi Daanniyyi jalqabanitti jijjiirama tokko tokko itti godhanii bifa Afaan Oromoo ittiin barreessuuf maltu taasisan. Akkasiinuu harkaan malee, makiina barruutiin barreessuun hindandayamne. Afaan Oromoo qubee qabaachisuuf tattaafachuun isaa akeeka qaba. Akeekni isaatis Univarsitii Al-Azhar damee afaannan alagaa sunitti deebi’ee warra afaan Oromoo Qubee hinqabu jedheen suniin kunoo“Afaan Oromoo Qubee hinqabaa akka ittiin barsiifamu amma nuu hayyamaa” jedhee afaan Omootinis akka barsiifamu gochuudha. “Harki diddaaf deemu daduu hinseenu” jetti Oromoon. Jarri ammas hindidan; tattaaffiin Sheek Mahammad Rashaad Misratti gochaa turees milkaawuu hindhabde. Tattaaffiin Afaan Oromootiif Qubee barbaaduuf jalqabe ammoo, hamilee finiintuufi fedhii cimtuudhaan itti fufte.

GODAANSA GARA SOOMAALIYAA

Oduun biyyaa dhuftu yaada biyyatti deebi’uu jedhu haqanqoorteeti nama keessaa fixxi. Warri ofiin biyyaa bahee, alatti baratee biyyatti deebi’e hiree gaariin isaan hinqunnamne. Garii hinhidhaman; garii achi buuteen isaanii hinbeekkamtu. Sabbaba kanaafis biyyatti deebi’uun akka harka ofiitiin du’aaf dabarsanii of kennuutti hubatame. Malli hafe biyya ollaa dhaqanii biyyatti dhihaatanii jiraachuu tahe. Biyyoota ollaa keessaahis Somaaliyaan irra wayyaa taatee waan mul’atteef garasitti godaanuun dirqama tahe.

1991 1939 1974 1977 1969

AMMAA MORENO HAYLEE FIDAA ABO Dr. RASHAAD

C Č Č C C

CH C C CH CH

DH Ḑ ɗ D DH

NY Ñ Ñ N NY

X Ṭ Ṭ T X

SH Ṧ Ṧ S SH

PH P P P PH

Hubachiisa:

Qubeen ABOn dura ittiin fayyadame kanneen tarree galfaman sun (C, D, NY, S, PH) gararreerraa harriiqqaa ykn sarara xiqqaa qabu. Kan Haylee fidaa ammoo, baallaa qarri lameen ol garagalan ofirraa qaban. Qubeen arra mallattoo “x” tanaan bakka buufamte ammoo, T barreessaniiti qabxii xiqqoo miiljaleerra kaayan.

Dr. Mahammad Rashaadis hamma warra ABOtiin wal hinqunnaman mallattoon qubee arra “X” jennuun tanaaf “TH” katabuudha turan. Booddee marii bal’oo godhaniin qubee Ingiliizii tan lafatti hafte “X” (tan eks) jedhaniin sun maqaa arra qubee Oromoo keessatti qabdu itti moggaasaniiti garri lachuu fudhatee ittiin fayyadame.

Qubee Afaan Oromoo ittiin barreessuuf toltu moggaasuuf biyya keessattiis alattis qabsoo ciccimtuu tu godhame. Qabsoofi tattaaffiin tuniis jijjiirama kufiinsa mootummaa Haylesillaasee booda jajjabaatteeti itti fufte. Mootummaan Dargii Afaan Oromoo Qubee Saabaatiin akka barreeffamu murteessite. Gaazexaa Bariisaa dhuunfaadhaan maxxamfamaa ture ni dhaaltee qabeenya mootummaa tahee akka itti fufu godhe. Gaazexaan Bariisaa dhaloota isiitirraa qubee saabaatiin barreeffamaa turte. Akkasiinuu Bariisaan barruulee qubee Laatiiniin barreeffamanii maxxamfaman fuula gariirratti baasuu turte; hanqina qubeen saabaa qabduufi mijjooma qubeen Laatin Afaan Oromootiif qabdu basaqeeysatti ibsuudhaan dubbistootaaf dhiheessuudha turte. Bara Dargii qubee Laatiiniin barreessuu dhiisii yaaduunuu yakka guddaa ture. Ob. Mahdii Haamid Muudee, editara fi qopheessaan gaazexaa Bariisaa, osoo kana beekuu soda takkaan malee, qubee Laatiniin barreessee akka raabsamtu godhee dhaamsa sun ummataan gayeeti jira. Sababni Dargiin gaazexaa Briisaa humnaan fudhatee mootummaa jalatti akka maxxamfamtu itti godhees kanuma.

Haaluma akkasiitiin wallisaan, sabboonaafi qabsaawaan Oromoo beekkamaan, Dr. Alii Birraa bara 1976-tti akkana jechuudhaan wallise:

A, B……………. jennee-k-kaana;

Tanumaan jalqabna;

Afaanuma keenyaan katabnee-d-dubbifna.

Qubeen Oromoo qubee Laatin akka taatu sodaa malee wallise; kaaseeta maxxanseeti raabse; dhaamsa kanaasummataaf labsuudhaan aantummaa Qubee Oromootiif qabu ifatti ibsee kumaatamoota barsiisee qabsoodhaaf kakaase.

Yeroo sun mootummaan Dargii afaan Oromootiif Qubee Saabaa moggaafte. Kitaabban barnoota bu’uraa ni qopheessite; duula beekkoomsaafi guddinaa jechuudhaan barattoonni biyyattii akka duulanii ummata ijaataniifi barsiisan ni labsite. Hayyootaafi sabboontoonni dantaa Oromootiif anaannatan hundi qubeelee lafa jiran keessaa tan mijjooma qabdu qubee Laatin qofa tahuu barsiisuufi falmachuu isaanii itti fufan.

Dr. Muhammad Rashaad beekkoomsa biyya alaatti baratan saba saaniitiif qooduuf biyyatti deebi’uun harka ofiitiin du’aaf of kennuu itti taate. Misraa deemuun dirqama; malli biyyatti siqanii qubachuuf filmaanni biyya takka qofa tahe. Biyti gaafasitti irra wayyaa Soomaaliyaa waan taateef garasitti godaanaan. Yeroon yeroo J/ Ziyaad Barree mootummaa Abdirashiid Ali Sharmaarkee fonqolchee aangoo itti dhunfate turte. Ziyaad Barreetis siyaasaa gara bitaa awaddu ofitti fudhatee biyyattii daandii soshalistiirra kaaye. Afaan Soomalee afaan barruu tahee akka ittiin barsiifamuufi ittiinis hojjetamu ni murteessan. Qubeen filataniis Qubee Laatiin taate. Koreen dhimma kana geggeessitee fiixa baaftuus ni jaaramte. “Sheek Mohammed Rashaadiis miseensa koree sunii akka tahu godhame” warri jedhu ni jiran. Ani garuu, ragaa dhugooma waan kanaa mirkaneessu ammoo, hamma ammaatti hin argine.

Somaaliyaatti hoggaa godaanan wanni duraa bakka qubatan qabaachuudha. Itti aansee biyyaafi qilleensa biyyaatiin wal fudhachuudha. Sun booda osoo hin turin waan sabaaf tolu argamsiisuuf tattaaffii isaanii itti fufan. Dr. Mahammad Rashaad ummnni bal’aan akka baratee, waa hubatee, dammaqee bayyanatu hawwan. Karaan garasitti nu geessu karra qaba; karri suniis barnoota jedhan. Hawaasa Oromoo kan halaala jiru kana halaalaa barsiisuuf afaan Oromoo afaan Miidiyaa akka tahu gochuu feesisa. Kana jechuun: gaazexaa, kitaabbaniifi barruulee ummanni irraa baratu maxxansanii raabsuu; raadiyoofi TV keessaan ummata gurra ykn gurraafi ija ummataa gayuu barbaachisa. Hawaasa dubbisuufi barreessuu hin beekne kan akka hawaasa Oromoo hoggaa tahe wanni miidiyaa elektronikaa caalu hin jiru. Raadiyoo keessaan dhaamsa qabdu bifa sagaleetiin akka dhagayutti gara gurra saa erguu, ykn TV keessaan dhaamsa qabdu bifa suursaga (suuraa fi sagalee) taheen gara argaafi dhageeytii ummataatiif qilleensarraan itti erguudha. Namni waan qabuun, waan dandayuuniifi waan lafa jiruun jalqaba. Tattaaffiin jalqabaa afaan Oromoo raadiyoona akka seenu gochuudha. Sheek Rashaad kana hoggaa himan akkana jedhan: “Ani beekkoomsa xiqqaa tokkoon qaba; Raadiyoo hinqabu; maallaqa bahii hojii tanaatiif feesisuus hinqabu.

Abdiin kiyya Tokkicha na uume qofa. Akka na gargaaruus shakkii hinqabu. Kanaafuu Isa abdadhee Isarra of kaayeetiin qondaalootafi itti gaafatamoo Raadiyo Maqdishoo bira dhaqee Afaan Oromootis akka nuu naqan itti iyyadhe. Sababoota siyaasaa, kan diplomaasiitiifi kanneen adda addaa dhiheessuudhaan “Lakki, lakki. Kuni Tophiyaa wajjiin wal nu lolchiisa; seera akkaataa ollaan waliin itti jiraatu ni cabsa. “Kuni hin tahu” naan jedhan. Ani garuu, hifaataan maleetti itti deddeebi’ee, yaada fi mala garagaraa itti dhiheessuudhaan tura keessa deebii jaalannu nuuf kennan. Afaan Oromoo raadiyoo maqdishoo ni seene. Haa tahu ammoo, Afaan Oromo jechuu nuf hayyamuu ni didan; diduu qofa miti, nuus ni dhoowwan. Faraqaa Afaan Qottuu” akka jennu nutti himan. Raadiyoonni sun arra hin jiru; yaadannoofis kunoo akkanatti jalqabuu ture: “Kun Raadiyoona Maqdisho qooqa Jumhuriya Dimoqraasii Somaalee faraqaa Afaan Qottuti) jechuu ture. Booddee tura keesaa ammoo, “Kun Raadiyoona Maqdisho qooqa Jumhuriya Dimoqraasii Somaalee faraqaa Afaan Gaallaati” jechuutti jijjiirame.Guyyatti sa’aa takka dabarsuu ture; qophiilee adda addaa: oduu addunyaa, gorsa fayyaa, barnoota amantii, haasawa manguddoo, walleefi muziqaa, kkf ). Raadiyoonni sun ummata ni gammachiise; ni barsiise; ni bayyanachiise; ummata dantaa ofiitiif falmatu ni taasise. Bifa waliigalaatiin humna qabsoo itti aantuuf qophaawe ni uumte. Hayyichi Afaan Oromoo afaan raadiyoo akka tahuu tattaafatees Dr. Mahammed Rashaad Abdulleeti.

Tattaaffiin hayyichi kun Somaaliyaa keessa osoo jiruu godhe itti fufa qabsoo Misratti jalqabamte tahuu dagachuu hin feesisu. Tuniis Afaan Oromoo Afaan ittiin Barruutiifi afaan barnootaa gochuudha. Qubee ulaagaalee sadeen gararreetti ibsaman guututti qabdu moggaasuu, mariidhaaf dhiheessuu, hoggaa fudhatamtees Qubee Oromoo tahuu sii murteessuudha. Tattaaffiin garanaan biyya keessatti godhamaa turte gufuu adda addaati mudatte. Gufuun duraa warra Afaan oromoo afaan katabbii (afaan barruu) akka hin taane fedhan hunda of keessaa qaba. Isaanis mootummaa Nafxanyaa, nafxanyoota yaada mootummaatti amananiifi kanneen yaadqalbii suniin masakaman hunda of keessaa qaba. Jarri kun bifa dandayan hundaan afaan Oromoo afaan barruu akka hin taane gochuuf tattaafatan. Hamma bara 1974 Qubee fedheen afaan Oromoo barreessuun yakka ykn wanjala ture. Ergas ammoo, bara Dargii keessa qubee Saabaatiin malee, qubee biraatiin afaan Oromoo barreessuun yakka tahuun itti fufe. Arra garuu, seeraan murteeffame: Oromiyaa keessatti afaan Oromoo afaan barruu, afaan hojiitiifi afaan barnootaati. Murtii tanaas walgahii Duraa tan Caffee Oromiyaatu murteesse.

Gufuuleen tattaaffii tana heewasan biyya alaattis hin hanqanne. Humnoota gaafa Soomaaliyaan qubee Laatin moggaafatte dura dhaabbate suniitu afaan Oromootis heewasuu jalqabe. Jarri kuni akka warra Habashaatti qubee Saabaa haa tahu hin jenne. Waa mara ija amantiitin laalan; qubee Arabaa filachuu dhabuun akka waan amantii diduutti hubatan. Gariin isaanii tafsiira (hiikkaa) haaraya tolfataniiti “Laatiin jechuun “Laa diin” ykn (Amantiin hinjirtu) jechuu waan taheef irraa dhaabbadhaa” jedhan. Jarri kuni qubeen Arabaa Diin-Islaam dura, gaafa jaahiliyyaa dhaamsa zamana jaahiliyyaa ittiin barreeffamaa akka turte dagachuun isaanii ni mala. Garii ammoo, jaalala amantii ofiitiif qabaniin qubee Arabaatiifi afaan Arabaa bay’ee jaalatan. Qubee Arabaa afaan Oromootiif moggaasuun amantiin sun akka babal’atuuf haala mijjeessuu akka tahetti amanan.

Jaarmayni dhiibbaa akkanaa gochaa turte takka Raabixatul Islaamiyyaadha. Raabixaan tuni biyyoota ollaa (Suudaaniifi Soomaaliyaa) keessatti qubeen Arabaa afaan Oromootiif akka moggaafamtu dhiibbaa cimaa gochaati turte. Dhibbaa tana fashalsiisuuf tattaaffiin Dr. Mahammad Rashaad Soomaaliyaa keessatti godhan kan seenaan dagattuu miti. Walgayiilee garanaan godhamaa turanirratti argamuudhaan ibsa bal’aa raga gayaa diduun hindandayamne iin waldhiheessaati turan. Hayyoota gaafas tattaaffii sun keessatti hirmaatan keessaa, tokko, Ob. Xaahaa Abdii akkana jedhan: “Dhiibbaan Raabixaan gootu cimtee hunda keenya hifachiiftee abdii nu kutachiisuu bira geyseeti turte. Haala sun keessatti anaa garaan na gubatee rakkachutti jiru Sheek Mahammed Rashaad : “Qubee Arabaatiin afaan Oromoo katabuu narra ka moyxannoo itti qabu hin jiru.Rakkoo, dhibdeefi hanquu qubeen tun qabdu ka beeku ana. Yeroo ammaatti garayyuun madaallee hoggaa laallu qubeen qubee Laatinirra afaan Oromootiif mijjooytu hinjirtu. Garanaan anaatu warra Raabixaatin falmaati abshir je’aa” jechuudhaan garaa nu qabbaneesse” jechuudhaan ragaa bahe. Akkuma jedhanitti Dr. Rashaad muggutii Raabixaatirra aananii barreeffamni Afaan Oromoo bifa isaan maluun daandii guddinaarra akka qaceelu qooda daaddaa hin qabne gumaachaniiti jiran.

Tattaaffii Qubee afaan Oromoo moggaasuuf godhamte keessatti kitaabni duraa “FURA AFAAN OROMOO” yoo tahu bara 1969-itti Maqdishotti barreefame. Kitaabni sun mootummaa Somaaliyaatin hin fudhatamne. Inumaatuu bifa suniin maxxamfamuun isaatuu akka yakkaatti ilaalame Sheek Rashaad qabanii hidhuuf warra nagaya eegu itti bobbaasan. Jaarsi garuu, mimmiliqaa jiraateeti manguddoo keessaan ofirraa qabbaneessee fedhii isaaniitis hubate. Gaafas Somaaliyaan Ogaadeeniifi lafa Oromiyaa kutaa bahaatiifi kan kibbaarraa ciqqaawwatanii muratanii biyya “Soomaaliyaa Guddittii” (Soomaali Weyn) ijaaruuf shakaran. Eenyummaa saba Oromootis haaluudhaan maqaa haaraya “Soomaali Abboo” jedhanii waaman itti moggaasan. Kitaabni Fura Afaan Oromoo yakka tahee magaalaarraa guuramuunis sababni saa kana. Suniis “Fura Afaan Abboo” tahee akka maxxamfamu ajajan. Mataduree malee qabeentaan kitaabaa ka duraaniitin addaa miti.

Sheek Dr. Mahammad Rashaad, kitaabban baay’eedha barreessan. Baay’een achiin dura waan hin barreeffaminiif isaatu ka duraa taha. kitaabban ijoollee barreessuuf inni ka duraati. Qur’aana guututti gara Afaan Oromootti hiikuudhaaf inni ka duraati. Kanuma bifa lamaan barruufi sagaleedhaan biyyaaf qopheessuu isaatinis inni ka duraati. Kana malees kitaabban amantiitiifi kan hawaasaa kanneen adda addaa kitaabsuu isaatiif inni ka duraati. Isaan keessaa hamma tokko: Hadiisa Afurtamman Nawawii, Seeraafi Naamusa Hajjii, Gadaa Islaamaa (Hundeelee Amantii Islaamaa), Tajwiida Qur’aanaa (Akkaataa Qur’aanni Itti qara’amu), Manxiq (Logic), kkf. Kanneen malees, kitaabban Sheekkoo walalooleefi gorsoota adda addaatis barreessaniiti jiran. Ija kanaatiin ragaalee lafa jiran hundaan Sheek Mahammad Rashaad “Abbaa Barreefama Afaan Oromooti” yoon jedhe itti xiqqaata malee, itti hin guddatu. Sheek Mohammed Rashaad umrii saanii guutuu Oromoo fi Oromummaaf waa buusuuf wareega godhan. Waggoota hamma tokko dura osoo Su’uudii jiranuu faalij irra gayeeti yeroo dheertuuf dhukkubsatan. Booddee gara biyyaa ofiitti galanii magaalaa Dirree Dhawaatti, Caamsaa 25, 2013 du’aan adduyaa tanarraa galan.(Rabbi Rahmata Isaaniif Haa Godhu; Ol’aantii Jannataa Jannatul furdowsiin isaan haa qananeeysu)

Dr. Sheek Mahammad Rashaad hayyuu ummata ofii dagatee osoo humaa hin dhiisiniif aakiratti deeme miti. Marsaa internet keessatti “Bakka Rashaad” jedhee “website” ofii ijaarratee hojiilee saa kan bara hedduu achirra kaayeeti dhaalmaya dhalootai kaniifi kan hegereetiif gayu dhiise. Kana gochuu isaatiin ammas hayyuu duraa tahuu saa hundi keenya ragaa dha. www.rashaad.org dhaqaati dhaala isiniif lakkise daaw’adhaa.

Hikkaa Jechootaa

Waaheellan barruu tana osoo ummatatti hi bahin dura dubbisan “xumuratti hiikkaa jechootaa yoo itti dabalte gaarii dha” jedhanii waan na gorsaniif kunoo itti dabalameera. Bakka barbaachisutti jechi hiikamu uunkaa barruu tana keessatti ittiin mul’ate qofa osoo hin tahin hundee isaatii fi hortee achirraa dhalatanis ni dhiheessina.

Awaduu – this is in the infinitive form and it means “to tilt towards”. Synonyms afaan Oromoo: conqoluu, golisuu

Ciqqaawuu – it is a verb in the infinitive form. It means cutting into small chunks (originally used for trees ad tree branches) but now extended to other similar actions. Like the scrumble land.

Dhoortoo – has two meaings: one is “a begger”singular, or “beggers” plural both in the noun form , the other is “begging” a gerund. Dhoortoon hulaarra ejjitii maaliin kennaaf? A begger(s) is by the door what should I give him/her/them? Dhoortoodhaan jiraata. He lives by begging.

Dibeeta it means INK . It is a solution made by mixing water, soot, natural gum and other things.

Hornagame: In the article the word appears in this form. It is a passive verb from the derivative /hornagam-/ meaning “to be limited” and “Hornagame” would indicate a passive verb of the 3rd persone singular of masculine gender the past tense. Its root verb is /hornag-/ , a active verb whose English equivalent is “(to) limit”. Here (to limit) is included with “(to)” in bracket only because it has a meaning close to the infiitve form of the English verb. Otherwise, /hornag-/ is a verb root and not in its infinitive form which as /hornaguu/ which exactly has the meaning “to limit”. There is also the Noun form (“Hornaga) meaning “Limit”. The statement “sadarkaa afaan dubbiititti hornagame.” Means “It was limited (forced to remain) to the level of a spoken language only; not allowed to develop to a written language.

Shakaruu – it is a verb in the infinitive form; it is related to hyperactivity or elated behavior which is usually goal directed to get some thing, or attain a certain goal, or do or perform a certain activity.

Suursaga – this is a word coined by blending two words (suuraa & Sagalee) to bear the meaning just like “VIDEO”. Blending is done based on the method the Oromo people used in the past: ex. Abbuuddoo (“the thumb”) from Abbaa and guddoo; qoollajjii from (qoola and jiidhaa) meanig (“freshly removed animal skin after killing”) , and many more: ogbarruu, seerlugaa, xiinsaga, kkf

The post Qubeen Afaan Oromoo qabsoo cimaafi wareegama qaqqaaliin as geesse. Laaftutti L jedhanii lallaaquun hin taatu. appeared first on Bilisummaa.

Marii Aggaammii Qubee Afaan Oromoo Balleessu godhamaa jiru irratti tuuta GAOP 2017

Akka qopheessaan tartiiba qubee jijjiiramee Nagaasaa Hundee jedhamu jedhutti, sababni qubeen ‘L’ dura buufameef, ulaagaalee armaan gadii kana waan guuteefi jedha.

$
0
0
Ferhan Abdulselam

 

1- Barreessuudhaaf kan salphaa ta’e
2- Sagaleessuudhaaf kan salphaa ta’e
3- Irra deddeebi’ee kan dhufu

Akkuma isaan jedhanittuu yoo deemne, qubeen ‘A’ sagaleessuudhaan salphaa tahuu fi irra deddeebiin dhufuu keessatti qubee ‘L’ ni dursa jedheen amana. Yoo jechootni afaan Oromoo qubee ‘L’ eegalu kan ‘A’ eegalurra hedduudha jettanis ulaagaa irra deddeebi’uu waan jettaniif, mee barruu ani barreesse tana qofa keessatti ‘A’ meeqa akka fayyadame laalaa! Irra deddeebii jechuun akkas tahuudha akka ibsa isaaniittti. Sagaleessuudhaanis daa’imni Oromiyaa keessatti yeroo afaan hiikkattu ‘aayyoo’ fi ‘abbaa’ jechuun eegalti. Bakka adda addaatti garagara tahus kanarraa hin fagaatu.

Yaa OPDO waan isin gaafadhu,

– Afaanota 132 kan qubee laatinii fayyadamaa jiran keessaa kan tartiiba isaa jijjiire kami? Kan afaan Oromoo maaltu adda isa godhe?

– Rakkooleen tartiibni qubee fide maali? Barreessuu fi dubbisuu yoo jettan deebii hin tahu. Rakkoon barreessuu fi dubbisuu, hanqina tooftaa barsiisuu fi barsiisaa, akkasumas hanqina meeshaa barnootaa irraa akka madde deddeebi’ee dubbatamaa ture.

– Qubeen warra Chaaynaatuu 莫 baratamaa hin jiruu? Ijoolleen isaanii barreessuu rakkatanii dubbisuun ykn barreessuun duubatti hafanii?

The post Akka qopheessaan tartiiba qubee jijjiiramee Nagaasaa Hundee jedhamu jedhutti, sababni qubeen ‘L’ dura buufameef, ulaagaalee armaan gadii kana waan guuteefi jedha. appeared first on Bilisummaa.

Tartiiba Qubee Afaan Oromoo jijjiiruun waan boba’aa jirurratti boba’aa dabaluu dha

$
0
0

 

 

Abdii Boruutiin

 

 

Kaayyoon Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) fi warraaqsi biyya keessatti akka ibiddaa boba’aa jiru injifannoolee hanga ammaatti argaman tikfachaa; waan hafe “Abbaa-Biyummaa Oromoo” mirkaneessuuf akka ta’e firaafis ta’ee diinaaf ifa waan ta’ee dha. Dhugaan lafarra jiru kana ta’ee otuu jiruu, shira biraa xaxuudhaan injifannoo QBOn argamsiise ”Qubee Afaan Oromoo” tartiiba isaa jijjiiruun duula bifa biraa, Oromummaa irratti labsuu dha. Kun tooftaa diinaan ittiyaadamee fi sirriitti karoorfatamee gadi bahee dha. Haa ta’u malee, gochaan ykn shirri kun ibidda QBO kan boba’aa jirurratti boba’aa biraa dabaluu waan ta’eef, ibiddi kun ammoo yeroo xumuraatiif diina fi tajaajiltoota isaanii gubee akka balleessu shakkiin hin jiru. Qabsoon haqaa ni tura malee booddeen isaa injifannoo akka ta’u seenaa Addunyaatu ragaa ta’a.

 

Akka waliigalaatti yoo ilaalame, Afaan tokko seeraa fi sirnaan, sirna seer-lugaa Afaanichaa eeggatee yoo barreeffame, qubee kamiinuu jalqabuun rakkoo hin uumu. Haa ta’u malee, ayinaa barumsaa fooyyessuufis ta’ee barattoota gargaaruuf imaammata barumsaa fooyyessuu; akkasumas hanqina meeshaalee barumsaa guutuu fi leenjii gahaa barsiistotaaf kennuu dha malee, tartiiba qubee jijjiiruun bu’aa waan fidu natti hin fakkaatu. Bakkeen irratti hojjetamuu fi fooyya’uu qabu otuu jiruu; isa dhiisanii Qubee Afaan keenyaa, kan uummata keenya keessatti margitee dagaade lafumaa ka’anii tartiiba ishii jijjiiruun waa fooyyessuuf ykn rakkoolee jiran karaa kanaan hiikuuf otuu hin taane, injifannoo QBO kana diiguu ta’a. Shirri fi kaayyoo dhokataan duula kana duuba jirus isuma kana ta’a malee waan biraa akka hin taane hundaafuu ifa ta’uu qaba.

 

Karaa biraatiin yoo ilaalme fi hubatame ammoo, kaayyoon jijjiirama tartiiba Qubee kun, uummata keenya sochii warraaqsaa kanarraa ilaalcha isaa dabsuu fi Sabboontotni keenyas waan qabsoof gargaarsa ta’u irratti hojjechuu dhiisanii waan hin taane irratti beekumsa fi yeroo isaanii akka balleessan taasisuufi. Haala akkanaa kana keessatti diinniis afuura galfatee; shira biraa xaxuudhaaf yeroo akka argatu achumaanis umurii bittaa isaa akka dheeraffatu taasisa jechuu dha. Egaa kun tilmaama biraa ti. Kaayyoon shira kanaa garuu ifaa dha. Innis karaa danda’amu hundaan bu’aalee QBOn argamsiise balleessuu dha; Oromummaarratti duula hamaa gaggeessanii, QBO laaffisuu dha. Uummata keenya jidduuttis nagaa fi tasgabbiin akka hin uumamne godhuu dha. Hayyoota Oromoo jidduuttis karaa danda’ameen walmormuun akka uumamu fi beekumsi gara gara akka faffaca’u godhuu dha. Kun hunduu shira ittiqophaayamee gadi bahee dha.

 

 

Mee ilaalaa, hubadhaa erga sochiin uummata keenyaa eegalee fi gama warraaqsaatti ce’ee kaasee, mootummaan Wayyaanee waan Oromoof tolu fakkeessee olola adda addaa afarsaa fi afarsiisaa, akkasumas afaanfaajjii uumaa akka jiru. Fakkeenyota tokko tokko kaasuuf:

 

  • Uummata keenya karaa kanaan gowwoomsuuf, warraaqsa diinagdee jechuudhaan Wayyaaneen tajaajiltoota ishiitiin olola afarsaa jirti. Waan lafarratti mul’achuu hin dandeenye fi milkaayuu hin dandeenye odeessuudhaan uummata keenyaaf hojjechaa waan jiran fakkeessanii afaanfaajjii uumaa jiru.

 

  • Faayidaa addaa Oromiyaan Finfinneerraa qabdu laalchisee, wixinee labsii qopheessuudhaan, waa lamaa sadi damma irra diddibuudhaan dhiyeessanii; duubaan garuu waa shanii jaha nurraa fudhachuuf shira xaxaa jiru. Waa shanii jaha qofaa otuu hin taane dhimma keenya awwaaluuf tattaafachaa jiru jiechuun ni danda’ama. Sabboontotni Oromoo shira kanatti dammaqnaan waan jedhan san waakkachuu jalqaban.

 

  • Amma ammoo waan ijoollee Oromootiif gaarii ta’u fakkeessanii; ayinaa barumsaa fi dandeettii barattoota keenyaa ni fooyyesina jechuudhaan shira biraatiin gadibahanii; kunoo waan waggoota diigdamii-torban dabran keessatti sammuu Oromootaa keessatti margee fi daraare “Qubee Afaan Oromoo” kan mallattoo Oromoummaa taate mudaa ittihoruuf carraaqaa jiru. Borus shira biraa hojjechuurraa duubatti hin deebi’an.

 

Wanti nama gaddisiisu garuu, ammallee Oromootni muraasa ta’an shira diinaa kana hubachuu dhabuu isaanii yookaanis otuma beekanuu gochaa baleessaa kanaaf meeshaa ta’uu isaanii ti. Beekaniis ta’ee otuu hin beekin diinaaf tumsa ta’uun isaanii garuu, yoo balan nutti dhufu, isaanis balaa dhufa kanarraa akka hin hafne hubachuu qabu. Diinni yoomiyyuu rafee akka hin bulle beekamee; Sabboontotni fi uummatni Oromoo bal’aan qabsoo bilisummaa kana caalaatti cimsuu ala furmaatni fi karaan nu baasu hin jiru. Qabsoon itti fufa, injifannoonis ni dhufa. Qabsoo hadhooftuu booda injifannoo mi’ooftuun akka jirtu kun dhugaa waliigalaa ti. Injifannoon xumuraa kan qabsoo haqaa ti; kan uummata bal’aa Oromoo ti. Guyyaa Oromoon abbaa biyyaa ta’u fagoo hin ta’u; hammasitti garuu wareegama ulfaataa kaffaluunis hin oolu.   

 

Galatoomaa!

 

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

The post Tartiiba Qubee Afaan Oromoo jijjiiruun waan boba’aa jirurratti boba’aa dabaluu dha appeared first on Bilisummaa.

Afaan Oromoo Fii OPDO

$
0
0

Waxabajjii 06, 2017

 

Akkuma ummata isaatti afaan Oromoo tiis afaan guddaa dha. Afaan kuni, afaanota alarraa dhufan, jachuun, warra maddi isaanii Afrikaa-rraa ala tahan kan akka afaan Arabaa, ykn afaan achii waliin diqaalawan kan akka Sawaahilii, Amaaraa fii Tigree tii miti. Afaan ummata Afrikaa kan dhaloonni isaa tiis Afrikaa ti. Afaan baroota kumaatama qabu. Afaan guddinaa isaa tii fii baayyina namoota isa dubbatuu tiin afaanota adunyaa keessa jiran keessatti gulantaa oliitti arkama.

Akka hubannoota qormaata hamma yoonaatti, adunyaa keessa afaanota 6912 tu arkama. Afaanota kana keessaa irra hedduun afaanota xixiqqoo fii lammii bicuu if duubaa qabu. 473 afaanota yaroo gabaabduu keessatti du’uuf jiraatanitti eegamu. Ummata adunyaa biliyoona 7 kan arraa keessaa, harki 87 (87%) lammii afaanota 95-ii ti. Harka 76 (76%)-a tu afaanota 50 irratti abba. Afaanota kana keessaa baayyina lammii isa tiin kan durummaa qabu Maandariin Chaaynotaa ti. Afaan kuni, lammii miliyoona 973 if duuba qaba. Isaan malees, warra akka afaan lamadaatti isa beekan miliyoona 257 dhunfatee jira.

Lakkooysa saba Oromoo kan diinni dhawwaaquun odoo hin taane, haala dhugaa fii fakkaatuun yo fudhatame, afaan Oromoo baayyina lammii isa falmatanii tiin afaanota adunyaa keessaa gulantaa 24faa -rratti arkama. Kuni, lammii afaan Oromoo ifatti falmatan, hawaasa Garbaa kanneen Dhidhima Keeniyaa qubatan irraa kaasee, Garrii, Waataa fii Boorana biyya sanii dabalatee, ilmaan Raayyaa kanneen Wayyaaneen afaan isaanii tiin adda baaftee Tigroomsuuf ijibbaataa jirtu walitti herreguun waan mirkanaawaa ti. Kana malees, akkuma Maanadariinitti, afaan Oromoo tiis, firaa fii diina jidduu, nafxanyoota kalee tii fii kan arraa (Tigroorta sharriif barachaa jiran) waliin, warra akka afaan lamadaatti isa beekan, miliyoonota qaba.

Afaanota hunda keessaa afaan jachootaan soorama afaan Ingilizii ti. Afaan kuni, hamma yoonaatti jachoota if dandayan 171, 476 if keessaa qaba ja’ama. Afaan Ingilizii lammii isa falmatan miliyoona 372 fii kanneen akka afaan lamadaatti beekan miliyoona 611 qabu. Durooma isaa kanaaf bu’urri, ergisaa jachootaa kan afaan Laatiin, kan baroota dhibba afur caalaaf afaan isaa gabroomsee fii, afaanota saboota ifii gabroomsee fii itti dhihaaterra fudhate. Sanirraan, biyya dhaloota isaa Ingiliz malees, biyyoota 67 keessatti akka afaan mootummaatti heeraan fudhatamee waan tajaajilli ittiin kennamaa jiruu fi.

Akka Ingiliziillee tahuu baatu, afaan Oromoo tiis afaan dureeysa. Baayyina jachoota isaa himuun ammaaf rakkisaa tahullee, haala qabatamaa isaarraa durummaa isaa ibsuun nama hin dhibu. Lammiin afaan Oromoo, kan lafa baloo Gammoojjii fii Baddaa dhunfatte keessa dhangala’ee, aloola, tiiyfannaa fii qonnaan jireenya isaa baroota kumaatamaaf gaggeeyfachaa as gaye, hoojum isaa, mukaa-citaa fii bineeyyii qabu hundaaf, jachoota qabaaf. Sanirraan, Haroo Xaanaa tan qubsuma Garbaarraa kaasee, hamma Raayyaatti,  Diida Waaleedirraa hamma Matakkalitti yo iyyaafatame, wanni tokko kan jechoota adda-addaa tiin ibsamu heddu. Kuni durooma afaan Oromoo tiif raga. San malees, afoolli afaan Oromoo, mammaaksi qofti, himamee hin dhumu. Kanarratti, ollummaa, hawaasa biraa tiin wal seenuu fii sababaa amantii tiin jachoonni afaan Oromoo fudhatee ittiin if gabbise heddu.

Afaan kuni, bara 1887, gaafa ummanni Oromiyaa, guututti, gabrummaa Minilik jalatti kufanirraa kaasee, akkuma ummata isaatti, afaan hacuuccaa hoonga hin qabne jala seene. Gaafasirraa kaasee, diinni ummata isaan dubbatuun adda baasee, abbaa dhoorkee, ajjeesuuf ijibbaata hin godhin hin-qabu. Hawwii isaa tana hujiirra oolchuuf, aadaa fii hooda bu’ura guddina isaa tahaniin adda baasee, akkuma lammiitti, afaan Gaallaa, afaan Qottuu, afaan Islaamaa jachuun adda qoqqoodee akka meeshaatti maqaa adda addaa moggaaseef. Ittiin barachuu fii bareessuu heeraan dhoorkee, miyoota sab-qunnamtii kanneen akka raadiyoo fii televisiyoona irraa ugguree, hamma ittiin dubbachuun qaanfatamuun gaye. Haala kuna, bara 1887 kaasee, baroota dhibbaaf eega irratti hojjate booda, bara 1984-tti, karaa mootummaa gaafasii, Dargiin, tiin “afaan du’uuf deemu” jachuun jachoota hamma tokko harshif irraa kaayuuf afaan karoorfatamee fi.

“Yaa qacaa! Si ajjeesuuf bineeyyiin sirratti walii galanii,” jannaaniin “marii san keessa Rabbi turee hii?” je’ee gaafate ja’an qocaan. Akkasii tii, akkuma qocaan diina isaarraa dahoo horetti, afaan Oromoo tiis, sab-boonota akka Sheek Bakhrii Saphaloo tii fii wal’aansoo qabsoo bilisummaa Waaqni ergeefii, bayyanachutti seene. Afaan Oromoo du’a jalaa bahee dagaagutti seenuun, Xoophiyaa fii warra isiitti amananiif dhukkuba sammuu tahaa dhufe. Taaboonni diinaa mana qubeen jirtu hin seenu hamma ja’u takka dallane. “Qubeen maal si goote?” jannaaniin, “sheeyxaanaa” je’e ja’an qeesoonni isaaf dubbatan.

Duuba, wanni dhiheenya kana gama xurumbaa Wayyaanee, OPDO, tiin dhawwaaqaa jiru sharrii Taaboonni Wayyaanee hariira jalatti dhooyfatee deemaanii as gaye. OPDO-n meeshaa Wayyaaneen karoora Yohaannis tan Darbuushoonni boquu irraa hallagan bakkaan gayuuf dhaabbatte. Tuuta summii qorkummaa (abbaa-irrummaa) Habashaa hawaasa Oromoo keessa ittiin naquuf tolfatte. Bara 1990, gaafa isiin boojihamtootaa fii warra waraana Dargii keessaa harka itti kennaan haala kanaaf gamaaggamtu, Qubee fii afaan Oromoo qaata wal-fudhatan.

Boojihamtoota, gantoota Dargii tii fii goobanoonni eegas itti dabalamanii Tigreef meeshaa tahaa jiran, kalee fii arraas, dirqamni isaanii ajaja hujiirra oolchuu fii gooftaa gammachiisuuf wixxifachuu qofa. Arra, gooftaan “baroota dhibbaa fiin aangorra tura,” je’ee ifii fii isaaniis abdachiisaa ture, akka somba goflaan seentetti, hafuurri itti ciccitaa, quqqufa’aa, du’aa jira. “Dhukkuba gooftaa tiif maalo anuma koobaa,” jatte ja’an gabrittiin, gooftaa gammachiisuuf. Wanni haala tarrisa qubee afaan Oromoo irratti OPDO bobbaasees, galiin isaa, kanaan addummaa hin qabu.

Miseensoonni dhaaba Wayyaanee, OPDO-n, afaan Oromoo tiif yaaduun hanqatee, warra:

  • Garaa isaanii guutuu malee, dhiiga ilmaan Oromoo kan Tigreen akka galaanaatti yaasaa jirtuuf coraan hin hadoonne,
  • Warra, kumaata ilmaan Oromoo kanneen guyyuma guyyaan ija haadhaa fii abbaa duraa Tigrootaan dhabamsiifamaa jiran, ijji hin agarre,
  • Qottoota kumaatama sababaa xaa’oo tiin ooyrootarraa yaafamanii fii ummata guyyuma-guyyaan lafa handhuraa isaanii irraa Tigrootaan buqqifamaa jiraniif warra garaan hin gubanne.
  • Warra, ilmaan Raayyaa kanneen mana barnoota afaan keenyaa (Oromoo) barbaanna ja’anii iyyaa jiran, gurri isaanii hin dhageenye.

Fedhii gooftaa hujiirra oolchuu malee, tarrisa qubee fii guddina afaan Oromoo keessa wanni OPDO galchu hin jiru. Hin bu’ureessine. Hin dagaagsine. Qubeen ija qabsoo bilisummaa ummata Oromiyaa ti. Goobanootaan tuttuqaa hin taa tu.

 

Oromiyaan ni bilisoomti!

 

The post Afaan Oromoo Fii OPDO appeared first on Bilisummaa.


#ABCDeebisaa Jijjiirraa tartiiba qubee ilaalchisanii #Mormii Hayyoota Oromoo

$
0
0

 

Dr. Eshete Gemeda

Afaan saba tokkoo mallattoo saba sanii qofa osoo hin ta’in, jireenya fi eenyummaan isaatiifis hundeedha. Aaadaan, dhuudhaan, sabboonummaanii fi ofitti-amanuun afaaniin alatti jiraachuu hin danda’an. Akka saba tokkootti teknolojiidhaan guddatanii addunyaa keessatti oflaaluun afaan irratti kan hundaa’edha. Yoo afaan saba tokkoo qancaraa (stagnant) ta’e, yookaan ammo yoo du’aa deeme, sbani sun hin jira jechuun nama dhiba.

Duulli roorriftoonni Abashaa waggaa 145 guutuu Afaan Oromoo balleessuf godhaa turan, kan ammas godhutti jiran, kanaan alatti kan laallamuu miti. Duulli ardha Woyyaaneenii fi kittillayyoonni isii afaan, aadaa fi duudhaa Oromoo balleessuuf godhaa jiran kun, akkuma baratame “Oromummaa haquu” irratti kan xiyyeeffate waan ta’eef, tarkaanfii asiin booda ummanni Oromoo fudhatuuf Woyyaanetu ittigaafatama.

Sirna Woyyaanee dukkanaawaa bifa “Apartaayidiitiin” (Apartheid System) bocame (designed/structured) kana keessatti, balaan kana jedhamee himamuu hin dandeenye baa’etu ta’e. Woyyaantonni bifa bineensaa kan dhiiga saba keenyaa dhangalaasuu malee akka ilma namaatitti nama waliin jiraachuu hin dandeenye, dhiigaan machaa’uudhaan raatiinsa tokko irraa gara raatiinsa biraatti tarkaanfachuu ittifufaniiru. Yammu kana godhan hundumaa, kan meeshaa ta’uudhaan duguuggaa sanyii ummata Oromoo irratti akka raawwatamu kan godhan, hooggantootaa OPDOti.

Kan qabeenya Oromoo saamee Woyyaanee saamsisiisu OPDOdha, kan ilmaan Oromoo lafa isaanii irraa buqqisee alagaa dhaalchisu OPDOdha, kan mana mana irra deemee saba Oromoo ajjeesee ajjeesisiisu, OPDOdha, kan diinaa tumsee lammiiwwan keenya man hidhaatti guru OPDOdha, kan Woyyaanee fira godhatee, ilmaan Oromoo kan kumaatamatti laakkawaman biyya isaanii keessaa baqachiisu OPDOdha, kan Woyyaanee gargaaree hayyoota Oromoo hojii irraa ari’u OPDOdha, kan hayyoonni keenya hojii dhabanii, hiyyummaa jalatti kufanii dhakaa falaxan godhe OPDOdha. Gabaabbinatti, diina aangomsuudhaan ilmaan Oromoo akka biyya isaanii keessatti gidirffaman kan ulee ta’ee Woyyaaneen akka dalluu baaftu godhe hooggantoota OPDOti. Kanaafuu, hooggantoonni Jaarmayaa maxxanaa kanaa Oromoodha jechuun nama dhiba. YOMA KUNIS TA’E, WANTI OPDO IRRATTI DUULUU IRRAA OFQUSANNUUF, WAAN SABBOONTONNINII fi GOOTONNI QAQAALIIN SABA OFIITIIF QUUQAMAN JAARMAYAA KANA KEESSA JIRANIIF.

Akkuma asiin dura barreeffama darbe irratti kaasetti, wanti Obboo Lammaa Magarsaa afaan damma dibatee Ummata Oromoo haasa’uu fi gidiraan duubaan (harka lafa jalaatiin) ummata Oromoo irratti hojjatamu walfaallessa.Yeroo hundumaa haasawa isaatiin booda gidiraan Woyyaaneen saba keenya irratti raawwattu hammaachaati deema. “Afaaniin Sheik Husseein jedhaa, harkaan gara mukaa,” jedha Oromoon yoo mammaaku. Fuula bifa lamaa qabu muldhisuudhaan abbaa fakkaachuun hin danda’amu.

Ummata Oromoo burjaajessanii, injifannoo hamma ardhaatti karaa “Afaan Oromootiin” argame kana “suuta suutaan” balleessuuf jecha, “Qubee Afaan Oromoo” kan waggoota 27 ittiinbaratamee, ittiinhojjatame jijjiiruun, akka hooggantoonni OPDOtii fi Woyaaneen ummata keenya balleessuuf murteeffatan agarsiisa.

Dargiin ummata Oromoo garboomffachuuf jecha, tooftaa baafatee “Labsii Lafaa” (Land Proclamation) lallabe. Yoo isa kana godhu, sabni Oromoo dachee ofii dhuunfatee injifannoo dhiigaan argate san hin mirkaneeffata (hin eeggata) jedhee hin yaanne. Kanaafuu, “suuta suutaan” lafa Oromoo deebisee nafxanyoota kennuuf jecha, “Quphsiisa Gandaa” (Villagization) jedhuudhaan, ummata Oromoo lafa isaa irraa buqqisee. Sirna dukkanaa Haile-Sellaasee deebisee, ummata Oromoo hiyyoomsee, balleessuuf jecha, osoo asiif achi raata’u, ofiifuu duguugamee manca’e.

Ardhas wanti mootummaan Tigree “Afaanii” fi “Aadaa” Oromoo irratti hojjachaa jiru kanuma. Lafti kan ummataati erga jedheen booda, maqaa “Investmentii” (Investment) jedhamuun lafti Oromoo saamameera. Kunis issa hanqatee (quubsuu dadhabee), “Maastar Pilan” (Master Plan) jedhee Oromummaa balleessuuf erga saganteeffateen booda, wareegama saba keenya gootichaatiin shirrii diinaa kun fashalaayeera.

Akkum “Labsii Lafaa” kan bara Dargii san, “OPDOnii fi Woyyaaneen, “Qubee Afaan Oromoo” sadarkaa “Elementarii” (Elementary level) iraa hanga Yuniversiititti, akka baratamu seeraan murtaa’ee, wagoota 27 guutuu ittiinbaratameera.

Akkuma Dargiidhaa, Woyyaaneenii fi hooggantoonni OPDO yoo kana godhan, “Afaan Oromoo” akkanatti guddatee, addunyaa guututti beekkamee, bakka olaanaa nigaya, jedhanii hin tilmaamne. Haalli kun muddama guddaa keessa isaan galcheera. Erga “Qubeen Afaan Oromoo” hojii irra oolee eegalee, yeroo kudhan jijjiirraan irratti godhhameera. Yeroo kana hundumaa wanti “Oromummaa fi sabboonummaa cimsu” “Kaarikuleemii” (Curriculum) keessaa akka baduu danda’u harka lafa jalaatiin irratti hojjatamaa tureera. “THE OROMOO LANGUAGE IS NOT OLY SUPPRESSED, BUT ALSO MUTILATED.” Qubee Afaan Oromoo irrattis duguuggatu raawwatamaa jira jechuudha.

Akkuma sila jedhe, Woyyaaneenii fi ergamtonni isiidhaa, kallattiidhaan Qubee Afaan Oromoo akka badu godhuu waan dadhabaniif, tooftaa biraa yaaluu qaban. Akkuma Dargiidhaa harka lafa jalaatiin Afaan keenya balleessuuf yookaan akka hin guddanne “qancarsuudhaaf” (to reduce it to nominal existence and/or stagnant level) baldhinaan akka saganteeffatan karaa adda addaatiin irra gayameera.

Afaan hundeen isaa “Laatiina” ta’e (Latin originated Language) addunyaa guututti, “Qubee” “A/a” jedhuun jalqaba. Afaan Oromoollee “Afaanota Addunyaa” kan uumamni isaanii “Laatiina ta’een” addatti laallamuu hin danda’au.

Sabni Oromoo Afaan isaa kan alagaan jala balleesse deebiffachuuf jecha, wareegama kana jedhamee himamuu hin dandeenye kafaleera. Sabboontonninii fi hayyoon qaqaallin sababa kanaaf dararamanii ajjeefamaniiru. Akkuma “Lafa Oromoo,” dubbiin “Qubee Afaan Oromoottis” “dubbii jireenyaa fi du’aati.” Woyyaaneenii fi dabballoon isii kan waan godhan hin beekne, Qubee Afaan Oromoo kan dhiiga ilmaan Oromootiin jiraachuu danda’e, jijjiiruuf mirga hin qaban. Akka ardha dabballoonni Woyaanee “Soofaa Garbummaa” irra gaangalachaa qoosan osoo hin ta’in, Qubeen Afaan Oromoo du’a jalaa ba’ee bakka amma jiru kana ga’uu kan danda’e, qorannaan waggoota dheeraa fudhate godhameeti. Diinni dhiiga ilmaan Oromootiin harka dhiqate, waa’ee guddina afaaniititti irkkachuudhaan, dhaloota haarawa “maataan bilisoome” burjaajessuuf raata’uu dhiisuu qaba. Woyaaneenii fi hordoftoonni “Goobana Dacee” osoo ummata keenya tuttuquu irraa ofqusatanii isaanii woyya. “LUKKUUN HAATEE HAATEE, ALBEE ISII QALU BAATI,” jedha Oromoon yoo mammaaku. Akka saree maraattee raata’uun kun “SUNAAMII FIDUUN ISAA WAAN HIN OOLLE.”

Akkuma armaa olitti tuqeetti, Qubeen Afaan Oromoo kan waggoota dheeraa hojii irra oole kun, hayyoota Oromootiin qorannaan olaanaan irratti godhameeti. Inni kun ammo hamma ardhaatti milkaa’ina gudddaa argamsiiseera. Akkuma baratame, Woyyaaneenii fi lukkiileen isii jireenya Oromootii fi waan saba kana guddisu maraa balleessuu irratti cichanii hojjachuun, sagantaa isaanii kan duraa godhataniiru. Oromummaa fi waan Oromoon qabdu hunda diiguuf dhakaan isaan garahingalchin hin jiru. Dabballoonni Woyyaanee kan shiraan leenjifamanii maqaa Oromootiin daldaluudhaan dalluu baasan, hojiin isaan irratti bobba’an kanuma. “Ilmaan hattuun oomishte mataa boruuf ittiinyaadan hin qaban.” “THIS IS the TRAGEDY of the ROBOTIC PEOPLE.”

Jijjiirraa Tartiiba Qubee Afaan Oromoo” iilaalchisee, sababni warri waa’ee kana irratti hojjatan dhiyeessan, waan hundee hin qabne. Qorannaan isaan goone jedhanis soba akka ta’e mulddhateera. Afaan saba tokkoo guddisuuf “Tartiiba Qubee” afaan sanii jijjiiruun barbaachisaa miti. Woyyaaneenii fi dabballoonni isii tapha amma taphatan kan yoo qopheessan, xiyyeeffannaan isaanii – DAA’IMMAN OROMOO AFAAN ISAANII KAN DHALOOTAA JIBBISIISANII KOOMEE DIINA JALATTI AKKA KUFAN GODHUUDHA. Shiftoota dhiigni macheessee hin galu malee, dhaloonni keenya haarofni, garbicha “Afaan” ofii hin qabne ta’ee, “Afaan Ergisaatiin” (borrowed language) hidhamee, booji’amaa diinaa akka hin taane, wareegama olaanaa kafalee muldhiseera.

Afaan Oromoo guddisuudhaaf “Tartiiba Qubee” jijjiiruu osoo hin ta’in, “AADAA, SEENAA, DUUDHAA, SAFUU fi SABBOONUMMAA” Oromoo irratti kan hundaa’e qorannaa “SAAYINSIFFAA” (Scientific Research) godhuudha. Qorannaan akkanaa kun yoo godhamu, duraan dursee, wanti barbaachisu inni duraa, waan armaa gadii kanniin (kanneen) xiyyeeffannaa keessa galchuudha:
1. hawaasa hirmaachisuu (mari’achiisuu)
2. hayyoota beekkomsa olaanaa qaban (highly trained
experts) hirmaachisuu (mari’achiisuu)
3. barsiiftota hirmaachisuu (mari’achiisuu)
4. barattoota hirmaachisuu (mari’achiisuu)

Waa’ee guddina Afaan keenyaa ilaalchisee, murteessaan hayyoota keenyaa fi saba keena malee, “KOMPUTARRI” (computer) akkasi jedha, jechuudhaan waan jaarraa 21ffaa waliin hin deemne irratti haasa’uun nama saalfachiisa. Yoma wanti biyyoota guddatan irraa fudhannu jiraates, akka jaarraa 19ffaa yaada alagaadhaa kan “Afaanii fi Aadaa” keenya waliin hin deemne fudhannee masakkamuu hin dandeenyu. “The Woyyaanee and its followers do not have their own world other than imitating the anachronistic method of foreigners.”

Woyyaaneenii fi dabbaloonni isiidha lafa teenya humnaan dhuunfatanii, qabeenya Waaqayyo ummata keenya badhaase saamanii, AFAAN, AADAA, DUUDHAA, SEENAA fi EENYUMMAA keenya balleessuudhaaf waan murteeffataniif, ummanni Oromoo osoo hin badiniin dura, akkuma asiin dura godhe san, tokkuummaadhaan ka’ee Mootummaa “Apartaayid” (Apartheid Regime) kana ofirraa buqqisuun barbaachisaadha.

Faashistummaan Woyyaanee yoommiyyuu caalaa jireenya Oromoo waan sodaachisuuf, galtuuwwaan bifa bineensaa jalatti buluun ga’uu qaba. Osoo hin badiniin dura diina balleessuun filannoo (murtii) ilmaan Oromoo isa dhumaa ta’uu qaba.

The Oromo nation will not negotiate its language in favour of the rule of Beasts

The post #ABCDeebisaa Jijjiirraa tartiiba qubee ilaalchisanii #Mormii Hayyoota Oromoo appeared first on Bilisummaa.

Tartiiba Qubeelee Afaan Oromoo jijjiiruudhaan kufaatii qulqullina barnootaa dandamachiisuun hin danda’amu.

$
0
0

 

Barreessaan : Abonketi Fayissa
===========================================
Oromiyaa keessatti sababa qulqullinni barnootaa kufeef, barattootni sadarkaa tokkoffaa Afaan Oromoo dubbisuu fi barreessuu dadhaban; kanaaf immoo furmaatni barbaachisaan tartiiba qubee afaanichaa jijjiiruudha jetti egaa warri OPDO. Kufaatiin erga uumamee booda sababa sababa hin taane tarreessuun hin barbaachisu. Duraan dursa sababoota kufaatii qulqullina barnootaa kana dhugaatti addaan baasuutu barbaachisa. Ani barnoota sadarkaa tokkoffaa Afaan Oromootiinan baradhe. Ammas mana barnootaa Oromiyaa keessa jiru tokkottin barsiisaa ta’ee hojjetaa jira. Hanqina dandeettiin dubbisuu fi barreessuu barattoota manneen barnootaa Oromiyaa keessa jiran mudateera jedhamaa jiran kanaaf sababootni dhugaa ta’an hedduun (kanneen siyaasaan hanqaaqaman dabalatee) kanneen dur yeroo aniyyu baradhu irraa eegalanii hanga ammaatti akka aadaa manneen barnoota Oromiyaa hanga fakkaataniitti wal harkisanii deemaa jiran keessa muraasa isaanii mee walumaan haa ilaallu.

1) Manneen barnootaa hedduu (kanuma ani amma keessa jiru kana dabalateeyyu) barsiisonni saayinsii barnoota Afaan Oromoo sirriitti baratanii gahumsaan eebbifaman yommuu gara manneen barnootaatti ramadaman OPDO n akka diinatti ilaalti. Kunis jalqabbiin afaan keenya, Afaan Oromootiin barachuu gumaata ABO fi hayyootni Oromoo hedduun irratti wareegamanii dhiiga isaaniitiin nuuf kennan waan ta’eef (OPDO’n ofii isheetiif gootas hayyuus hin qabdu), barsiisota kana garee ABO’tti ramaduudhaan dhugaa jiru ilmaan Oromoo barsiisu jedhanii shakku. Kanaafuu, bakkoota hedduutti barsiisota ciccimoo ta’an Afaan Oromoo akka hin barsiisne hojiirraa ari’aa; kaan immoo gosa barnoota biroo akka barsiisan dirqamaan godhamaa ture, jiras. Afaan Oromoon egaa barsiisota ( waan daree barnootaa seenaniif qofa namoota maqaaf barsiisaa jedhamaniin) fi waan ofitti amanamuummaa hin qabneef qofa OPDO’f amanamoo ta’aniin barsiifama. Namni ofiifuu sirriitti barreessuu fi dubbisuu hin dandeenye egaa afuura qulqulluu(?)tiin barataa eebbisee qulqullina barnootaa fidaaree?

2) Daree barnootaa tokko keessatti giddu-galeessaan barattoota 80 olitu barata. Kun immoo barsiisaan tokkichi/barsiistuu tokkittiin turtii wayitii tokkoo daqiiqaa 40-45 keessatti qabiyyee barnoota guyyuchaa barsiisee, hojii daree kennee, hanqina barattoota kanaa sirreessuudhaan guutuu mitiiti, maqaa isaanii hanga akaakayyuutti waamee fixuufiyyu ulfaataadha. Egaa barsiisuun akka qeesii habashaa bishaan facaasanii jamaa walitti qabame kana waliin gahuudhaaree?

3) Dhugaa dubbachuuf taanaan ofuma mataa koo irraa ka’ee yoon dubbadhe, ani barsiisaa ta’uuf hawwiis fedhiis hin qabun ture. Hiriyoonni koo hedduun amma waliin jirrus ta’e kanneen ani bakka biraatti beekus akkasuma. Garuu, biyya kana keessatti namni hunduu waan fedhii isaa barachuuf carraa waan hin arganneef barsiisummaa akka riqichaatti itti fayyadamee har’umaaf taatus mataa koo danda’ee jiraachaa gara biraatti ce’uuf qofan itti seene. Kanumaaf egaa barsiisaan hedduun yeroo ammaa kana kan inni barsiisummaa lagatee keessaa baqataa jiruuf. Ergan Oromiyaa keessatti barsiisaa ta’ee asis fedhii ijoolleen Oromoo waa beekuuf qabdu ilaalee dheebuu isaanii kana baasuuf hammamuu yoon carraaqe, bu’aa barbaachisaa buusee hin beeku. Namni waan fedhii fi jaalalaan hojjetu irratti bu’a-qabeessa ta’akaa!

4) Dareewwan barnootaa manneen barnootaa Oromiyaa keenyaas ta’an; kan Itoophiyaa martuu galma wal gahii beeloftootaati jedheen hiika ani. Maaliif jennaan, barsiisaan mindaa gahaa waan hin arganneef ni beela’a, barattoonni isaas tarsiimoo misooma baadiyyaa dadhabaa mootummaan dadhabaan miidiyaa irratti qofa odeessuuf baafateen maatiin isaanii waan hiyyoomaniif ni beela’u. Namni dhimma baruu-barsiisuu qabu hin jiru jechuu kooti. Waa’ee barnootaa odeessuun qofti manneen barnootaa fi hojmaata isaa irratti jijjiirama waaraa fidaaree?

5) Yeroo ammaa kana egaa hanqinni barsiisaa Oromiyaa qofa osoo hin taane guutummaa impaayerittii Ixoobiyaa kanayyu mudateera. Kafaaf immoo sababni ijoon isa gareen sobdootaa (mootummaan) manneen barnootaa heddumminaan ijaarree waan babal’isneefi tarsiimoo barnootaa daree tokko keessatti yoo baay’ate barsiisaan tokko barattoota afurtamaaf (1:40), jedhu qabannee hojjechaa waan jirruuf jedhu miti. Hojmaatni manneen barnootaa keessatti dura-taa’ota manneen barnootaa utuu gahumsa hooggansa mana barnootaa hin qabaatiin malaammaltummaa fi ergama OPDO galmaan gahuuf kaa’amaniin waan laamsha’ee fi yaada ani qabxii sadaffaa irratti eeruuf yaaleen barsiisaan garbummaa mana barumsaarraa hurii of baasuutti kutate. Isa kanaaf immoo mootummaan akka furmaataatti barattoota ofiifuu kutaa 10ffaatti kufan ganda keessaa barbaadee miindeffamanii akka isaan barsiisan godhe. Haala kana keessatti egaa qulqullinni barnootaa ergamaa waaqaatiin gara daree barnootaa haa dhufuuree?

6) Dubbiin garagaltoo taanaan tajaajilaa hawaasaa (civil-servant) biyya kana keessa jiru keessaa barsiisaan isa akka malee tuffatamaa ta’aa dhufeera. Dhawaatuma kanaatiin, hojiin barsiisummaa immoo jibbamaa dhufeera. Kun immoo sadarkaan ofitti amanamummaa barsiisotaa akka quucaruuf shoora mataa isaa taphateera. Hangamuu sabboonaa yoon ta’e; ijoollee Oromoo barsiisuuf yoon kutadhe, nama na tuffatu daree seenee dhugaatti barsiisuun ni ulfaata. Utuuma anuu barsiiseetii, hammi hubannaa barataa koo isiniin haa tilmaamamukaa!

7) Yeroo ammaa kanayyu, jechuun jaarraa qaroome kana keessattillee, maatiin ijoollee Oromoo hedduun aadaadhumaaf barataa mana barnootaatti ergaa jiru. Mee kanumti ilmi/intaalli isaa/ishee kutaa meeqa akka baratan hin beekneyyu haa dhibukaa! Barataan maatii isaatiin hin hordofamu; hin deeggaramu taanaan barsiisaa qofti qulqullinaa fi bu’aa barnoota irraa argamu gonkumaa fiduu hin danda’u.
Sababni inni biraan dhimma daree dhuunfaa jedhamu kanadha. Daree dhuunfaa jechuun kutaa tokkoo hanga afuriitti barsiisaan tokkichi/tokkittiin haa barsiisu isa jedhu. Barsiisaan sun ijoollee barnoota A,B,C,D… 0.1,2,3… jedhanii reefuu eegalan egaa akkuma mataa isaa/isheetti qaree doomsa jechuudha mitiiree? “Sa’a abbaan gaafa cabse, ormi ija jaamsa” jedha Oromoon. Kanaafuu, waa’een afaanii waa’ee eenyummaati. Abbaan argite lafumaa kaatee akka barbaadde gochuu hin qabdu; hin dandeessus.
Itti fufa…
Aboonkeeti Fayyisaati
Caamsaa 6, 2017
Finfinnee

The post Tartiiba Qubeelee Afaan Oromoo jijjiiruudhaan kufaatii qulqullina barnootaa dandamachiisuun hin danda’amu. appeared first on Bilisummaa.

Baankiin Lafaa Maali….,  Kan Eenyuti…..,Eenyutu Hooggana….?

$
0
0

Baarentuu Gadaa Irraa//

Uummanni Oromoo erga gabrummaa jalatti kufee oolee buluu kan quba hin
qabne hin jiru. Yakkoonni gara garaas mootummoota dhufaa darbaa
Impaayera Itiyoophiyaa bulchaa turanii fi jiraniin irratti raawwatamaa
har’a gahe. Haa ta’uuti yakki akka bara Wayyaanee uummata Oromoorratti
raawwate kanaan dura raawwatamuun isaa nama shakkisiisa. Bara
Wayyaanee kana keessa ummanni Oromoo lubbuu isaa, qayee fi qabeenya
isaa  walumaa galatti biyya isaa Oromiyaa karaa adda addaa fi dorgomaa
hin qabneen dhabaa jira.
Waggoota 26n darban gutuu Oromiyaa keessatti yakki raawwachaa turee fi
jiru, qabeenyi saamame sukanneessaa fi kan amanuuf nama rakkisuudha.
Wayyaaneen daangaa malee waan feetu Oromoorratti raawwachaa turte,itti
jirtis. Kun kan isa dallansiisee fi isa nuffisiise ummanni Oromoo
keessaawuu qeerroon Oromoo kunoo akkuma argaa fi dhagahaa jirru
ficilee sadarkaa qabsoon bilisummaa amma irra jiru kanarraan gaheera.
FXG kunis diina innikaa waggoota 26n darbaniif daangaa malee Oromoo
fixaa fi saamaa turte Wayyaaneen dhiphuu hamaa keessa galchee jira.
Murni Wayyaanee jedhamtuu fi maqaa uummata Tigraayiin daldaltu, kan
ani bilisa baaftuu uummata Tigraay ofiin jettu, yakkamtuun yakka malee
hojii biraa hin qabne, kan hattuu fi sobdootarraa ijaaramte tun
gutummaa cunqurfamtoota uummattoota Impaayeera Itiyoophiyaa irra akka
hawaannisaa safartee kan qorqaa turte ta’us  kan akka Oromoo  mite
garuu hin jiru. Wayyaaneen waggoota 26n darban lafa Oromoo Heektaara
miliyoonaan lakkaawwamu ofii fi waayiloota ishiitii qircitee jirti.
Keessumaa lafa magaalaalee fi qonna gurguddaa  Oromiyaa keessa jiru
qonnaan bulaa Oromoo buqqisuun qabeenya ofii gudhachuun ittiin
badhaadhtee jirti. Magaalaalee akka sabbataa, Sulultaa,
Lagadaadhii-Laga xaafoo, Duukam,Buraayyuu Bishooftuu,Adaamaa fi
naannootti saamichi lafaa qondaaloota Wayyaanee jenaraalootaa fi
ministrootaan gaggeeffame amma hin qabu. Lafa baadiyyaa qonnaa
gurguddaa, Baalee, Arsii, wallagga, shawaa bahaa fi naannoottis
duuluun haaluma walfakkaatun Wayyaanoonni qircatanii irraa sooramaa
turaniiru, ittis jiru.
Qonnaan bultoonnii fi sabboontonni Oromoo maafa qabeenyi Oromoo seera
malee saamama jecha aturanii fi jiranis hattoota Tigraayi kanaan balaa
akkamatiif akka saaxilaman kan quba hin qabne hin jiru. Kan
hidhame,kan dararame,kan ajjeefame,kan biyyaa godaansifamee fi bakka
buuten isaa dhabame amma hin qabu.
OPDOn Bara 2005 gaafa ajaja giiftii ishii wayyaaneerraa itti kennameen
bututtuu ishii xaxattee Finfinneen kan Oromootii miti jettee Adaamatti
godaantu akkuma achi geecheen kan ishiin itti bobbaate yoo jiraate
lafa Oromoo naannoo sanii daldaluudha. Qondaaloonni Wayyaanee kanneen
akka Sibaat Naggaa, Abbaayi Stahaayyee, general Staadiqaan
Gabretinsaay,jeneraal …. Fi KFF ammoo lafa Oromoo Finfinnee fi
naannawa Finfinnee jiru akkasumas lafa qonnaa babballaa Oromiyaa
keessa jiru qircachuudha. Tokkoon tokkoon isaanis kaaree meetiraan
osoo hin ta’in heektaaraan qoddatan, qonnaan bulaa Oromoos boochisanii
kaan kadhaaf, kaan mana hidhaaf saaxilan.
OPDOn gaafa koottuu Finfinneetti deebi’i jedhamtus akkuma gaafa
ari’amtee tole jettee  bututtuu ishii xaxattee ol deebi’uu ishii
Oromoon quba qaba. Dhaabni ergamtuun tun  kaleessa maafan  biyya
kiyyarraa hari’ame, har’a hoo maafan deebi’i jedhame hin jenne.
Keessumaa gaafii  ijoo  isa Finfinnee keessatti maalirrattan ajaja?
Qoonni koo maali qoonni fedaraalaa maali hin jenne.  Miidhaa yeroo san
sabboontotarra gahee fi qabeenya saamameefis deebii osoo hin kenniin
har’a geeche. Kun hundumtuu hafee ammoo waajjirummalleen dhabdee
hoteela kireeffatee taa’aa kan turte ta’uu caalaayyuu  afaaniin
Finfinneen handhura teessaa mootummaa naannoo Oromiyaati osoo jettuu
lafa kaare meetirii takka namni itti kennu dhabamee amma harraatti
kunoo fooqii qondaaloonni Wayyaanee Oromoo saamanii Finfinnee
keessatti  ijaarratan waajjira jettee kireeffatee teechi.
Ummanni Oromoo dhugaa kaana mara odoo beeku fi dhagahuu kunoo tibba
kana ija nyaataa fi kijibaan  waggoota 26n darbaniif sadarkaa adda
addaatti wayyaanee tajaajilaa ture pireezidaantiin fakkeessii naannoo
Oromiyaa namni Lammaa magarsaa jedhamu karaa TV fi waltajjiilee adda
addaarratti bahee yoo dubbii kijibaa tokko hololu argaa  dhagahaa
jirra.  Ergamaan kun lafa Buraayyuu, Sabbata,Sululta, Laga
daadhii-Laga xaafoo,Aqaaqii, Bishooftuu, Adaamaa fi naannoodhaa
qonnaan bulaa Oromoo buqqisun saamame  heektaara kuma ammaanaa fi
ammasii deebisaan jira jedhee jira.
Kabajamtoota dubbiftoota:- muraasni keessan tole maaltu baderee, lafti
qonnaan bulaarraa saamame yoo deebi’e jechuun keessan hin oolu. Eyyee
namni dubbii kana  irra isaa ilaalu Lamaa Magrsaa sabboonummaan itti
dhagahamee abbootii qabeenyaa lafa qonnaan bulaa samanirraa deebisaa
jira jechuu mala. Akkasis fakkaata. Dhugaan jiru garuu kanaa miti,
1ffaa yoo lafti amma jedhamu kun saamamu akka irra deddeebi’ee ka’aa
ture Lammaa Magrsaa hogganaa dhimma nageenyaa naannichaa ta’ee,
komishinara Poolisii naannichaas ta’ee hojjechaa ture, Hojiin poolisii
tokko hattuu balleessuudhaa maaf yoos yakkamtoota Oromoo lafa saaman
kana hin himatin? Mee kanas dhiifnee waan amma ta’aa jiru irratti haa
fulleeffannu.Lafti abbootii qabeenyaa sobaarraa deebi’aa jira jedhamu
kun eenyu eenyurraa deebi’aa jira..? eessatti ammoo deebi’aa jiraa?
Qondaaloonni wayyaanee barootaaf saamicha gaggeessaa turanii fi jiran
tuqamanii jennee yoo gaafanne, kan odeeffamuu fi dhugaan lafarra jiru
adda addaa. Tokkoon isaanituu dhalattoota Tigraayii miti. Kan isaanii
tokkoo hin tuqamne.
Ammas invastaroonni sobaa lafti irraa fudhatame jedhaman kunneen
eenyuyyuu haata’an  jennee bira haa dabarru. Gaafin ijoon lafti
deebi’e kun  eessatti deebi’aa jira. Harka eenyuutis galaa jira..?
Akkuma dhagahamaa fi muldhachaa ture kantiibonnii fi Lamma Magarsaa
mataa isaatinuu lafti abbootii qabeenyaa sobaa jedhaman kanarraa
fuudhame jedhamaa jiru kun qonnaan bultoota Oromoo humnaan saamaman
saniif deebi’e yoo jedhan hin dhagahamne. Kan jechaa jiran lafti kun
baankii lafaatti deebi’eedha.  Baankiin lafaa kuun hoo  kan eenyuti?
Eenyun hooganama? Kun deebii barbaada. OPDOn kanaaf deebii laachuu
baattuus dhugaan jiru kan muldhisu baankiin lafaa jedhamu kun kan
qondaaloota Wayyaaneen ajajamuu fi too’atamuudha. Lafti baankkii kana
gales kan bahii ta’ee kennamu Wayyaanotaa fi waayiloota isaanii biyya
alaa fi biyya keessati. Eeyyee lafti magaalaas ta’e inni qonnaa
Wayyaanoota reefu ol bahan kan kanaan dura sirritti saamanii hin
quufiniif  mijeeffamaa jira. Hojiin baankichaas kanuma.
Egaa dubbii ijoon ishii tana. warri Lammaa Magarsaa akka waan gaarii
hojjechaa jiruu fi Sabboonummaarraa ka’ee Lafa deebisaa jiruutti warri
hubattan deebitanii dubbicha xiinxaluu qabdu. Hololli kun kan
gaggeeffamaa jiruuf qabsoo ummata  Oromoo, FXG finiinaa jirurraa
qalbii namaa butuufi malee lafarratti jijjiramni tokkollee  hin jiru.
Oromoon kalees har’as saamamaa jira. Asiin holola tokko gama biraan
ammoo yakka biraatu saba keenyarratti dalagamaa jira, Lammaa fi
waayiloonni isaas kanuma raawwachiisaa jiru. Kan maqaa isaatin
daldalamaa jiru qonnaan bulaan Oromoos lafti irraa saamame dhundhumni
takka hin deebineefi. Dhugaa koo jedhee boo’aa ture, boo’aa jira.Amma
Wayyaaneen jirtuttis furmaata hin qargatu.
Dhuguma yoo warraaqsi diinagdee  jedhamu kun Oromoof dhufee jiraate,
yoo dhuguma lafti qonnaan bulaa Oromoorraa cubbuun saamame kun
deebi’aa  ta’e maaliif  baankii seena..? maaf abbaa qabeenyichaa
qonnaan bulaa Oromoof hin deebine? Gaafii kanaaf OPDOn deebii hin
qabdu, maaliif jennaan waan Wayyaaneen dalagi jetteen dalagaa jirti
malee ofii ishiitii ummata Oromoof yaaddee waan hin hojjenneef.  OPDOn
aklees har’as Wayyaanee waliin taatee ummata keenya waliin dhahaa
jirti. Waan ta’eefuu uummanni Oromoo keessumaa qeerroon Oromoo diina
waggota 26n darbaniif waliin dhahaa, saamaa, ajjeesaa fi yakkoota
garagaraa irratti raawwataa turte tana ofirraa xumura itti gochuuf
qabsoo isaa finiinsuu qaba. Qabsoon malee abbaan irree akka Wayyaanee
gateettii irraa nama hin bu’u waan ta’eef.

The post Baankiin Lafaa Maali….,  Kan Eenyuti…..,Eenyutu Hooggana….? appeared first on Bilisummaa.

Dr. MACCA’S PERSPECTIVE ON THE CURRENT DISPUTED ‘PLOT’ AGAINST OROMO LANGUAGE, CHILDREN & PEOPLE

$
0
0

Darajjee Makkoo Boorans

Dr. MACCA’S PERSPECTIVE ON THE CURRENT DISPUTED ‘PLOT’ AGAINST OROMO LANGUAGE, CHILDREN & PEOPLE

Dr. Macca (anonymized name) is a linguistics professor at Addis Ababa University, Institute of Language Studies, for the past 23 years. . Here are his views on the on the controversial Afaan Oromo/Oromo Language school textbooks & syllabi authored by some Oromo petty scholars & impostors (e.g. Dr. Tolemariam) under sponsorship of USAID. The new textbook absurdly begins teaching children NOT in the alphabetical order A, B, C…, but L, A, G. Many convincingly argue the book/syllabus contains not only a hidden agenda (possibly ‘an intention to change the whole writing system/script, a message to get the Oromo children ashamed of their identity….etc.’,) but also bears a stereotypical & unconstitutional insult to the Majority ( 40-50 million) Oromo nation.

Expressing my gratitude to his contribution, directly QUOTE his words below:

“Dear Sirs
It might be remembered that Dr. Tolermariam repeatedly said that the reason behind changing qubee order was to help children develop skills of phonological awareness (discriminating different spoken sounds in words) and phonics (sound to letter relationship) in a very simple way using ‘frequency’ criteria used all over the world. It can be recalled that I shared you the argument ‘knowing names of alphabetical letters is not the same as a reading skill.’ Bellow is an extract from Smith (1982) that briefly explains the phonics fallacies and showing there is no one to one relationship. Remember also that Dr. Tolemariam never cited an example of a country in which the order he imposed on Oromo children worked, or samples of textbooks used elsewhere.”

“The Fallacy of Phonies
The issue concerns the number and nature of the correspondence between the letters of written language and the sounds of speech. There would be a perfect ‘one to one correspondence’ between the two aspects of language if every letter stood for just one sound and every sound was represented by just one letter. Then indeed we might help children to read by getting them to learn the rules of spelling to sound correspondence. In the same mechanical way we could also employ computers to convert written language into speech, to the great advantage of the blind. All that is needed is a progamme of spelling to sound correspondence rules to connect individual letters that can be ‘recognized’ by the optical systems already available for computers to devices for synthesizing the sounds of speech, with which current technology can also equip computers. The reason phonics does not work for children or for computers is that the links between the letters and sounds cannot be uniquely specified. Both must have entire words — or large parts of them in their memory before they can recognize words, which make individual spelling to sound correspondences largely redundant. The problem is not that the correspondences are not known, but that they are too complex. They are not one to one.

For a start, our written language is provided with an alphabet of just 26 letters while there are about forty distinctive sounds in our spoken language. Obviously some letters must correspond to more than one sound. And, in fact, there is not one letter in our alphabet that is not associated with more than one sound (or with silence, like the k in knot). Nor is there any single sound of speech that is represented by only one letter. Spelling to sound correspondences are not one to one, but many to many. And there lies the core of the problem of phonics for human readers and for computers — to know which of the many to many correspondences should apply on a particular occasion. There may be half a dozen alternative ways of pronouncing individual letters and no reliable phonic guide as to when each of the alternatives applies.”

#ABCDeebisaa

The post Dr. MACCA’S PERSPECTIVE ON THE CURRENT DISPUTED ‘PLOT’ AGAINST OROMO LANGUAGE, CHILDREN & PEOPLE appeared first on Bilisummaa.

“SIYAASAA CAAMSAA (የግንቦት ፖለቲካ)”

$
0
0

SIYAASAA CAAMSAA (የ ግ ን ቦ ት ፖ ለ ቲ ካ)
Barreessaan: Gadaa Gebra’ab ( ተስፋዬ ገብረአብ)
Kan hiike: Saphaloo Kadiir (Abdulbasit)

Barreeffama Tasfaayee (Gadaa) Gebra’ab amaariffaan mata duree “የግንቦት ፖለቲካ” jedhu tokko fuula marsariitii isaa irratti argeen yoon irra deddeebi’ee dudubbisu dhaamsichi natti tole. Eegan dubbisee xumure booda garuu amaariffaan kun ijoollee Oromoof adanyoo (alergic) tahuu hubadheen ‘hangaan danda’utti afaan Oromootti yoon jijjiireef hoo?’ yaanni jedhu tokko natti dhufe. Yoon jijjiiruu jalqabu garuu akka yaadaatti salphaa hin taane. Xiqqo yoon keessa gad siqu konkolaataa darree tima (dhoqqee) seene taheen siquu dadhabe. Hundaafu barreeffamicha afaan amaariffaan barraa’e kan ‘Gadaa Gabra’ab’ barreesse san itti ittaneetumaan isiniif jijjiire. Barreeffama dheeraa torbaan tokkotti dubbisee xumure, afaan Oromootti jijjiiruuf ji’a tokko guutuu natti fudhate. “Dhiirti waan jalqabde karatti hin dhiiftu galmumaan geessi” tan jettuutu na xumursiise malee silaa waan xumuru ture. Afaan chaayinaa jijjiiruutu irra salphata natti fakkaate inumaa. (Kkkkkkk)

Dhuguma kiyya! Akkuma ijoollee Oromoo hedduutti amaariffi kun naafiis qeeyra. Duriis dabaree amaariffaa taa’ee barachuu hin jaaladhu ture. Akkuma afaan keenyaan ukkaamsa turan san gaafaan baradhu aniis hafuura natti hanqisa ture. Yeroo mara yoo barsiisaan amaariffaa seenu mugaatii na qaba. Kanaaf yeroo baayyee kutaatti hin argamu. Gaafaan qoruumsa biyyooleessaa fudhadhuus nyaara itti guuraan osoon hin dubbisin gurraachomsee waliin gahe. Balfaafi jibbaan ani isaaf qabu kanatti dallanee Finfinnee irraa osoo gad hin deebi’in achumaan gara Goondar hidhii tuulaa kutuu isaa xalayaa ragaa (certificate) kiyya irraa dhabuuniin hubadhe. Yoon laalu akka gosa barnoota biraa qubeeleen fuula dura jiru amariffi hin jiru. Walumaanuu maqaafi qubees hin agarre. Mallattoo ‘_ _’ akkanaa qofaatu jira. Barcumni isaa banaa tahuu agarraan, wanti alagaa tanuma alagaa tahuu hubadheen “Atuu firraa beekte” jedhee cal’ise. Haatahuu garuu eegas booda kitaaboota hogbarruu kan afaan Oromoo akka fedhiitti argachuun ulfaataa waan tureef kanneen amaariffaa dubbisuuf dirqameen guututtillee tahuu baatu xiqqo araarfadhe. Waa barreessuuf kan na kakaase sababni guddaan tokkoos kana ture. Yeroo sanitti fedhiin waa dubbisuu keessa kiyyaaf dharraa tahuu irraa kan ka’ee kitaaboota afaan Oromootiin barreeffaman dhabuun kiyya gaaffii qofa osoo hin taane kulkaas natti taate. Niin yaadadha, yeroo san barbaada jabaan kitaaboota asoosamaa lama kan afaan Oromoon barreeffaman ‘Godaannisaa fi Kabiir Waadoo Gadaa’ jedhu qofaan argadhe ture. Sanuu sa’atiif naaf kenname ture. Akkasittiin….

Oohh Dhiifama! Waan biraatiif baheen waan biraatti kute. Barruun amaariffaa afaan Oromootti yoo jijjiiran ni bitaachooyti. Hundaafu akkuma isiniif galutti dubbisuuf yaalaa. Barreeffamichi dheeraadha. Odeeffannoo bareedaa qaba waan taheef obsaan dubbisaa. Achumaanuu dandeettii amaariffaa hiikuu kiyyaas naaf hubadhaa (Ksksksksks…) Dubbisa gaarii!

“SIYAASAA CAAMSAA (የግንቦት ፖለቲካ)”

Ji’a Caamsaa kana keessa odeeffannoolee gurra nama dhaaban (qalbii nama hatan) hedduu dhaga’uun keenya hin oolle. Fincilli Oromiyaa magaaloota baadiyyaa keessatti itti fufuun, Buufata xayyaara Boolee maqaa jijjiiruuf yaadamuun, Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa Dr. Tewodroos Adanoom hojii barbaaduuf iyyannaa galfachuun, Waaheloonni mana hojii TPLF nageenyaa keessoo dhabuun if bir’achaa jiraachuun, deeggartoonniifi maatiin sirnichaa (wayyaanee) baayyeen tasgabbii dhabuun dheefa imala jalqabuun, Jaarmayoonni siyaasa Oromoo waliigalanii barcuma aangoo Itoophiyaa fudhachuuf dhiibbaan taasifamaa jiraachuun fi kanneen biraas odeeffannoowwan hangafoota ji’a Caamsaa kana gurra nu bu’an keessaa muraasa. Kanneen keessaa dhimmoota ijoo tahan garii moggaanillee taatu dhifanii laaluun barbaachisaa dha.

Dhugumattuu waan kana gurra isin buusuuf barreessuuf komputera banuu kiyya dura fincilli Oromiyaa keessatti itti fufuu isaa dhagaa’aati. Shawaa lixaa Gincitti, Wallaggaa Bahaa Kiiramutti, Horroo Guduruu Kombolchatti, Ambootti, Haroomayaatti, Awwaarotti, Harargee Lixaafi bakkeewwan biroottiis wal dha’iinsa humna waraana wayyaaneetiifi qeerroolee Oromiyaa jiddutti uumamuun gaga’amni lubbuu itti fufee jira. Ummanni du’a tuffate boodarra akka injifatu wayyaaneen muuxannoo fincila isaanii irraa ni beekan. Dubbiin dhimma aangoo waan taateef garuu umrii dheereeffachuuf jecha ukkaamsaafi ajjeechaa gaafattoota mirgaa itti fufee jira.

Waan jaarsi Dambi Doolloo kaniin waggoota muraasa dura Naayroobitti wal qunnameen tokko na taphachiisee niin yaadadha.
“ABO’n gorsa hin dhaga’u; Wayyaaneen immoo ballaa dha!” naan jedhe (Jaarsi)
“Maal jechuu dha aabboo?”
“Maal jechuudha.seeta? ABO’n ajjeefamaa, hidhamaallee silaa mootummaa Wayyaanee keessa dhibaa’uu qaba ture. Deeggarsa ummataa waan qabuuf wayyaanee kan girgireeysuu (rooraasuu) danda’u caasaa mootummaa keessa yoo turee dha. Wayyaaneen akka tasgabbiin biyya hin bulchine godhuu danda’a ture. ABO’n garuu bosona ummataa bal’aa dhiisee bosona mukaa filate. Obbo Leencoo qunnamee itti dubbadheen ture. Na dhaga’uu dide. Kunoo nutiis ABO faana biyyaa baane (baqanne) ‘Wayyaaneen ballaa (jaamaa) dha’ jechuun kiyya immoo maal jechuu dha seeta? Osoo OPDO’n ABO’dhaan guutamtee jirtuu; Booranaa Soloolotti, Baale Beeltuutti Harargee Booketti, Wallagga Gidaamitti ABO barbaada wiliga (ifaaja).”

! Saba-himaalee tamsaasa oduu wayyaanootaatiin ABO’n rafuu, diddiigamuu irra dabree du’ee awwaalamuu isaa irra deddeebi’iin nutti himamaa ture. Seennaa ji’a Caamsaa dabre irratti ABO dabalatee jaarmayni humnoota siyaasaa Oromoo afur waliigaltee godhuun isaanii odeessa qalbii nama fuudhu tahee ture. Kaayyoo Abboomaa Mitikkuu’faan itti qaxara qooran (caphan) san galmaan ga’uuf warreen itti gaafatama fudhatan yeroo dheeraaf waliin ooduun isaanii deeggartoota mufachiisuu hin oolle. Sababa xiqqaa uumame irraa ka’uun gaggeessitoonni dhaabbiilee siyaasaatiifi hayyu duroonni qaawa garaagarummaa bal’isaa deemuu isaanii hawaasni dursee hubachuun baruumsa kennaafii ture. Waliigalteen kun dhiibbaa hawaasaatiin kan godhame tahuun isaa ifa. A B C D’n (jalqabni) gaggeessoota siyaasaa ummata dhageeffachuu tahuu akka qabu waan dubbachaa turree dha.

Tahullee bu’urri waliigaltee jaarmayoota afranii gad fageenyaan (bal’inaan) hin ibsamne. Warreen humnoonni siyaasaa Oromoo akka Itoophiyaa gaggeessu (hogganu) hawwan jalqabbii kana mil’uu halaalaa (mul’ata fagoo) jechuun dhaadheessanii jiru. Waliigaltee jaarmayoota kana keessatti hirmaannaan warra dhihaa hangam akka tahe ifatti (qabatamaan) wanti dubbatame hin jiru. Waliigalteen jaarmayoota siyaasaa Oromoo kun gochaniis (hojiiniis) yoo kan mirkanaa’u tahe sababni humna jabaa naannawaa tahuu hin dandeenyeef hin jiru. Qabatamaan adeemsoota dhokatoo akkanaa keessa ajandaan iccitaawaan jiraachuu danda’a. Tahullee garuu furmaanni bayyanootaan to’achuu (eegu) malee tokkummaa gugachuu (diduu) tahuu hin qabu. Jaarmayoonni siyaasaa Oromoo yeroo murteessaa kanatti sadarkaa Itoophiyaafi Afrikkaatti dhageeytii argachuu kan danda’an yoo rakkoo keessoo isaanii hir’isanii qalbii takkaan deeman akka tahe kan akeeku barreeffamoonni ‘darzana’ caalu dubbisaaf dhihaatanii jiran. Milkaa’innaafi laata? Moo boru ammaas “Ni taati jannee harree qallee – hin taatu jennaan harree galle” jechuuf jiraatan?

Gorsittoonni hojjattoota Imbaasiilee biyyoota dhihaa kan Finfinnee jiruu yookaa gorsitoonni dippilomaasootaa baayyeen hayyootaa saba Amhaaraa irraa akka tahan beekkamaa dha. Sanadoonni (ragaaleen) dhiheenya kana arge akka ibsutti eega fincilli Oromiyaa keessatti dhoo’e booda galmeeleen yaada gorsitootaa hedduun “gorsa yeroon itti dabarte” jedhamuun man-kuusa (harshim) itti ergamanii jiraan. Gorsitoonni waa’ee Itoophiyummaa fi dadhabina (hir’ina) sirna federaalawaa ilaalchisee ragaaleen isaan dhiheessaa turan gaaffii ummata Oromoo waliin kan wal hin simanne tahe. Odeeffannoowwan gorsitoonni ykn akeektoonni fidan kun man-kuusaatti ergamuun dura “Ragaa qabatamni haala biyya keessa jiru keessatti hin hammatamin, kan fedhii keessoo isaanii qofa calaqqisu” jedhamee ture. Eegas warri Awrooppaanootaa ragaalee kallattiin ummata Oromoo irraa argachuuf yaalanii jiran. Oromoota waardiyummaafi hojii kunuunsa biqiltuu hojjatan irraa jalqabii hanga beektootaatti, abbootii gadaa, qaalluu, haawwaniifi jaarsooliitti qorattoota erganii qorannoo gabaabduun taasisan dhugaa jiru akka isaan hubachiifte gabasni isaanii ni addeessa. Kana jechuun mormii ‘master planiifi ajandaa Itoophiyummaa irra dabree gaaffiifi fedhii ummata Oromoo beekuu danda’anii jiran. Bu’aan ragaalee kanaa guddaan fedhiifi gaaffiin dargaggoota Oromoo kan qalbii nama harkisu, kan xiyyeeffannoo argachuu danda’e tahuu isaati. Kun kan tahuu danda’eef gaaffiin qeerroo Oromoo waytiin dammaquun, ijaaramuu danda’uun, saba guddaa baayyinaan hunda caalu tahuu waliin Itoophiyaa guututti dhunfatanii gaggeessuuf akka yaadan, Itoophiyummaa akka eenyummaatti simachuuf waan godhuu qaban irratti akka mari’ataniif kan isaan dirqisiisee dha.

Gabaasni warra Awroppaanootaa magaalaan Finfinnee sadarkaa sirraa’uun hin danda’amnetti baduu isii ibsa. Aarri gaarii (makinoota) dullooman irraa bahu qilleensa magaalattii garmalee faaluun daa’imman dhalatan dhukkuba asmiitiif saaxilamaa jiraachuus itti dabalee ibsa. Ijoon dubbii gabaasa kanaa aangoo irra turuuf sirni wayyaanee humna dhabee jiraachuu isaas ni ibsa. Waliigalteen jaarmayaalee siyaasaa Oromoo gamaaggama warra dhihaa kanaan wal qabachuu isaa ragaa akeekuu hin qabu. Qeerroo Oromoo murannoon kaate kanaaf humna filannoo tahuun Itoophiyaa dimokraatooyte akka fudhataniif (dhaalaniif) xurree saaquuf akka qaban gabaasni kun addatti jala harriiqee jira. Dabalataan gabaasichi tuffii gaggeessitoonni wayyaanee (tplf) hayyoota warra amhaaraaf qaban akeeka. Sabni amhaaraa sabummaaniis tahee Itoophiyummaaniis jabaatanii ijaaramuu dadhabuu; hegerellee ijaaramuu danda’uun isaanii shakkisiisaa tahuu; kan hojiirra jiraniis tuffii hogganoonni wayyaanee isaaniif qaban qaama godhatanii (itti maqadanii) jiraachuus barreeffamichi ni ibsa. Haala tuffii kana ilaalchisee kanaa ol wanti balballoomse hin jiru. Akeekni haqaarame kun xiyyeeffannoo kiyya waan buteef aggaammii “Amhaara tuffachuu” kana irraatti waa dabaluun barbaade.

Sirba amhaariffaa kan dhiheenya kana kilippiin hojjatame tokko yoon laalu, sirbicha keessatti bo’oolee; “Qeerrensa ijji dhukkubde – adurreen siin gaggeessa jetteen” walaloo jettu tan dhaamsa gaabbii qabdu takka dhaga’eetiin ajaa’ibe. Qeerrensi ijji dhibamte fakkeenya amhaaraa yoo tahu, kan adurretti fakkeeffame immoo wayyaanee fakkaata. Gaggeessitoonni siyaasaa yaada akka wellisaa kanaa qaban dhugaa dirree taa’u qabatamaan hubachuun dirqama natti fakkaata. Dhugaa jiru kana hubatanii; wal qixxummaafi dimokraasiif yoo kan hin qabsooyne tahe adurreen qeerrensa ijji dhukkubdu kana qilee keessa buusuuf carraa argatti. Dhugumatti wayyaaneen akka ‘adurree’ ykn ‘re’ee’ fakkeeffamtee qeerreensa dursitu tan welliftoota amhaaraan sirbamtu tun ‘qeerrensicha’ akkamitti akka ilaaltu sirritti hubachuun barbaachisaa dha. Gaggeessitoonni wayyaanee waggaa 25’n dabran murna ‘qeerrensa’ ifiin jedhu kana tuffii waliin bulchaa turte. Warri dhihaatiis dhimma kana sirritti ibsanii jiran. Akka moggaasatti warri TPLF “jeeqtoota hayyoota amhaaraa” jettuun kun adeemsan tuffii wayyaaneetti akkamitti akka madaqan kan ibsu ragaa biraa tuquuniis ni danda’ama.

General Asamminaw Tsiggee ‘Gimbot 7’ waliin tahuun wayyaanee mootummaa irraa fonqolchuuf qophii irra osoo jiranii qabamee hidhamuun isaa ni yaadatama. Eega hidhan booda “Amhaara fincaanee” jechuun arrabsaa dumucaan deddeebisaanii akka tumaa turan dubbatamee jira. Televziyoonni ESAT’tiis kana gabaasee ture. Ragaan kun TV ESAT’tiin yoo dabru ummanni amhaaraa aaree dachii samii lolaan walitti garagalcha jedhamee eegamee ture. Wayta sanitti gaazaxeessituun ‘Bizuu Wandimaagany’ bakka namoonni hedduun argametti ‘paltalk’ irratti afeeramtee “Wayyaaneen kana ol maal nuun haa jettu? Hanga akkam nu godhan eegna? Nu salphisan! Nu tuffatan! Dhiira ija diimtuu isaan garsiiftu hin qabnu jechuudha?” Jechuun hudhaanhudhamtee dubbattuus dallansuu uumuu hin dandeenye.

Dhimma kana irratti wayta san yoo haasooynu qaphxiin irratti waliif galle humni wayyaanee mormu tokko sirnaan ijaaramuu dhabuu akka tahee dha. Qabatamaaniis ummanni hin ijaaramin jechaan arrabfamuu qofa osoo hin tahin akkuma Aster Awwaqe “ቢጭኑት አህያ – ቢለጉሙት ፈረስ ነው” jette wellifte sani (Yoo fe’an harree – cancalan farda) akka jechuuti. (Akka ani afaan Oromootti hiikuuf yaaletti immoo ‘Wadala ba’aa duuyda irra kaay’anii – jirma duubaan irra kaayan’ ykn ‘kan fe’amuus hin kabajamne harree dha’ akka jechuuti natti fakkaata.) Wayyaaneen akka barbaaddetti amhaara irratti akka qoostu kan isii taasise sirnaan ijaaramuu isii waan ofitti amantuufi. Jaarmayni humna. Yoo hin ijaaramne baayyi lakkoofsa ummataa hangam walitti kuufamuus, humni barate ardii guutee irraa hafuus, dureeyyonni bayyatuus humaa gatiin qabu. Gama biraatiin daaballii (kuufama) namootaa qofa tahuu keeti. Somayyoo alaa shankooraati. Eenyulleen dhufee si shalabuu (muruu) danda’a. Fincilli Oromiyaa ji’ootaaf itti fufuu kan danda’e hoggansa ijaaramaa waan argateefi.

Fincilichi qeerroon hogganamuu ykn Jawar Mahammadiin hogganamuu miti dhimmi ijoon. Dargaggoonni Oromoo wiirtuu takka jalatti ijaaramanii hogganamaa jiraachuun isaanii garuu dhugaa dha. Wayyaaneen yeroo warraaqsa qabsoo keessa jirtu san magaalaa Maqalee seentee mana hidhaa dargii keessaa hidhamtoota 1500 baasuun fudhaachuu kan dandeesse humna cimaa sirnaan ijaarame waan taateef ture. Jaarmaya maqaa tokkummaatiin ijaarame wiirtuun deeggartoota isaanii magaalaa Finfinnee tahuu himaa, akkamitti Andargachoo Tsiggee ykn Iskandar Naggaa mana hidhaa keessaa futtaasuuf osoo hin yaalin hafan? Burtukaan Miidhagsaa mana dukkanaa keessatti hidhanii yoo miidhan deeggartoonni isii miliyoonni akkamitti cal’isanii ta’an? Akka wayyaaneen jettutti onnee dhabuu ykn sodaa natti hin fakkaatu. Ummanni gamtaan sodaataa ykn goota jedhamu hin jiru. Rakkoon ijaaramuu dhabuufi gaggeessaa dhabuu dha. Guddatoota ol fiilu jirmaan mataa dhawanii ajjeeruun ‘humna tokkummaa’ jechuun if moggaasuun siyaasaa keessatti aadeeffamee jira. Warri akka Andergachoo, Iskendar, Andu’aalam faan akka tiksite Muusseetti saba isaanii hogganuuf ka’an. Wayyaaneen karatti eeggattee ukkaamsitee butte. Deeggartoonni isaanii hiidhii xuuxxachuu ala wanti godhan yoo kan hin jirre tahe, carraan gaggeessaa horachuu dhiphachaa (xiqqaachaa) kan deemu akka tahe hubatamuu qaba. Manzeen dur yoo makmaaku “Kan duraa maaliin awwaalte” jedha ture.

Mata duree kiyyatti yoon deebi’u, wayyaaneen gaafa warraaqsa qabsootti jirtu qabsaa’oota isii sirba tigraffaa “ተጋዳላይ ትግራይ – ዓሻ አምሃራይ” (Tirgeen qabsaa’oota – amhaarri gowwoota) jedhuun onnachisaa (kakaasaa) turte. Dabbaloonni qonnaan bultootaa kanneen sirba kanaan kakaafamaa gaafa Finfinnee dhunfatan, piroppogaandaa ittiin ijaaraman san akka dhugaatti amananii fudhachuun itti fufan.. Onnachiiftuu waraana irratti itti fayyadamaa turan “Amhaarri gowwaafi sodaataa dha” jedhu san gaggeessitoota dhaabichaa dabalatee dhimma piroppogaadaatiif itti fayyadamaa turuu dagatanii qabatamaan yoo calaqqisan ni mul’atan. Jechama kanaaf General Samooraan fakkeenya guddaa tahuu danda’an.

Yeroo tokko murni waraana wayyaanee ‘Sangadee’ jedhamu ABO waliin waraana walitti banuun injifatame. Gaggeessaan murna waraana sanii miseensa koree giddugala ‘Ihadeg’ kan tahe Tafarraa Kaasaa (Amhaara) ture. Wayta san humni waraanaa sirnaan caaseeffame hin ijaaramne ture. ‘Sangadeen’ eega ABO’n murruq taatee diigamte booda General Samooraan waraana hambaa lubbuun eewalamaniifi hoggansa isaanii gamagamaaf walitti qabe. Salphinni kun akkamitti akka uumamuu danda’e qorannaa bal’aan eega gaggeeffamee booda Saamoraan hedduu aaree “Kufaatiin kun waan Tafarraa Kaasaa sodaataa taheef uumame. Rakkoon kana” jechuun goolaba. Loltoonni kutaa waraana ‘Sangadee’ hogganaan isaanii sodaataa jedhamuuf guutuun gururi’an. Gunguummiin “Akkamitti akkana jetta?” jettu fakkaattu itti fufaa deemte. Walgahicha irra dabballoonni wayyaaneetiis waan turaniif Samooraan haasawicha akka sirreessu gaafatan. Samooraan garuu daranuma itti hammaate. Akkana jechuun itti fufe.

“Yoo dhugaa feetan ittiin dabala! Kutaan waraana ‘Sangadee’ guututti sodaattuu dha” yoo jedhu galmi guutuun iyyaansaan sossoo’e. Harki hurgufamu mul’achuu jalqabe. Samooraa sagalee jabduun morman. Dabbaloonni wayyaanees Samooraan akka waraana dhiifama gaafatu dhiibba taasisan. Samooraan dhiibbaafi mormii san hunda sesseeqaa eega dhageeffateen booda ammaas ‘mic’ qabate. Dhiifama gaafata jedhanii yoo eegan inni immoo “Wantiin dubbadhe dhugaadha. Isiniif dabaluus niin danda’a. Amaarri mataan isaa uumamaan sodaattuu dha!!” jechuun yoo dubbatu galmi guutuun kofla itti baqeeyse. Tokkolleen namni lolehin turre.

Samooraan eega ijoollummaan TPLF’tti makamee jalqabee roga kanaan ijaaramaa ture waan taheef ilaalcha kana salphatti gad dhiisuu hin dandeenye. Warri “Itoophiyaan yoo amhaaraan hin hogganamne biyya hin taatu” jedhuu roga faallaatiin akkuma Saamooraa kanneen piropagaandaa siyaasaa sobaatiin ijaaramanii dha. Garaagarummaa hin qaban. Ijaarsi akkanaa baruumsaanillee jijjiiramuun ulfaataa dha. Mangistuu Haylamaaram gaafa aangoo qabatu warri silaa barate jedhaman bifaan gurraachomuufi hidhii fufurdachuu isaa qofaaf akka waan Itoophiyaan kufteetti yaaduun isaanii waytii san kan mul’ateefi kan taajjabamee dha. Mangistuun hogganaa isaanii tahee osoo jiruu; warroonni ilaalcha sirna kufeetiin faalaman dubbiftoota oduu TV’tiifi keessummeessitootaaf shamarran diddiimtuu filaa turan. Ulaagaan filannoo akkanaa kun ifatti xalayaa irra kaayamee kan jiru yoo tahu; “Fakkii bareedina Itoophiyaa calaqqisuuf” moggaasa jedhu laataniif.

Wayyaaneen dhugaatti wayta qabsotti jirtu san amhaara akka sodaattuutti bocuun qonnaan bultoota humna waraana isii waliin wal barsiisuun loltoota isii onnachiisuuf itti dhimma bahuuf fayyaduu danda’a. Dargiiniis gama isaatiin wayyaaneen uumaa sodaachiftuu tan gurra tokko akka itillee afattee gurra tokko akka bullukkoo uffattee raftu fakkeessee ummataan wal barsiisuuf yaalee ture. Eega wal waraansi goolabame booda gurri loltoota wayyaaneetiis gurruma ilma namatiin wal fakkaachuun isaa barame. Gaggeessoonni wayyaaneen garuu gama isiitiin eega waraanni goolabame boodaas onnachiiftuu “amhaarri sodaattuu – amhaarri doofaa” jedhu san dhugoomfatanii itti fufuun waan nama kofalchiisu. Sibhaat G/Egzaber “Habashaafi sareen yoo dura rifachiifte si dhiiysen” jedhee ture. Wayyaaneen amhaara irra deddeebi’iin arrabsuun tuffii qabaniif tanatti madaqan, sodaattummaa isaanii amananii akka fudhatan taasise. Garuu hin hubanne malee waraana loltee moohatte tokko “sodaattuufi doofaa turte” jettee salphisuun ifuma arrabsuu dha. Sababniis gamabiraatiin “sodaattuufi gowwaa injifachuufiin waggaa 17 qabsaawe” akka jechuuti.

Kunoo gaa! Ji’a Caamsaa keessa odeeffata gurra nama dhaaban dhaga’uun baratamee jira.
Bufanni Xayyaara Boolee ayyaana injifannoo Caamsaa 20mi waliin wal qabatee maqaa jijjiiruuf kan yaadame tahuu dhaga’uun ji’uma Caamsaa kana keessa. Osoo Abbooy Sibhaat yaadicha fudhatama dhabsiisuu baatee (kuffisuu dhabee) tarii hangafoota oduu bara kanaa tahuu hin oolu ture. Dubbiin kallattii gara “Melas Foundation” kanaa kaate jedhama. Buufanni Xiyyaara Maqalee Raas Aluulaa Abbaa Naggaatiif, Buufanni Xiyyaara Goondar Axee Tewdiroosiif waan kennameef; kan Finfinneetiis akkasumatti nama Itoophiyaa gocha guddaa raawwate tokkoof kennamuun sirrii waan taheef; ayyaanni waggaa 25ffaa Caamsaa 20 (ግንቦት 20) wayta kabajamutti yoo raawwatame kan jedhu ture.

Namni odeeffannoo tana naaf erge akka natti himetti hama “Buufanni Xayyaaraa kun kallattiin Mallas Zeenawiif kenname” jettu jalaa eewalamuuf koreen dhaabbattee Waalaleny Makonniniifi Xaayituu Bixul Mallas waliin dorgommiif ni dhiyaatu. Koreen seenaa namoota sadeenuu qorachuun akka dhiheessan ajajamu. Itiigee Xaayituun bu’ureessituu Finfinnee, injifannoo Adawwaatiif wareegama tan kafalte hanga ammaa yaadannoo gocha isii guddaa kanaan walgitu waan hin argatiniif Buufanni xayyaara Boolee isiin mala barruun jedhu dhiyaate. Waalaliny Mokonniniis deeggarsa jabaa argate. Yaada keeyyata sabaafi sablammoonni mirga hiree mataa isaanii murteeffachuu hanga fottoquutti jedhu kaasuun barattoota jijjiiramaaf kan dammaqse; dabalataan ammaas buufata xayyaara Booleetti haala hamaan xayyaa keessatti kan ajjeefame waan taheef buufanni xayyaaraa maqaa isaatiin moggaafamuu qaba jedhame. Gama Mallasiiniis haaluma kanaan barruun bal’aan dhihaatee ture. Wareegama Mallas eega boqote booda himamaafi ture marti cunfamanii dhihaatan.

Burqisiiftoota yaada kanaa bira dabruun dhimmichi Sibhaat Naggaa bira yoo gahu garuu yaadicha gabaabumatti goolaban jedhama. Akkaan dhaga’etti Abooy Sibhaat “Maqaa Buufata xayyaara Boolee jijjiiruuf yoo kan yaadamu tahe Elemoo Qilxuutiin yoo moggafame isiniif irra wayya” jechuun dubbatee dhimmicha cufe. Jechi isaa kun Abooy Sibhaat seenaafi xiinsammuu saba Oromoo sirritti beekuu ni mirkaneessaaf. Hundumaafuu Boolee Mallaas badhaasuun siyaasa biyyattii aaraa jiru irratti boba’aa (benziina) firfirsuuf yoo kan yaadamu tahe gaarii dha.

Ji’a Caamsaa kana oduun gurra nama dhaabu hin dhabamu.
Naannoo ganfa Afrikkaatti ji’a Caamsaa waliin wal qabatee seenaa injifannoo fi kufaatii muraasatu jira. Warri wayyaanee Caamsaan naannawee yoo dhufu “Kan Sirnii Dargii itti barbaadaa’e” jechuun haala addaan kabaju. “Humnoota Tokkummaa” jedhamuun warri beekkamu gama isaaniitiin “Ginbot 7” guyyaa jedhamu ‘Guyyaa Dimokraasii’ jechuun yaaman. Sababniis filannoo 1997 kan wayyaaneen itti duwwaan baate gaafa Caamsaa 7 waan taheefi. Deeggartoota wayyaanee immoo Caamsaan 7 dhukkubbii mataati. Dabalataan rakkiftoonni Andergachaw Tsiggee fi Birhaanuu Naggaa jedhaman maqaa guyyaa wayyaaneen hin barbaannee kanaan dhaaba siyaasaa hundeessan. Seenaa siyaasaa Itoophiyaa keessatti Caamsaan 8 yaadannoo biraati qaba. Ajajoonni waraanaa Mar’iid Nuguseefi Faantaa Balaay jedhaman Generaaloonni lama dargii irratti fonqolcha mootummaa raawwachuuf yaalii godhanii osoo fiinxa hin bahiniif hafe gaafa Caamsaa 8 kana..

Ji’uma Caamsaa kana keessa ture warri Eertiraa biyya isaanii kan itti walaba baafatan. Kabaja guyyaa yaadannoo ayyaanicha bara kanaa irrattiis keessummaa kabajaa tahuun kan afeeraman keessaa H/D ABO obbo Daawid Ibsaafi Hogganaa ONLF Admiiral Mahammed Umar faa dha. Hogganaan paartii ‘ Arbanyoch Ginbot 7′ Birhaanuu Naggaa ayyaanicha irratti argamuu hin oolu jechuun eegeen ture. Eega hojii dhaabaatiif gara biyya Ameerikaa imale deebi’uu dhabuu isaa eegasiin hubadhe. Ayyaanicha irratti argamuu dhabuun dhugumattuu isaaf carraa gaarii uumeef. Silaa ayyaanicha irratti hirmaate tahee deeggartoonnifi diddiigtoonni marti kasha ittiin waaran argatan ture.

Wayyaaneen gama isiitiin waggaa 25ffaa ayyaana Caamsaa 20 yoo kabajattu dargaggoota mootummaan Dargii sababa goolii Diimaatiin galaafate yaadachuudhaan ture. Kana godhuun isii garuu maaliifi? Dargaggoota sababa fincila Oromiyaa keessaatiin galaafataman kan goolii diimaa waliin madaaluun “Wayyaanee yeey! Dargaggoonni ati fincila Oromoo irratti galaafatte kan goolii diimaan ajjeefamanii gadi, kanaafuu jabaadhu ifitti hin qaanfatinii’ jennee akka jajjabeessinuuf barbaadeetii? Moo goolii diimaa yaadachuun “Arraas haala kanasn dabalamuu ni danda’a” jechuun dargaggoota yeroo tanaa onnee fuudhuufi sodaachisuufi?” Kaayyoon isaa hin beekkamne.

Dhiheenya kana akkuma carraatti dhalattoota Tigraay kan Finfinnee jiraatan waliin wal qunnameen ture. Deeggartoota sirna bulchiinsa wayyaaner yoo tahanillee Tigraay keessatti ukkaamsi Finfinnee irra kan hammaate tahuu na taphachiisanii jiran. Deeggartoonni TPLF kan Finfinnee keessa jiraatan bara hegere fuul duratti shakkuun qabeenyaafi maallaqa isaanii gara doolaaraatti jijjiirrachaa kan jiran tahuus natti himanii jiru. Haaluma wal fakkaataan odeessa kana qaama biraa irraa mirkaneeffachuu danda’een jira. Aanga’oota, deeggartootaafi maatiin geengoo Ihadeg keessa jiran gara biyyoota Afrikkaa kanneen akka Ruwaandaa, Ugaandaa, Botoswaanaafi Keeniyaa faatti imalanii meeshaa bitachuun miila tokko biyyarraa baafatanii jiran. Dureeyyoonni sirni malaammaltummaawaan horate kanneen nama doolaarii kuma dhibba tokko dhiheesseef doolaara tokko gatii birrii 30’tiin shalaguun sharafatan.

Deeggartoonni sirna wayyaanee fi maatiileen isaanii Imbaasiiwwaan warra dhihaa ‘visa’ gaafachuuf dhiphisaa jiraachuun dhimma qalbii harkisu kan biraati. Biyyoonni miseensoota gamtaa Awrooppaa dabaluu dhufuu gaafattoota ‘visa’ biyyoota isaaniif kan gabaasan yoo tahu; sababniis tasgabbii dhabuu siyaasaan biyyattii yeroo ammaa qunnameen wal qabatee namoonni baayyeen maatii isaanii irraa fagaachuuf fedhii qaban irraa kan madde akka tahees ibsamee jira.

Tasgabbii dhabuun siyaasaa biyyattii qunname kun fincila ummata Oromootiin kan wal qabatee dha. Sirnichi filannoo 2015 sagalee guutuun filatamuu isaa wayta labsu miseensoota miliyoona 6 qabaachuus dubbatee ture. Miseensoonni kun maatii isaanii waliin miliyoona 30’tti akka dhihaatan warra dhihaa amansiisanii turan. Fincilli Oromiyaa wayta dhoo’u immoo ragaa isaanii kan dharoomsee fi burjaaja’uu filannootiis kan mirkaneessee tahuu danda’ee jira. Bakka bu’oonni sagalee guutuun filataman jedhamuun dhaadheeffamaa turan hojii irraa ari’uun Oromiyaan humna waraanaatiin akka bultu taasifamuun kun dandeettii itti fufiinsa sirnichaa koomaa keessa kan galchee dha. Wayta wayyaaneen fiigicha isii xumurtu eenyu akka aangoo irraa fudhatu raaguun ulfaataa tahuus; araar-qaboon warra dhihaa akka uumamuu malu yaaduun ni danda’ama.

Akkuma fedhees haa tahuuti raagni rog-danuu itti fufee jira. Itoophiyaan carraa akka biyyaatti itti fufuu akka hin qabne warri ibsuus jira. Duguuggaan sanyii mudaachuu mala jechuun warri shakkuus jira. Gaafa jala bultii kufaatii sirnootaatti raagawwan akkanaa dhaga’amuun baramaa dha. Gaafa kufaatii mootummaa dargii tilmaamoota akkanaa dhaga’amaa ture. Garuu akka tilmaamame san hin taane. Mootiin moototaa Haylasillaaseen yoo du’e goolabbii Itoophiyaa akka tahu raagni dubbatamaa turees sheekkoo tahee hafe. Raagni kanaan duraa marti waan hin milkaa’iniif shakkiin ammaa kuniis akkuma kanaan duraa kan dhaadheeffame jedhanii yaaduun garuu sirrii miti. Dhimma boruu hubannoon yaaduun gaarii dha.

Gadaa Ghebreab
Maddi: “የቅዳሜማስታወሻ”
Website: http://www.tgindex.blogspot.com
ttgebreab@gmail.com

Kan hiike: Saphaloo Kadiir | Abdulbasit

The post “SIYAASAA CAAMSAA (የግንቦት ፖለቲካ)” appeared first on Bilisummaa.

Viewing all 1337 articles
Browse latest View live