Quantcast
Channel: Welcome to bilisummaa
Viewing all 1337 articles
Browse latest View live

Welcome to Oromo sport festival 2017 Sweden,Stockholm from July 7-8


Ethiopian Olympic silver medallist Feyisa Lilesa is calling on the international community to do more to stop the alleged persecution of Oromo people.

$
0
0

The 27-year-old athlete, who is an ethnic Oromo, made headlines last year after he crossed his arms over his head as he passed the finish line in the marathon race at the Rio 2016 Olympics. The gesture is a symbol of resistance Oromo people widely used during anti-government protests in Ethiopia in 2016.

Making up 34.4 percent of the country’s 102 million people, the Oromo are Ethiopia’s largest ethnic group. The Ethiopian government is dominated by the Tigray minority, who make up 6.2 percent of the total population.

For more click here

The post Ethiopian Olympic silver medallist Feyisa Lilesa is calling on the international community to do more to stop the alleged persecution of Oromo people. appeared first on Bilisummaa.

Bu’uura Heeraa Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa Xiinxala Seeraa

$
0
0

Abduljebar Hussien ( abukaatoo)

Bu’uura Heera mootummaa Federaalaawa Dimokiraataawa Ripaapliika Itoophiyaa(HMFDRI) kwt. 46(1) tiin mootummaa Federaalaa naannooleedhaan kan ijaaramee dha. Bu’uura kanaan akkaataa ulaagaawwan heericha kwt. 46(2) jalatti tarreeffamaniin naannooleen miseensota mootummaa federaalaa ta’an sagal kwt. 47(1) jalatti tarreeffamaniiru. Saboonni , sablammoonni fi ummaattoonni naannoolee saglan kanneen keessa jiraatan yeroo kamiiyyuu naannoo mataa isaanii hundeeffachuu akka danda’an tumaa heerichaa kwt. 47(2) jalatti himameera. Magaalaan Dirree Dhawaa kana keessa hin jirtu.

Osoo naannoleen Soomaalee fi Oromiyaa hin hundeeffamin duraayyuu maddaa fi hiikkoo maqaa Dirree Dhawaa jedhu kana ilaalchisee saboota kanneen lameen jidduu waliigalteen akka hin turinitti himama. Bara 1983 yeroo mootummaan ceehuumsaa hundeeffamu immoo gaaffiin saboota lameen kanaa gara gaaffii abbaa biyyummaatti ol guddateera. Magaalaan Dirree Dhawaa irratti gaaffiin saboota lameenii sadarkaa ol’aanaatti kan cehe labsii lakk. 7/84 saboota, sablammootaa fi ummaattootaa hiikkoo kennuu fi ulaagaawwan mootummaaleen naannoo itti daangeffamuu qabu ibsu erga bahee dha. Naannooleen lameenuu ulaagaawwan labsii kana jala taa’an bu’uureffachuun Oromiyaan magaalaan Dirree Dhaka gara kiyyatti daangeeffamuu qabdi yoo jedhu naannoon Somaalees immoo gara naannoo isaanitti akka daangeffatu gaafataniiru. Labsiin kun saboota, sablammootaa fi ummaattootaa garaagaraa 63 adda baasee mootummaalee naannoo 14 ka hundeessee dha.

Osoo tumaaleen labsii lakk. 7/84 sirnaan sirriitti hojiirra ni oola ta’ee silaa yoona magaalaan Dirree Dhawaa naannoo Oromiyaatti ykn naannoo Soomaleetti daangeeffatee jirti. Hanga gaaffiin nnaannolee kanneenii bu’uura seeraatiin deebii argatuutti jedhamee itti yaaamamni isii mootummaa Federaalaaf ta’ee hanga bara 1985 tti bulchaa mootummaa jiddugaleessa irraa ergamuun bulaa turte. officials who administered Dire Dawa were appointed by the central government. There is no document denoting the expressed will of the two regions in inviting the federal government to handle the dispute Waltahiinsa naannolee lamaaniitiin labsii kana kwt. 2(5) jalatti magaalaan Dirree Dhawaa bara 1985 hanga 1987 bulchiinsa yeroodhaa (the provisional administration) ta’uun hundeeffamtee jirti.
Heerri MFDRI 15/12/1987 bahes dubbii magaalaa Dirree Dhawaa tanaa furmaata osoo hin kenning hafeera. Bu’uura labsii armaan olitti ibsameen akka naannoo tokkootti miseensoota mootummaa federaalaatti hin dabalamne; yookaan (sababni gahaan ni jiraata yoo ta’e) magaalaa of dandeesse ofiin of bulchituu hin goone(there was no self administration): heerichi manni maree bulchiinsa magaalichaa mootummaa Federaalaatiin hundeeffamuu akka danda’us hin ibsine.

Ergi Heerri bahee hojirra ooleen boodas bu’uura tumaalee Heerichaatiin dubbii magaalaa Dirree Dhawaa kana hiikuuf tattaaffiin godhame hin jiru. Osoo ta’eellee heerichi furmaata ni laataa? Gaaffii jedhuuttu ka’a. Naannoo Oromiyaa fi Naannoo Somaalee jidduu Magaalaa kana ilaalchisee falmiin jiru naannoo kiyyatti dangeeffamuu qabdi kan jedhuu dha. Akkaataan waldhabbiin daangaa mootummaa naannolee jidduutti dhalate itti hiikkamu HMFDRI kwt. 48 jalatti tumameera. Bu’uura kanaan daangaa ilaalchisee gaaffiin yoo ka’e jalqaba waliigaltee nannoleetiin yoo dadhabame immoo MMF tti dhiyaatee manni marichaas yeroo waggaa lama hin caalle keessatti murteessuu akka qabu kwt. 48(1)(2) jalatti tumameera.

Mata dureen tumaa kanaa “jijjiirraa Daangeffamaa” jedha. Tumaan kun erga daangeffameen booda falmii daangaa ilaalchisee ka’u kan ilaallatuu dha. Akkuma armaan olitti ibsuu yaaleetti bu’uura labsii lakk.7/84 tiin daangaan mootummaa naannolee adda bahee daangeffamee jira. Yeroo heerichi labsamu sanatti naannoleen saglanuu daangeffamanii jiru jechuu dha. Kana irra dhaabbachuun Heericha kwt. 47(1) jalatti naannoleen sagal adda bahanii tarreeffamanii jiru. Magaalaa Dirree Dhawaa jalqabuma irraayyuu garamittuu waan hin daangeffaminiif tumaan heeraa kun raawwii hin qabu jechuu dha. Kanaaf rakkoon magaalaa tanaa amma boodallee furamuu hin danda’u jechuu dha?

Chaartara bulchiinsa Magaalaa Dirree dhawaa labsii lakk. 416/96 Mana Maree bakka bu’oota ummataatiin bu’uura HMFDRI kwt. 55(1) tiin gaafa 23/11/96 yeroo jalqabaatiif baheera. Manni marichaa seensa labsii kanaa irratti akka ibseetti barbaachisummaan chaartarichaa rakkoon magaalaan Dirree Dhawaa furmaata fulla’aa seerawaa ta’e hanga argattuutti magaalichi yeroodhaaf ofii isiitii akka of bulchituuf fi jiraattoota magaalichaatiif aangoo ofiin of bulchuu akka qabaataniif bu’uura seeraa kaayuuf akka ta’e ni hubatama. Chaartara bulchiinsa Magaalaa Dirree dhawaa labsii lakk. 416/96 kan bahe rakkoon magaalichaan walqabatu fulla’iinsaan hanga furamaanni itti kennamutti qofaa akka ta’e ibsameera. Manni marichaa bu’uura heeraatiin furmaata jedhamu barbaachuu irra labsiiwwan labsii kana fooyyessan baasuu filateera. Chaartara kana fooyyessuuf labsiin lakk. 483/98 baheera.

Isa fooyya’e kana fooyyessuf immoo labsiin lakk. 514/99 gaafa 14/05/99 fi labsiin lakk. 536/99 gaafa 16/11/99 bahaniiru. Kanaaf sababa hin beekamneef wanti yeroodhaaf jedhame kan dhaabbataa ta’uuf akka deemu dheerinna yeroo erga dhimmi kun ka’erraa jirurraa tilmaamuun nama hin dhibu. Dubbiin kan hafte gaafa naannoleen daangeffaman sanaa dha.

Akkuma olitti ibsame magaalattii of dandeesse akka bultu hanga gaafa 1985 murtii mootummaa ceehumsaatiinii; gaafa 1985 hanga 1995 immoo murtii labsii lakk. 7/84 keessatti kennameedhaani. Sana booda hanga ammaatti immoo chaartara labsii lakk. 416/96 manni mare bakka bu’oota ummataa bu’uura HMFDRI kwt. 55(1) tiin baaseedhaani. Gaaffiin guddaan Manni mare kun seera akkanaa baasuuf aangoo ni qabaa? Tan jettuu dha.
HMFDRI kwt. 55(1) jalatti manni mare bakka bu’oota ummataa aangoo seera baasuu kan qabaatu daangaa aangoo heerichaan mootummaa federaalaatiif kenname keessatti qofa akka ta’e tumameera.

Dhimmoonni angoo mootummaa Federaalaa jalatti kufan immoo HMFDRI kwt. 51(1—21) jalatti tarreeffameera. Manni mare bakka bu’ootaa daangaa kana keessaa bahuu hin qabu jechuu dha. HMFDRI kwt. 51(1—21) jalatti mootummaan federaalaa magaalaa tokko filatee kan federaalaa gochuu akka danda’u, ykn immoo ofiin akka of bulchitu murteessee seera baasuun hundeessuu akka danda’u ykn aangoo akka qabu wanti tumame hin jiru. Kanaaf Manni mare bakka bu’oota Ummataa MFDRI magaalaa fi jiraattonni magaalaa ofiin akka of bulchan taasisuuf aangoo seera baasuu osoo hin qabaatin chaartaroota armaan olii baasuun isaa bu’uura heeraa kan qabuu miti. Bu’uura kanaan mootummaan Federaalaa daangaa aangoo kana keessatti Magaalaa kamiiyyuu namooma seeraa gonfachiisee magaalaa of dandeesse gochuun dhaabuu ykn hundeessuuf aangoo hin qabu.

The post Bu’uura Heeraa Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa Xiinxala Seeraa appeared first on Bilisummaa.

Qeeqafi Taajjabbii Kuntaala Tokkoorra Dalagaa Qabatamaa Kiiloo Takkaatitu Caala!

$
0
0


Hiwi Elona ~ Caam/2017
————————
Jaallewwankoo

Hojii hojjatamuu kamiyyuu keessatti dogongorri hin dhabamu. Nama hamma dandeettii ofii sabaaf gumaachudhaaf tattaaffaturraayis hanqinni hin dhabamu. Namni qeeqafi hamii jalaa ba’uu danda’u yoo jiraate nama harkaafi luka isaa maratee taa’e qofa. Hojii qabatamaa tokko hojjadhee ofiifis uummata kootifis bu’aa nan buusa jettanii ni yaaddan taanan qeeqafi arrabsoo akkasumas hinaaffaa isinirra ga’uuf adeemuuf sirritti qophaa’uu qabdu.

Qeeqa dhiyeessun hojii qabatamaa tokko hojjatanii akka argisiisuutti hin ulfaatu. Eenyumtuu eddoo jiruu ol ka’ee qaama barbaade irratti akka barbaadetti qeeqa dhiyeessuu danda’a. Kanaaf namni hedduun oluma ka’ee kallattii jiruu rasaasa qeeqaa dhukaasa. Qeeqni akka qeeqaatti rakkoo hin qabu, garuu gaafa qeeqni waanyoo, tuffiifu hinqaffaadhaan guutame faaydaa isaa irra miidhaa isaatitu caala. Qaamni qeeqa kennu tokko yoo dhugaadhaan sirreeffama kan barbaadu ta’e qeeqni isaa hamma danda’ameen qeeqa ijaaraa ( constructive criticism) ta’uu qaba.

Gama biraatiin qeeqni dhiyaatu kaniyyuu namaafi yaada adda baasee ilaaluu qaba. Namni tokko har’a dogongoree waa balleessuun ni mala. Namni har’a waan tokko balleessef garuu yeroo hunda balleessaa sanaaf jecha qeeqamuun irra hin jiraatu. Yoo qeeqnu yaada namootni dhiyeessaniifi hojmaata isaanii irratti haa fuulleffannuu. Waan hunda caala garuu, qeeqa dhiyeessuu keenyan dura ani akka dhuunfaa kootti eenyu? Maalan hojjadhe? Maalan gumaache? Eddoo nama sanaa osoon ta’ee maalan godhuu danda’a jedhanii of gaafachuun barbaachisaadha. Qeeqafi taajjabiin qullaa bu’uura haqaa hin qabne osoo hamma kuntaala dhibbaas heddummaatee hojii qabatamaa kiiloo takkattii akka hin madaalle irraanfachuu hin qabnu!

Naaf Jiraadhaa!
Teenya Oluma

The post Qeeqafi Taajjabbii Kuntaala Tokkoorra Dalagaa Qabatamaa Kiiloo Takkaatitu Caala! appeared first on Bilisummaa.

Waan Obbo Beekan Gulummaa jarreen lamaan DR Solomoon Ungaashee fi Jawaar Mohamad wal bira qabee xiinxalerratti yaada xiqqoo kennadha.

$
0
0

Marga Guutuu

Laali Beekan keenya!

Namni kitaaba sodomaa (30) ol akka barreesetti himatu tokko waa-lama ykn namoota lama

yeroo wal-bira qabee xiinxalu yoo xiqqaate namoota xiinxalu ykn waan xiinxalu san beekuun

irraa eegama . Yoo hin beekne ammo, dura qorannoo gochuun haalaan barbaachisaa akka tahe

nama kitaaba tokkicha ammaan dura barreesse jedhuuf illee ifaa dha je’een amana.

Yeroo dhimma lama ykn namoota lama wal-bira qabanii xiinxalanis maaliirratti akka isaan kana

xiinxalan addaan baasanii hubachuu fi murteessuun akkasuma barbaachisaa dha. Xiinxalli tahu

kun maalirratti xiyyeefata? Waa’ee barnoota isaaniitii? Waa’ee laalcha siyaasaa isaaniitii?

Xiinxala kan akka tolchu kan kakaasee hundeen dhimmichaa maal? Jireenya isaanii waliigalaa

tii? Kkf.. addaan baasanii hubachuu fi dubbiftootaaf ifa gochuun waanuma seerri barruu

tilmaamu.

Waan Obbo Beekan Gulummaa jarreen lamaan DR Solomoon Ungaashee fi Jawaar Mohamad

wal bira qabee xiinxalerratti yaada xiqqoo kennadha.

Fakkeenyaaf: Obbo Beekan , Dr Solomon bara Dargii Dr Haaylee Fidaa waliin mana hidhaa

keessatti oromoof dararamaa turan jedha. Obbo Beekan Dr Haaylee Fidaa fi Dr Solomoon

yeroo bara Dargii mana hidhaa turan san maaliif akka hidhamanillee waan quba qabu natti hin

fakkaatu. Akka barreefamni isaa mul’sutti akkasumas sab-qunnamtii adda addaa irratti yaada

kennurratti jarreen kun lamaan (Dr Haayilee Fidaa fi Dr Solomoon Ungaashee) qabsoo oromoof

jedhanii akka waan hidhamanii akeeka. Bar Dr Haaylee Fidaa fi Dr Solomoon ‘Mellaa Itiophiyaa

Sooshaalist Niqinnaaqee (MESON) (All Ethiopian Socialist Movement)’ turanii . Ati nama

dandeettii qabu akkamitti waan MESON dhaabateef haga ammaa hin hubannee? Kun siif waan

jabaa dhaa?

Yoo warreen MESON Oromoo dhaaf lolaa fi qabsaa’aa turan jettee beekta tahe osoo xiinxala

kana hin tolchin waan qorachuun sirra ture. Dhugaan ture garuu, paartii yeroo san turan

keessaa kan akka MESON qabsoo oromoo bal’eessuurratti bobba’e hin turre. Isaani kan

qabsaawan oromoo ‘xabbaab’ jechuun mana hidhaatti kan guursisan, kan ajjeesisan, kan biyyaa

ariisisan kkf…

Yoo waan MESON dhaabbateef hin beektu tahe, sagantaa isaanii caalaa barruu isaan torbaan

lamatti ykn ji’atti baasaa turan YE sefiiw hizb dimxi lakoobsa tokkoo hamma sodomii wahiitti

kan deemaa ture barbaadii dubbisi, dura qorannoo godhi.

Mee ‘Yesefiw hizb dimx’ lakkoobsi 35 waa’ee maalii ture jedhii Solomoon gaafadhu. Waani ani

keessaa yaadadhu yoon irraa siif tuqe akkas jedha. Tokkummaa Itiophiyaaf yaaddoo guddaa fi

diinni guddaan shororkaa amma EPRP’n deemsisaa jirtu osoo hin taane lola ABO ‘n karaa bahaa

banee jiru tahuu mootummaa Dargiif odeefannoo gumaacha.

Isaan kun (ABO) yeroodhaan baduun murteessaa dha jedha. Yoo yeroodhaan baduu baatan

dhukkuba biyya keenyaa (Itiophiyaa) tahuun waan hafu miti jedha Kanarraa ka’aniiti kan

bakka hundaatti oromoota hidhuu fi ajjeesuun kan eegalan. . Osoo MESON yeroo san Dargiif

meeshaa tahuu bira taree mootummaa dhuunfatee jiraatee, xiyyeeffannaan isaanii inni

guddaan qabsoo oromoo dura barbadeessuu ture, dhiheenya kana garuu, akka waan MESON

qabsoo oromoof dhaabbatee tureetti afrsaa jiraachuun keessan maaliif akka tahe ifaa miti.

Har’a Dr Solomon Ungaashee yoo ani sabboonaa dha, sabni oromoo fi biyyi oromoo dhugaan

miidhamanii jiru jedhee amana tahe homaa rakkoo hin qabu. Namoonni dogogoran deebi’anii if

baruu fi if sirreessuun hamaa hin qabu. Garuu, utuu lubbuun jirruu seenaa haqaaquun gaarii

miti. Yoo ifiif seenaa yeroo dhihoo jal’iftanii nutti himtu tahe kan nafxanyootaa waan

komataniif hin jiru. Waan dabre akkuma turetti himuu fi hubachiisuun gaarii dha.

Obbo Beekan mee Dr Solomoon osoo Ameerikaa hin dhufin dura waan oromoo, waan

oromummaa eessumatti maqaa dhahee beeka nuuf himi. Nama kana waliin teessee haasoftee

beektaa? Isa durii yoo dhiifne har’a ejjennoon Dr Solomon gaaffii oromoo irratti qabu hagam

beekta? Barreefamuma keerraa yeroon laalu ati nama kana waan beektu natti hin fakkaatu.

Bar telefoonaan wal faarsanii waliin taphachuu , waan Facebook gubbaatti dadarbatmu laalanii

eenyummaa walii ciccululuqsuu fi dhugaan eenyummaa namaa adda.

Mee osoo Dr Solomoon fi Dr Haayileen mana hidhaa taa’anii qubee nuuf tolchan jettee waan

ifiifuu hin beekne nu fudhachiisuu hin yaalin, waan biraan haahafuu, waan oromummaas

haahafuu mee waan Dr Solomoon ture warreen waliin MESON turan gaafadhu. Miseensa

akkamii ture? Eessatti ‘cadre’ ture? Mana hidhaatii haala akkamii garsiisaa ture? Mana hidhaatii

akkamitti bahe? Dr Haayilee Fidaa osoo har’a lubbuun jiraatee haala Dr Solomoon Ungaashee

mana hidhaatti garsiisaa ture akkamitti hubata laata jedhii namoota MESON turan amma kan

lubbuun hedduminaan Ameerikaa fi Awropaa jiran gaafadhu.

Sadarkaadhuma MESON ttillee Dr Haayilee Fidaa har’a osoo lubbuun jiraate Dr Solomoon

waliin yeroo hedduu walbira qabdee maqaa kaasuu keetiif si komachuun isaa hin oolu jedheen

yaada.

Asirratti qooda Dr Haayilee Fidaa qubee afaan oromoo bu’uressuu irratti qabu akka waan galata

dhorkachuuf jedheetti akka hin fudhatamne akka hubatamun fedha, gumaachi inni qubeerratti

kenne ol-aanaa dha. Ejjennoon gaaffii oromoo irratti qabu garuu waan biraa ti.

Jawaar barnoonni isaa saaynsii siyaasaa BA qaba jete, MA isaa garuu saynsii siyaasaa miti jette.

MA isaa maal akka tahe yoo hin beektu tahe maaliif barreesita waa’ee namaa. Barruun kee kun

waan beektu nu-hubachiiftee akka barru nu gochuu mitii? Waan ifiifuu hin beekne maaliif nutti

himuu yaalata. Osoo hin barreesine dura maaliif qorattee nuuf hin himin? Maal ati nama

Harvard baratu/te mitii?

Dr Solomon buddeensaa mootummaa Ameerikaaf hojjetee nyaata……Jawar maallaqa

oromootiin jiraata… Amma rabbi jedhii maal kun? Mootummaa Ameerikaa isa kam? Eessaa?

Namni Ameerikaa keessaa hojjetu hundumtuu mootummaaf hojjeta jettee yaaddaa laata?

‘Mangistiif hojjeta’ jechuu keetii? Jechi kun hagam boodeetti hafaa tahuu hubattaa laata?

Akkan laaluti Obbo Beekan, mee xiqqoo afuura fudhadhuutii waa hubadhu, ati akka jetutti

ijoollee dha waan itti jarjarttulee hin qabdu. Hidhata kees tolfadhu.

Nagaan

The post Waan Obbo Beekan Gulummaa jarreen lamaan DR Solomoon Ungaashee fi Jawaar Mohamad wal bira qabee xiinxalerratti yaada xiqqoo kennadha. appeared first on Bilisummaa.

TPLF and mutagenic servants are facing nuclear bomb of the Oromo people

$
0
0

Dr. Baaroo Keno Deressa

 

Now days we Oromo’s and other oppressed nations are unable to protect our children, our womens (the backbone of our society), our elderly from rapist TPLF para commando’s, from butcher TPLF polices, from merciless TPLF security agents . At this moment there is no single protection mechanism for Oromo people. Yes according to the mutagenic servants  formula abbagarummaa, gantummaa and gabrummaa will protect them from their boss TPLF killing machine (that is why they are moving freely between foreign countries and homeland Oromia, that is why they are building houses on the graves of the Oromo heroes, that is why they are doing business regularly with TPLF, that is why they insulting our vanguard organization OLF and dedicated leaders through their facebook windows and through mutagenic servant controlled media’s). If you need to know more about mutagenic servant look at my recent article in march 2017.

I have fought our enemies in all corners (west, east, south and in the middle of my beloved country Oromia), now I am fighting with my pen and my voice and I will remain fighting until my last breath to realize my peoples goal (to determine our destination in our home, in our country and live freely and peacefully like other free nations around the globe). The reason I insisted to fight our enemies is because of the powerfulness of the Oromo nation nuclear bomb.

There are eight sovereign states  that have successfully detonated nuclear weapons five are considered to be “nuclear-weapon states“(NWS) under the terms of the treaty on the non-proliferation of nuclear weapons (NPT). In order of acquisition of nuclear weapons these are: the United States, the Russian Federation, the United Kingdom, France, and China.

Since the NPT entered into force in 1970, three states that were not parties to the Treaty have conducted nuclear tests, namely India, Pakistan, and North Korea.

The 9th one and the owner of the powerful nuclear weapons worldwide is the Oromo nations. The Oromo nations are survived the the systematic murder, humiliation and eradication of Ethiopian empire ruling elites polices. Now the barbaric generation of the Ethiopian empire elites (TPLF) is facing the powerful nuclear weapons of the Oromo nations. That powerful nuclear weapons called TRUTH

T=Total R=Revolt U=Until T=Transplanting (colonization) H=Halts. The gate keeper and the engineer of the nuclear weapons is OLF. Our enemies TPLF is well understood about the compostition of the reality and declare total war with multiple fronts against Oromo people and their vanguard organization (OLF).

Front one: facing our dedicated WBO’s in the bush, facing our galant Qeerro’s in the heart of our countries and facing entire nations around Oromia (watch the video here under)

Front two: financing and commanding mutagenic servants and opportunistic individuals in the diaspora to destabilize the unity of the Oromo peoples, to blackmail and insult our dedicated leaders and to devaluate our vanguard Organization OLF.

ALBERT EINSTEIN is held up as “a rare genius,” who drastically changed the field of theoretical physics. However, using the technique known as ‘The Often-Repeated Lie=Truth,’ he has been made an idol to young people, and his very name has become synonymous with genius. Our enemies are hiding  the truth and repeating lies millions of times (that is what is going on now days around diaspora through TPLF mutagenic servants).

Video

After watching this video here is my message for diaspora based mutagenic servants and opportunistic individuals:

  1. Watch this video carefully and ask yourself about your opportunistic view, analyze about your conspirator act and try to come back to the justice camp (sorry to to say that because traitors have no brain to think , but they have head with ear on it to listen their boss TPLF and full their belly in order to satisfy their prodigious appetites)
  2. Tigray peoples come to power not by begging of the enemy or not by being traitors of their peoples (Tigrai) or not by collecting the rest over. They come to power by fighting . The Oromo people are known by their heroism and fighting technics. So the Oromo people are committed to fight the enemy and be prepare to save your life and your familly life. The flown blood of our people will Judge you
  3. OLF and their leaders are a valuable asset for Oromo people. Those leaders gave their entire life for their peoples and their beloved country Oromia, so stop immediately insulting our dedicated leaders and our vanguard organization. If not the history will remember you
  4. Politics is a funny business, and certainly not a good career choice for the thin-skinned. If you want to play in this game you’ve got to be prepared for highly insulting remarks not only about the positions you may hold, but about your personal life as well. Our dedicated leaders and our politicians are ready to die for their people  So stop  transmitting the enemy message. If not the suffering of our people will confront you.
  5. TPLF is misleading the world leaders(look at Mr. Tedros A on Tigrai online) to murder more Oromo’s, Ogadenis, Sidama’s, Benishangul, Amahars and gambellas. But you, mutagenic servant, traitors and collectors of rest overs hiding yourself behind the facebook and insulting our Organization OLF and their leaders who works tirelessly day and night to eradicate the colonization. You are born to be enemy servant, but one day the justice will face you and your boss (TPLF).

 

Victory to the Oromo people

Dr. B. K. DERESSA, Medical degree in internal medicine, specialized in Gastro-Hepatology diseases. University Hospital of Brussels-Belgium

 

The post TPLF and mutagenic servants are facing nuclear bomb of the Oromo people appeared first on Bilisummaa.

Shiftoonni Waliin Dhahuu Itti Fufan!

$
0
0

Baarentuu Gadaa Irraa

gessogeda@gmail.com

Shiftoonni sirna hin beekan, seeras hin qaban, seerri isaan hin
abboomu. Safuu, duudhaa , namni maal naan jedhaan isaan bira hin jiru.
Bor maal taanaanis qayee shiftootaa hin jiru. Shiftoonni waan saamamu
argannaan weeraranii abbaa qabeenyichaa ajjeesuun, irraa hari’uun,
hidhanii dararuun saamanii nyaachudha. Shiftoonni har’a maqaa
mootummaatiin  Impaayeera Itiyoophiyaa weeraranii  saboota biyyattii
fixaa fi saamaa jiran Wayyaanoonni kanaaf fakkeenya fi ragaa
guddaadha.

Wayyaanonnii fi ergamtoonni isaanii kanneen akka OPDO, DHDN, fi BADN
Shiftoota  safuu, seera, maal naan jedhanii fi bor  akkaman ta’aa hin
beeknedha. Seera hin qaban, kan qabna jedhaniifis hin abboomaman, ni
sobu.  Waan ifatti hojjetan hin hojjenne jedhanii haalu. Kan ganama
jedhan galgala itti hin deebi’an. Kan galgalaas akkasuma ganama hin
jenne jedhu.  Hojiin isaanii martuu waliin dhahanii jiraachudha. Kan
nuun morma jedhanii shakkan ammoo hidhuu, ajjeesuu fi biyyaa
godaansiisuudha.

Shiftoonni kun qabeenya namaa arginaan ijatu dhiiga uffata. Saamuu,
irraa ajjeesanii fi hidhanii nyaachuun hojii isaaniti. Waggoota 25n
darbaniifis kanuma gochaa turan, ittis jiru. Qabeenya ummataa ijji
isaanii arge hunda kan ofii taasifachuuf ykn qircachuuf qawwee
fayyadamanii yakka isaanii danda’ame hunda saboota biyyattii
mararrattuu addatti ammoo ummata Oromoo irratti raawwataa
turaniiru.raawwachaas jiru. Qabeenyaaf jecha abbaa biyyaa hidhaniiru,
ajjeesaniiru biyyaa godaansisaniiru.

Shiftoonni Tigraay  kun qabsoo ummata Oromoo isaan raasaa jiruun
dhiphatanii  kunoo tibba kana isa waggoota 26n darbaniif ukkaamsanii
irra taa’aa turan, seeruma ofii  baafatan kan “Oromoon Finfinnee irraa
dantaa addaa qaba” jedhu akka haaraatti gadi baasun irraa hololaa
jiru.  Dhimma kanaan wal qabatees wixineen qophaawe akka paarlaamaa
fakkeessii biyyatiitiif dhihaatus karaa miidyaalee isaanii odeessaa
ykn hololaa turaniiru. Holola kanaanis Oromoon Finfinneerraa  faayidaa
akkasii fi akkanaa argachuuf jira jechuun oduu afanfajjii uumaa jiru.
Ergamtichi Shoftoota Tigraay; inni maqaaf ministeera muummee jedhamu
H/ Dasaalenyis kanuma  karaa TV fi Raadiyoo sirnichaa mirkaneessaa
ture.

Shiftoonni kun  karaa adda addaatiin holola kana gaggeessaa turanis
ummanni Oromoo keessumaa qeerroon Oromoo harkaa hin fudhanne. Wixineen
jedhame kun ija seeraatinis haa ta’u karaa kamiinuu fudhatama akka hin
qabne addabaabaayitti dubbatamaa jira.  Wixineen  Wayyaaneedhaan olii-
gadi oofamaa jiru kun kan dantaa Oromoo eegsisu odoo hin taane kan
Oromoo moogsuuf qophaaye ta’uun eenyufuu ifaadha waan ta’eef gutummaa
Oromoo birattii fi hawaasa Oromoo biyyoota alaa jiru biratti
balaalleeffatameera. Keessumaa qeerroon Oromoo dhiiga keenya kan
dhanglaasaa turree fi jirru gaafii mirga abbaa biyuumaatiif malee lafa
abbaa keenyaatirraa akka shiftoonni Tigraayi  xixiqqeessanii
qunxuranii nuuf kennaniifii miti jechuun hadheeffatanii
balaaleffachaa, dura dhaabbachaas turaniiru, ittis jiru. Sobni,
sossobaa fi afanfajjiin akkasiitis kan yeroon itti darbe jechuun
harkatti busheessaa jiru. Kanarraa ka’uunis kunoo  Shiftoonni  sobaa
fi  waliin dhahuudhaan har’a gahan  Wayyaanoonni  kan jechaa turan san
haaluu eegalaniiru.

Hololli maqaa dantaa Oromoon Finfinneerraa qabu deebifina jedhuun
gaggeeffamaa  turee fi jiru kun ummata Oromoo biratti fudhatama dhabuu
kan hubatan shiftoonni Tigraayi kun deebi’anii  isuma jechaa turan san
haalaa jiru.  Sobuun, haaluun, waliin dhahuun,yakka hojjatanii lakkii
anaa mitiin  aadaa fi amala  shiftootaa ta’uun beekamaa ta’us kan
Wayyaanee wanti adda isa godhu waan addabaabaayitti ta’e haluudha.
Tiba kana kunoo Wixinee Ergamtichi Hayila Maariyaam Dassaalanyi karaa
TV fi Raadiyoo dhugaadha jedhee dubbachaa ture osoo torbanilleen hin
guutiin deebisanii haalaa jiru. Hayilamaariyaam wixineen qophaayee
jiru kun yeroo dhihootti paarlaammaatti ragga’ee hojirra oola jechaa
ture. Ammammoo Gaazexaan miseensa shiftoota kanaa fi leellisaa sirna
kanaan ogganamu Ripoortar  wixineen jedhame akka hin jirree fi soba
ta’e  mootummaan shiftoota Tigraay kun haaluu gabaasee jira.
Ummanni Oromoo Wayyaaneen murna akkamii akka taate ummata tolchee
beeku dha.

Kanarraa ka’uunis  irraatti qabsaawaa ture, irrattis
qabsaawaa jira. Kan dubbatte haaluun, sobuunii fi waliin dhahuun
Wayyaanee kun isa hin dinqu.  Shiftoonni kun wixineen kun qophaaweera
jedhanis, hin jenne jedhanis Oromoof dubbii ijoo miti. Wixineen kun
qophaawuus dhiisuus, dhugaas ta’e soba, dubbii ijoon, gaafiin ummata
Oromoo  gaafii mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa ti malee gaafii
fayidaa xixxiqoo Finfinneerraa naaf kennaa jedhuu miti.  Waan ta’eefis
kaleessa dubbatanii har’a haaluun Wayyaanootaa kun sobdoota, sobaan
jiraattoota, waliin dhahoota, sirna dhablee fi bor hin beeknee ta’uu
isaanii caalaatti mirkaneessuu malee bu’aa siyaasaa fiduuf tokkollee
hin qabu.

Oromoon holola shiftoota kanaatiin dagamee falmii biyya
abbaa isaaf taasisuurraa duubatti jedhu hin jiru. Jiraachus hin qabu.
Oromoon Shiftoota kana ofirraa buqqisuuf qabsoorra jira. Yoo isaan
buqqa’an Finfinnees ta’ee guutummaan Oromiyaa akka bilisa bahuu eenyu
jalaawuu dhokotaa miti. Shiftoota waliin dhahaa jiraachuuf yaalan kana
kan  xumura itti godhu, kan umrii isaanii ofirraa gabaabsu numa
ummattoota cunqursaa jala jirruudha. Kanumarraa ka’uun ummanni Oromoos
ta’e ummattoonni cunqursaa jala jiran kamuu qabsoo jabeessanii itti
fufuun  dubbii fardii dha.

The post Shiftoonni Waliin Dhahuu Itti Fufan! appeared first on Bilisummaa.

Kabaja waggaa 3ffaa OMN kan magaala lakkuu Miniyaa Poolisii fii Minisoottaa


Candidate to Lead the W.H.O. Accused of Covering Up Epidemics

$
0
0

A leading candidate to head the World Health Organization was accused this week of covering up three cholera epidemics in his home country, Ethiopia, when he was health minister — a charge that could seriously undermine his campaign to run the agency.

The accusation against Tedros Adhanom Ghebreyesus was made by a prominent global health expert who is also an informal adviser to Dr. David Nabarro, a rival candidate in the race for W.H.O. director general.

Dr. Tedros, who uses his first name in his campaign, denied the cover-up accusation and said he was “not surprised at all but quite disappointed” that Dr. Nabarro’s camp — which he said included high-ranking British health officials — had switched to running what he called a “last-minute smear campaign.” For more click here

The post Candidate to Lead the W.H.O. Accused of Covering Up Epidemics appeared first on Bilisummaa.

Lafti Kan Ummataati Moo? Kan Mootummaati?

$
0
0

Xiinxalan Abduljebar Hussien

Abbaan qabeenyaa lafaa magalaa fi baadiyyaa mootummaa fi ummata akka ta’e fi lafti qabeenya waliinii saboota ,sablamoota fi ummatoota itoophiyaa akka ta’e HMFDRI kwt.40 (3) jalatti tumameera. Bu’uura HMFDRI kwt.40 (3) qotee bulaan mirga lafa isaa irraa buqqa’uu dhabuu ni qabu. Bu’uura HMFDRI kwt.40 (6) tiin immoo abbaan qabeenyummaa saboota ,sablamoota fi ummatoota akkuma jirutti ta’ee mootummaan kaffaltii seeraan murtaa’aan mirga lafatti fayyadamuu abbootii qabeenyaa ni kabachiisaafi. Mootummaan faaydaa ummataatiif barbaachisaa jedhe yoo amane dursee beenyaa madaalawaa kaffaluun qabeenya dhuunfaa fudhachuu akka danda’u heeruma kana kwt. 40 (1) fi (8) jalatti tumameera. Bu’uura heera kana kwt. 40 (2 fi 8) tiitiin beenyaan kan kaffalamuu qabu qabeenya bu’uura heericha kwt. 40 (7) tiin horatamee dha. Kun immoo qabiyyee lafaa fudhatamuuf beenyaan kaffalamuu akka hin qabne waan fakkeessuuf falmiiwwan tokko tokkoof ka’uumsa ta’aa tureera.

Ogeessonni tokko tokko eegumsi heeraa kun lafas hammachuu akka qabu akkasitti ibsu “…The constitutional guarantee against dispossession of the use right over the landholding should include the right to claim compensation for taking of such rights for the reason that if land is to be taken without commensurate compensation, such stipulation would be meaningless”. Bu’uura falmii ogeessota kanaatiin eegumsi heerri mirga namni tokko lafa irratti qabuu fi laficharraa akka inni hin buqqaaneef taasisu yeroo mirgi isaa kun irraa mulqame ykn laficharraa buqqa’u beenyaan kan hin kaffalamneef yoo ta’e eegumsi heerichaa hiikkoo hin qabu jechuu dha. Heerri bifa waliigalaatiin kan barreeffamu waan ta’eef tarreeffama kana caalu irraa eeguunis hin barbaachisu. Kanaaf gama kanaan seeronni tarreeffamaa dhimma kana irratti maal akka jedhan ilaaluun barbaachisaa dha. Labsiiwwan bulchiinsaa fi ittifayyadama lafa baadiyyaa kan Federaalaa lakk. 456/97 kwt.7 (2) fi kan Oromiyaa lakk. 130/99 kwt. 6((10) fi (11)) tiin qotee bulaa sababa faaydaa ummataatiif lafa isaa irraa buqqa’eef beenyaan kaffalamuufii akka qabu tumameera. labsii haala faaydaa ummataatiif lafti itti gadilakkiffamuu fi kaffaltii beenyaa murteessuuf bahe lakk. 455/97, fi danbii labsii kana raawwachiisuf bahe lakk. 135/99 kanuma mirkaneessu. Kanaaf ibsi bifa waliigalaatiin heera keessatti ibsame mirga qabiyyee lafaa irratti kaffaltii beenyaa argachuus akka dabalatu seerota tarreeffamaa kanneen irraa ni hubatama.

Bu’uura HMFDRI kwt.40 (8), labsii lakk. 456/97 kwt.7 fi 8, labsii lakk. 130/99 kwt. 6(10, 11 fi 12), labsii lakk. 455/97, fi danbii lakk. 135/99 tiin qotee bulaan tokko lafa isaa irraa yoo buqqa’u beenyaa kan kaffalamu qabeenya lafarra jiruuf (property situated on the land), Fooyya’iinsa dhaabbataa laficharratti taasifamee (Permanent improvements to the land) fi beenyaa lafarraa buqqa’uuti((Displacement Compensation). Har’aaf mee isa sadaffaa haa ilaallu.
Akkaataan beenyaan lafarraa buqqa’uuti((Displacement Compensation) itti herreegamu labsii lakk. 455/97 kwt. 8(1) fi danbii lakk. 135/99 kwt. 16(3) jalatti tumameera. Bu’uura kanaan hangi beenyaa lafarraa buqqa’aa guyyaa lafarraa buqqa’iinsaan dura bu’aawwan jiddugaleessaan waggoota shanaan darbaniif qotee bulaan sun argachaa ture kudhanii baay’isuu dha. Akkasitti ibsuun ni danda’ama “…shall be equivalent to ten times the average annual income he secured during the five years preceding the expropriation of the land.” Kanaaf gaaffiiwwan deebii argachuu qaban:- hangi beenyaa kun gahaa dha? Dhuguma mirgaa fi faaydaa irraa fudhatameen kan walqixxaatuu dha? Maaliif waggaa kudhan ta’e? Bu’aa lafa sanarraa qotee bulaan argachaa ture waggaa shan of duuba deebi’anii fudhachuun sababaawaa dhaa? fi kkf dha,

Dura garuu mirqa qotee bulaan lafarratti qabu ilaaluun barbaachisaa dha. Heera MFDRI jala lafa ilaalchisee mirgootni sadi kaayamaniiru: (1)Mirgi abbaaqabeenyummaa lafaa mootummaa fi ummata. (2)Mirga qabiyyee:- bu’uura kwt. 40(4) fi (5) tiin Q/bulaa fi H/bulaan mirga kana akka qaban tumameera. Mirgi kun lafa gurguruu fi jijjiiruu malee mirgoota abbaaqabeenyummaa hundumaa ni qabata. Bu’uura kanaan mirgi abbaaqabeenyummaa walittiqabaa mirgoota baay’ee abbaan mirgaa qabeenyicha irratti qabu kanneen akka mirga fayyadamu, firii qabeenyichaa sassaabachuu fi namoota birootiif dabarsuu of keessatti kan hammatuu dha. Qotee bulaanis bu’uura kanaan lafa isaa irratti mirga fayyadamuu, kireessuu, kennaan maatiif dabarsuu fi maaatii dhaalchisuu ni hammata (daangaa qabaatus). (3)Mirga itti fayyadamuu: bu’uura kwt.40(3) . tiin mirgi kunis lafatti kallattiin fayyadamuu fi bu’aa lafa sanirraa argamus sassaabachuu kan dabalatuu dha. Lab. Lakk.456/2005 kwt. 7 fi 8, fi Lab. Lakk. 130/99 kwt. 6 fi 9 jalatti qotee bultoonni lafa isaanii irratti mirga itti fayyadamaa akka qaban tumameera.

Amalli mirgichaa ilaalchisee Lab. Lakk.456/2005 kwt. 7(1) fi Lab. Lakk. 130/99 kwt. 6(1) jalatti migi qotee bulaa fi horsiisee bulaan lafa isaa irratti qabu kun daangaa yeroo akka hin qabne(have no time limit/without any time bound) jechuun tumameera. Mirgi kun akkuma mirga abbaaqabeenyummaa fulla’aa (perpetual) dha; itti fayyadamuu dhabuun ykn daangaa yerootiin hafaa hin ta’u. The rural land users have perpetual use rights over their holdings and their right may not be restricted except in case of expropriation of such land for public purposes under the condition of payment of compensation. Hangi beenyaa lafa irraa fudhatameef qotee bulaa fi horsiisee bulaaf kaffalamuu qaba jechuun bu’aa argamaa ture waggaa kudhaniin baayyi’ifamuun kaffalama jedhamee ibsame dheerinna yeroo mirga iitti fayyadamaa isaan qaban (duration of use rights) kana waliin yoo ilaallamu safartuu kamiiniyyuu gahaa miti.

Biyya keenyatti lafi qotee bulaaf lafee duugdaati, madda galiiti, isumaan jiraata, ijoollee jiraachisa, yoo du’es ilmaan isaa kan dhaalchisu lafuma. Kanaaf lafni kun yoo irraa fudhatamu faaydaa jiruu isaa guutuu argatu waan dhabuuf beenyaan kaffalamuu qabu isuma dhabe kana ta’uu qaba. Sana qofaa miti faaydaa maatiin isaa erga inni du’een booda dhaalaan argachuu malus ilaalcha keessa galuu qaba. Qorannoo dhabbanni istaatistiksii bara 2007 tasiseen yeroo sanatti umriin jiddugaleessi dubartoonni jiraachuu danda’an waggaa 64 kan dhiira immoo 61 ture. Amma immoo sanuu akka caalutti tilmaamama. Qotee bulaan jireenya isaa guutuu lafa kanatti fayyadamuun ofii fi maatii isaa jiraachisa yoo jedhame, yeroo irraa fudhatamu umriin isaa fkn soddoma(30) yoo ta’e kan waggaa kudhanii qofti kaffalamee fi umrii isa hafe waggoota soddomii tokko (31)f maaliin jiraata? Beelaa fi gadadoof hin saaxilamuu laata? Qajeeltoo “Beenyaan miidhaa dhaqqabeen walqixxaatuu qaba” jedhu waliin yoo ilaallamu kun beenyaa dha jechuun ni danda’amaa laata? Kanaaf seeronni hanga beenyaa qotee bulaa lafa isaa irraa buqqa’ee ilaallatan kunniin ilaallamuu qaban jechuu dha.

Mootummaan lafa kana liiziidhaan abbootii qabeenyaatiif dabarsee kenna. Qorannoowwan tokko tokko akka mul’isanitti mootummaan waggaatti lafa heektaara tokko qr. 70,000.00-150,000.00 tti liiziidhaan waggoota 40-60 f ni kireessa. Gatiin liizii KM 15,000.00 kun waggoota 40f baay’ifamee akka ilaallameetti qr. 7,200,000 (milliyoona torbaa fi kuma dhibba torba) gahuu danda’u qorannoon magaalaa Dukam irratti gaggeeffame tokko ni mul’isa. Beenyaan qotee bultootaaf kaffalamu yoo herreegamu immoo kan waggaa 10 qofa waan ta’eef qr. 1,800,000.00(milliyoona tokkoo fi kuma dhibba saddeet) ta’e. Qixxee galii mootummaan lafa sanarraa argatuu hin ta’u jechuu dha.

Gama biraatiin herreegni beenyaa kaffalamuu kun maaliif waggaa shanii of duubatti deebi’uun jiddugaleessi isaa akka fudhatamu akka barbaadamu seera baaftuutu beeka. Ifatti kan mul’atu herreegni beenyaa kan bu’uureffatu gatii gabaa yerosii( current market price )oomishaa qoteebulaa yeroo lafarraa inni buqqa;u sanaa osoo hin ta’in giddu galeessa gatii gabaa waggoottan shaman darbaniiti. Kun immoo beenyaa qotee bulaan argatu baay’ee kan xinneessuu dha. Kun qotee bulaan har’aa fi boru oomisha isaa gatii kaleessaatiin akka gurguru dirqisiisuun garaagarummaan qabu in jiru. Kanaaf lafti kan mootummaati moo? kan ummataati? Falli hoo?

The post Lafti Kan Ummataati Moo? Kan Mootummaati? appeared first on Bilisummaa.

Dhamsaa baqattoota Oromoo kan yeroo ammaa gara Jimmaatti baqatanirraa ergamee.

$
0
0

Jawaar Mohamed

Ganama kana ummata keenyaa kan Harargee san koreen Oromiyaarra dhuftee sun filannoo sadii dhiyeesaniif iniis

1.Bakka irraa dhuftanii debitanii rakkoo jiruu maridhaan bulchinsaa Aradda kessannii fanaa furuu

2.Godinaa kessaanitti hadaraa isiin keninee hangaa motumman Nannoo falaa isinii barbaduu isaan iddoo kessanitti isiin gargaruufi tiksuu

3.Nutti hasoofnee iddoo biraa kan furmataa ni tahaa jennuu isiin geysinaa jedhaniin. Ummannis filannoo 1ffa fi 2ffas akkan fudhaneefi iddoo irraa dhufnee hin tahiin malee bakka biraa nuu geysaa ergaa jedhaniini bodaa koreen mariachuun Godinummaa Sanaa KAMPII YANBAROO jedhamtuu kan Sheek Alahamudiin tahee himamuu isiin geysinaa qophawaa jedhaniin amma ummanni kampii maal gonaa? Nutti hin demnuu jechuun achii keysatti rakkinni umamaa jiraa.
Obboo Musxafan Gaffiin keysaan murtee kanan fudhataan tanan wan biratti sanifuu fudhadhaa ykn isiin dhisnee demnaa jedhanii ummataa dorsisaa jiraan.
Lammii tenyaa hundinuu nu gargaraa……
Dhamsaa baqattoota irraa ergamee.!!!”

The post Dhamsaa baqattoota Oromoo kan yeroo ammaa gara Jimmaatti baqatanirraa ergamee. appeared first on Bilisummaa.

SHIRRI QABSOO OROMOO GALMA GAHUU HANQISE DHALOOTA QUBEETIIN GOOLABAMUU QABA!

$
0
0

(Ija gandummaatiin osoo hin tahin ija oromummaatiin dubbisii, waliif dabarsi)

(Saphaloo Kadiir irraa)

Galma hanqachuu qabsoo Oromoo tan dabare keessaa waa laalanii barachuun deemsa qabsoo arraa saffisuu daran galma gahiinsa dhugaatiis nu gonfachiisa. Galma hanqachuu qabsoo Oromoo tan dur irraa gootoonni kumaatamni irratti kufaa tureefi arraas ittuma jiru tana sababni galma hanqisan danuu tahullee inni guddaa fi ijoon tokko shiraa fi daba adeemsa qabsoo keessatti yeroo gara yerootti mudachaa ture akka tahe namuu ni beeka. Shiraa fi dabni qabsoo Oromoo danqaa ture kun yeroo gara yerootti cicciramuu dhaaba qabsoo Oromootiif kan sababa tahe yoo tahu, san keessaa jalqaba addaan dhilliyyamuu dhaaba qabsoo Oromoo tokkicha xumura bara 1970’moota bakka lamatti qurxee dha. Adda Bilisummaa Oromoo keessatti shirri mudachaa ture danuu yoo tahu ka’uumsa addaan fottoqiinsa kanaatiif ammoo akka sababa guddaatti kan kaafamu wareegamuu Jaal Baaroo Tumsaa akka tahe himama. Haa tahuu malee seenaan wareegamuu jaal Baaroo Tumsaa tan dhugaatii fi xaliilli san hanga ammaa ifatti baatee beekkamu baattuus akka warri yeroo san turan himanitti gariin shirri guddaa fi hamaan tokko yeroo sanitti qabsoo Oromoo danquuf kan akeekamee raawwatame akka tahetti dubbatu. Garri tokko ammoo saaminsa aangootiif shira xaxame ja’an. Garri tokko ammoo miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo kan sammuun fayyaa hin qabne tokkootu tasa itti dhukaasee wareege ja’an. Hanga arraatti garuu hogganoonni fi gaggeessitoonni Adda Bilisummaa Oromoo kan yeroo san turan, kan iccitii dubbii tanaa gad fageenyaan beekan hangi tokko arraas lubbuun jiraatan illee humaa hin hafuursine. Wareegamuu Jaal Baaroo Tumsaatiin wal qabatee shirri cilee dibatuuf Jaarraa Abbaa Gadaa irratti kallattiin deemsifamuun waliin wal qabatee Waraanni Bilisummaa Oromoo bakka lamatti bahuun wal waraanuu jalqabe. Sababuma kanarraa ammoo Addi Bilisummaa Oromoo bakka lamatti cabe. Bu’ureessaan ABO fi hogganaan WBO, qabsaawaa hangafaa fi abbaan qabsoo bilisummaa Oromoo sooreessi Jaal Jaarraa Abbaa Gadaa shira sobaa hamaa irratti oofame irraa onneen butte utaalee ABO irraa achi bahuun IFLO hundeessee qabsoo isaa itti fufe.

Akka tahettuu haa tahuu malee waanuma jabaateetu Jaarraa dhaaba jalqaba bu’urreessee qabsoo jalqabsiise irraa achi dhiibee kan biraa isa hundeessise malee waa laaftuu miti warri ja’uus hanga ammaa ni jiran. Jaarraan IFLO bu’ureessee qabsoo hidhannoo diina irratti fudhatu itti fufuuf yaaluus garuu akka yaadetti laaftuu hin taaneef. Maqa xureessi Jaarraan Oromiyaa araboota jala galchuu deema ja’u fi Jaarraan amantiif malee Oromoof hin qabsooyne ja’uus xiixuu jalqabe. Irra baayyeen warri qabsoo Jaarraa Abbaa Gadaa Ahmad Ibn Ali Gaazii (Ahmad Giraany) waliin walitti hidhuus hin dhabamne. Dhugaan jiru ammoo Jaarraan deeggarsa qabsoo Araboota irraa argachuu qofaaf malee dhimma kana mara keessa hin turre. Oromiyaa keessatti qabsoon abbaa biyyummaa Oromoon gaggeessu diina irratti osoon tahin kan walirratti xiyyeefate ture jechuun ni danda’ama. Wal waraansi ABO fi IFLO jiddutti fottoqa irraa jalqabame akkuma itti fufetti osoo deemuu dhuma irra wayyaaneen Oromiyaa dhunfachuudhaan goolabame ture. Warri yeroo san WBO fi IFLO keessa turaniis akka himanitti lola diina irratti godhamu caalaa kan ABO fi IFLO jiddutti godhameetu irra hamaa ture ja’an. Jalqaba bara 1990’mootaa aniis siyaasaa wal xaxxuu gad fageenyaan beeku baadhullee yeroo Oromoo fi Tigreen wal waaraanan hanga tokko niin beeka ture. Dilas joollummaa hin qabu waan taheef dubbii wal waraansa ABO fi IFLO jiddutti naannoo keenyatti gaggeeffamaa ture amma yoon yaadadhu waa taajjabuu hin oolle. Dhugumatti naannoon ani itti dhaladhe Baha Oromiyaa ona Oborraa fi Meettaa jiddutti yeroo sanitti guyyaa ABO fi Tigreen wal waraante irra kan ABO fi Jaarraa (IFLO) wal dhooyte akka baayy’atu niin yaadadha. Aniis kanumarraa ka’een adeemsa qabsoo Oromoo danqee fi galma hanqise keessaa sababni guddaan tokko ciminaa fi gootummaa wayyaanee yookaa sodaattummaa fi tarsiimoo siyaasaa wallaaluu hogganoota qabsoo Oromoo qofa osoo hin tahin kallattiin wal waraanuu dhaaboota qabsoo Oromoo kan akka ABO fi IFLO faa jiddutti uumamuu akka tahettiin fudhadha.

Eega Addi Bilisummaa Oromoo fi IFLO’niis moohinsa wayyaaneetiin biyya keessaa tufamanii bahan boodaas shiraa fi dabni qaama qabsoo Oromoo addaan dhilliyyuu fi imala isaanii sakaalu ittuma fufee dhaaba qabsoo Oromoo bakka heddutti addaan qaanxeesse. Baroota 20’moota dabran kanaas sababni dhaaboota qabsoo Oromoo afaaniin malee qabatamaan qabsoo keessaa moggatti tufees shirri yeroo adda addaa tooftaa jijjiiraa as bahuu daran hammachuun dhaabni bakka heddutti akka cabu godhaa ture kun ammaas akkasumatti itti fufee jiraachuu isaa agarra. Tooftaa shirri kun ittiin gaggeeffamaa ture fi jiru keessaa muraasni nama qabsoo Oromoo fuul-duratti ni tarkaanfachiisa ja’anii shakkan sakaaluu, namoota sammuu qara qabanii fi hojii adda addaa hojjatan maqaa balleessuu fi seenaa isaanii xureessuu, nama afooshaallee jaaru yoo arkan kallattiin irratti xiyyeeffachuun dhoqqee dibuu, maqaa amantii, gandummaa fi lagummaa irratti maxxansuu, namoota oromoof quuqaman kan ammoo geengoo isaanii keessa hin jirre seenaa sobaa itti uwwisuun akka Oromoon jibbu godhuu, hojii namoonni ciccimoon hojjatan dura dhaabbachuun mormuu, akka namni isaanii alatti waa hojjatu kamuu if jibbee inaadaan karaa isaan itti maqaa xureessan san seenu godhuun, warra isaan keessa ture kan adeemsaa fi shira isaanii kana baree irraa achi fottoqu kamillee akkuma Jaarraa Abbaa Gadaa san diina caalaa kallattiin waraana irratti bobbaasuu, namoota adeemsa cubbuu isaanii dura dhaabbatu dhooksaan lubbuu galaafachuu, osoo namni hin goobanin waan yaada dhugaa dubbate qofaaf gantuu fi goobanaa godhuu fi akka sabni Oromoo wal afaan deebi’ee wal nyaatu, wal jibbu godhuudhaan akka tahe waan dhooysaa jiruu miti. Jaarmayoota qabsoo Oromoo kan baroota booda kana ABO irraa fottoqan mara kaan gandatti galchanii, kaan cubbuu addaa itti uumanii cilee dibuun ajeeysanii, kaan ammoo dhaaba gantootaa godhanii… haaluma kanaan hanga arraa laamsheessanii injifannoo cubbuu irratti gonfachuu dandahanii jiran.

Walumaagalatti warren maqaa qabsoo Oromoo qabatanii afaan qofaan qabsaawaan kun kaayyoo fi akeeka dhaabni hundaa’eef san gatanii, kallattii qabsootiis diina irraa nama Oromoof hojjatu irratti xiyyeeffatanii kan deemaa turanii fi arraas tooftaa addaa jijjiiranii kan itti jiran tahuu waanuma Oromoon marti beekuu dha. Qabsoon jaroota kanaa akeekaa fi kaayyoo dhaabaa tan ganamaa san hojii irra oolchuun bilisummaa fi walabummaa Oromoon barbaadu san mirkaneessuu osoo hin tahin hawwii fi fedhii dhunfaatiin jaamanii, shiraa fi dhara qabsoo Oromoo keessa diriirsanii namoota isaan irraa fottoqee fi kan tirachuu imala qabsoo isaanii kana hifatee xurree qabsoo injifannoo kutaaraan galmeessuu dandeessu tilmaamu mara dhoqqee ajooytuu kijibaan dibanii eega moggatti baasanii booda akka Oromoon isaan malee namni nuuf qabsaa’u waan jiru ja’anii abdii muranii, harka kennanii amanan godhuun san booda barbaadan qabsaa’uu, barbaadan ammoo kan qabsaa’u macalaasaa jiraachuuf waan abjootan fakkaatu. Shira isaanii kana warri muraasni yeroo dheeraa dura keessatti arkanii irraa malachaa kan turan tahuus garuu Oromoon harki 80 shiraa fi dhara isaanii guututti baranii, arkanii, mirkaneeffatanii kan harka jalaa fudhatan ammoo baroota lamaan qabsoon harka duwwaa biyya keessatti gaggeeffamaa turte kana akka tahe ni hubatama. Qabsoon Oromoo isaan malee akka galma gahuu dandeessu kan hubatan warri sammuun siyaasaa dulloomteen qabamte kun hanguma duraanuu ibsa ejjannootiin illee taatu diina irratti qabsaawan sanuu hurgufanii dhiisanii galma gahiinsa injifannoo qabsoo Oromoo kana hanqisuuf shira isaanii haareyatti xaxanii wayyaaneef tumsa bahaa kan jiran fakkaatu.

Tooftaan jarri siyaasaan harkaa doobante kun itti fayyadamanii qabsoo Oromoo akkuma dur qancarsuuf itti deemaa jiran hedduu tahuus san keessaa muraasni akka armaan gadii kana taha.

1) Hayyoota sabboonummaan irraa calaqqisu kan taligaa fi tooftaa adeemsa qabsoo Oromoon godhaa jirtuuf yaada tinnisaa laatan, warra Oromoon jaaramuu qabdi jechuun Oromoo jaaruutiif sossoo’u jalqaban mara laamsheessuu, nama afooshaallee taatu fedhiifi beekkamtii isaaniitiin ala walitti qaban mara hojiin ala godhuu,
2) Dhaabbiilee hawaasummaa kan akka miidiyaa faa kan sabni Oromoo harki caalu jaalatan, deeggaranii fi jala hiriiran maqaa xureessuu, balaaleeffachuu fi diina waan Oromoo diiguu jaalatu waliinillee hiriiranii diiguuf yaaluu
3) Oromoon qabsoo jalqabde mara dhiiftee akka ifiif wal afaan deebi’an godhanii Kutaa, lagaa fi amantiin wal nyaachisuu, walitti duulchisuu fi guutumatti adeemsi qabsoo baroota lamaan kana godhaman akka miidhaa malee bu’aa hin buusin fakkeessanii afuufuun Oromoo guutumattuu qabsoo irraa abdii kutachiisuuf wixxifachuu,
4) Akkuma wayyaaneen gowwaa Oromoo kan hin baratin, OPDO jattee uumuun qabattee umrii gabrummaa isii Oromoo irratti dheereeffachaa jirtu, jarri siyaasaan harkaa bade kuniis gowwaa baradhe ifiin ja’u qabatanii Oromoo afaanfaajjeessuu, saba arrabsiisuu fi namoota wahi taatee quuqama qabaniifi qabsoo baroota lamaan kana godhamte yaadaan tinnisan irratti cubbuun duulchisuu,
5) Ajandaa namoota dhunfaa mata duree guddoo godhatanii hafarsuu, wal dhabbii namoota lamaa wal dhabbiifi wal diddaa Kutaa Oromiyaa fakkeessanii afuufuu, kana malees ilaalcha amantiitiin akka Oromoon ija keessa wal laalee walitti gaarrinfatu godhuuf tattaafachuu,
6) Adeemsa qabsoo baroota lamaan kana gaggeeffamaa ture micciiruun akka ajandaan isaa dagatamu, akka Oromoon wal dhahiinsaa fi walitti bu’iinsa adda addaa wal jiddutti uumuun wal balaaleeffatu godhuun abdii kutachiisuuf yaaluu,
7) Oromoo bakka lamatti baasuun warra biyya keessaa fi warra diyaaspooraa jechuun qoodanii warri diyaasfoora kun tokkolleen akka Oromoof quuqama hin qabne fakkeessanii kijiba afuufuun akka Oromoon namoota tokko tokko kan geengoo diinaati ala jiraatee adeemsa warraaqsa godhamaa turee san karaa dandahuun gargaaraa ture shakkuu fi balfu taasisuu,
8) Qeeqa, yaadaa fi olola bu’ura hin qabne, kan raga fi qabatamni isaa hin jirre, yaadoota diigaa fi humaa irraa hin baratamne, taajjabbii afanfaajjii fi arrabsoo uumuun namoota sabni kun ni qabna ja’anii abdatan irratti afuufuun akka Oromoon ija isaa diina irraa naanneessee namootuma kaleessa jaalatan kana ija shakkiitiin mil’atan godhuuf tattaafachuu,
9) Qarooma dhaloota qubee, tokkummaa Oromoon jaaratte kana dagachuun hanga isaaniif dandahametti harka diinaa keessaan gamtummaan Oromoon jaarratte kun akka diigamu, akka faca’u, akka Oromoon ammallee waggoota danuuf gabrummaa jalatti gombifamu godhuuf karoorfachuu,
10) Kutaa Oromiyaa tokko dhaadheessanii Kutaa tokko tuffachuun akka Oromoon qoodamiinsa kalee san caalu keessatti kuftu godhuuf, namoota amantiin gargarii yoo tasa dhimma hojii, dhimma dhunfaa fi fedhii isaanii irratti walitti mufatan mata duree micciiranii akka waan gandummaan, gosummaan ykn ilaalcha amantiitiin walitti bu’anii fakkeessuun lallabuu,
11) Dhaabbiilee, jaarmaya, waldaya, gumii fi ijaarsoota Oromoo kan qabsoo amma Oromoon itti jiru kana deeggaran mara jaarmayoota, dhaabbiilee gandaa, gosaa, amantii fi qabeenya dhunfaa akka tahetti fakkeessaanii hafarsuu,
12) Namoota yaada isaan oofan kana dura dhaabbatan, warra yaada qabatamaa qabatee shira isaan oofan kana morman, warra qabsoo Oromoon isaanii alatti godhaa jiran kana deeggaran kan biyyoota dadda’iifa akka biyyoota Afrikkaa keessa jiran filanii diinaaf dabarsanii kennuun, warreen macalaasuun laaffattuuf ammoo maallaqa xiqqaan ukkaamsitoota itti bitanii dhooysaan lubbuu gaaga’uun injifannoo shiraa galmeessuu kajeeluuf karoora baafatanii hoji seenuu fi kan biro danuun tooftaalee qaamni qabsoo Oromoo dulloomee if haaroomsuu dadhabe kun wayta ammaa Oromoo gabrummaa jala tursiisuuf qabatee deemaa jiruun keessaa isaan muraasa.

Eegaa! yaa ilmaan Oromoo kabajamoo, tooftaa fi shira addaa hamaa gabrummaa jalatti Oromoo doobansuuf garee fi murna maqaa Oromoo himatuun diriirfamaa jiru kana haaloota dhiheenya miidiyaa hawaasaa irratti arkaa jirru irraa laaftumatti ni hubattan ja’een yaada. Eega agoobara Oromoo irratti funyoo dharaa fi shiraatiin diriire kana beeknee ammoo, haala kamiin Oromoon qabsoo isaatiin diina kallattiin beekan wayyaanees dabalatee, fira diinoomee dhooysaan gabrummaa jalatti nu waarsuuf hidhatee deemu kanaas injifachuun moohinsa Oromummaa gonfachuun danda’ama kan jedhu yeroo biraan qabadhee dhufa. Hundaafuu Oromoon akka Oromootti gamtummaa bu’ureeffate tana cimsannee galii keenya dhugaa gahuuf haa tattaafannuu. Shirri qabsoo oromoo galma gahuu hanqise dhaloota qubeetiin cicciramee, deemsi isaatiis goolabamuu qaba ja’een yaada. Geengoo diinaa cabsuu qofa osoo hin tahin mooraan qabsoo Oromoo tan cubbuun, shirrii fi dharri keessatti wal hore, tan masluuffummaan walakkatti saartee qe’ee gowwaa fi daafanaan qofti keessatti wal gahe fakkaattu fi kijibni keessatti waare tun marti qabsoo dhaloota qubeetiin akka qulqullooytu shakkii hin qabu jechaan barruu tiyya guduunfee arraaf goolabe. Horaa bulaa!

Oromiyaan qabsoo haqaa fi dhugaa qofaan ni walaboomti!

Saphaloo Kadiir | Abdulbasit
Caamsaa, 2017

The post SHIRRI QABSOO OROMOO GALMA GAHUU HANQISE DHALOOTA QUBEETIIN GOOLABAMUU QABA! appeared first on Bilisummaa.

Karoora konfaraansii Sosochii Hawaasaa Sadarkaa sadarkaan Barmaatilee miidhaa Geessisan maqsuuf qophaa’ee

$
0
0

Camsaa 2009

 

Seensaa

Barmaatilee miidhaa geessisan akka aadaa hawaasa tokkotti ilaalmuudhan dhaloota dhalootaatti darbuudhaan daran baratamaa kan deemanidha.

Barmaatileen kun yeroo dheeraaf dhaloota irraa dhalootatti darbaa waan dhufaniif hawaasni akka waan faayidaa qabuu fi waan gaariittii ilaaluudhaan kan raawwatudha.

Barmaatileen miidhaa geessisan kun miseenota garee hawaasaa ta’an keessattuu dubartootaa fi daa’imman irratti midhaa cimaa kan geessisanidha .

Hawaasni aduyaa BMG kan adaa namaaf faayidaa qabu irra adda fudhachaa turullee konvenshinii loogii dubartootaa irratti raawwatamuu kamiyyuu dhabamsisuuf bahee ( convention on the Elimination of All forma of discrimination against waomen ) bara 1979 fi konvenshinii mirgaa daa’immanii ( CRC bara 1989 bahe isaan duraati

Waliigalteewwaan mirgoota namoomaatiin walqabatanii waa’ee mirga dubartootaa fi daa’immanii ilaalchisee bahen huna keessatti BMGn dubartootaa fi daa’immanii irratti raawwatamuun miidhaa geessisan biyyoota miseensota ta’an keessatti akka hin raawwatamne tarkaanfiilee barbaachisoo ta’an akka fudhatanis tumamee jira

Biyyi keenyaa Itoophiyaanis waliigalteewwaan mirga namoomaatiin walqabatani bahan mirkaneessuu qofa osoo hin taane qaama seera biyyatti akka ta’an HM’FRI keewwata 9(4) jalatti ifatti tumamee jira

Heeruma mootummaa kana keewwata 16 jalatti dhalli namaa kamiyyu mirga miidhaa qaamaa irraa eegamuu akka qabuu tumamee jira

Akkasumas seerri yakkaa bara 1996  bahe BMG dubartootaa fi daa’imman irratti raawwatamuun miidhaa geessisan yakka ta’uu isaanii adabbii isaanii wajjin ifatti kaa’ee jira

Barmaatilee miidhaa geessisan dubartoota fi daa’imman irratti rawwatamuun miidhaa xin- samu qaama fayyaa fi hamilee geessisan keessa isaa angafadha.

 

BMG heera mootummaa fi seeraa yakkaatiin kan dhorkamee fi gochaa kana ittisuuf tarkaanfileen adda addaa kan fudhatamaa jiran yoo ta’ee illee ilaalcha duudhaa fi amantaa hawaasaa irraan kan ka’e gochaan kun yeroo dubartootaa fi daa’imman irratti miidhaan adda addaa geessisan ni mul’ata

Kaayyoo

Konfirensii sosochii hawaasaa bal’aa umuudhaan BMG yakkoota dubartootaa fi daa’imman irratti raawwatamaa jiran maqsuun mirgaa fi nageenya isaanii kabajsiisuun hirmaannaa fi faayidamummaa dubartoonnii fi daa’imman kabachisuu BMG akka xiqatu gochuu

Galma

Yakkoota fi BMGn dubartootaa fi daa’immni irratti raawwataman maqisuuf hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartoota gama hundaan mirkaneessuuf hawaasa bala’aa waliin konfiraansii gaggeessuun sochii hirmanaa hawaasa bal’aa humuufi cimsuun akkasuumas jijjirama hawaasichaa keessatti fiiduu dhaan gochaa fi yakka raawatamaa jiru hir’ate arguudha.

Barbaachisummaa

BMGn bakka heedduuminaan irra dadeebiin itti keessatti soochii finiinsa hawaasaa bal’aa  uumuu dhan hubannoo hawaasni bal’aa dhaf keennamee akka maqisamuuf konfiraansiin hawaasaa kun barbaachisaa ta’ee argameera

Haala walii Gala BMGn irra jiru

BMGn yakka ta’uu isaa hubatee dubartootnnis ofitti amanummaan isaaniitis dabalee  miidhaawwan isaan irra gahu mormuu fi  yakkoota isaan irra gahu seeratti dhieessuu calqabanii jiru. Hojiiwwan baballaan hojjatamaniins gosaa gosatti aanaa fi aanaattii garaagarummaa yaaqabaatu malee amma ta’e hara’achaa dhufee jire yoo xiqqate hawaasni BMGn yakka ta’uu isaa hubatee saaxiluu calqabee jira. Yaata’uutii amma irraa geenyee yeroo ilaalluu qaamooleen mootummaas ta’ee dhimmamtootni / deeggartootni/ ijaaramoonni hawaasaa dhaabbileen amantaa / abbootiin gadaa hawaasa biratti fudhatama qaban waliin ammas qindoommina calmaatti otuu socho’amee bu’aan caalmaan dhufuu danda’a hanqinoolee kana irraa ka’uun ammas BMGn dubartoota fi daa’imman irratti gahaa jiru deebi’ee dabalaa dhufee jira.

Bakka itti Hedumaatee

  • Dirqiin Gudeeduu :- Aanaa Baabbilee, Jarso Haromayaa ,M/Bal’oo                Gurawaa         fi         cinaksan
  • Reebichaa :- Aanoota keenyaa hunda birati
  • Fudha irratti fudha :- Aanaa Gurawaa ,Baabbilee, cinaksan Jarso ,gursum Baddannoo
  • Kittannaa :- Babbilee ,Cinaksaan ,jarsoo ,Meettaa qarsaa Haramayaa ,mayyuu qumbii
  • U/M/Herumsiisuu :- Go/odaa mayuu  .qumbii ,cinaaksan , Baabilee , Gursum, fadis, midhagaa

Hojiiwwan Gurggudoo Hojjatamuu qaban

 

  • Ragaawwan yakkoota BMG miidhaa human irratti xiyyeeffachuun raawwatamaan jiran akka godinaa keenyaa jiran qindeessuu
  • Karooraa dhimmamtootaa fi deeggartoota hirmaachisuu danda’uu qopheessuu
  • Barreeffamootaa marii sosochiitiif ta’uu danda’u qopheessuu
  • Karooraa irratti oranteeshiinii kenuu fi sagantaa sosochichaa qaamoolee ilaalatu ifa gochuu
  • Waltajjiiwwan babal’aa sosochii hawasaa sadarkaa sadarkaan qopheessuun BMG irratti mariiwwaan jijjirama fiduu danda’an taasisuu
  • Seera aadaa hawaasni irratti waliigaluu danda’u akka baafatan gochuun mana mare sadarkaa gandaatiin akka mirkaneeffatanii hojii irra oolchan gochuu
  • Gandooleen muuxannoo gaggarrii qabanii fi /BMG irraa bilisa ta’an waltajjiiwwan sosochii taasifamu kana irratti beekamti akka argatan gochuu
  • Raawwii sosochii kana keessatti hojiiwwan muuxannoo gaarii ta’an qindeessuun akka babal’atan taasisuu
  • Hojiiwwan raawwataman hunda sirna gabaasaatiin qindeessuu qaama ilaalatuuf gabaasuu
  • Deeggarsaa fi hordoffii taasisuun hanqinaa fi ciminaa adda basuu duubdeebii kenaa deemuu

 

Tarsiimoo Raawwii /Malaa raawwii

  • Konfraansii hawaasa aanoota fi magaaloota hundatti sadarkaa ijaarama tokko-shanee irra jalqabee marii bal’aa gochuu dhan
  • Midiyaalee hundaan fayyadamuun
  • Barreeffama miidhaa BMG geessisuu irratti qophaa’ee fi yakkoota dubartootaa fi daa’imman irratti rawwataman akka haala qabatamaa aanaa isanii irratti mulatan ibsuudhaan qaamonni dhimma ilaalu yaada akka irratti kennan gochuudhaan gabbisuun
  • Miidhaa  dubartootaa irra gahe jiran adda baasuudhaan oggantoonni sadarkaadhaan jiranii fi qaamonni dhimmi ilaalu hundii kallattii yaada furmaataa akka kaa’an taasisuun
  • Raayyaa misooma dame dubartoota cimsuuf hubannoo adda adda kennun fi barmaatileen miidhaa geessisanii yakkoota dubartoota irratti raawwataman hunda akka saaxilanii fi balaaleffatan taasisuu
  • Qaamoolee hirmaachuu qaban hundaa hirmaachisuun
  • Sirna deeggarsaa fi hordoffiitiin aanaalee fi magaalootaa qunnamuun
  • Koreewwan sadarkaa hundatti dhaabbatan keessatti A/gadaa,Abbootii amantaa /dhaabbilee mootommaa fi miti- mootummaa. Afooshaalee jaarmiyaalee dubartootaa fi dargaggootaa sadarkaa jiran qaamoolee haqaa  barttoota fi KKF hirmaachisuun

Hirmaatootaa marii kana

  • Sad. Gandaa – Godinaa tti
  • Abootii gadaa fi abootii amantaa dubartootaa garee misoomaa tiin ijaaraman hundaa /adda duree kan tahan /jaarmiyaalee dubartoota jaarsoolii biyyaa koree gosrdiitoota seeraa seektaroora mootumaa irra duree teessoota gandaa qaamoolee haaqaa gaggeesiitoota sadarkaa jiranuu miseensoota foramii farra- BMG fi fooramii baratoota shamaranii parlaamaa daa’imani hojjatootaa Eks. Fayyaa barsiistoota fi hojjetoota misooma dhabbiilee mit- mootummaa jiranu
  • Karooraa Hirmaatoota marii kana

Sadarkaa Ganda itti haawaasa Bal’aa

Dhira         1,500,000

Dubartii     1,500,000

W/G          3,000,000

Sadarkaa Aanaa tti

          Dhira     46,650

       Dubartii    46,650

         W/G         93,000

Sadarkaa Godinaa fi  magaalaatti

          Dhira     17,600

       Dubartii     17,600

         W/G      15,200

 

Gabatee yeroo raawwii

T.L Hojiiwwan gurguuddoo safartuu yeroo raawwii qaama raawwatuu
1 karoora konfransichaa manamentiin mirkaneessuu lakk 03/9/2009 A/adeemsa Gahoomina
2 marii hawaasaatiif waa’ee BMG ilaalchisee dok. Matiin mirkanaa’ee akka qophaa’u gochuu dokimanti 06/9/2009 A/adeemsa Gahoomina
3 koree addaa addaa dhabuu koree 06/9/2009 waaj Dh.D.D.Godinaa
4 dokimantii qophaa’ee aanoota gadii busuu dok. 07/9/2009 waaj Dh.D.D.Godinaa
5 ragaawwan yakkoota BMG miidhaa human irratti xiyyeeffachuun raawwatamaa jiran akka godinaa lakk aanootafi magaaloota 30/8/2009 Aanoota fi magaaloota
6 waltajjiiwwan babal’aa sosochii hawaasaa sadarkaa sadarkaa qopheessuun BMG irratti mariiwwan jijjirama fiduu danda’uun taasisuu lakk aanootafi magaaloota camasaa 10-15 Aanoota fi magaaloota
7 seera aadaa hawaasin irratti waligaluu danda’uu akka baafatan gochuun mana mare sadarkaa gabdaatiin akka mirkaneeffatanii hojiirra oolchaan gochuu lakko gandoolee camsaa 16-30 aanaa/ Gandoolee
8 gandooleen muuxannoo gaggarrii qabanii fi BMG/irraa bilisa ta’an waltajjiiwwan sosochii taasifamu kana irrattii beekkamtii akka argatan gochuu lakk 15/9/2009 Dh.D.D Aanootan
9 hojiiwwan raawwataman hundaa sirna gabaasatiin qindeessuun qaama ilaalatuuf gabaasuu 20/9/2009 Dh.D.D sadarkan jiruu

Koree sosochii kanaa sadarkaa sadarkaa dadhabatu

  1. Caasaa dhimma dubartoota fi daa’immanii sadarkaa jiran —-w/qabaa
  2. Jaarmiyaalee dubartoota sadarkaa jiran ————————- barreesaa
  3. Gumii abbootii gadaa ————————————————–miseensa
  4. Qindoomina dhaabbilee amantaa sadarkaa jiran —————–miseensaa
  5. Dhaabbilee miti mootummaa BMG dhabamsiisuuf hojjataa jiran ———— miseensaa
  6. Afooshaalee hawaasaa ————————————————-miseensa
  7. Qaamoolee haqaa —————————————————— miseensaa
  8. Miseensa koree foramii farra BMG sadarkaa jiran ————– miseensaa

Gahee koree sosochii sadarkaan dhabatuu

Caasaa dhimma dubartoota fi Daa’immnii

Caasaa dhimma dubartoota fi daa’imman sadarkaa jiru koree dhabatee kana qindeesuun sochii hawaasa kana fidinnisuu irra egama.

Gahee Jarimyalee dubartoota

Sochii dubartoota bal’aa finfinnisuu dubartoota marii hawaasa sadarkaa sadarkaan geggesamuu irratti akka hirmatan dubartoota sochoosuu

Gumii Abootii gadaa

Abootin gadaa hawaasaa biraatii fudhatama waan qabaniif BMG baleesuu keessatti shoora olanaa qabuu sababbin isaa abootin gadaa qama hawaasa sana bulchuu fi seeri adda bafatanii hojii irra olmaa isaas hordoffani murtee kan kennuu waan ta’an bakka uuman waliitii qabamee bakka marraatii kan kennuu waan ta’an bakka uuman waliiti qabamee bakka marraatii ilee caaraa dhageefatamuu waan qabanuuf ergaa dabarsuun seeraa adda bafatatan hojii irra akka oluu BMGn akka baduu hawaasa sochoouu

Qindoomina dhaabbilee amantaa sadarkaa jiran

Namoota ammantaa isaan barsiisan hordofaniif dhimma kana irratti xiyyeefachuun akka hubannoo kennanii fi sosochii kan keessatti akka hirmaatan taasisuu

Dhaabbilee miti mootummaa BMG dhabamsiisuuf hojjataa jiran

Dhabileen miti mootumaa akkata aregama qabatanin hojeetaa jiranin sosochii hawaasa kana deggaruu

 

The post Karoora konfaraansii Sosochii Hawaasaa Sadarkaa sadarkaan Barmaatilee miidhaa Geessisan maqsuuf qophaa’ee appeared first on Bilisummaa.

Karoora Ayyanaa Hundeeffama Liigii Dubartoota Dh.D.U.O waggaa 9ffaa itti Gaggeefamu

$
0
0

Waajjiira Dh.D.U.O Go/H/Bahaa

 

Caamsaa 2009

Harar

 

Seensa

Dhaabni keenya Dh.D.U.O.hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartoota gama hundaan mirkannahu akka danda`u akkasumaas waltajjiin gabaasa dubartoota tahee akka tajaajiluu dandaa`uuf liigii dubartoota Dh.D.U.Obara 2001 akka hundaa`uu ta`ee jira

Liigii keenya yeroo hundaa`u sagantaa siyaasaa dhaabaa haadhoo qabaatee akkaataa ergamaa fi kaayyoowwan fi ergamoota gurguddoo qabatee hundaa`e giddu galeessa godhachuun waggootan 9ffaan darban keessatti injifannoo gurguddoo galmeessa dhufee jira.  Injifannoowwan gurguddoo gamaa`aa jiran irraa dubartootni godina keenyaa sadarkaa sadarkaa jiran akka hiraa fayyadamaa ta`aa jira.

Hirmaannaa fi fayyadamumma dubartoota gamaa hundaan galmaa`aa jiru.  Daraan cimee akka itti fuutuuf liigii keenya waltajiiwwan gurguddoo baraa kana gaggeessaa ture keessa haromsii liigii gaggeefamee kan ittiin mirkannesse fi haaromsa seenaa qabeessa turee jechuun ni danda`ama.

Hundeefama waggaa 9ffaa liigii dubartoota Dh.D.U.O.kabajaamu sochii siyaasaa liigii keenya jalqabamee itti fufsisuuf misooma fi nageenya jalqabamee daran cimee akka itti fufuu ayyaana hundeeffama waggaa 9ffaa liigii keenya kabajuun barbaachisaa tahee argamee jira.

Kaayyoo kabaja Ayyaanaa keenyaa

  • Ayyaannii kun yeroo kabajamuu bu`aa bahii liigiin keenya keessa darbee fib u`alee liigii fi dhaaba keenyaan hanga ammaatti galmaa`an irratti xiyyeeffachuu, waltajjii haaromsa gadi fageessuu akka liigiitti gaggeeffameerratti ciminootaa fi hanqinoota keenya adda ba`an miira yeroo hin qabnu fi kutannoo ol`aanaan hojiirra olchuun waadaa keenya haareessudhaan hojiilee misooma, nageenyaa fi bulchiinsa gaarii dubartoota keenyaaf hojjatamu irratti olaantummaan ilaalchaa dimookraatawaa fi misoomawaa akka dagaagu gochuu
  • Hojii siyaasaa cimaa hojjachuu dabalataaniis hojii gama akkaatuma bara baraan jalqabameetti osoo wal irraa hin citiniin hojjachuu fi fayyadamummaa dubartoota keenyaa mirkaneessu.
  • Sochiin liigiiin keenya waggootan 9`n dabarsine kana keessatti hojiiwwan hojjataman fi kaayyoo liigiin keenya hundaa`eef bu`aawwan hanga ammaatti liigiin galmaa`ee dhufee jiru hubatamu taasisuu fi guyyaan hundeefamni liigii kenyaa karaa ho`aa ta`ee kabajamu ta`a.

Galma

  • Bu`aawwan gurguddoo hoggansa dhaabaa haadhoo liigii keenyaan argamee dubartoonni godina keenya akka hubatan gochuu fi hojiiwwan gama misooma dinagdee fi hawaasummaatiin hojjatamaa ture bifa midhagina qabuun akka daawwatan gochu.
  • Dambalii haaromsa gadii fageessuu akka dhaabaa fi liigiitti keessatti umamee karaa hiikkaa qabuun itti fufsiisuun miira xiiqii fi yeroo qabnuun hojjachudhaan ilaalchoonni dimookraatawaa fi misoomawaa hojiilee keenya keessatti mirkanneessu dha
  • Gaggeessummaa dhaabaa haadhootiin injifannoowwan boonsaa galmaa`anii fib u`aawwan injifannoo kanarra maddaan gama siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaatiin argamee irra dubartootni keenya akka irra fayyadaman taasisuu dha.

Hojiilee Gurguddoo Hojjatamu

    1. Karoora ayyaanni kun itti hoggana qopheessuu kana yeroo jennu ayyaanni kana qixa barbaannu fi galma eegamu bira gahuuf karoora mataa isaa danda`ee qopheessuun ittiin gaggeefamuun barbaachisa dha.  Haala kanaan karoorri kun yoo qophaa`u haala waliigala ayyaanni kun ittiin hogganamu koreelee adda addaa fi kallattii raawwii ayyaanichaa kan of keessaatti qabatee ta`ee kan qophaa`u ta`a.

 

  • Koreelee gara gara ijaaruu fi orenteeshinii kennu

 

  • Koreeleen adda addaa milkaa`inna ayyaana hundeeffama dhaabaa keenyaaf sadarkaa sadarkaan hundeessuun gara hojiitti akka galan gochuu koreewwan ijaaramu qaban
  1. Koree ol`aanaa
  2. Koree qophii maateeriyaalii
  3. Koree loojistikii fi qophii iddoo
  4. Koree sab-qunnamtii
  5. Koree hawiisoo
  6. Koree keessumeesituu

 

  • Gaheen koreelee kanaa

 

  • Koreen kan haala waliigala kabaja ayyaana hundeeffamciha ilaalchisee kallatti siyaasaa ka`uun ni hoggana.
  • Karoora ni qopheessa, oranteeshinii koreewwani xixiqqaaf ni keenna.
  • Sadarkaa qophiin kabaja hundeeffama irra jiru ni gamaaggama kallatti ni kaaya.
  • Sagantaa fi qophii dhiyaatu ija siyaasaan ilaalee ni gulala
  • Koreelee xixiqqaaf ergama ni kenna.

 

  • Gaheen koree Qophii Maateeriyaalii

 

  • Jaarmayaalee godinaa fi warra muxxannoo qabuu akka qopheessan ta`a
  • Maateeriyaaliin mariif paanaaliif qophaa`e dafe qaama marii gaggeessuu bira akka gahuu gochuu
  • Qabiyyee sanadichaa osoo hin lakkisiin akka namni hubachuu danda`utti qopheessuu dha.
  • Maateeriyaalii marii kun karaa nama hin nusifneen akka qophaa`uu gochuu
  • Dhaadannoowwan adda addaa qopheessu
  • Ibsa ejjennoo haala qabatamaa qopheessu

 

  • Gaheen Koree Loojistikii fi Qophii Iddoo

 

  • Loojistikiiwwan kabaja ayyaanaaf barbaachisaan qopheessuu
  • Iddoo ayyanni itti kabajamu qopheessuu fi midhagsuu
  • Poostaroota fi dhaadannoowwan adda addaa qopheessuu \madda faayinaansii barbaaduu.

 

  • Gaheen Koree Sab-Qunnamtii

 

  • Hundeeffama liigii kana sadarkaa godina irraa ka`ee hanga araddaatti hojii sossochii bal`aa akka umamauu taasisuu
  • Hirmaattoota hundeeffama adda baasuun waamcha dabarsuu
  • Qaamoota ayyanicha irratti hirmaatan ayyanicha karaa midhagina fi damaqina qabuun akka hirmaatan fi huccu aadaa ufachuun akka dhufan hojii bal`aa hojjachu.

 

  • Gaheen koree Bashananaa (Hawisoo)
  • Koreen kun ayyaanciha milkeessu keesatti gahee olaanaa waan qabuuf jecha koreen kun haawisoo, walaloo, diraamaa gabaabaa haala ayaancihaa waliin deemuu akka qophaa`uu taasisuu.
  • Ayyanicha dura fi giddu giddun sagantaalee kana dabarsuu mana bu`aarsuun ayyanicha midhagsuu.
  • Gaheen koree keessumeesituu

 

  • Koreen kun qaamoota keessuma godinota oromiyaa irraa fi godina keenya aadaa Oromoo ufachuun ni simaata koreen kun keessumoonni iddoo akka qabaatan ni taasisa
  • Qophiilee bunaa fi bishaanii keessumaa kana bira akka gahan ni taasisa
  • Iddoo taa`umsa keessumoota adda baasee ni qopheessa koree iddoo waliin ta`uun
  • Koreen armaan olii kun miseensonni isaanii haala armaan gadii kanaan ta`ee jira.

 

Sadarkaa Godinaatti koreen Olaanaa

  • I/G Waajjiira Dhaabaa Hadhoo W/qabaa
  • I/G Ijaarsaa fi siyaasaa baadiyyaa I/A/walitti qabaa
  • I/G Ijaarsaa fi Siyaasaa Magaalaa Barreessaa
  • I/G Liigii Dubartii
  • I/G Ijaarsaa fi isyaasaa Magaalaa Liigii
  • I/G Dhimma dubartii fi Daa`immani

Koree qophii Maateeriyaala

  • Faayoo sa`iid
  • Sa`aadaa Abraahim
  • Fadilee Dawiid
  • Mariyaam Mahammad

Koree loojistikii fi Qophii iddo

  • Adaamuu Bazaabii                  W/Qabaa
  • Miskii Abraahiim                     I/A Walitti qabdu
  • Dabalii
  • Damaqisaa
  • Faayoo Sa’iid
  • Zanabuu Tashoma
  • Nasiradiin Abduramaan
  • Nasrii Yusuuf
  • Katamaa

Koree Sab-Qunamtii

  • Fadilaa Dawwiid               W/Qabdu
  • Amazanach                        I/A W/Qabdu
  • Aziiza Dawwiid
  • Bonsituu
  • Miskii Mahammad

Koree Hawiisoo

  • Miskii Abraahim                 W/Qabdu
  • Miskii Abraahim Feedereshinii
  • Zariituu Makuriyaa

Koree Keesumeesituu

  • Kimoo        W/Qabduu
  • Bonsituu
  • Kokoobee
  • Fatiyaa
  • Salaam

 

  • Hundeefama dubartoota sababeefachuun muxannoo hojii dubartoota lafa irratti daawwachiisuu

 

  • Sadarkaa godinaatti aanoota hojiin muxxanno jiruu adda baasuun koree sadarkaa godinaa gad busuun Aana Haramaaya, Kombolchaa, baabbilee fi M/Awadaay sochii dubartoota jiruu gad bunee qindeessuun haalaa mijeessu sagantaa dawaana adda basuun Araddaa dawaatamuu adda baasuun qopheessu

 

  • Qamoota hirmaatuu adda baasuu

 

  • Qamooni ayyanicha kanaratti hirmaatan sadarkaa naannoo fi Godinaalee Oromiyaa irra dubartoota 250 kan dhuufan yoo ta’uu
  • Aanoota keenyaraa immo hogansaa dubartoota hundaa 319
  • Sadarkaa godinatii dubartoota hogansa jiran fi jaarmayaalee  Godinaa akkasumaas gaggeessa goddina hundaa akka hirmaatan taasiisu.

 

  • Hundeefama sadarkaa Aana fi Araddatti hundeefamni liigii sadarkaa Araddaa irra hanga Aanaatti kan godinaa dura akka kabajan taasiisuu Ayaanii kuniis hojii misooma fi mariin kabajuu

 

Haala Kabajaa Ayyaanaa

Ayyaanni hundeeffama Liigii keenyaa wagga 9ffaa sadarkaa Godina kaasee hanga Araddatti haala ho’ina qabuun fi karaa bu’aa siyaasa irra argachu dandeenyuun marii paanaalii fi hojii misoomaan kabajuu

Sadarkaa Araddattin

Miseensii Liigii fi deegartoota keenyaa dubartoota adda dure ta’aniin hojatootaa mootumaa sadarkaa Araddaa jiran barsiisa, DA, Maanaajaraa fi Ex/Fayyaa waliin kabajuu

Sadarkaa Aanaati

  • Hojjataa Motumaa
  • Barsiisootaa
  • Abotii qabeenya dubartoota
  • Jarmayaalee Araddaa fi AAnaa
  • IMX
  • Jiraata adda duroota
  • Qonaan bulaa irra adda duroota

Sadarkaa Godinatti

  • Gaggeessa dubartoota godinaa fi Aanaalee
  • Gaggeesitoota godina hundaa
  • Sadarkaa naannooti hogansa dubartoota jaarmayaalee fi koree HRF Jaarmayaalee naannoo
  • Jarmayaalee Godinaalee oromiyaa
  • Dubartoota naanno hararii

 

  • Hojii Uwisaa Miidiyaa

 

  • Guyyaa kabaja ayyanicha uwwisa midiyaaleen akka TVO, FM fi sochaa midiyaan facebook akka argatu gochu sadarkaa aanaa fi godinaatiis irratti hojjachuun ummata bal`aa bira akka gahuu taasisuu
  • Sagantaa kanarrattii suraa fi vidiyoo karaa qulqullina qabuun akka warabamuu taasisuu

 

  • Hojiin Nageenyaa

 

  • Ayyanichii kara nagayaan akka gaggeefamu koreen nageenya gahee isii akka baratuu taasiisuu
  1. Rakkoolee nu qunamuu
  • Koreen hundii karaa wal-fakkaata ta’een ga’ee isaani bahachuu dhabuu
  • Rakko loojistiikii nu qunamu danda’a
  • Qaamni ayaanichaaratti afeeramee hudnii wal-qixaa hirmaachu dhabuun harcaatiin umamu malaa

Guyyaa Ayyaanni Itti Kabajamuu

Sadarkaa araddaatti

  • Guyyaa 10-12tti akka xumuramu sadarkaa

Aanaa fi magaalaatti

Guyyaa 13-15tti kabajamee haa xumuramu

Furmaataa

  • Koree hundaa koreen olaanaa raawwii isaani guyya guyyaan hordoofun rakko qunamuuf falaa ka’aa deemuu
  • Madda faaynaansii jiru adda baasuun duguganii itti fayyadamu
  • Qaamni hirmaatu kara gutuu ta’een akka hirmaatu xiyyeeffanno adda kenuun hordofuun harcaati xiqeessuu

The post Karoora Ayyanaa Hundeeffama Liigii Dubartoota Dh.D.U.O waggaa 9ffaa itti Gaggeefamu appeared first on Bilisummaa.

Wajjira Dhimma Dubartootaa fi Daa’imman Godinaa Hararge Baha.

$
0
0

 

 

Karoora Gabaaba Konfaransii  Sosochii Dhabamsiisa

BMG fi MKB Irrtatti qophaa’ee

Camas 2009

Harar

Sensaa

Akka addunyaatti  rakkoowwan dubartoota irra gahaa jiru maqsuuf  waligalteen  mootummoota gamtoomaniin bara 1993tti bahe  akka ibsutti miidhaan dubartootaa irratti dhaqqaban kanneen akka miidhaa qaamaa, miidhaa Xiin sammuu irratti geessisaa kan jiru yoo ta’u, rakkoleen kunniinis kan raawwataman humnaan/dirqamaan biramadummaa  dubartootaa sarbuun  jireenya dhuunfaa fi haawasa keessatti qaban irratti dhiibbaan irraan  gahaa turuu ni ibsa. Biyyi teenyas

Walqixxummaan korniyaa fi mirgi dubartootaa akka kabajamu heera bara 1987 keewwata35 keessatti kan mirkanaa’e yoo ta’u bu’uruma kanaan Seerri Maatii Oromiyaa fi Seerri Yakkaa Foyya’ee bahes miidhaa fi yakkoota dubartootaa fi daa’imman irra gahaa jiran maqsuu keessatti shoora guddaa taphachaas jira. Yaa ta’uutii miidhaan barmaatilees ta’ee koorniyaa bu’uurefate ammas bal’inaan dubartoota irra  gahaa jira

Kanaafuu,koonfiransiin Godiina  irraa hanga gandaa fi gandaa gaditti(RMDD fi Tokk-shaneetti)gaggeeffamu kun miidhaa koorniyaa bu’uureffate fi barmaatilee miidhaa geessisan maqsuu keessatti  jijjiirama amalaa fi hubannoo hawaasa bal’aa keessatti ni fida  amantii jedhuun  barreeffamni kun akka qophaa’u ta’ee jira.

Kaayyoo

  • Midhaa korniyaa Bu’ureefatee fi Barmaatilee miidhaa geessisan(BMG) dubartoota irratti raawwataman akkasumas ilaalchaa fi Gochaan loogii  dubartoota irratti geesiisan  qabsoo qooda fudhattootaa fi hawaasa bal’aatiin  haambiisuudhan hirmannaa fi fayadamuummaa dubartootaa kallattii hundaan akka mirkanaa’uu  kaka’umsaa fi dadammaqina uumuu dha.

Galma

  • Qaama hunda biratti jiijjiiramnii ilaalcha  dhufee dubartootaa fi daa’imman yakkoota BMG’n irraatti raawwatamuraa bilisa ta’anii omishitootaa fi fayyadamtoota  ni ta’u.
  • Sosochii bal’aa taasifamu kan keessatti dhimmi BMG fi miidhaa  koorniya bu’uureeffate dhabamsiisuu Ajandaa RMDD fi raayyaa guddichaa ta’a

Karoora sagantaa konfiransii  FBMG sadarkaa Godinaa ,Aanaa fi hanga 1-5itti gaggeefamu.

Sadarkaa Godinatti

Lakk Qamaa hirmaatu Baayina Qamaa mari’achisuu Guyyaa mariin itti gaggeefamu Ibsa
1 Qadii fi Abba Amaanta kirstana        48 Itt/Bulchaa

Haqaa

Itt/polissii,DHDD

16/9/2009 Galma bulchinsaa.
2 Dhimma Islama Aanaa         24
3 Korniyaa polisii Aanaa         24
4 Korniyaa  seektaroota godina         32
5 Itt/gaf.kabinee Godina         62
6 Abba seera Aanoota        24
7 Abba alangaa        24
8 Dhab/ mit/motuumaa Korniyaa irratti hojjatan        15
9 Itt/G/Ligii Dubartoota         24
277

 

Sadarkaa Aanaatti

Lakk Qamaa  Aanaa irratti hirmaatu Baayina Qamaa mari’achisuu Guyyaa mariin itti gaggeefamu Ibsa
1 Kabiine Aanaa hundaa      1440 Bulchaa Aanaa,I/GHaqaa

I/GDHDD

10/9/2009 Galma Aanoota
2 Dhimma Islama abba amantaa kirstanaa      45
3 Korniyaa polisii Aanaa       24
4 Korniyaa  seektaroota         768
5 Jarmaale dubartoota fi dargagoota       384
6 Qindesituu ekistenshini fayyaa        540
7 Itt gaf/Gumii shamaranii (Barsiistuu)        200
8 Itt/g/buf/fayyaa      186
10 Manguddo biya kan dhiraa fi dubartii 154
11 Dareektara mana barnoota 200

 

Sadarkaa Aaradatti koonfiransii gageefamuu.

Lakk Qama hirmaatu Baay’ina hirmaatoota Qama mari’achisuu Guyyaa maarii Ibsa
1 Kabinee Araddaa      3780 Kabinee Aanaa

Jarmaale Dubartoota Aanaa fi BBH

14 Aradoota

2

Jarmaayalee dubartoota aradaa     4320
3 Gaggeesitoota 1-5 fi garee     14000
4 Hujaatoo Ekstenshinii fayyaa      540
5 Barsistoota      1000
6 Ogeesa fayyaa     1000  
7 Abba Ammantaa aradda keessa jiru.      1080
8 Desistoota Adaa      2700
9 Miliishaa  Aradda

 

Sadarkaa Garee misoomati

lakka Qamaa Hirmaatuu Bayina  hirmaatoota Qamaa Marisiisu Guyya Ibsa
1 Hoggantoota  1-5 hunda Halaa qabatama -Abba Aradda fi kabinee aradda

-Hojatoota motumaa hunda

14
2 Abbotii Amaanta ganda keesaa jiran hunda ‘’
3. Namootaa umaata birati fudhatama  qaban ‘’
4 Misensaa dhabba hadhoo hundaa ‘’
5. Dubartoota shammarani hin  heeruumin hunda ‘’

 

Haqaa dubartiif irra deebinee haa yanuu‼

The post Wajjira Dhimma Dubartootaa fi Daa’imman Godinaa Hararge Baha. appeared first on Bilisummaa.


Yaa’ii Hoggantoota Oromoo (OLC) fi Gumii Oromiyaa Addunyaa (GGO)

$
0
0

Lamaanuu Oromoo dha, lamaanuu Oromoof, lamaanuu Oromoon uumaman:

Rakkoon jiru maali?

Abdii Boruutiin

Akkuma beekamu fi namuu hubachuu danda’u yeroo ammaa mooraa QBO keessatti waan haaraa lamatu mul’atee jira. Isaan kunis Yaa’ii Hoggantoota Oromoo – Oromo Leadership Convension (OLC) kan jedhamu fi Gumii Oromiyaa Addunyaa – Global Gumii Oromia (GGO) jedhamee kan dhiyoo kana ijaaramee dha. Isaan kana lamaanuu cimina sochii uummata Oromoo, keessumaayuu kan barattoota fi dargaggoota keenyaatu dhalche jechuu ni danda’ama. Sochiin uummata keenyaa, kan Oromiyaa keessatti akka ibiddaa boba’aa jiru diina keenyarratti qofaa otuu hin taane Oromoorrattillee dhiibbaa jabaa godhaa jira. Isa kanatu OLC fi GGOn akka dhalatan taasise jechuun dha. Dhiibbaa sochii kanaatu Sabboontotni Oromoo walittidhufanii akka dhimma saba keenyaatiif waliin mari’atani fi waliin hojjechuuf murteeffatan taasise. Isaan kun lamaanuu Oromoodhaan ijaaraman; Oromoof hojjechuuf uumamna; isaan lamaanuu Sabbontota keenyaan uumaman. Erga dhugaan kana ta’ee ammoo rakkoon jiru maaliree?

 

Asirratti, rakkoon jiru maali? jedhee gaafii kanan dhiyeesseef waan naaf hin galletu jira. Kanaafan dhimma kanarratti yaada koo dhiyeessuuf mata duree kana filadhe. Akkuma miidiyaalee hawaasaa tokko tokkorraa hubatamutti, erga GGOn ijaaramee asis ta’ee sana duras dhaabbatni kun lamaan akka waan walfaallessaniitti yookaanis kaayyoo adda addaa qabaniitti; sana birallee dabree akka gufuu walitti ta’uuf deemaniitti ilaalama. Ijaaramuu GGOtiif affeerraa fi yaamicha godhameef diduudhaan jaarmayootni Oromoo tokko tokkos ibsa baasanii akka turanis mul’atee jira. Warri GGO ijaaranis yaamicha OLC irratti argamuuf fedhii akka hin qabnes ibsamee jira. Erga hunduu waayee uummata keenyaatiif quuqamanii; erga hunduu sochii uummata keenyaatiif tumsa fi gargaarsa ta’uuf kaayyoo qabaatanii; erga hunduu diina waloo kuffisuuf waan danda’amu ni goona jedhanii murteeffatanii; erga hunduu ilmaan Oromoo – ilmaan haadha fi abbaa tokkoo ta’anii; rakkoon asirratti uumame ykn uumamu maali?

 

Wanti qabatamaa ta’ee fi ragaa hin qabne tokko otuu hin jiraatin ykn hin mul’atin, gama tokkoon, warri OLC kaayyoo walabummaa Oromiyaa karaarraa maqsuuf; sochii uummata keenya kan biyya keessaa kanatti abbaa ta’anii kaayyoo ofii tokko galiidhaan gahuuf warra hojjetanii dha jedhama. Gama biraatiin ammoo, GGOn warra garee tokkotti hirkatan ykn garee tokkoon ijaaramanii dha jedhamee haasa’ama. Gareen jedhamu kunis akka hubatamutti ABO warra Obboo Daawud Ibsaatiin hogganamu, kan yeroo baay’ee “Shanee”dhaan yaamamanii dha. Egaa, asirratti ololli gama lamaan deemu kun eessaa dhufe? Dhuggumatti dhaabbatni kun lamaan, OLC fi GGOn, kaayyoo walfaallessan qabuu? Akka waliin hin hojjetne kan isaan taasisu rakkoon hin beekamne jiraa? Maaliif yaamicha waliif godhan kabajuu dhiisan? Maaliif dhaabbata tokko waliin ijaaruu dhiisanii gara garatti uumaman? fi gaafiileen kana fakkaatan ka’uu danda’u.  

Gaafiilee kaan akkuma jiranitti dhiisee, mee gaafii isa duraa: Ololli gama lamaan deemu kun eessaa dhufe? kan jedhu irratti yaada tokko tokko dhiyeessuun yaala. Ani akka hubannoo kiyyaatitti, Oromoota garee adda addaatti baaseen ilaala.

 

  • Tokkoffaa: Sabboontota warra Oroummaadhaan bilchaatan; kan uummata ykn/fi saba Oromootiif quuqaman garuu gama siyaasaatiin tooftaa fi tarsiimoof jedhamees haa ta’u kan walabummaa Oromiyaa ijaaruutti hin xiyyeeffanne; gaafiin Oromoo walfaanummaa Itoophiyaa sana keessatti deebii argachuu ni danda’a jedhanii warra amanan;

 

  • Lammaffaa: Sabboontota warra walabummaa Oromiyaa malee uummata Oromootiif furmaatni xumuraa (lasting solution) argamuu hin danda’u jedhanii amananii fi galii kanaaf hojjetan ykn qabsaa’an;

 

  • Sadaffaa: Oromoota kan hubannoo siyaasaa fi dammaqinsa gahaa hin qabne; karaa siyaasaatiin isa kamtu Oromoof gaarii akka ta’u ykn hin taane addaan baasanii hubachuu hin dandeenye; kan olola deemuu fi afaanfaajjiidhaaf saaxilaman; kan ijjannoo murtaaye tokko hin qabne fi k.k.f;

 

  • Afraffaa: Oromoota karaalee adda addaatiin diinotaaf hojjetan ykn diinota jala kaatanii isaan tajaajilan yommu ta’an, isaan kun yookaan dammaqinsa fi bilchina Oromummaa warra hin qabne yookaanis ammoo fedhii dhuunfaatiif jedhanii, warra uummata ofii gananii diinaaf meeshaa ta’an;

 

  • Shanaffaa: Oromoota warra sirumaayyuu dhimma tokko keessallee galuu hin barbaadne fi cillisanii jiruu dhuunfaa jiraachuu filatan; kan qabsoo kana keessatti gahee tokkollee hin taphanne fi qooda tokkollee hin gumaachine dha

 

Gareelee Oromoo armaan olitti tarreeffaman kanaa ala ammoo warri Afaan Oromoo sirriitti beekan garuu dhalootaan ykn dhiigaa fi fooniin Oromoo hin taane; maqaa Oromoo moggaafatanii dhimma Oromoo dubbachuu fi barreessuu irratti gahee guddaa taphachaa jiraniis jiru. Isaan akkanaa kuni fi Oromootni garee afraffaa keessa jiran warra dhimma Oromoorratti halkanii guyyaa olola hin qabatamne garuu akkaataa nama amansiisuun ykn afaanfaajjesuun uummata keenya sammuu naannessaa jiranii dha jedheen yaada, amanas.

 

Sabboontotni Oromoo keessa keessatti rakkoo walirraa qabaatanillee; waan tokko tokkorratti waliigalteen dhabamullee; erga uummata Oromootiif bu’aa tokko ni fidna jedhanii; wanti olola hin taane walirratti oofaniif sabani ni jiraata jedhee hin yaadu. Keessumaayuu yeroo ammaa kana keessatti diinatti xiyyeeffachuu dhiisanii walitti xiyyeeffachuun Sabbontota keenyarraa ni eegama jedhee yaaduun na rakkisa. Sababni isaan walitti mufachiisuu danda’u ykn malu olola garee biraatiin faca’u ta’uu danda’a jedheen yaada. Haa ta’u malee, olola akkanaatiif gurra kennuun dadhabbina guddaa dha; waan dabrerraa barachuu dadhabuu dha. Haala uummatani keenya keessa jiru dagachuu dha. Kuni ammoo sochii biyya keessatti deemaa jirutti gufuu ta’ee; qabaneessee diinni yeroo akka bitatu taasisa malee faayidaa hin qabu. Dhugaan kun hunda birattuu sirriitti hubatamuu qaba.

 

Sabboonaa ta’ee Oromoon walabummaa Oromiyaa hin hawwine ni jira jedhee hin yaadu. Haa ta’u malee, galiin yeroo dheeraa akkuma jirutti ta’ee, har’a Oromoon hunduu kan hatattamaan irratti hojjechuu qaban kaayyoo yeroo gabaabaa ta’uu qaba. Innis Wayyaanee nama-nyaataa kana hundeedhaa buqqisanii; uummatni keenya bilisummaadhaan hiree ofii akka murteeffatu taasisuu dha. Isa kanarratti asii fi achi jechuun hin jiru. Kanaafuu, kaayyoo ykn galii yeroo gabaabaa fi dheeraa jennee wal sakaaluurra tumsa waliif ta’anii diinarratti xiyyeeffachuun dirqama Oromummaa ti. Silaa akka hawwii kiyyaa otuu ta’ee; akkan yeroo baay’ee barreessaa turetti tokkummaa qabsaa’otaa fi jaarmayoota keenyaatu humna jabaa uumuu danda’a ture. Garuu tokkummaan ani hawwu sun milkaayuu waan danda’u natti hin fakkaatu.

 

Jaarmayootni keenya walittibaqanii tokko ta’uu yoo hin dandeenye; Sabboontoni keenya dhaabbata ykn dhaaba tokko keessatti wal ijaaruun rakkisaa yoo ta’e, gara gara taa’anii gufuu walitti ta’uu dhiisanii waan waliin hojjechuu danda’anirratti tumsa waliif ta’uun qabsoo keenyaaf gargaarsa guddaa dha. Kanaafuu, akka ilma Oromoo tokkootti dhaamsi ani dabarfachuu barbaadu; ilaaf ilaamee aadaa keenyaa bu’ura godhachuudhaan rakkoolee xixiqqoo jidduu jirtu akka aadaa Oromoo fi sirna Gadaatti furachuudhaan akka waliin hojjetan OLC fi GGO dhaaf dhaamsa Oromummaa dabarsuun barbaada. Isaan lamaanuu qabeenya Oromoo ti, lamaanuu Oromoof uumaman, lamaanuu beektotaa fi hayyoota Oromootiin ijaarman. Isaan lamaanuu diinni walqixxummaadhaan ittixiyyeeffata; isaan lamaanuu xiyyeeffannaa ololaa ti. Oromummaaf jedhanii waliigaluu qabu; waliigalteen yoo jiraate, tokkummaatu uumama; yoo tokkummaan jiraate, humnatu jabaata; yoo humni jabaate, injfannootu argama; yoo injifanne ABBAA BIYYAA ta’uu dandeenya.

 

Galatoomaa!

 

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

The post Yaa’ii Hoggantoota Oromoo (OLC) fi Gumii Oromiyaa Addunyaa (GGO) appeared first on Bilisummaa.

“Miidiyaan dhugaa ONN jedha Pro. Asaffaa Jaalataa”

Hidhaa, Ajjeechaa fi Saamicha Bu’aa Caamsaa 20

$
0
0

Baarentuu Gadaa Irraa

Wayyaaneen waggaa- waggaan  Caamsaa 20ni guyyaa bilisummaati,
walqixummaa fi dimookiraasiin saboota itti dhugoome jettee erga
sirbitee humnaan nama sirbiisiisuu eegaltee oolee buleera. Caamsaan
bara kanaas( 2017) waggaa 26ffaadha.   Wayyaaneen baranas  dhiphuu
hamaa keessa jirtu kana haguuguuf fakkeessif  sirna kabajaa gaggeessuf
bakka bakkatti daasii dhaabaa jirti. Akkuma sirba giddii jedhamu san
dibbeen fakkeessii Wayyaanootaa fi lukkeelee isaanitiin Tigraayii-
Finfinneetti reebamaa jira.

Keessumaa miidiyaaleen  tajaajiltuu
sirnichaa ta’an maqaa guyyaa kanaatin bu’aalee argaman jechuun dhugaa
turee fi jiru dhoksuun wayyaanee faarsaa jiru. Hololli gaggeessaa
jiran hedduudha. Haa ta’uutii Caamsaa 20ni akka jedhamaa jiru guyyaa
walqixxummaan, mirgi  dhala namaa, nageenyi, fi miisoomni sabootaa
itti mirkanaawe odoo hin ta’in Caamsaa 20ni guyyaa saboonni biyyattii
keessumaa ummanni Oromoo gabrummaa caaluf itti saaxilame  waan ta’eef
ummata biratti akkaan balaaleffatamaa jira.

Uummattoonni Itiyoophiyaa keessumaa ummanni Oromoo  erga caamsaa 20
bara 1991ti asii hidhaa,dararaa,ajjeechaa fi saamichi dorgomaa hin
qabneef saaxilamee manakaraa  jira.  Kanarraa ka’uunis ummanni Oromoo
murna maqaa sabaa fi sablammootaatin daldalaa jirtu Wayyaanee murna
weerartuu, abbaa irree, saamtuu sadarkaa hinqabnee ta’uudhaan beeka.
Dhugaan jiruu fi  kan waggoota 26n darbaniif Impaayeera Itiyoophiyaa
keessatti muldhachaa turee fi jirus kanuma.

Murni maqaa  misooma, bilisummaa, walqixummaa, dimookiraasii fi
nageenya waaraa fide jettee waggoota 26f  darbaniif kakachaa turtee fi
jirtu tun kan ittiin kakachaa turtee fi jirtu  kana keessaa
takkolleen hojiirra hin oolchine, ykn hin dhugoomsine.  Har’a
biyyattii keessa nageenyi, misoomni, dimookiraasiin fi waliqixummaan
irraa hololamaa turee fi jiru gongumaa hin jiru. Dhugaan akkasii yoo
laabraatoorii Wayyaanee keessa jiraate malee biyya Wayyaaneen bulchaa
jirtu Itiyoophiyaa keessa  hin turres, hin jirus.

Fuulduraafis
bulchiinsa wayyaanee jalatti mirgi ummattootaa ni kabajamaan,
saamichi, ajjeechaa fi dararaan ni dhaabbataan waan hin yaadamneedha.
Odoo waayeen guddinaa fi dimookiraasii haasa’amuu waggoonni  26 gatii
malee hafaniiru.  Bakka guddinaa fi dimookiraasii kan waggoota 26n
darbaniif bulchiinsa wayyaanee jalatti saare  ajjeechaa, hidhaa fi
dararaa akkasumas gadadoodha.

Keessumaa gama nageenyaatin wayyaaneen
Ummata Oromootti waraana liyyuu hayil jedhamu gama sumaaleetiin, gama
gaambeellaa fi beenishaanguliin, gama Affaariin  hidhachiiftee  itti
bobbaaftee goolaa turte. Ajjeefamaa, dararamaa, qayee fi qabeenya
isaarraa buqqifamaas tyre. Jiras. Beellis yoo xiqqate Oromiyaa
keessatti waggaa waggaan nama mil 10 ol daraaraa jira. Walumaa galatti
Oromoon bara bittaa wayyaanee kana keessa   keessumaa ammoo waggoota
2n darbanii as  Ilmaan isaa  mirgaa fi dimookiraasii isaaf qabsaawaa
turan kumootaan ajjeefamaniiru, kuma kurnootaan mana hidhaatti
darbatamaniiru. kan hafan ammoo biyyaa godaansifamaniiru.
Egaa murni qaanii fi  maal naan jedhanii hin beekne Wayyaaneen  xurii
kana mara baattee  akkuma kanaan dura mi’eeffatte baranas  waayee
gaarummaa Caamsaa 20 hololuuf yaalaa jirti. Murni tun  guyyaan kun
guyyaa bilisummaa, walqixxummaa, nageenyi,fi misoomni itti
mirkanaawees jettee odeessitee akka odeeffamuuf yaalaa jirti.
Keessumaa bara kana oduu akkanaa ija dhaqattee gadiin bahuun qaanidha.
Ishiin garuu qaanii tokko malee nutti hololaa jirti.  Dhugaan lafarra
jiru garuu faallaa kanaati.

Akkuma beekamu  har’a  FXG ummanni Oromoo gaggeessaa jiru Murna tana
dhiphuu hamaa keessa galchee jira.  Biyyatiinis yeroo ammaa kana
labsii yeroo muddamaa jala jirti.  Ummanni  kunoo meerre misoomni
jettan, meerre nageenyi jettan, meerre walqixummaan jettan, erga
nbageenyii fi guddinni jiraatee, erga dimookiraasiin jiraatee maaf
bulchiinsa waraanaa jalatti manakaraaraa jirra, maaf waraanni komaandi
postiin ajajamu nu ajjeesaa jira jechaa jira.  Wayyaaneen kanaaf
deebii hin qabdu.  Bakka kun deebii hin arganeetti ammoo maqaa
walqixuumaa fi dimookiraasii akaksumas nageenyaa fi misooma jedhuun
holola fokkisaa gaggeessun of gowwoomsuudha. Wayyaaneen of gowwoomsaa
jirti.  Hololli gaggeeffamaa jirus ummata biratti keessumaa ummata
Oromoo biratii fudhatamaa waan dhabeef kunoo maqaa lafa duraan qonnaan
bulaarraa maqaa invatsimamtiin fudhatame deebisaa jirra jechuun holola
sobaa gaggeessaa jirti.
Caamsaan 20ni bara kanaa ummattoota Ttioophiyaa keessumaawuu ammoo
ummata Oromoo biratte kan dur caalaa fudhatama dhabeera.  Ummata
Oromoo sirna kana ofirraa buusuuf qabsoo hadhooftuu gaggeessaa jiru
birattii mitii isaanuma wayyaanootaa fi ergamtoota sirnichaa kanneen
akka OPDO, DHDN,BADN birattuu qabbaneeffamaa jiraachuu keessa
beektoonni saaxilaa jiru.  ergamtoonni kun gabaasa dhiheessaa jiraniin
ummanni ennaa waamame dhufuu dide, yoo dhufes akka dua’a gahiitti
taa’ee baha malee nu hin dhagahu jechaa jiru. kanarraa ka’uunis akka
dur daasii dhaabanii Oromiyaa keessatti “Imber Tegaadaalaayi” sirbuun
barana ulfaateera.

Oromoon  sababa Caamsaa 20 sababeeffatee sirbuuf hin qabu. Caamsaa
20ni Oromoof  wanti  fide  yoo jiraate hihaa, dararaa, ajjeechaa,
qayee fi qabenyarraa buqqifamuu dha, Saamichaa fi beela dorgomaa hin
qabnee dha. Walumaa galatti Caamsaan 20n Oromoof guyyaa Gaddaa malee
guyyaa gamamachuutii miti. Sabaa fi sablammoonni nageenya,walqixxummaa
fi guddina argatanis hin jiran. Kan Itti duroome, kan itti jiraachaa
jiru  isaanuma wayyaanoota. Kanarraa ka’uun guyyaan kun guyyaa
gabroonfattootaati malee guyyaa saboota cunqurfamoo miti. Kan hundumaa
raawwatuu fi raawwachiisu wayyaanoota  Dhalattoonni Tigraayi.   Egaa
dhugaa kana hubachuun  saboonni  biyyattii keessumaa kan cunqursaan
itti hammaate ummanni Oromoo  holola diinaa kanaaf gurra kennuu
dhiisee qabsoo isaa finiinsuun dubbii fardiidha.

Kan kanarraa hafe ani Oromoodha ofiin jechaa kanneen Wayyaanee jala
fiiguun guyyaa gabrummaa kana akka guyyaa bilisummaatti dhaadheessan
yoo adaba godhatan isaaniifis ummata Oromoofis dansaadha. Kan lakkii
jedhe ammoo ummanni Oromoo  keessumaa qeerroon akka adabbii madaalawaa
kennuuf shakkiin hin jiru. Warra guyyaa kana isarratti ayyaaneeffatus
ta’e jela fiigu haxayee ofirraa baasuf  akkuma qabsaawaa ture, qabsoo
isaa finiinsee itti fufuun akka caamsaa 20 baranaa kana caamsaa
xumura  godhu walnama hin gaafachiisu.   Kan ta’uu qabus kanuma.

The post Hidhaa, Ajjeechaa fi Saamicha Bu’aa Caamsaa 20 appeared first on Bilisummaa.

Ummata Oromoo Godina Harge Baha fi Lixaarraa  Buqqifamanii Idoo Gara Garaa Qubsiifamanii Rakkoo Adda Addaaf Saaxilamaniif  Gadduun, Hidhii Xuuxuun Furmaata Hin Ta’u.

$
0
0

Baarentuu Gadaa Irraa//

Abbaa irree qawween nama fixu, hidhuu fi dararu akkasumas  abbaa
biyyaa afaan qabee saamu aariin keenya aangoo qabaterraa hin buusu.
Isa hidhattoota abbaa irreetiin kufee fi dararameefis hidhii xuxun
madaa isaa hin fayyisu, kan du’es hin galchu. Isa murna gabroonfataan
saamamee beela, daaraa fi gadadoof  saaxilameefis aariin, gaddanii
hidhii xuuxuun akkasuma furmaata hin ta’uuf. Deemsi akkasii eenyuyyuu
rakkoo keessaayis hin baasu.

Keessumaa sirna abbaa irree akka
Wayyaanee isa gateettii ummataatirratti daadee baase kana karaa
nagahaatiin fala itti barbaaduun gongumaa waan hin yaadamnee dha.
Wayyaaneen waggoota 26n darbaniif ummattoota impaayeera Itiyoophiya
keessa jiran  keessumaa ummata Oromoorratti xiyyeeffattee yakkoota
danuu dalgadeetti. Hidhaan dararaan, ajjeechaan, biyyaa godaansiisuun,
kaan ammoo beelaan  adabuun hojii ishii isa ijoo fi ittiin
beekamtuudha.

Ummanni Oromoo akka tajaajila   bu’uura kanneen akka
buufata fayyaa, daandii, ibsaa, bishanii fi kan KFF hin arganne, yoo
argates akka tajaajila gahaa hin laanne hojii ofirraa baasoo hojjechaa
turte. Walumaa galatti Oromoon gadadoof akka saaxilamu imaammata
saamichaa  fi dabaa Oromoorratti diriisuun yakka ammana  hin jedhamne
raawwachaa turte; ammas itti jirti. Ofii ammoo qabeenya qayee
Oromootii hammaaraa jirtuun Tigraayiin misoomsaa, biyya industurii
taasisaa jirti, kaan  hafe ammoo alatti kuufachaas jirti.

Akkuma eenyuyyuu ifatti arguu fi dhagahu jireenyi ummata Oromoo kan
baadiyyaa-magaalaa, kan dur caalaa bara bittaa Wayyaanee kana kessa
gadi quucareera. Ummanni beela, daara hin beekne, beelaaf
saaxilameera, dacheen isaa magariifni imaammata bulchiinsaa shiraa
wayyaaneetiin bosanni isaa ciramee, gubatee gara gammoojjiitti
jijjiramaa jira. Wayyaaneen immaamata Oromoo hiyyoomsuu fi biyya
dhablee godhuu baafattee jirtuun  Oromoon jireenyi isaa golgolaaweera.
Iddoo baayyetis erga  qamadii kadhaatiin  jiraachuu eegalee oolee
buleera.Ummanni kun qotatee akka hin  jiraanne, daldalee akka hin
bulle walumaa galatti hojjetee akka jireenya isaa hin foyyeffanne
taasifamee beelaaf, gadadoof saaxilameera.

Har’a biyyaa Oromoo keessatti kan qonna gurguddaarratti buna homishu
Wayyaanota, ykn lukkeelee isaaniti, kan alatti ergee horii
hammaarratus isaanuma wayyaanoota.Kan sangaa Oromoo daldalu, kan
warqii Oromoo qotee alattii guurus akkasuma isaanuma Wayyaanotaa fi
waayiloota isaaniti. Isaan sooromaa Oromoon hiyyoomaa, daaraa jira.
Walumaa galatti qabeenyi Oromoo  inni dacheerraas, inni kuunis harka
Wayyaanee galee  daangaa malee saamamaa jira, jirra.

Waggaa 10 dura  bara 1996/97 akka L.Habashaatti Ergamaan Wayyaanee
miseensi OPDO, kan yeroo sanitti Pireezidaantii Naannoo Oromiyaati
Ofiin jechaa ture Junaddii Saaddoo  ajaja gooftolii saa
Wayyaanootaatin maqaa  hanqina roobaa fi lafa gahaa dhabuu jedhuun
ummata Oromoo gama Harargee bahaa fi Lixaa jiru qayee fi qabeenya
isaanirraa humnaan buqqisee Oromiyaa godinoota gara garaa keessa
qubsiisun ni yaadatama.

Qubsiifni gaggeeffame kunis akkuma hunduu quba
qabutti iddoo baayyetti bakka jireenya namaatiif wantoonni
barbaachisan hin guunnee fi fedhii qubattootaatin ala dirqamaani.
Biyya kamuu  keessatti lammiilee iddoo tajaajilli bu’uuraa  gahaan hin
jirree fi jireenyaaf mijataa hin taanee kaasanii, akkasumas iddoo
balaa hordofsiisuu danda’urraa fuudhanii lafa jireenyaaf mijataa ta’e
heeyyama jiraattotaatin qubsiisuun  waanuma jiru. Waan haaraas miti.
Fedhii isaa taanaan Oromoon kamuus biyya isaa Oromiyaa keessa heeyyama
nama kamiituu malee fedhii isaatiin hojjechuu, jiraachuu danda’a.
Aadaan tures kanuma.

Haata’uutii Kan Wayyaaneedhaan bara 199/97 ALHtti
ta’e garuu kanaan faalladha. Yakkkatu Oromoorratti dalagame. Yakki
Wayyaaneen raawwatte 1ffaa- warra qubsiiste kana hin mari’achifne.
Jiraattonni kun Qayee fi qabeenya isaanirraa ka’uufis heyyamoo hin
turre. Humnaan raawwate. Gaafiin jiraattoota kanaa yerosii “bakkuma
jirrutti akka deeggarsii ogummaa  fi teeknoloojii nuuf godhamee
hojjennee of dandeenyu nu taasisaa” kan jedhuu ture. Wayyaaneen garuu
deebiin ishiin karaa ergamticha ishii yerosii Junaddii Saaddoo fi
qondaaloota OPDOtin jiraattotaaf deebifte hidhattoota bobbaasun mana
irratti diiguun, tumaa humnaan makiinaarratti darbuun iddoo bakka
qubannaa jedhame, bosonaa fi  iddoo jireenyaaf  balaa ta’eetti
darbuudha.

Murtiin kun murtii siyaasaa, murtii shiraa fi dabaan guutame ture.
Lafti namni irra hin jirre jiraachuu malee dhala namaaf mijaa’adhaayii
kan jedhu hin qoratamne. Qorannoo ogeessaa malee ajaja Wayyaaneetiin
hojiirra oole.  Akka murtiin kun murtii dabaa fi shiraan guutame ta’e
ragaa ta’u ammoo Tigraay keessatti haala walfakkaatun yeroo san
hanqinni roobaa fi walumaa galatti ammoo dhiphinni lafaa  guddaan
tureera, ammas jira.  Haa ta’uutii Tigraayi keessatti jirattoota
humnaan buqqisanii iddoo biraa qubsiisun hin gaggeeffamne. Kan ta’e
yoo jiraate horii biyyattiirraa keessumaa ummata Oromoorraa samanii fi
biyyoota deeggarsa kennanirraa maqaa ummattotaatin dhufu walitti
qabanii gara Tigraayi geechuun hiyyeeyyii Tigraayi bakkuma jiranitti
ogeessaa fi meeshaa qonnaa  ammayyaa ramadanii jireenyi isaanii akka
foyya’uu taasisan.

Isa kanaaf fakkeenyi guddaan ganda Tigraay
keessatti argamtu  ganda  “Abirahaa waa Astibahaa” jedhamuun
beekamuudha. Ganda kana horii guddaa itti dhangalaasun gammoojjirraa
gara jennataatti jijjiran jechuutu danda’ama. Kan Oromoo garuu kan
ta’e qayee fi qabeenyarraa qorannoo fi fedhii jiraattotaa malee
buqqisuudhaan bosonatti darbuudha. Tajaajilli bu’uuraa tokkolleen odoo
hin guutamin  humnaan  dhaananii haranii maqaa qubsumaatiin gatuudha.
Qubsumni kun qorannoo tokko malee ajaja Wayyaaneetiin gaggeeffamuu
qofas  osoo hin ta’in iddoon itti qubsiifaman kun baayyeen lafa
gammoojjii hoo’a guddaa qabuu fi  kan ibsaa, bishaan dhugaatii,
daandii, buufata fayyaa fi KKFF hin qabneedha.

Buufanni fayyaa fi
tajaajilli bu’uuraa kunneen dhabamuun ammoo  qubattoonni kun Busaa fi
Gandiin sa’aa namni isaanii dhumeera. Kanneen  battaluma
qubsiifamanitti iddicha jibbanii iddoo duraan irraa ka’anitti
deebi’uuf tattaafatan ammoo hidhattoonni Wayyaanee  kaan dhukaasii
ajjeesaniiru, kaan mana hidhaatti guuranii dararaa turaniiru, kan
bahee karaatti hafes manni haa lakkaawu.

Akkuma hunduu beekuu fi quba qabutti iddoon haala kanaan  namoonni
fedhii fi  qorannaa gahaa malee humnaan qubsiifamanii fi balaan
gurguddaaf itti saaxilaman Godina I/A.Booraa ti. Godinni I/A.Booraa
Oromiyaa keessaa lafa akka malee magariisaa fii bokkaa guddaa argatuu
dha. Ummanni Oromoo hedduuniis magaalaa baadiyyaa godinichaa keessa
akka jiraatu beekamaadha, haa ta’uutii naannoon kun bokkaa guddaa waan
argatuuf  lafa bosonaan uffifame waan ta’eef  daggala/bosona. Bakka
hedduurra namni hin  hin jiraatu, jiraachuuf wantoonni barbaachisan
tajaajiloonni akka fayyaa, ibsaa, bishan dhugaatii qulqulluun ,
daandiin akkasumas buufanni fayyaa  iddoo hedduu hin jiru.

Keessumaa ammoo iddoo ilmaan Oromoo godina Harargee bahaa fi lixaarraa
buqqifamanii qorannoo gahaa malee irra qubsiifaman  Cawwaaqaa fi
buunoo baddalleen kan tajaajila bu’uuraa tokkoollee hin qabne bosona,
daggala dhibee busaa fi Gandiin guutamee dha. Kanumarraa ka’uun
kanneen dirqamaan qubsiifaman kunneen guyyaadhuma duraa irraa
eegalanii mormii dhageessisaa turan.  Haa ta’uuti iyyi isaanii
waggoota 10ni oliif dhageettii dhabee kan dhume, dhumee kan hafe ammoo
kunoo ammalleen iyyachaa jira.  Iddoon kun  iddoo namni irra qubatee
hin turree fi daggala  tajaajila tokkollee keessatti argachuu hin
dandeenye ta’uu caalaayyuu midhanilleen facaafatanii iddoo
bineensaafuu waa irraa argachuu hin dandeenye ta’uu isaatiin
jiraattoonni kun mankaraaraa turan.

Iddoo kaan bishaantu ciisa. Rakkoo hamaa hala kanaan  isaan muudachaa turee fi jiru kanaaf
qubattoonni kun iyyatanilleen gurri OPDOs ta’ee kan Wayyaanee Oromoof
duudhaadha waan ta’eef bara ergamticha Wayyaanee miseensa OPDO
Juneddii Saaddoos ta’e ergasii asii waggoota 10n darbaniif furmaata
hin arganne. Inumaawuu Wayyaanee, akkasumas ergamticha pireezidaantii
naannoo Oromiyaa gaafasii Junaddii Saaddoo fi dabballoonni OPDO amma
ammaatti jiranirraa kan gaafii  qubattoota Oromoo rakkoo  irra gahee
himataniif deebi’e fi ammas deebi’aa jiru arrabsoo dha. Arrabsoo “Isin
quuftaniit  gaafii baayyiftu, qamadii gargaarsaa waan bartaniif
hojjettanii nyaachuu hin feetan” kan jedhuu fi arrabsoo hamilee namaa
cabsu hedduu ture. Balaa kanaanis ilmaan Oromoo Harargee bahaa fi
lixaarraa  Oromiyaa iddoo gara garaa qubatan cabiinsi qaamaa-qalbii
guddaan irra gaheera, gahaas jira.

Akkuma hunduu quba qabu Ergamtoonni miseensoonni OPDO Wayyaanee
dabalatee waggoota 10n darbaniif  holola warri  Harargee bahaa fi
lixaarraa bakka akkanaa fi akkasii qubsiifaman, bakka qubatanitti
duroomanii, miliyeenera, invastara ta’aniiru jedhu gaggeessaa turan.
Kijiba hin fakkaanne odeessaa turan. Dhugaan turee fi jiru garuu
faallaa kanaa ti. Dhugaan turee fi jiru ilmaan Oromoo humnaan
reebamaa Harargee bahaa fi lixaarraa buqqifamanii  iddoo gongumaa
jireenyaaf  wantoonni barbaachisan hin guutaminitti qubsiifaman
kunneen akka  OPDO fi Wayyaaneen sobaa fi hololaa turan osoo hin taane
balaa gurguddaa qaamaa qalbiin nama cabsuuf saaxilamaniiru. Kanneen
dand’an oggasuma  dhibee fi rakkoo kana keessaa baqatanii lafa
dhaloota isaanitti akka deebi’anis beekamaadha. Warri hin dandeenyee
fi achitti hafan ammoo kunoo akkauma tibba kana dhagahaa turree fi
jirru  balaa hedduuf saaxilamanii jireenyi isaanii badee beelaa fi
daaraaf  saaxilamanii, akkasumas dhibee gara garaan miidhamanii iyyata
biraaf, akka addunyaan isaan arguuf buqqa’anii Finfinnee deemuuf
ijibbaataa turan.

Warri godina  Buunoo baddallee  Qubsiifamanii rakkoo
irra gahaa turee fi jiruuf deebii dhabanii tibba kana himachuuf gara
shaggar deemaa turan kunneen Maatiin abbootii warraa 750 olii fi
walumaa galtti  buqqaatoota… kuma 3 ol Of keessaa qabu kun  rakkoolee
waggoota 10n darbaneef irra gahee furmaata itti dhaban kana iyyachuuf
miilaan imalanii Jimmaan gahanilleen  mootummaan abbaa irree
Wayyaaneen akka yakkii ishii kun jalaa hin saaxilamne magaalaa
Jimmaatti waraanaan marsitee humnaan reebaa akkuma waggaa 10n dura
goote konkolaatarra buuftee bakka irraa dhufanitti deebiste. Kun yakka
guddaa fi yakka lammataati.

Egaa  gochi yakkaa ummata keenyarratti dalagamaa jiru kun haraa ta’uu
baatulleen inni kun  ammoo caalaatti Wayyaaneen murna gara jabeettii
fi ummata Oromoo balleessuumaaf kutattee kaate ta’uu muldhisa. Murni
tun saamicha, samaicha gaggeessuuf ammoo nama hidhuu, ajjeesuu fi
biyyaa nama godaansiisuun adaa ishii ta’uun beekamaa dha. Gaafii
ummanni gaafatuuf  kan deebii ta’u karaa nagahaa rakkoo furuu ture.
Haa ta’uutii  wayyaaneen ajjeechaa fi dararaa malee  guyyaa tokkolleen
deebii sirnaa deebiftee hin beektu. Yakki ammaa kunsi tuffii ummata
Oromoof qabdu  caalaatti argisiisa.

Egaa gocha akkasii sukanneessaa fi jibbisiisaa kana ilaallee aaruu, gadduun, hidhii xuuxuun furmaata hin ta’u
Ummanni Oromoo  rakkoo amma lammiilee keenya Harargee bahaa fi
lixaarraa buqqaaafamanii iddoo adda addaatti qubachiifamanii balaa
gara garaatiif saaxilamnii furuufis haa ta’uu akka waliigalaatti
cunqursaa fi saamicha wayyaaneedhaan nurra gahaa jiru ofirraa dhabuuf
fallii fi malli jiru qabsoo jabeeffannee murna gabroonfattuu tana
ofirraa buqqisuun bilisa of baasuu dha. Furmaanni xumuraas kanuma waan
ta’eef qabsoodhuma jabeeffachuu malee  taa’anii aaruun, gadduun hidhii
xuuxuun faayidaa hin qabu.

The post Ummata Oromoo Godina Harge Baha fi Lixaarraa  Buqqifamanii Idoo Gara Garaa Qubsiifamanii Rakkoo Adda Addaaf Saaxilamaniif  Gadduun, Hidhii Xuuxuun Furmaata Hin Ta’u. appeared first on Bilisummaa.

All about awareness: Worthington event asks for help in Ethiopia crisis

$
0
0

WORTHINGTON — The Oromo Awareness Event hosted Sunday at Grace Community Church was a celebration of Oromo culture as well as an opportunity to raise awareness of the conflicts facing Ethiopia’s largest ethnic group.

Population-wise, Oromia makes up about 40 percent of Ethiopia. However, the Oromo people have been disenfranchised by the Tigray People Liberation Front (TPLF) since it became a communist part in the early 1990s, and lack representation in parliament.

In 2014, the Oromo people began protesting against the government’s discriminatory practices, which resulted in a “brutal crackdown,” according to Human Rights Watch.

The government resisted the protests, and their efforts came to a boiling point on Oct. 2, 2016, when Ethiopian security forces fired bullets and released tear gas on a crowd of more than 2 million peaceful Oromo protesters, resulting in the death of hundreds of civilians.

Things became even worse just days later as the government imposed a state of emergency, blocking internet access and peaceful assembly. The violence and oppression left many to flee the country. Chaltu Uli, now an eighth-grader at Worthington Middle School, was one of the many Oromo people to leave the country in 2014.

Uli was shocked by the killing of civilians last October — so much so she was motivated to do something about it.

“When I heard that, I cried in school all day,” Uli said. “But that’s when I realized I wanted to help them.”

With the help of Kelly Moon, English immersion teacher at WMS, Uli has sold more than $500 worth of Oromo bracelets. The goal was to raise money to make a film about the Oromo people and the many human rights violations they have endured.

More Believe, a Minneapolis multimedia organization, had its cameras rolling Sunday at the awareness event to create a film. In addition to many prominent speakers from the Oromo community, the event also featured Oromo poems, prayer, food and coffee.

Uli is not done raising money — any additional funds will go toward helping the Oromo people in refugee camps, where many people are dying of injuries and starvation.

About 40,000 Oromo people live in Minnesota, and more than 500 in the Worthington area. However, as Oromo Community of Minnesota President Teshite Wako pointed out Sunday, they aren’t talked about much and are often confused with Somali people.

“We don’t make much noise,” Wako said. “That’s the difficulty we have.”

At the heart of the Oromo people’s struggle is the lack of a voice — that nobody really knows about their struggle, despite the ethnic group’s large population and the Ethiopian government’s many human rights violations. The ultimate goal for Uli, and others fighting for the cause, is to alert the U.S. government of the problem.

UFCW Local 1161 President Mike Potter spoke at the event, urging those in attendance to let US. Rep. Tim Walz know what is going on more than 7,000 miles away.

“We need to go and have a conversation with Tim Walz — to have a voice in Washington, D.C. to tell them to stop sending funding to Ethiopia,” Potter said. “If the politicians really knew what was happening with that money, they would be appalled.”

Wako agreed, calling on the U.S. to stop enabling the government of Ethiopia. The U.S. gave Ethiopia $3.8 billion last year, and Wako said the Oromo people didn’t see a dime of it.

In addition, United States National Security Advisor Susan Rice said the 2015 elections were “absolutely — 100 percent” democratic, another example of how the Oromo people’s struggle has not been recognized.

“There’s no freedom of speech, freedom of voting,” Wako said. “Not for the Oromo people. We don’t have a democratic process right now.”

Though they do not have a voice in Ethiopia, Oromo activists have made some progress on educating the U.S. government on the crisis.

Seenaa Jimjimo, president of the Coalition for Oromo Human Rights and Democracy, testified before the Senate Foreign Affairs Committee in March about the crisis affecting Ethiopia.

Last Wednesday, her efforts were rewarded, as Sen. Benjamin Cardin, D-Maryland, introduced “Senate Resolution 168 — A resolution supporting respect for human rights and encouraging inclusive governance in Ethiopia.” It accompanies House Resolution 128, and represents a huge step in the U.S. government’s acknowledgement of the Oromo people. Now, the goal is to push representatives and Senators to support the resolution.

Speaking at the event, Jimjimo stressed that there was more work to be done, but also took time to congratulate Worthington’s youngest activist.

“I was impressed and moved by Chaltu’s action,” Jimjimo said. “That’s why I’m here. She is inspirational to me, personally.”

http://www.dglobe.com/

The post All about awareness: Worthington event asks for help in Ethiopia crisis appeared first on Bilisummaa.

Viewing all 1337 articles
Browse latest View live


<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>