Quantcast
Channel: Welcome to bilisummaa
Viewing all 1337 articles
Browse latest View live

WALLIFTOONNI KEENYA IJA,AFAANII FI DAAWWITII KEENYA!

$
0
0

______________________
-Najiib Zannuun irraa

Tattaaffiin walliftoonni Oromoo gama guddina afaanii,aartii fi qabsoo teenyaaf godhanii fii gochaaa jiran himamtee hin dhumtu. Dhugaa ummataa walleen alalaasuun dhibdee teenya mara afaan keenya tahuun himu. Jechoonni babbareedaan isaan itti fayyadamanii walleedhaan dhawwaaqan kan namuu keessatti if laalu. Waan jechuu feete tan isaaniin ja’amtee jirtu ittiin dhimma bahuun sirboota babbareedaa isaaniin quuqaa firraa buqqaafta. Tanaaf artistoonni keenya ummata biratti fudhatama qabaachuun ulfinaa guddaa ummata biratti horatan. Ummanni wanni isaan ulfeeysee kabajaa guddaa kannuufis dalagaa gaarii ummata biratti jaalatamtu waan dalaganiifi. Akkasuma kan kabajaa firraa mulqee waan ummata biratti jibbisiisaa hojjates bishaan jala yaasu.

Gaafa biyya jirru walliftoonni tokko tokko kanneen mootummaa gabroomsaa wajjiin dalagan yeroo isaan sirboota adda addaa baasuun manneen muuziqaa irra raabsan  namni kaaseeta isaanii sumunii baasee bitu hin jiru. Bituu dhiisii namni kanuma mana muuziqaa irraa itti banamuuhuu gurratti qicatu hin jiru. Inumaa mana muuziqaa kaaseeta akkasii itti banu san haajuma biraatiifuu itti hin goran. Walliftoonni fakkeenya ummataa waan tahaniif; jecha,gochaa fi hojii gaarii ummanni irraa gammaduun fakkeenya tahuun argamuj qabu

Garuu kan kana ifirratti irraanfatee lagachuun hojiilee fokkottuu, jecha badaa fii gocha hin taanee raawwatu osoo ni wallisaa mitii kan akka isaatti wallisu addunyarrallee hin jiraannee ummata biratti gatii hin qabu. Wallisuun qofti kabajaa namatti hin gootu. Abbaan wallisu sunis kabajaa ifitti godhuu qaba. Arraata isaa tiiyfatuun akkuma ummanni isa kabajutti innis kabajaa isaa ifirratti beekee nama kabajamaa tahee argamuutu irraa eeggama.

Xumuruun dura wannin jechuu fedhu, muhabbaan siyaasaa tun namuttuu jirti. Namuu jaarii itti falame tan mataa ifii qabaachuu mala. Tahus garuu dhimma siyaasaa ofii tolfachuuf ja’anii sobaan maqaa wal xureeysuun Oromoo kutaan addaan qoodanii jibba magarsuun ummata jiddutti wal dhabbii uumuun karuutuu nama hin geeysu. Namoonni waan akkanaa kanarratti bobbaatan irraa dhaabbadhaan dhaamsa kiyya.

The post WALLIFTOONNI KEENYA IJA,AFAANII FI DAAWWITII KEENYA! appeared first on Bilisummaa.


Xalayaa Banaa PMNO Kabajamoo Obbo Lammaa Magarasaaf

$
0
0

 

Bakka jirtutti nageenyi rabbi si haa gahu. Akkuma waliinuu hordofaa jirru ummanni Oromiyaa ammas mormii biraa keessa seenee jira. haala kanarratti qabxii muraasa siif dabarsuun fedha.

1) Ji’oota jahan dabran kana ummanni Oromoo bifa hoggana OPDO kamiifuu godhee hin beekneen ofitti si fudhatee jira. Godinoota hunda keessatti bahee si simachuun si dhugeeffatee jira. Kana kan godheef dhugaa isaa waan irraa dubbatteef. Haasaa keettu onnee seene. Xiqqaatus tarkaanfii qabatamaa ati fudhattetu abdi itti hore.

2) Mormiin amma ka’es kan jibba siifi bulchiinsa keetii miti. Inumaatu ummanni abdii waan sirraa qabuuf waan warra si duraa tokkollee hin gaafatin si gaafachaa jira. Gibira humnaa olii nurraa buusi jechaa jira. Hubadhu, ummatuma har’a suuqii isaa cufee konkolaataa dhaabe mormaa jiru kanatu gaafa ati karoora warraaqasa diinagdeetti isaan waamte garagalee bahee guyyaa takkatti miliyoona dhibbatamaan sheeri bitate. Kanaaf ummanni waan gaarii ati fidde yennaa itti amane qabatamaan si bira dhaabbatee; gaafa waan isa miidhaa itti fidde mormiitti deebi’e.

3) Gibirri amma fe’ame kun madaallii kamiinuu humnaa ol akka ta’e sitti himuun hin barbaachisu. Bara dabre sochiin diingdee biyyattii, keessattuu kan Oromiyaa haalaan miidhamee akka ture namuu beeka. Hamma fedhes hanqinni bajataa jiraatu bara kana gibira dabaluun gaariidha jedhee abbaan murteesse nama qalbii hin qabne ta’uu qaba. Ummanni gibira kana kafaluuf osoo hayyamaa ta’eeyyuu kafaluuf qarshii isaa hin qabu. Pirojektoota yaaddaniif maallaqa yoo barbaaddan gadi baatee ummata keetin dhugaa itti himtee as kennaa osoo jetteenii galii silaa gibiraa kanaa oliin si badhaasuu mala. Garuu gibira haqa maleessaa itti fe’uu ammoo cichee morma.

4) Ummanni kan mormaa jiru gibirri humnaa ol isatti dabalamuu qofaa miti. Kubbaniyyaaleen gurguddaan Oromiyaaf gibira kafaluu dhiisanii seeraan ala mootummaa federaalf kafaluu isaanii, akkasumas, qabeenyi uumamaa Oromiyaa harka alagaa jiraachuu isaati. Mootummaan naannoo Oromiyaa daldalaa magaalaa Ambotti dafqa isaa xuruurse suuqii xiqqoo takka banate irratti gibirri dachaa shaniin yoo dabalu, warra bishaan Amboo waraabaa biliyoonaan gugurguratu irraa sumunii buufachuu yoo dadhabe maal jedhamaree? Kanaafuu mormiin ka’aa jiru gibira hin kafalluu osoo hin taane gibirri kan galii keenyaan wal madaale haa ta’u, Oromiyaan qabeenya isheerratti abbaa haa taatuudha. Afaan biraan mormiin kun mootummaan naannoo Oromiyaa mirgaafi aangoo seeraan kennameefi shiraan irraa fudhatame akka deebifatu guuza/ jigii bahaafi jira jechuudha. Itti fayyadamaa!

5) Mormiin kun hamma ammaatti sochii farra mootummaa miti. Mootummaan gibira humnaan walgitu ( fair taxation) haa nu gaaftu akkasumas sirni federaalizimii diinaggee ( fiscal federalism) hojiitti hiikamee naannoleen qabeenya lafa isaanii irra jirutti aangoo guutuu haa qabaatan kan jedhuudha. Kana ifatti jara waliin jirtan hubachiisu qabdan.

Kanarraa ka’uun gorsa obbolummaa armaan gadii laachuun fedha

– Shalaggii gibiraa haaraa kana dafaa haqaa. Yoo baay’ate ummanni hammuma bara dabree haa kafalu.
– Rakkoon adeemsa gibira guuruu Oromiyaa keessa akka jiru namuu beeka. Kana bifa gaariin furuuf koree ogeeyyota biiroo galiiwwani, hayyoota dhimma kana qoratan, fi daldaltoota irraa walitti dhufan jaaraa. Koreen kun mariifi qorannaa godhee yaadaa imaammataafi tarsiimoof ta’u isiniif haa dhiheessu.Sanirratti hundaayun gibirri bara dhufuu haa murtaayu.
– Heerri mootummaa Itoophiyaa akkaataa gibirriifi galiin itti guuramu irratti ifaadha. Daladala alaa ( import and export) kan gibira irraa guuru federaala. Daldala naannoo keessaa kan gibira irraa guuru mootummaa naannooti. Albuuda gurguddaa irraa ammoo waliin hiratu. Kubbaaniyyaan tokko hamma fedhes haa guddatu, eessattuu haa galmaayu gibira naannoma keessatti galii irraa argatu saniif galchuu qaba. Kana sodaa tokko malee falmadhaa. Jarri diddee morma raasnaan tarkaanfii fudhadhaa…heeraafi ummanni isin faana jira.
– Mormiin godhamaa jiru guututti kan nagayaati. Ummanni hokkara kaasuu gonkumaa hin barbaadu. Kanaafu qaamota nageenyaa naannoo ajaja kee jala jiranitti qajeefama ifaafi jabaa dabrsuun ummata akk hin tuqne dhoorgi. Poolisiifi loltoonni federaals ummataan akka walitti hin buune akeekkachiisa ifaa warra isaan ajajuutti dabarsi.
– Dabballee jaanjoo garii kan alagaan akka qalqallootti akka isaa tahutti hodhe, tan yeroo ummanni komii kaase hunda saba ciniinuuf fiigdu tana sansalata mormaa gabaabaa ( short leash) itt godhuu feesisa.

Dhumarratti dhugaaf haa t’auu fakkeessaaf waan ummanni jaalatu dubbachuun qalbii isaanii hawwattee jirta. Jechoota dubbatte hojitti hiikuun qormaata itti aanee si eeggatuudha. Dhimma qubee ofirraa dabarsitanii jirtan. Qormaata Finfinnee gatantartanis yeroo dheereffachuu dandeessanii jirtu. Dhimmi gibiraa qormaata cimaadha. Waadaan ummataa galteefi abdiin itti horte hoomacha moo dhadhaadha kan jedhu asirratti adda baya. Ummanni ammas abdii sirraa qaba. Ati didnaan ykn dadhabnaan mirga isaa kabachiisuuf qophiidha.

Nagayaan

Obboleessa kee
Jawar Mohammed

The post Xalayaa Banaa PMNO Kabajamoo Obbo Lammaa Magarasaaf appeared first on Bilisummaa.

GIDIRAA MOO GIBIRAA? 

$
0
0

————————————–
Siyaasaadhaaf diinaggeen
itti haguugdanii
Maal nyaata iyyeessi 
qe’ee duguugdanii?

Qorsoo gogduu nyaachaa
rakkatee baratee
rakkoo hedduu obsee
sammuufii qaratee
Inni eebbifame
yoom hojii qabatee?

Miseensaaf ogummaa
wolitti hiitanii
Miseensummaa dinnaan
hayyuu ariitanii
Mirgasaa gaafannaan
tumtanii hiitanii
Rasaasa ibiddaatiin
foonsaa jajiitanii
Hanga yoom iyyeessa
waan hundaan miitanii?

Biyya rakkistanii
galaanatti yaasaa
Haadha, abbaaf ilmaan
gargarii facaasaa
Jiruusaa booressuun
hawaasa mancaasaa ,

Kijibaan sossobduu
tolfattanii haasaa
Ummanni guddisu
haftoowwan rasaasaa
Qarshii eessaa fida
qotee boollaa baasaa?

Meetiree imaaxaan
biyyaan guddisuudhaa
jireenya iyyeessaa
hiddaan buqqisuudhaa?
Ummata saamtanii
beelaan kuffisuudhaa
Keenya daarsitanii
keessan uffisuudhaa?

Meetiree tarsiimoof
misoonmi baaddiyyaa
Hawaasni saamtanii
nyaata dhabee iyyaa?
Qixxaa iyyeessaarra
Yeroo keessan xiyyaa
Ati du’i jettuunii
an ni baha tiyyaa?

Sagalee ummataa
qawweedhaan mootanii
Abbaa haqaa hin hiinee
yakkamaa gootanii ?

Kan qotee nyaachisu
maatiirraa footanii
Haadha ilmaan isaa
kadhattuu gootanii
gibira maaliitiif
dafqashii hootanii?

Kalee lafasarraa
humnaan kafattanii
Abbaa manaa qawween
manaa baafattanii
hardha gibira kam
ilmaan gaafattanii?

Isin konkolaataan
galchuudhaafi alarraa
namni beela dhoorkuuf
yaadda’aa dhalarraa!

Iyyeessa jiraatu
jiruu namaa gadii
Kun tilmaama akkam
roorroon guyyaa adii
bittaadhaa gibiri
harki dachaa badii?

Hidhaaf ulee keessan
duruu laalleffannaa
Qawwee keessan sodaa
hedduu qaaneffannaa
Nu hin saamtanii lakki
ni balaaleffannaa.

Kun gibiraa mitii
lakki gidiraadhaa
waaqni iyyeessaatis
hundaa ol jiraadhaa
mee galii tilmaamaa
ilmaaniif hiraadhaa.!

Seeraan gibira kennuun
eessumayyuu ni jiraa
Dachaa 10’n gaafachuun
Gidara moo gibiraa?

The post GIDIRAA MOO GIBIRAA?  appeared first on Bilisummaa.

“Waliso yeroo ammaa kana fakkaatti.

$
0
0

“Waliso yeroo ammaa kana fakkaatti. Opdo n Oromiyaa irraa dhufte akka gaariitti salphattee erga deebitee booda magaalaan akkuma qorritetti jirti.”

“Olankomii

Guyyaa har’aa 12/11/2009 OPDO’n Daldaltootaa Magaalaa Olankomii keessa jiran hundaa Wajjiraa Aanaa Ejersa Lafoo tii waamtee marsissaa jirti.hata’uu malee Miseensaa OPDO’n Immoo Wajjiraa Mottumaa Cuufuudhan Daandii gubbaa ta’anii namootaa walgahii demmanii fi hin deemnee ilala turan.Daandii gubbaa ta’ani ilalaa kan turan keessa.kanaan Ani suuraa kaasse,Itti gafatamaa Bulchinsaa Magaalaa ykn Kanatibaa Obboo Salamoon Hayiluu fi Itti gaafatamaa Bulchinsaa Lafa Magaalaa Obboo Danyachoo Guutaa dha.suuraa kanaan isaan kaasse nannoo sa,atii 5:00 tti.Jawar Akkamiti Dawoo jala ta’ani akka jiran Qillensaraa naaf olchii.Halii magaalaa guyyaa akkam akka jirtu suuraa kaasse kanaas Qillensaara naag olchii.Wajjiraa Bulchinsa Magaalaa Cuufaa dha,Wajjiraa polisiin Cuufaa dha.”

The post “Waliso yeroo ammaa kana fakkaatti. appeared first on Bilisummaa.

Oromiyaa Lixaa Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Neqemtee kana fakkaatti

$
0
0

Adoolessaa 19/2017 Oromiyaa Lixaa Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Neqemtee Keessatti Guyyaa har’aa Sochiin Warraaqsa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Duullii gabaa lagachuu, mormiin gibiraa fi qaraxa adda addaa dhorkachuu itti fufe. Qeerroon dargaggootni Magaalaa Neqemtee fi uummatni Daldaltootni Sabboontootni Oromoo guutummaatti mana daldalaa isaanii
manneen nyaataa fi hoteelotni cufamanii tajaajila dhaabaniiru
dunkanoonni (Suuqiiwwaan) daldaltootas hojii dhaa uun cufamaniru
Uummatni waliigalee qabeenyaa keenya gabaa hin baasnuu jechuun duula gabaa lagachuu itti fufuun mormii sirna abbaa irree wayyaaneef qabu ifatti argisiisuun diddaan daran jabaatee itti fufee jira.
Qeerroon dargaggootni Oromoo fi sabboontootni daldaltootni Oromoo hanga gaaffiin kabajamuu mirga abbaa biyyummaa uummata keenyaa kabajamuutti hacuuccaan kamuu nurraa dhaabachuu waan hin dandeenyeef qabeenyas keenyaafi gibira mootummaa garboomsaa wayyaaneef kanfallee diina of irratti hin goobsinuu jechuun guyyaa har’aa mormii Duula gabaalagachuufi diddaa gibiraafi qaraxa humnaa olii balaaleffachuun oromiyaa keessatti sochii FXG finiinaa jiruuf dirmannaa gochuun motummaa wayyaaneefi ergamtuu wayyaanee boqonnaa dhorkaa jiru.
Injifannoon Uummata Oromoof!!

The post Oromiyaa Lixaa Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Neqemtee kana fakkaatti appeared first on Bilisummaa.

Warri shanee ammoo Jawar fi OMN dhabamsiifnu malee jedhanii marxifatanii jiran…

$
0
0

Xalayaa Miseensa Board OMN duraanii irraa ergamte. Maqaan isaa akka hin dhayamne hadaraa waan dhaameef waadaa guutuuf jecha maqaa isaa keessaa hambisee jira (Babsa Tula)

Xalayichi kunoo!

Dhimma OMN irratti waan OSA irratti dhihaate dhaggeeffadheen jira. Qeeqni OMN irratti dhihaatu yeroo hedduu warra keessa hin beekne irraayi. Amma garuu miseensota gameeyyii Boordii keessa turan lama irraa dhalaaye. Kanaafuu kan amma duraa irra ulfina qaba.Anis miseensa boordiitin tura. Gaafa OMN dura dhaabbatu 2014 filameetin tarmii tokko fixee bara 2016 keessaa bahee nama birootin bakke buufame. Kanaafuu akka nama keessa beekuu tokkotti dhimmoota walgahii OSA irratti dhihaatan muraasa laalchisee yaadan yaada kenneechuun barbaada.

Diversity

Dhaabni Oromoon qabdu Oromoota gola hundaa qabaachuun gaariidha. Boordii OMN keessa hanqinni dubartootaa ture ammas jiraachuun ifa. Garuu kana sirreessuun hojii boordii ture. Boordiin koreelee ( committee) garagraaa qaba. Koree kana keessaa tokko koree kaadhimatoota boordii dhiheessuudhha ( steering committee). Koore kana dura bu’ummaan kan hogganaa ture Professor Mahamad Hassan ture. Boordiin OMN waggaa lama lamaan akka filamuu qabu bylaw ni ajaja. Akkuma jaaramaya kamiituu boordii OMN kan duraa joollee bu’uressitetu ramade. Boordiin sun naannawaafi amantiis sirritti bakka buuse. Dubartoonni 3 turan. Boordii itti aanu koree Dr Muhammad hogganantu chaaaptaroota gargaarsaa OMN qunnamee nomination fudhatee nuuf dhieesse. Kanaaf miseensota boordii bara dabre filaman keessa hanqinni diversity yoo jiraate, laafina koree filachiiftuuti.

Kanumaan walqabatee yeroo tokko gaazexeessitoonni OMN diversity hin qaban komiin jettu kaatee irratti haasoynee turre. Gaafas warri koree hoji raaw’achiiftuu dhihaatanii akka irratti dalagan waadaa seenanii turan. Akkan amma argutti hamma tokko milkaayanii jiran. Gaafa eegalamu dubartiin takka turte amma hedduun arkutti jira.

Dr Asfaw dhimma diversity kana kaasuun na ajaa’ibe. Gaafa tokko miseensi boordii dhimma akana kaafnaan warra ‘OMN paarlaamaa mit’ jedheen keessaa tokko Dr Asfaw akka turan yaadadha.

Dhimma Jawar

Shorri Jawar OMN keessatti qabu gaafuma jalqabaatii jira. Kun ammoo amala mucaatifi amala ummata keenya biyya alaatirraa madda. Dr Mahammad waa’ee OMN nama tokkorratti hirkachuun rakkoo akka qabdu dubbate sun dhugadha. Garuu dhugaa tana warri dura hubate keessaa tokko Jawar akka ta’e ragaa bahuun fedha. Gaafa OMN dhaabee gara New York deebi’e maalif deemte j’eetin gaafadhe. Yoon ture OMN narratti hirkata. Kanaaf if danda’ee akka deemu alaa gargaarsa godhuun qaba nan jedhe. Amni naaf hin liqifmane garuu inni murtiin isaa cimtuu turte. Gaafa deebifnee director godhuuf yaamne xalayaa page 7 qabdu barreesse nuuf ergee ture. Achi keessatti karooraa galiifi hojii dhawaataan OMN hirkattummaa Jawar irraa bilisa itti bahu bal’isee barreessuu isaa niin yaadadha.

OMN kana Jawar irraa adda baasuu kan fedhu garee lamatu ture. Kan duraa warra OMN isarratti hikachuun gaarii miti, yoo inni waa tahe hoo jedhu. Kaan ammoo warra siyaasaa Jawar jibbuudha. Gaafa Girmaan wagga tokkoof tajaajilee director lammataa barbaannu beeksisa baafne. Yoon sirritti yaadadhe candidate 4 dhihaatan. Tokko Jawar ture. Innis miseensota boordiifi koree hoji raaw’achiiftutu isa kaadhime. Namni sadi kan biraa ni dhihaatan. Yeroo jara afran keessa filannaa goonu miseensonni boordii tokko tokko bilbilanii lobby godhaa turan. Wannin gaafas hubadhe, jarri sadeen san miseensa/ deeggartoota jaarmaya siyaasaa tokko akka turaniidha. Dhumarratti falmii sa’aa dheeraa booda Jawar akka director ta’u sagalee guutuun filanne. Garuu akka seeraatti koreen hoji raaw’achiituu waggaa 2 kan tajaajiltu ta’us kan Jawar waggaa 1 qofatti akka dhaabbatu godhame. osoo san fudhachuu baannee warri isa mormu isa directarummaa isaa hin fudhatan ture. Wannin jechuu fedhe, akka inni hojii tanattti hin ramadamne miseensonni yaala turan akka jiran yaadachiisuufi.

ergan boordii keessaa bahee miseensota hafan tokko tokkorraa akkan dhagahutti yaalin Jawar OMN keessaa baasuu itti fufe. Garuu miseensonni hedduun yaada san hin fudhanne. Warri isa baasuu barbaadu sagalee minority ta’an. Kanaafu miseensonni boordii namni lama gadi dhiisuu filatan.

Dhimma Finance

Yaadni OMN ummata irratti hirkatuu irraa if danda’uu qaba jedhu gaafuma duraa irraa eegale. Xalaya fuula 7 dhiheesse irratti Jawar dhimma kana barreesse ture. Waggoota sadan itti aanan keessatti yoo xiqqaate galiin OMN 30% grant fi sponsorship irraa akka dhufuuf karoorfachuu isaanii niin yaadadha. San bakkaan gahameefi dadhabamee quba hin qabu. Wanni ani yaadadhu garuu yero tokko galiin OMN hedduu waan gadi bu’eef boordin koree finance OMN guddiftu dhaabdee turte. Koree kana keessa Dr Asfaw faatu ture. Koreen sun osoo humaa hin hojjatin achumaan diigamte.
Kan finance kanaan walqabatee wanni dhihaatu tokko akka waan Jawar maallaqa OMN harkatti galfateeti. Kuni soba. Maallaqa OMN kan too’atu treasurer fi koree audit boordiiti. Treasurer gaafa duraa Rammi turete. itti aansee Abbi Itichaati. Amma Najjat Hamzaati. Treasurer hundi miseeonsota boordiiti ( non voting member). Boordin ammas koree auditi qabdi. gaafan ani ture Kitaabaa Magarsaafi Dr Damisso faatu keessa ture. Baasiifi galii OMN jaratu ilaalee gara external auditor dabarsa. Haala maallaqni walitti qabauraatti chapter naannoo kiyyatirraa wannin beeku jira. Warri chapter qophii qopheessanii maallaqa walitti qaban san direct gara baankii OMN galchu. Treasurer OMN akkuma maallaqni galeen xalayaa galataafi receipt warra chapter saniif ergiti. Shoorri Jawar walgahii sanirratti argamee ummata mirqaansuudha.

Dhumarratti wannin jechuu fedhi, waldhibdeen amma jirtu kan haala hojii keessaa OMN natti hin fakkatu. Murna siyaasaa tokkoo fi Jawartu waldura dhaabbatee jira. Miseensonni boordii bahanii OSA irratti dhiheessanis hojii murnaati geggeessaa jiran natti fakkata. Maalif yoo jettan waan amma dubbatan kana hedduu gaafa keessa jiran ofiifuu mormaa turan. yaa’ii tana nurraa dhaabuu kan danda’u silaa Jawar fi murna ABO shaneeti. Jawaris mataa jabaata. Warri shanee ammoo Jawar fi OMN dhabasiifnu malee jedhanii marxifatanii jiran. Jawaris morka seene, mangoddoon ABO tunis gadaan isaanii dabruu waan hubatan hin fakkaatu. Waa hundaafuu ani adeemsa siyaasaa Jawar fi akkaata inni itti dalagu isattis boordittis himaan ture. Garuu OMN akk nu feenuttis hogganuu baatu akka ofii beekutti hogganuun guddina namuu waakkachuu hin dandeenye nu agarsiisee jira. OMN miidiyaa keenya, jaarmaya qabsoo keessa kan hojii qabatamaa nu agarsiisaa jiru kanuma qofa. Kanaaf rakkoolee jiran furuuf yaalaa deeggarsi miidiyaa kanaaf qabnu jaran akka jabaatun dhaama.

The post Warri shanee ammoo Jawar fi OMN dhabamsiifnu malee jedhanii marxifatanii jiran… appeared first on Bilisummaa.

Dhaamsa baqattoota Oromoo biyya Keeniyaa jiraniif

$
0
0
Biyya ollaa biyya teenyaa taate biyya Keeniyaa(KENYA) keessa baqattoonni Oromoo hedduun akka jiru namuu ni beeka. Ummanni keenya roorroo mootummaa gabroomsaa Wayyaaneen irra geeyse dheefa lubbuu ifii du’a jalaa baraaruuf dur irraa kaasanii biyya tanatti baqataa jiran. Ummanni Oromoo kan biyyoota faranjii garaa-garaa keessa qubatanis harki irra caalaan erga keeniyaa dhufanii carraa biyya sadaffaa argatanii kan deemaniidha. Ummanni biyya Keeniyaa ummata nagayaa fi kan baqattoota fuula gaariin simataniidha. Haata’u malee namni Keeniyaa keessa taa’ee beeku kan gidiraa poolisiin biyyattii namarraan geeysu argee hin dhandhamin hin jiru. Beellama UNHCR tti deddeebi’uutiin hedduunis hiraaraman. Gaariihis “KUJJA KESHO” beellama adda hin cinne kana obsaan deddeebi’uun carraa argatanii achi tarkaanfatan.
Ummanni Oromoo harki caalaan biyya tana keessatti qubsumaan iddoo tokko jiraatu. Oromoon biyya tanattis akkuma nama biyya jiranitti jaalalaan walitti dhufuun wal gaafatu, kan rakkate wal bira dhaabbatu,kan dhukkubsate wal’aannachuun kan du’es awwaallachaa as gahan. Waa’ee biyya Keeniyaa kanuma keessa taa’eetu beekaa tana tanumaanin bira kuta.
Har’a waa maleef tana hin kaafne; Filannoon biyyooleessa Keeniyaa(Kenya) gaggeeffamuuf guyyaa qubaan lakkaawwamuutu hafe. Torbaan dhufu guyyaa Salaasaa 8/8/2017 tti kan gaggeeffamu yommuu ta’u, Yeroo filannoon biyyattii geeyse hunda ummata biyyattii caalaa kan sodaa keessa galu baqattoota biyya tana keessa jiraniidha. Kunis kan ta’eef poolisiin biyyattii tan baqattoota irraa waa buufachuu mi’eeyfatte filannoo sababeeffachuun baqattoota waan hiraarsaniif jecha. Baqattoota xalayaa eenyummaa qabanii fi kan hin qabnes addaan hin baasanii mala uummatanii hidhuudhaan waa irraa carraaqqatu. Poolisiin biyyattii girgiriin isaaniif shirshiriidha. Tana waan namuu beeku.
Bara kana erga duulli na filadhaa eegale irraa kaasee baqattoonni sodaa keessa galanii jiran. Haata’u malee dilas hunda wanni nama sodaachisu waa hin jiru. Gariihis ifumaaf wal girgireeysa malee tan silaa nama sodaachisuu malte filannoo bara 2007 ture. Sanuu keessuma dabruun as gahan. Baqattoonni amma baqatanii biyya keeniyaa dhufan haala biyya tanaa waan hin beeyneef sodaachuu malu. Ta’us garuu namoonni isaan dura biyya tana turan haala jiru itti himuun jajjabeeysuutu irraa eegama.
Xumuruun dura wannin baqattoota Oromoo biyya Keeniyaa jiraniif dhaamu; akkuma duraanitti mataa walitti qabatuun, sochii xiqqeeysuun, hanga filannoon kun dabrutti of-eeggannoo godhaa. Dhaamsi kiyyas kanumaa Rabbiin filannoo nagayaa godhee biyyaa fi ummata keenyas nagaya haa godhu!

The post Dhaamsa baqattoota Oromoo biyya Keeniyaa jiraniif appeared first on Bilisummaa.

Ilmaan Oromoo Galmee Malkaamuu Kinfuu Jalatti Himataman Guyyaa Hardhaa Mana Murtiitti Akka Dhihaatan Beekame !

$
0
0

 

#RDH Adoolessa 25 2009

Ilmaan Oromoo galmee Malkaamuu Kinfuu jalatti shororkeessummaan shakkamuun hidhamanii jiran guyyaa hardhaa mana murtiitti dhihaatanii akka turan gabaafameera.

Dhaddacha yeroo darbee irratti Manni murtichaa du’aa fi haala du’a dargaggoo Ayyalaa Bayyanaa irratti, manni sirreessichaa ragaa qabatamaa akka dhiheessuuf ajaja dabarsee turuun isaa ni yaadatama.

Haaluma kanaan bakka bu’aan mana hidhichaa ragaa hospitaala waliigalaa mana hidhichaafi xalayaa bulchiinsa mana hidhichaarraa barreeffame mana murtichaaf dhiheesseera. Kunis:

☞ Ayyalaan kutaa wal’aansa ilkaaniitti yaalamuu isaa. Gaafa 11—11—2009 gara Hospitaalichaa gaafa dhufu, maddi isaa lamaan irra mallattoon dhiita’uu irraa akka mul’atu, dhiita’uu maddiilee isaaf sababa kan ta’e, ilkeen isaa kan hubamuun nyaatame akka buqqa’eef, qorichi farra baakteeri’aa karaa hidda dhiigaatiin isaaf kennamuu isaa, hogguu ijummoon qilleensa dabarsu cufamuu fi yeroo itti hammaatu, gaafa 14—11—2009 gara Hospitaala Miniliyeemii Paawuloositti riifeeriin isaaf barreeffamuu isaa.

☞Dhumarrattis Ayyalaan Hospitaala waliigalaa mana hidhichaa keeysatti wal’aanamee fooyya’uu waan dhadhabeef, gara Hospitaala Miniliyeemii Paawuloositti ergamuu, yaalamaa osoo jiruu gaafa 16—11—2009tti lubbuun isaa dabaruu, haati manaa isaa aadde Salaamii fi obboleessi isaa dhukkubsachiisaa akka turan, erga du’ee boodas, qorannoo reeffaa ilaalchisee gara Koomishina Poolisii Magaalaa Finfinneetti akka geeffamee fi bu’aa isaa Manni murtichaa Koomishina Poolisii Poolisii Magaalaa Finfinnee akka gaafatuuf xalayaa isaarratti ibseera.

☞ Abukaatoo himatamtootaa kan ta’e, Obbo Wandimmuu Ibsaa Aadde Salaam dhaddacha irratti waan argamtuuf, dhimma kana irratti haa dubbattu jechuun yaada kan kenne tahus, Abbaan Alangaa garuu “haala du’a himatamaa irratti ragaan Hospitaala irraa dhihaate gahaa dha. Seenaan biraa yoo jira jedhame of danda’uun, dhaddacha biraa irratti komee dhiheessuu danda’a. Dhimma kana irratti bu’uurri seeraa akka haati manaa isaa dhaddacha irratti dubbattu taassisu hin jiru.” Kan jedhe yommuu ta’u, Himannaan Ayyalaa irratti banames akka addaan citu gaafateera.

Obbo Wandimmuun, haati manaa Ayyalaa akka dubbattuuf kan barbaade, xalayaa bulchiinsi mana hidhichaa dhukkubsachiisaa turte waan jedhuuf, isheenis dhaaddacha irratti waan argamtuuf, gama isheetiin waan jiru osoo dubbattee, dhimmicha qulqulleessa yaada jedhu qabatee akka ta’e ibsuun, haalli du’i himatamichaa ragaa qabatamaan hin mirkaneeffamiiniin, gaaffiin himannaa Ayyalaa addaan haa citu jedhu fudhatama hin qabu jechuun dubbataniiru.

☞ Himatamtoonni lama dhimma kana irratti akka kanaa gadiitti yaada kennaniiru:

☞” Dhiheenyatti Ayyalaa waliin kan ture Nu dha. Dhukkubni Ayyalaa dhukkuba ilkaanii tahus, afaaniif funyaaniin dhiigni bahuu eegalee ture. Gara Kilinikaa hogguu deemamu Parastaamoolii kennuuf. Rifeerii jedhamuun wal’aansaaf hogguu deemu, Orraantii isaarratti Shororkeessummaa kan jedhu waan irra jiruuf, gara mana yaalaatti osoo hin geessiin deebisu.

Haalaan dhukkubsatee Rifeer yoo jedhame, gara baka Rifeer jedhamuutti kan geeffamu, torban tokko faa erga darbee dha. Manni sirreessichaa gaafatamuu dha qaba.”

☞”Ilmi Namaa bilaashatti hogguu kufu akka laayyootti ilaalamuu hin qabu. Ayyalaan kan miidhame wayita Maa’ikelaawwii turetti. Reebicha Maa’ikelaawwiitti nurratti raawwateen hundi keenya miidhamneerra. Dhukkubsattoota taaneerra. Komii dhiheeffachuuf irra deddeebinee hogguu gaafannu, callisaa nuun jettu. Haala callisneeni du’aa kan jirru. Callisnee du’uu keenyarra dubbannee duuna jenneeti dubbachaa jirra. Nuti Gara mana murtiitti kan dhufnu, Manni murtichaa dhimma keenya qoratee murtee kenna jennee ti. Haa ta’u malee adeemsa murtii keeysatti qaamni jidduu seenee nu ajjeesaa jiru jira. Namni kamuu dhukkubsatee ni du’a. Waan barbaachisu isaaf guutamee yoo du’e du’a seera qabeessa dha. Obboleessi keenya kun dhukkubsatee wal’aansa dhabuun,, maatii osoo qabuu, kunuunsa dhabuun isaatiin du’e. Obboleessi keenya waan argachuu qabu waan sarbameefi dha kan du’e. Namoonni du’aaf isa saaxilan dhihaatanii murteen haa kennamu. Ani wal’aansa argachuuf hogguun gaafadhu naaf hin heyyemamu. Yoon mana yaalaa deemuuf gaafadhu na deebisu. Dacheen si nyaachisa jedhameera. Dachee nyaachuu koorra jedhee yaalii gaafachuu dhiiseera. Hatattamaan akka wal’aanaman rifeer jedhamuun, gara bakka rifeer jedhamanii osoo hin geeffamiin baatiilee 4 fi 5 warri tursiifaman jiru. Dubbachaa duuna jenneeti.”

☞Dhaaddacha guyyaa hardhaa irratti abbaan seeraa, xalayaan manni sirreessichaa ergee fi ragaan mana yaalaa mana hidhichaa irraa ergame, haala ajaja manni murtichaa dhaddacha darbe irratti ajajeen, haalaa himatamichi itti du’e waan hin ibsineef, ajaja biraa kennuun barbaachisaa ta’uu isaa ibsuun, yaada dhihaate irratti dabaluun guyyaa boorii murtee kennuuf guyyaa boorii sa’a 3:30tti beellamni qabameera.

The post Ilmaan Oromoo Galmee Malkaamuu Kinfuu Jalatti Himataman Guyyaa Hardhaa Mana Murtiitti Akka Dhihaatan Beekame ! appeared first on Bilisummaa.


የኦሮሞ ህዝብ ከዚህ ብሄራዊ ውርደት መውጣት አለበት!

$
0
0


*******************************************************************

ዶ/ር መረራን በእደዚህ አይነት ሁኔታ ማየት ለኦሮሞ ህዝብ ብሔራዊ ውርደት ነው። ይህ የሚያመለክተው የኦሮሞ ህዝብ አንድ ያልተሻገረውና መሻገር ያለበት ትልቅ ድልድይ አለ። እርሱም አንድ የፓለቲካ ማህበረሰብ መሆን ነው።

አንድ ህዝብ የፓላቲካ ማህበረሰብ የሚሆነው ሶስት ዋና ዋና ነገሮችን ስያሟለ ነው።

1ኛ፣ አንደኛውና የአንድ ህዝብ ተቀዳሚ ተግባሩ ልጆች ወልዶ ማሳድግና መሪዎቹን ከውጭ ጥቃት መከላከል መቻል ነው። ልጆቹንና መሪዎቹን ከውጭ ጥቃት መከላከል ብቻ ሳይሆን ጥቃት ለማድረስ የሚያስብ አካል ከለ ከፍተኛ ዋጋ የሚያስከፍል ወይም ጦርነት የሚያስነሳ መሆኑን ተገንዝቦ ዋጋውን ቁጭ ብሎ እንዲተምን የሚያስገድድ የተፈራና የተከበረ ህዝብ ሲሆን ነው። በርካታ የአለም ትላልቅ ጦርነቶች የተነሱት ህዝቦች ራሳቸውን ከዚህ መሰል ጥጋበኞች ለመከላከል ሲሉ ነው።

ሌሎች ልጆቹን እና መሪዎችን በዘፈቀደ በሚገሉበት፣ በሚያስሩበት፣ ከሰፈለጋቸውም የራሳቸው ባሪያ ልያደርጉ በሚችሉበት ሁኔታ የፓለቲካ መህበረሰብ መሆን ብሎ ነገር የለም፣ እንደዚህ አይነት ህዝብ ለራሱ አስከብራለው ብሎ የሚያወራው ሌላ መብት የለውም። ካለን አይደለ ስለሌላ የምንናገረው?

2ኛ፣ አንድ ህዝብ የፓላቲካ ማህበረሰብ ሆነ የሚበለው የራሱን መሬትና የግዛት አንድነት ማስከበርና መጠበቅ ስቺል ነው። መሬት ያሌላው ህዝብ አገር የለውም።

3ኛ፣ አንድ ህዝብ የፓላቲካ ማህበረሰብ ሆነ የሚባለው የጋራ ሃብቱና የማንነት መገለጫ የሆኑትን ቋንቋውን እና ባህሉን ጠብቆ በዚያ ቋንቋና ባህል መኖርና ራሱን ማስተዳዳር ሲቺል ነው። ኣሳ ከውሃ ውጭ መኖር እንደማይችል ሁሉ አንድ ህዝብ ቋንቋውንና ባህሉን ጠብቆ በዚያ ውስጥ ከልኖረ የሞተ ህዝብ ነው። የኦሮምኛ የፌዴራል የሥራ ቋንቋ መሆን ከዚህ ውጭ ሌላ ትርጉም የለውም።

የዚህ ትውልድ የኦሮሞ ህዝብና የኦሮሞ ወጣቶች ግንበር ቀደም አላማና ተልእኮም የኦሮሞ ህዝብን ወደ አንድ የፓለቲካ ማህበረሰብ ማሻጋገርና የኦሮሞ ህዝብን በቀዬው በኦሮሚያና በከተማው በአዲስ አበባ ላይ አባ ወራ፣ በአገሩ በኢትዮጵያ ላይ በለአገርና ባለቤት ማድረግ ነው።

እዚህ ላይ ሁሉም መገንዘብ ያለበትና ፉፁም ልስተው የማይገባ እውነታ በእነዚህ ሶስት ዋና ዋና ብሄራዊ ጉዳዮች ላይ በኦሮሞ ህዝብ መካከል የፓለቲካ፣ የሃይማኖት ወይም የአከባቢ ልዩነት ያሌለ መሆኑን ነው።

የኦሮሚኛ ቋንቋ ሃይማኖት፣ ወይም ክልል፣ ወይም የፓላቲካ አስተሳሰብ የለውም። የኦሮሞ ህዝብ የጋራ ሃብት ነው።

የኦሮሞ ህዝብ መሬት ሃይማኖት፣ ወይም ክልል፣ ወይም የፓላቲካ አስተሳሰብ የለውም። የኦሮሞ ህዝብ ሁሉ የጋራ መኖርያውና በጋራ የሚጠብቀው የጋራ ሃብት ነው።

ለነዚህ ሶስት አላማዎች በመቆማቸው የሚፈሰው የኦሮሞ ልጆች ደምና የሚወረዱት የኦሮሞ መሪዎች ሃይማኖት፣ ወይም ክልል፣ ወይም የፓላቲካ አስተሳሰብ የላቸውም። ህዝባችን በጋራ ልጠብቃቸውና ዘብ ሊቆምላቸው የሚገቡ የኦሮሞ ህዝብ ልጆችና መሪዎች ናቸው።

ስለዚህ የኦሮሞ ህዝብ: ህዝብ ሆኖ ለመቀጠል፣ የሞቱትን ልጆቹንና መሪዎቹን አልቅሶ ከመቅበር አልፎ በሃይማኖት፣ በፓለቲካ አስተሳሰብ፣ እና በአከባቢ ሳይለያይ አንድ የፓለቲካ ማህበረሰብ ሆኖ በህይወት ላሉት ልጆቹና መሪዎቹ ደህንነትና ክብር መቆም አለበት።

የኦሮሞ ወጣቶችም ግንባር ቀደም ሥራና ምናልባትም ብቸኛው ኃላፊነት ይኸው መሆን አለበት። ምክንያቱም እነዚህ ሶስቱ ዋና ዋና የህዝባችን የህልውና ምሰሶዎች (በተቀመጡበት ቅደም ተከተል) ካሌሉ ሌላው ሁሉ የለም።

The post የኦሮሞ ህዝብ ከዚህ ብሄራዊ ውርደት መውጣት አለበት! appeared first on Bilisummaa.

MORMII MARSAA 3FFAA Irratti tarkaanfilee fudhataman

$
0
0

BEEKSISA

MORMII MARSAA 3FFAA Irratti tarkaanfilee fudhataman
– Mormiin kun tooftaa mana oolu ( stay-at-home) ta’a. Kana jechuun
– Namni hundi mana isaa ooluun daandilee duwwaa godha
– Geejjibni ni dhaabbata
– Manneen daldalaa ni cufamu
– Hojiin waajjiraa hin jiraatu
– Mormiin guyyoota lamaa qofaaf tura ( Wiixataafi Kibxata)
– Raaw’ii mormii kanaa Qeerroon ni hordofa,hojiitti hiikamuu isaa mirkaneessa

Kana beekuun hawaasni keenya wantoota guyyoota lamaaniif isa barbaachisan ammumaan akka guuttatu dhaamsa dabrsina. Sochiin geejjibaa waan hin jiraanneef warri imaluuf karoora qaban amumarraa karoora isaanii akka sirreeffatan gprsina. Uggurri kun hojjattootaafi konkolaataalee tajaajila hawaasaa murteessoo ta’an kan akka hospitaalaafi awwaalchaa hin dabalatu.
Hubachiisa: raaw’iin mormii kanaa Qeerroodhan kan too’atamu ta’ee warra uuggura diigan irratti akkuma amma dura tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu asumaan isin beeksisuu feena.

The post MORMII MARSAA 3FFAA Irratti tarkaanfilee fudhataman appeared first on Bilisummaa.

Jireenyi ilma namaa Hundi tokkoo laataa?

$
0
0

Inni kuun sooressaa
Kaan immoo hiyyeessaa
Tokko sammuun qaraa
Inni kuun wallaalaa
Kuun haqa barbaadaa
Kaan dhugaa awwaalaa
Miilli ta’ee mataa
Mataan miila ta’aa
Xiqqaan hangafasaa
Akkamiin hogganaa
Seerri uumaa cabaa
Hayyuuf gootni sabaa
#Baqqalaaf #Maraaraa
Kana hundaa ilaalaa
Ta’uun dungoo sabaa
Bu’aaf ba’ii ba’aa
Asiif achi marmaaraa
Nuuf argaa dararaa(×~~~~)

==============

Imaluu hin dhiisu
Karaan ani deemu
Gufuunis jiraatu
An abdii hin kutu
Duubatti hin deebi’u
Dura tarkaanfachu
Kaayyoo kooti cichu
Haqa kootiif falmu
Kan itti dhandhamu
Kan itti gammaddu
Galma koo yoo gahu
Keessatti boqachu
Ejjannoon an qabu!(×~~~~)
======
Waloon: Barii Bilisummaa Oromoo

The post Jireenyi ilma namaa Hundi tokkoo laataa? appeared first on Bilisummaa.

Walaloo obbo BAQQALAA GARBAA mana hidhaarraa

$
0
0

Daandiin keenya qoreen guutee
Duugdi keenya ulee quuftee
Abdiin osoo hin dhalatin
Ifa hin argin
Nurkaa duute.

Haata’uyyuu malee ni deemnaa hin dhaabbannu
Miilli nu bututes nuti abdii hin kutannu
Biyya hawwa keenyaa
Hin hankaaknu hin geenya

Karaa dheeraa sana
Bu’aa ba’ii sana
Dheebotaa beela’aa
Kukkufnee kaka’aa
Imimmaan lolaasaa
Dhiiga dhangalaasaa

Dukkana kaleessaa qabsoodhaan ibsinee
Ifa boruu arguuf har’arra dhaabbannee
Kunoo ilaalaa jirra biiftuu ba’uuf jirtu
Urjiin bilisummaa yommuu calaqqiftu.

Walaloo obbo BAQQALAA GARBAA mana hidhaarraa

The post Walaloo obbo BAQQALAA GARBAA mana hidhaarraa appeared first on Bilisummaa.

Jibbaafi Jaalala

$
0
0

Hawi Anole ~ Hag/2017
———————-
Yunivarsitii Tokko Keessatti Barsiistuun Muummee Xiinsamuu barattoota isheetiif barumsa isaan yoomiyyuu hin irraanfanne kennuu barbaadde. Haaluma kanaan Hojii Manaa tokko Qopheessite. Barattoonni daree ishii hunduu Dinnicha qabatanii akka dhufan ajajje. Dinnicha sanarrattis Maqaa Namoota Jibbanii irratti barreessanii akka dhufan itti himte. Baay’inni Dinnichaa fidanii dhufaniitis baay’ina namoota jibbaniitiin akkawal qixxaatu jetteen. Kana jechuun namni nama akka malee jibbu 1 qabu Dinnicha tokko fida jechuudha, ka lama qabus akkasuma. Haaluma kanaan barattoonnis gariin isaanii 3, gariin isaanii 5, gariin isaanii 8 fidanii dhufan.

Guyyaa Borumtaa sanaa Barattoonni Haala jedhamaniin Dinnicha Qopheessuu isaanii ilaaltee mirkaneeffate. Irra deebitees ~ ” Har’arraa Eegalee torban tokkoof Dinnicha kana Shaanxaa keessan keessatti qabattanii Joortu/ sochootu. Eddoo kamittuu ofirraa lafa kaayun hin danda’amu. Mana fincaaniis yoo seentan lafa kaa’uun dhorkadha” jetteen.
.
.
.
Adaduma guyyaan dabalaa adeemun Dinnichi baadhatan waan shamaa adeemeef barattoonni foolii isaa too’achuu dadhaban. Keessattuu Barattoonni Dinnicha 6 ol baadhatan ba’aanifii foolin ajaawaan garmalee akka itti ulfaate hadheeffatanii dubbachuu eegalan::)

Torban booda Hojiin Manaatiif yeroon kenname waan dhumeef Barattoonni Dinnicha sana baasanii akka gatan hayyamameef. Barattoonnis Gammachuun fuulli isaanii cululuqee ajaafii foolii hamaa baadhatanii jooraa bahan ofirraa darban. Gammachuunifi Mirqaanni haaraan itti dhagayame.
.
.
.

Barattoota Koo Mee Hojiin Manaa Akkam Ture? Jettee barattoota isii gaafatte;

Uuuhhhf Barsiistuu Keenya ~ Mee nu hin gaafatinaa, Ulfaatinni isaa , Ajaawinna foolii isaa…. Jedhanii waan isaan mudate hunda itti himan.
.
.
.
Barsiistunis ” Argitanii Barattootakoo, torban tokko keessatti waan badaa kana baadhattanii oliif gadi jooruu dadhabdan. Jibbaan Isin Ilmoo namaatiif qabdanis akkanuma. Jibbaan Onnee Xureessa. Eddoo deemtan hunda isin jala deemee isin jeeqa. Tasgabbii sammuu isin dhoorka. Mee Xiinxalaa ~ Dinnicha Torban tokko keessatti shame/ badee ajaawa foolii isaa too’achuu dadhabdan, akkamitti Onnee teessan Jibbaadhaan balfamte qabattanii jiraattu?!” Jettee gaafii ajaa’ibaa gaafatte.

Kanaafuu; Waanuma Fedhes ta’u Jibbaa Onnee keessan keessaa baasaa. Yoo dandeettan onnee teessan jaalalaafii gammachuudhaan guutuudhaaf yaalaa. Yoo dadhabdan onnee teessan jibbaa irraa eegaa! Jettee barumsa isaan yoomuu hin irraanfanne barsiisfte ~ Nutis Waljala deemnee dogongoroota wal jala barbaaduufi dadhabina namaa qofa hordofuu osoo hin ta’in waliif hubannee jaalalaan waliin jiraachuun faaydaa guddaa nuıf qaba. Jibbi keessoo keenya nu xureessa, foolii keenya nu hammeessa. Kanaafuu hamma dandeenyen jibba ofirraa fageessinee eddoo hındatti ilillii jaalalaa haa facaasnun isiniin je’a

Kanuma
Keenyas Oluma
#HawiAnole

The post Jibbaafi Jaalala appeared first on Bilisummaa.

Gabaa Lagachuun Oromiyaa Itti Fufee Jira Daldaltoonn Immoo Hidhamaa Jiru

$
0
0

Tilmaamni galii guyyaa dabalamee gibirri nuti baafnu nutti hammaate jechuu dhaan daldaltoonni godinaalee Oromiyaa adda addaa keessa mormii gabaa lagachuu geggeessaa turan itti fufanii jiraachuu jiraattonni nuuf ibsaa turan. Mormiin isaanii ka biroon hoogganoonni siyaasaa kanneen akka obbo Baqqalaa Garbaa fi Dr. Mararaa nuuf haa hiikaman kan jedhu ta’uu illee dubbataniiru.

Gaaffiin gibirri akka xiqqaatuuf dhiyeessine amma iyyuu deebii hin arganne jechuu dhaan mormiin kun Oromiyaa bakka tokko tokkotti itti fufee jira.

Akkuma kanaan godina Shawaa lixaa magaalaa Amboo keessa daldaltoonni jiran torban darbe guutummaa isaa manneen daldalaa cufanii bajaajjii dabalatee geejjibi socho’aa kan hin turre ta’uu dubbatu.

Bulchiinsi magaalaa Amboo kanaaf sababaa ta’an kan ittiin jedhe abbootii qabeenyaa to’annaa jala oolchuu isaa jiraataadhumti kun ibsanii namoota kana wabiin gad dhiisisuuf maallaqa guddaa gaafataman jedhan.

komee uummataa kana bakka haalli laguu gabaa fi hidhaan daldaltootaa itti raawwatame jedhe magaalaa Ambootti bilbiluu dhaan kutaa ittisa yakkaa irraa Comandor Mengistu nama jedhaman kana dura haasofsiisnee waan turreef gara isaaniitti bilbillus deebii quubsaa hin arganne. bilbile.

Qaama mootummaa biraa deebii argchuuf kaleessaa qabee yaalaa turre. Kan dhimma galii guyyaa fi gibiraa ilaalchisuun deebii nuu kennaa turan itti gaaftama biroo kominikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Addisuu Araggaatti deddeebi’ee bilbilee haala yeroo ammaa naannolee adda addaa keessatti uumame odeeffannoo argachuuf yaalus bilbilli isaanii hin ka’u.

Itti aanaa isaanii kan ta’an Obbo Workuu Caalaatin bilbile. Yaalii hanga tokko booda bilbila isaanii kaasanii haala jiru ergan ibseefii booda mootummaa biraa deebii argachuu barbaaduu koo ibseefii, dhimm isaa poolisiif abbaa taayitaa galii ilaallata waan ta’eef kallattiin isaaniin quunnami naan jedhan. bilbilan irratti argachuu danda’u deebisee yoon bilbile naa kennuuf waadaa naa seenan. Akkuma kanaan bilbila isaanii irra deddeebi’ee bilbilus argachuu hin dandeenye.

Dhaggeeffattoota keenyaa komii uummati dhiyeessu kanaaf deebii gama mootummaa hordofnee akkuma argannetti dhiyeessina.

The post Gabaa Lagachuun Oromiyaa Itti Fufee Jira Daldaltoonn Immoo Hidhamaa Jiru appeared first on Bilisummaa.

Gaafa agabuun dhufe soorree beela baafnee..

$
0
0

Gaafa agabuun dhufe
soorree beela baafnee,
Garbuu nyaachifnee
annaan mi’ii obaafnee,
Isaa nama hin fakkaanne
nama fakkeessinee,
Gara laafina keenyaan
qubsiifnee guddifne.

Akka ilma keenyaatti
leenjifnee erginee,
Carraa laanneefii
dorgoomee moo’atee
Waa harka seeneefii
erga kiisha guuttatee,
Galata dagatuun
jibbasaa ifatti baafate.

Duraan ni callifne
himuun nutti ulfaattee
Gaafa awwaala baasee
biyyatti galfate,
Osuma beeynuu
safuu jannee dhiifnee
Gara laafina keenyaaf
garattiin gad-usne.

Diinni silaas diinaa
diinummaan beeynaa
Hamtuu malee gaarii
isa irraa hin eeginaa
Shira isaa garree
tan biraa hin eeynuu
Gocha raawwatuuf
dachaan haa deebifnu!
_____

The post Gaafa agabuun dhufe soorree beela baafnee.. appeared first on Bilisummaa.


JECHOOTA HOJIIF BARBAACHISOO: Kutaa Afraffaa

$
0
0
                                                                              Taammanaa Bitimaa irraa
DURADUBBII
Dubbiftoota barreeffata kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, barreeffata kana kutaalee dabran sadeen akka gaariitti dhamdhamachuu keessaniif, mee hedduu galatoomaa! Duubbiin galatoomfannaa callaa irratti dhabbattee waan haftuu mitii, kunoo kutaa afraffaa kanas mee ilaalaa-kaa!
SEENSA
Ani seensa isa hardhaa kana keessatti waayee seera hirmaata-dubbii (seerlugaa) Afaan Oromoo keessaan hamma wayii isiniif dhiyeessa. Barreeffatoota ammaan tana afaan keenyaan bahaa jiran keessatti, dogoggora tokko tokko waanan qalbeeffaddheefan isaan akka sirreeffamaniif waa jedha. Ilaa mee Afaan Biyya Gadaa kana keessatti: “Ana dha. Farda dha. Nama dha.” Gonkumaa hin jedhamu. Seera afaan keenyaa, isa bareedaa kanatu kanneen akkanaa dhoowwa. “Dha“-n kan galu yoo jechi sun qubee dheera-dhaan xumurame qofa. Jechoonni: “sangaa, gaangee, harree, dubbii, qalbii —” jedhaman faa waan qubeewwan dheera-dhaan xumuramaniif “dha“-n itti-dabalama. “Sagaa dha! Gaangee dha! Harree dha! Dubbii dha! Qalbii dha!“, faa jenneetoo xumurra. Oromoon keenya baddaa Raayyaa, Hara Ashangee irraa kaasee hamma Maanya Hindiitti, Beegii irraan duuba daangaa Sudaan Kibbaa irraa kaasee hamma Jijjigaa cinaatti “farda dha, sa’a dha —” faa kan jedhu matumaa hin jiru. “Dha” tun “new” Afaan Amaaraa ishii bakka hundaattuu danqaramtuu santu hulluuqee, shimalaa fi eeboo Oromoo jalaa miliqee afaan keenya keessa seene jechaa dha! Mee kanneen hafan kutaalee dhufan keessatti waan ilaalluuf, ammaaf kunuu ni gayaatii gara jechoota kaanefiitti haa dabarru!
JECHOOTA DIGDAMII-SHANAN HARDHAAF DHIYAATAN:
1) Bantuu                     –                    bottle-opener
2) Birkii                        –                    section
3) Buqqiftuu                –                    corkscrew
4) Diggaa                     –                    diamond (= ifee, durrii)
5) Duwwee                  –                    zero
6) Fakkoo                     –                    photo (= footoo)*
7) Feeda                       –                    shop (= suuqii, dukkaana)
8) Furtuu                      –                              key
Sagalee furtuu        –                    key word
9) Himtee                     –                    Sentence
10) Kalaalaa                 –                    eyeglasses, spectacles (= marayyaa)
11) Kitila                       –                   million
12) Malkaa                    –                   ford
13) Mitikaa                    –                   joints (of arms and legs)
14) Nooba                      –                  zipper
15) Olbaa                       –                  forum
Olbaa seeraa          –                  judicial forum
16) Qalboo                     –                  notice, attention
Qalboo guyyaa        –                  dairy
17) Ujuree                      –                  cucumber
18) Sabbuu                     –                  gold (= sokoo, warqii)
19) Sansakkaa                –                  personality
20) Shaayyaa                  –                  peninsula
21) Shiisshatii                 –                  urinal; chamber pot
22) Siidaa                        –                  statue
23) Sulula                        –                  valley
Sulula Dhooqaa        –                   Rift Valley
24) Xinamantii                –                   theology
25) Yaadundee               –                   concep (yaada + hundee)
______________________  Hubachiisa Miiljalee __________________________
* “fakkii” jechuun immoo “picture” jechuu dha.
                                                                                                        Itti-fufa!

The post JECHOOTA HOJIIF BARBAACHISOO: Kutaa Afraffaa appeared first on Bilisummaa.

Ethiopian PM, others summoned by court as witnesses in terrorism trial

$
0
0

Ethiopian Prime Minister Hailemeriam Desalegn and two other government officials have been summoned by a federal high court to serve as witnesses in the ongoing terrorism and criminal trials of two Oromo opposition leaders and 15 others.

The Prime Minister, Speaker of Parliament Abadula Gemeda and Oromia Region President Lemma Megerssa are expected to appear in court in November 2017, local media portal Addis Standard reports on Friday.

The court ruled in favour of the defense to summon the three top government officials after four days of hearings.

The opposition leaders on trial are Bekele Gerba, first secretary general of the opposition Oromo Federalist Congress (OFC) and Dejene Fita Geleta, secretary general of OFC.

They were arrested with 20 others at the end of 2015 in connection with the 2015 Oromo protests that resulted in the death of hundreds of protesters.

They were accused of inciting the deadly protests and having links with outlawed political party Oromo Liberation Front (OLF) which has been labeled a terrorist organisation by the government.

The court acquitted five of the defendants in July this years after over a year in detention.

Bekele Gerba, a university lecturer, had his terrorism charges reduced to criminal charges and an attempt to get bail last week was denied.

Dejene Fita Geleta and the fifteen other defendants, made up of OFC party activists and students, remain under trial for terrorism.

The hearing will resume on November 6 when the prime minister and other two top government officials are expected in court.

A lot of opposition figures have been arrested and jailed in Ethiopia in connection with the 2015 Oromo protests.

The Horn of Africa country has been accused of regularly using security concerns as an excuse to stifle anti-government statements and clamp down on media freedoms.

The post Ethiopian PM, others summoned by court as witnesses in terrorism trial appeared first on Bilisummaa.

Dubbi-himaan mootummaa Oromiyaa Addisuu Arggaa milishaa 230000 leenjifnee bobbaafne jedha..

$
0
0

Jawaar Mohammadiin

“Dirqama Mootummaa keessaa inni ijoon nageenyaa fi tasgabbii uummataa kabajichiisuu akka ta’e ni beekama. Kana galmaan gahuuf jecha MNO bara kana milishaa 230,000 leenjisee bobbaasee jira.” Kana kan jedhe dubbi-himaa mootummaa Oromiyaa Addisuu Arggaa Qixxeessaa, Adooleessa 3, 2017

Waraanni dilli kun eessa dhaqeree gaafa yartuun daangaan ceetee ummata keenya fixxu? Moo lakkoofsi sun duraanuu kan kijibaati?

The post Dubbi-himaan mootummaa Oromiyaa Addisuu Arggaa milishaa 230000 leenjifnee bobbaafne jedha.. appeared first on Bilisummaa.

“TASA”

$
0
0

Ragaa guutuu qabna
Waan hojiin godhame
Karoora Abbaa irreetin
Ittuma yaadamee
Qilleensaaf lafoodhaan
Namni keenya dhumee,
“Balaa Tasa ga’een ”
akkamiin jedhame?

Konkolaataan korre
yookaanis xayyaara,
Nuti Doonii hin yaabne
amna bishaanirraa,
Nagaan irreeffachuuf
Hora harsadee jirraa
Balaan akka tasaa
eessan gahe nurra?

Baranan dhagahe
Dubbii ajaa’ibaa,
Ijji nu imimmaani
garaan madaa qaba
Nama nujjeesetu
siidaa numaaf dhaabaa?

Warra gumaa irraa
nu humaan eeggannu
Balaa tasaa jechaa
Maaf dhaaban yaadannoo
Tuni nuuf salphinaa
Wayyaanef dhaadannoo.

Keessa keenyan barreef
diinni nutti qoosa
Qawween duguugamnee
maali dubbiin tasaa?
Nuut tolchee dhaabbataa
Waan Tasaa buqqisaa.

Ambayyoo dammaqaa
Iyyaa waliif labsaa
Jecha Tasa ” jedhutti
dhimma bahuun isaa,
Shiraaf kaayyoo diinaa
gad fageenyaan ibsa.

Yakkamaas ni beeyna
Gamtaan dhabnes lubbuu,
Osoo namni keenya
gaddee isaan jibbuu,
Harka dhiiga qabuun
Dhaaban siidaa Cubbuu.

Eeggachuun dirqama
Waan seenaa jallisaa,
Beekaa ajjeesanii
Je’an balaa tasaa,
Aboo Tapha dhiisaa,
Seenaa nuuf sirreessaa!!
————————–
Munawar Ahmed Siraj
Hagayya 27/17

The post “TASA” appeared first on Bilisummaa.

OROMIYAAN KAN KABAJAMTU YOO DAANGAAN ISII KABAJAME QOFA !

$
0
0

(Saphaloo Kadiir)

Oromiyaa jechuun kutaa qama tokkooti, foon lafee qama tokko uwwisee jiruu dha. Akkuma qaama nama tokkorraa kutaan tokko yoo hir’ate qama miidhamaa tahu, Oromiyaa irraallee gandi hir’atu tokko Oromiyaa uunkaaf buxa dhoorkuu daran eenyummaan saba guddaa kunilleen maxaxaa deema. Hanga arraatuu tooftaa adda addaatiin lafti Oromiyaa irraa mogalamtee naannoolee biraatti moggaafamtee yookaa maqaa addaa qabattee Oromoo harkaa baatee jirtu gowwaa ulee isuma harkaa fuudhanii ittiin dhaanan nu gootee jirti. Arra kutaa Oromiyaa kan dhaloonni ammaa kun maqaa dhaga’uu malee eessa akka taatellee hin beekne jiraachuullee dagachuu nun barbaachisu. Kutaa kudha tokkoo Oromiyaa keessa “Waambaraan” jiraachuu kan gurraan dhaga’ee hin beeknelleen akka jiruus dagachuu nun barbaachisu. Lafti Oromiyaa tan akka Jijjigaa, Adaree, Dirree Dhawaa, Kafaa, Walloo, Raayyaa fi Asaboot, Asoosaa fi kkf yoo kaafnelaalle ilmaan Oromootiif tola ooluu caalaa ibidda shanacha miilaa taatee irra dhaabbachuu fi irra gad taa’uuf illee waakkachaafi akka jirtu beekkamaa dha. Lafa tanneen malee Oromiyaan guutuudha jannee yaamuun akka hin danda’amne beekkamaa dha. Lafa tana deebifachuufiis gatii guddaa, wareegama hadhaawwaa akka nu kafalchiisuus yoo jaamaa taate malee tilmaamuun hin rakkisu. Dhaloonni ammaa qeerroon kana waan hubateef lafti Oromoo tan ammaan dura kutamte gaaf-tokko itti deebina, amma booda ammoo lafti Oromiyaa taakkuun takka hin muramtu jechuun dhiiga isaaniitiin eewalachaa jiran. Shirri Finfinnee fi naannawa isiitti xaxamee ture, dhaloonni qarri ammaa kun bakka takkaa ka’uun warraaqsa finiinsanii yeroof illee taatu diina handhura Oromiyaa garaa waliin mogoluuf habalee shiraa qarate harkaa doomsan. Baha, lixa, Kaaba, kibba fi jiddu gala Oromiyaa mara keessaa dhaadannoon “Burraayyuun teenya, laga xaafoon, sabbataan, finfinneen teenya, tan Oromooti!’ jechuun adda isaanii rasaasaaf kennanii wareegama qaalii lubbuu itti kafalaa turan. Shawaan tan Tuulamaati hin janne, hin ja’aniis.

Baroota lamaan dabran kana gamtaan maal akka tahe hubachuu daran gatiin gamtaaf laatamtu yeroo biraa caalaa kan itti mirkanaa’ee dha. Diinni oromoof rafee hin beeku. Diina hoggaa jannu gariis amba akka jechuutti akka na duraa hin hiikkanne. Diinni lamaanuu keessa, firaa fi amba keessaas ni jira. Gaafa ilmaan Oromoo Oromiyaa guutuu keessaa irree gamtaatiin akka leencaa bookkisanii gulantaa shiraa tan duraan diinaa fi jallaan keenya oromoo jiddutti habaqaalan buqqisan sanittillee shiroonni tokko tokko kan oromoo walitti hammeessuu akka ture beekkamaa dha. Irree gamtummaa Oromootu irra qajiloomee micciiree harkaa bahe malee gaadiin hin fooyamin hin turre. Sababni guddaan yeroo san irreen qeerroo Oromoo humna cimaa horachuun shiroota yaraa warri alagaa fi keenya mataa dhagaan sharraban bu’aa galmeessuu dadhabeef, kan duraa sabboonummaan Oromoo baayyee guddachuu isaa, kan biraa osoo habaqaaltoonni shanyii shiraa kanneen hin bayyanatin warraaqsi Oromoo walakkaa gahuu isaa fi ilaalchoonni kaleessa qabsoo Oromoo addaan dhifaa, gamtaa ummata Oromoos addaan sharafaa ture san dulloomuu isaatii fi kan biroos danuu tarreessuun ni danda’ama. Dhimma kana kaasuun koo waa malee miti. Akkuma beekkamu shira waggoota dhibbaa oliif Oromoota daangaa Oromiyaa irra jiraatan waxalaa tureetu amma ol bahee qalbii quuqamtoota hundaa raasuu jalqabe. Ilmaan Oromoon quuqamaa fi qoma waliif dhawachuu, lafaa fi lafee ifiitiif akkanatti hadooduun hedduu hedduu gaarii dha. Tarkaanfii akkanaatu ilmaan abbaa tokkoo irraa barbaachisa. Dur irraa quuqamaa fi onnata akkanaa dhabuutu hanga arraa waaroo gabrummaa hamtuu jalatti sabni guddaan gombifamee ganam-barii akka dhiiga booyu dirqisiise. Gaafa dura sirni nafxanyootaa Oromiyaa koloneeffachuuf sochii jalqaban irree jaraa hiilchee, kan gurmuu oromoo iilchee capha salphinaatiif isaan saaxile guddaan walitti dirmachuu dhabuu isaaniiti. Gaafa Oromoota Walloo, Raayyaa fi Asaboot cabsan Maccaa f Tuulama dirmachuu dhabuu, gaafa Maccaa fi Tuulama caphsan sikkoo fi Mando, Sabboo fi Goona dirmachuu dhabuu, gaafa Sikkoof Mando Cabsan Ituu fi Afran Qallo dirmachuu dhabuu, gaafa Ituu fi Afran Qallo caphu eenyuu dirmataree? Kan dirri dirmammaawee fi kan diramee darrate dirmachuufuu ‘buruja’ hin qabu. Oromoon akkasitti kunoo baroota kana mara waliif dirmachuu dhabaaf darara gabrummaatiin dirmammaawaa hanga ammaa jira. (Jaarraa diigdamii meeqaffaa keessa jirra amma?) Bara sanyiin gabrummaa fuula addunyaa irraa akka ‘dinosaur’ (Wahii – afaan oromootiin) irraa dhabamtee jirtutti tanattillee akka sanyii gabrummaatti hagaay goonu nu taasise. Hubadhaa! Oromoon yeroo san wal jibbee, wal dagatee osoo hin taane qubsuma lafaatiin hanguma wal irraa fagaachaa deemeen odeeffannoon akka arraa kana qabaachuu dhabuu fi kan akka Goobanaa Dacee faaniis akkuma Lammaa Magarsaa kan ammaa kanatti dabballoota diinaa tahanii ummatarratti dalaguuniis sababa tokko akka tahe dagatamuu hin qabu.

Arra gaa shirri san hundi caphee Oromoon gamtaan lafaa ol kaatee walabummaa fi bilisummaa mataa isiis gonfachuuf kutannaan shirri bakkayyuu haareyatti hammaachaa dhufe. Kanuma keessa ammaas jallaan keenyaas hogoggorsaa fudhatee yoo batachu arkaa jirra. Akkuma irra deddeebinee jenne, shirri adda addaa naannoo daangaa Oromiyaatti dur irraa akka uumamaa ture ni beekna. Haa tahuu malee wal dha’iinsi duraan Oromoo fi Ollaa isaa jiddutti uumamu kan akka baroota lameen dabran kana hammaate hin jiru. Dhugumatti dur irraa shirri turullee kan akka baranaa haalaan adda taheen Oromoota naannoo daangaa irratti qindaawee gaggeeffamaa jiru hin turre. Hammaachuun isaa sababa gahaa qaba. Gama tokkoon gadaameessaa qabsoo Oromoo guutumatti masheensuuf if shukkuumaa jiraachuu mootummaa wayyaanee yoo tahu, Labsii yeroo muddamaa bahuun eega komaandi poostii ijaare booda duula meeshaa hiikkachiisuu sirritti irratti hojjatee jira. Gama biraatiin weerarri liyyuu poolisii bakkoota daangaa oromiyaa horsiifatee bultoota tahan irratti gar malee kan xiyyeeffatuu dha. Mootummaan wayyaanee duruma irraa bakki ifirraa sodaatu guddaan naannoo horsiisee bulaan Oromoo jiru kana. Sababniis horsiisee bultoonni hidhannoo waan qaban qofaaf osoo hin taane humniti biraa isaan kana keessaan hulluuyxee na seenti kan ja’uus waan firraa shakkuuf. Kanaaf liyyuu poolisii kanneen gama tokkoon waardiyaa godhachuu Oromiyatti bobbaasa. Gama kaaniin akkuma Dargiin gaafa kufaaf ka’e baha Oromiyaa tana irratti xiyyeeffachaa ture, wayyaaneeniis shakkii guddaa waan qabduuf naannoo ifirraa shakkaa jiraattu tana qulqulleessuu madditti ummata oromoo murruq gootee nagaya waaraa silaa kajeeltu san arkachuuf kaaniis lafa tanarraa buqqaasuu akka furmaataa godhatte itti ejjiti. Kanaaf rakkoon kun kan duraa irra hedduu hammaatee jira. Eega rakkoon kana tahuu beeknee ilmaan Oromiyaa maal godhuu qabnaree? Gaafiin jattuuf ani akka mataa kiyyaatti yoon tarreessu:

1) Ummanni oromoo kan daangaa Oromiyaa irra jiraatu kun duruma irraa waraana jajjabaa dha. Garuu sababni amma akkuma ijaan agarru san liyyuu poolisiin soda malee deemtee ummata Oromoo akka barbaaddetti dhiittu kun wayyaaneen Oromoo naannoo daangaa jiran guutumatti hidhannoo isaan beeyladaa isaanii irraa diina ittiin dhoorkatanillee waan irraa guureef ummanni keenya akka luuynaatti qee’ee isaatti tumamaa jira. Kanaaf tarkaanfiin jalqabaa godhuu qabnu ummata kana deebisanii hidhachiisuu qofa. Qawweef rasaasa gahaa qabaannaan ummanni keenya kan daangaa irra jiru kun nuklerii dha (Keessattuu warri diaspora dhimma kana itti yaaduu qaban)

2) Ilmaan Oromoo kan qubsumaan naannoo kanatti dhiyaatan waliif dirmachuu, waliif tumsuun diina ilmaan Oromoo irratti shira hojjachaa jiru kana waliin mancaasuu. Diinni obboleessa kee sirraa hiiyxuu jiru yoo hinniyyuu jalqabe bakkuma sanitti atiis itti dirmattee yoo macalaaftan malee takka bakka san injifatee dabarraan atillee waa takka akka godhuu hin dandeenye hubachuun, waanuma harkaa qabdaniin walitti dirmachuun dirqama jalqabaa tahuu ifitti murteessuun harka wal qabachuu qofaatu amna fagoo nu imalchiisaa haa barru,

3) Akka waan lafti saamamaa jirtu tan Oromoo Harargee qofa taateetti osoo haasawa micciirtanii dubbachuu baattanii baayyee gaarii dha. Lafti Oromiyaa iddoo kamuu jiraattu qabeenya Oromiyaa, qabeenya ummata Oromooti waan taheef ilaalchi lafa bahaa akka tan Harargee qofa taatetti micciiruu kana tufuun ilmaan Oromoo akkuma kaleessaa mormii fi warraaqsa keenya guutuu Oromiyaa keessaa haa dhageessifnu. Akkuma kaleessa sagaleen ilmaan Oromoo boolla keessaa illee “Oromiyaan teenya!” jattee dhawwaaqaa turte san, ammaas warraaqsi cimee mala if eeggannoon guutameen itti fufuu qaba.

4) Ummata Harargee qofa osoo hin taane ilmaan Oromoo guutuun eega sirni nafxanyootaa Oromiyaa weeraree rakkoo hamaa keessa jiraachuun beekkamaa dha. Haa tahuu malee Oromoonni daangaa irra jiraatan, keessattuu roga bal’aan kan Soomaalee daargeessu Harargeen hadaammii ollaa agamsaa tahanii bara baraan dhumaa, diina isaaniif osoo hin jilbiiffatin hanga arraa waardiyaa daangaa Oromiyaa tahanii eegaa jiran. Kanaaf, yeroo waa’ee lafa Oromiyaa bahaa haasooynullee akka dantaa Harargee qofa gootanii warri odeeysitan irraa if qusachuun gaarii dha. (Keessattuu facebook live……)

5) Gaafa waa’een lafa Oromiyaa tan alagaan saamamaa jirtu kaafnu tarsiimoon shira diinaa fi jallaa keenyaa keessa jiraachuun beekkamaa dha. Kanaaf akka ummanni Oromoo waliin hin kaane waan barbaaduuf kutaan Oromiyaa yeroof miidhamaa jiru san akka saba Oromoo biratti ulfina hin qabne fakkeessee dhiheessuun miira hamaa “Sa edaanuu anumaatu Oromiyaaf dhimmama malee ani Oromoo biratti gatii fi ulfina hin qabu” ja’ee akka kutaan san geengoo oromummaa keessaa if baasu taasisuu dha. Tooftaan akkanaa kun alagaa gabrummaa jala nu bulchuu barbaaddu qofaan kan hojjatamu osoo hin taane jallaa keenyaaniis daran kan hojjatamu akka tahe muudannoo gara garaa irratti agarree, barree jirra. Malli akkanaa kun amma qofa osoo hin tahin gaafa Oromoon jalqaba caphuus kan itti hojjatamee dha. “Sumaatu isaanitti maraata, gaafa isaanii ati yaamina malee dirmattaa isaan ammoo…. Ati naguma if shukkuumta malee isaan haajaa tee hin qaban……” fira fakkaatee dabballummaa akkanaatiin Oromoo wal afaan deebisaa turan. Sanuu takkuma aaraan sarara keessaa baanaan xurretti deebi’uun ni ulfaata. Kanaaf, gabaabumatti wantiin jechuu barbaade gaafa manni tokko gubatu kaan bishaan qabatee dhaamsuuf fiiga, kan boba’aa qabatee dirmatuuf fiiguus jiraachuu bari, jechuu kiyya.

6) Xumura irratti wantiin ja’u yoo jiraate, lafaan tahuus samiin tahuus dhaloonni kun hidhamuu irraa gara hidhannoo jabduu hidhachuutti seenuu qaba. Qeerroon Oromoo yeroo ammaa waa hunda caalaa wanti itti fardii hidhannoo qawweeti. Kana hoggaan ja’u qabsoon warraaqsaan deeggaramte hin barbaachiftu jechuu kiyyaa miti. Silaas waa oromoo guutuu miti kan hidhatu. Hidhachiisuuf ammoo dhaabni jabaan shiraaf sharaarattii irraa bilisa tahe tokko jiraachuu qaba. Yoon waa’ee hidhannoo kaasu ammoo mootummaan kun hidhannoo malees hin kufu jechaa hin jiru. Wayyaaneen ammaahu gaaddidduu isii malee isiin kuftee jirti. Garuu kufuu wayyaanee qofaa osoo hin taane dhimmi guddaan kallattii nuti barbaannutti kuffisuuf ‘xumaashaan’ qawwee barbaachisaa dha. Carraan yeroo hedduu Oromoo dabree ture yoo hidhannoon hin jiraanne ammaas nu mudata. Afrikkaa keessatti mootummaanuu osoo fedhii isaatiin aangoo gad lakkiseellee kan barcuma aangoo san arkatu warra qawwee harkaa qabu malee abbaa haqaa miti. Kanaaf, Oromooniis tarsiimoo qabsoo amma itti deemaa jiru madditti humna qawwee jabaa yoo horate malee gonkuma hawwii isaa tan dhugaa san milkaa’uu hin danda’u. Kanaafuu gabaabumatti hayyoonni Oromoo addunyaa irra jirtan walitti dhufuun dhimma kana irratti mari’achuun falaaf firmaata lafa kaa’uun dirqama dirqamaa oliiti.

Waluumagalatti yaadni kiyya silaa ammallee ni hafa. Haa tahuu garuu ijoon tiyya arraa hanganuma. Wantiin osoon irra hin deebine bira hin kunne garuu namni Oromoo tahe kamilleen kabajaa Oromiyaa eeguuf daangaan Oromiyaa kan ammaan dura ciramaa ture sanuu deebisuun nu dhiba waan taheef, kan kana booda ciramu gonkuma hayyamuu hin qabnu. Namni gaafa morma dhawan hadoodee, yoo milli dhawame hin laalanne miilli san kan laamsha’e akka tahe hubachuu qaba. Namni lafti oromiyaa tuqamuun isa hin hadoochine san nama du’e. Arraas, boruus, fuul-duraas, Oromiyaan kan kabajamtu yoo daangaan isii kabajame qofa akka tahe haa barru, haa hubannu namuu.

“Oromoo fi Oromiyaan akkuma waliin gabrooman, waliin qofa bilisooman!!”

Saphaloo Kadiir | Abdulbasit
Hagayya, 2017

The post OROMIYAAN KAN KABAJAMTU YOO DAANGAAN ISII KABAJAME QOFA ! appeared first on Bilisummaa.

Viewing all 1337 articles
Browse latest View live


<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>