Quantcast
Channel: Welcome to bilisummaa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337

Dhiigni dhangala’e fi lubbuun harcaate galaana tahee diina fuudha

$
0
0

Ayyaan Irreechaa 10, 2016 Haroo Arsadee bushooftuutti bara baraan tahu, Aayyaan Africaa keessaa guddichaa fi

sadarkaa addunyaattiis lakkooysa nama Miiliyoona hedduu hirmaachisuun beekamuudha. Kan bara 2016 kuni ammoo

dirree murriqii ilmaan Oromoo idda takkatte tahee ummata Oromoo fi ummata dhala namaaf naatota addunyaa hunda

biratti guyyaa dukkanawaa tahee jira.

Aayyaanni arraa kuni kan durii caalaa Oromoota miliyoonata hedduu hirmaachise, Bushooftuun yoo xirracha darban lafa

hin bu’u. Humni Faashiftiin TPLF/wayyaaneen ummata sirbaa fi dhiichisaan gidiraa, gadadoo, hidhaa fi ajjeechaa dhala

Oromoo irratti ji’oota 11 darbe kana tahaa turte anaanataa, yeroo Haroo Arsadee itti deeman Rabbii ifii kadhachaa uffata

aadaa fi caffee qofa qabatee ayyaanichaaf bahe loltuu lafaa fi xayyuura/hilicopter sammiirran rasaasa itti roobse akka

baala mukaa lubbuu dhibba hedduu murruq godhee jira.

Warraa fi Maatiin tiruun biruqxe, Saba guutuutti guyyaa dukkanaa tahe, Ilmi, Intalti,Abbaan yokaan Haati teessan

wareega ulfaataa kabajaa Biyyaa fi Sabatiif wareegaman. Jabaadhaa, gumaa baafna malee hin nyaannu. Wareegni, Lafee

fi dhiigni haga firii xaafii osoo hin hafne kafallanna. Kumaantamaan dhiiga dhiigaan baasuuf tarree galee jira. Onnee

keessaan rabbiin jajjabina isiinii haa kennu, Abbaa keenya, Ilma keenya, Intala teenya fi Haadha teenya ulfina

Rabbin/waaqa biratti wareegamtoonni Saba fi biyyaaf of kennan qaban rabbiin haa badhasu.

Ilmaan Oromoo biyya ambaa jirtan

gatii bilisummaan gaafattu Sabni keenya kafalaa jiru harka duwwaa duguuggaa shanyummaa Saba keenya irratti tahaa

jirtu laallee garra, guyyaan dirqama Sabummaa bahunnu, kan wareega sadarkaa kamiittuu kafallu amma dirmachuuf

Sabaaf uwwaadhaa.

Jaarmayni Oromo

Guyyaan maqaan qabsaawummaa fi Jaarmayummaa itti salphatuu fi itti kabajaa Saba Oromoo biratti argatu yeroon

geesse. Lubbuu Saba keenya guyyaa kabajamaa irratti, Oromiyaa irratti murriqiin bu’aa jirtu gaafii qabsaawaa dhugaa,

kan waan jedhe hujjitti hiiku, Kan lubbuu ifii Sabaaf rakoo godhu, kan irbuu seene itti dhugoomsu gahee jira. Guyaan

dhiiga ilkee liqimsanii irbuu Sabaaf seename guutamee, gochaan muldhifamu amma. Humnaa fi beekumsa moora

mooraa jiru mara qindeessuun qabsoo Sabni Oromo daraarse firiif wareega baasa jiru kanaaf gummaacha Sabummaa

akka baanu dhaamna. Kuni ammoo, boodaa miti amma, Boruu mitiis arra.

Ummata Oromoo Niimota!!

Oromiyaa Irratti Abbaa Biyyaa Nitaata!

Adda Bilisummaa Oromo

================================10,2016====================================

The post Dhiigni dhangala’e fi lubbuun harcaate galaana tahee diina fuudha appeared first on Bilisummaa.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337

Trending Articles


Girasoles para colorear


mayabang Quotes, Torpe Quotes, tanga Quotes


Tagalog Quotes About Crush – Tagalog Love Quotes


OFW quotes : Pinoy Tagalog Quotes


Long Distance Relationship Tagalog Love Quotes


Tagalog Quotes To Move on and More Love Love Love Quotes


5 Tagalog Relationship Rules


Best Crush Tagalog Quotes And Sayings 2017


Re:Mutton Pies (lleechef)


FORECLOSURE OF REAL ESTATE MORTGAGE


Sapos para colorear


tagalog love Quotes – Tiwala Quotes


Break up Quotes Tagalog Love Quote – Broken Hearted Quotes Tagalog


Patama Quotes : Tagalog Inspirational Quotes


Pamatay na Banat and Mga Patama Love Quotes


Tagalog Long Distance Relationship Love Quotes


BARKADA TAGALOG QUOTES


“BAHAY KUBO HUGOT”


Vimeo 10.7.0 by Vimeo.com, Inc.


Vimeo 10.7.1 by Vimeo.com, Inc.



<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>