Quantcast
Channel: Welcome to bilisummaa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337

                                      FRONT FOR INDEPENDENCE OF OROMIA  (FIO)

$
0
0

 

KALLACHA WOLABUMMAA OROMIYA        FRONT FOR INDEPENDENCE OF OROMIA

LakK: kwo – 064-2016                                                                                         REF.NO : oif-064-2016

Guyyaa : Onk. 2, 2016                                                     Date : Oct. 2, 2016                                                               

 

Dhiigni Oromoo Bishooftutti dhangala’e, danbali worraaqsaa kan sirna gita bittu Tigree hiddaan buqqisee, Oromiyaa Walabaa ijaaru uuma

Onkololeessa  2, bara 2016, ummata Oromoo daangaa Oromiyaa mara irraa miliyoonotaan Bishooftutti yaa’ee nagayaan IRREEFFATAA oole, sirni gita bittuu Tigree qilleensaa fi lafaan humna waraanaa itti bobbaaftee gara jabeennaan namoota dhibbootaan  laakkayamu galaafattee jirti. Mootummaan Tigree, ummata coqorsa fi daraaraa jiidhaa malee  hidhannoo  hinqabne irratti, meeshaa woraanaa haga xayyaaraan baatutti itti duulchiftee haala suukaneessaan tarkaanfii sanyii duguuggaa irratti raawwachuu isii Kallachi Walabummaa Oromiyaa (KWOn), dalansuu guddaan yaadata; gochaa diinaa kanas cimsee balaleffata.

Kallachi Walabummaa Oromiyaa, lubbuu ummata Oromoo dhibba heddutti laakayaman, kan sirni bulguu kun galaafateef, marartoo ufii ibsachaatiin, woreegamtootaaf jeennata, ummata Oromootiif ammoo, gumaa ummata sirna cubbuutiin dhumee kana baasuuf tokkummaan harka walqabannee akka kaanuu waamicha qabsoo dhiyeessa.

Dhiigni dargageessaa, dubartii, manguddoo fi daa’iman  Oromoo gita bittuu Tigreetiin dhangala’e kun, aarsaa tasa bade otuu  hintaane, dhibaayyuu sirna kolonii xuruuree Oromiyaa keessaa yaasuuf deemu ta’ee galmee seenaa qabata. Goototni Oromoo  guyyaa adhaa nagayaan manaa baayanii, karaa irratti diinni hambise, duuti teessan qabsoo Ummanni Oromoo walabummaa biyya ufiitiif godhaa jiru gara boqonnaa harawaatitti ceesiftee jirti. Woreegamni keessan, ka diinaaf nu jilbiiffachiisu otuu  hintaane, ka daran nu morkachiisee waldhaansoo walabummaaf godhamaa jirtu xumura itti godhu ta’a.

Guyyaa adhaa  Bishooftuun  Aanolee fi Calanqoo  gadaa teennaa taatee galmooftee jirti. Harmaa fi harka muraa Anooleetii fi Calii Calanqoo, mootummaan gita bittuu Amaaraa ummata keenna irratti raawwatte gaabbii fi aarii guddoon yaadana. Mootummaan Tigree ammoo, hidhee ibiddaan ummata keenna woddaa, qe’ee teenna iratti rasaasaan nu akaaya, kana hunda bira dabarsee, bakka ayyaana hundee Oromummaa keennaa ta’e IRREESSA itti kabajannu gubbatti nu fixuun isaa,  guddisee nu laalessee jira.

Sirni gita bittuu woyyaanee, kashalabboota, faaydaa ufii eegsisuuf, dhala ilma namaa hidda kutuu irraa uf hinqusanne akka ta’an, dalagaawwan isaan raawwatan kan nama qaajjibbeessan himanii hindhumatu. Qabsoon ummata keennaallee, amala diinaa kanaan wolgitee  yoo hindeemin, ijifannoo otuu  hintaane, woreegama barbaachisaa hintaane kafaluu calla ta’a. Kallachi Walabummaa Oromiyaa, woyyaaneen, afaan  qawweetiin nu mooyatte, qawwee malee akka hinkufne yeroo gara garaatitti ejjannoo isaa ummata Oromootii ibsuu bira darbee, dalagaadhaanis ummata Oromoo bira dhaabachuu isaa argarsiisaa jira. Hujiiwwan gulantaa jalaqabaa irra jiran kanniin ammoo, sadarkaa diina haleelee, Oromiyaa keessaa haxayee baasu danda’u irra geessuuf hirmaannaa olaanaa ummata Oromoo biyyaa keessaa fi alaa gaafata.

Nagayaan biyya keenna irra jiraachuu, hojjachuu, barachuu, fi dubbachuu yoo hindanda’in, qabeenna keenna irratti abbaa ta’uu yoo dadhabne, nagayaan IRREEFFATUU yoo hindanda’in, walumaa galatti OROMUMMAAN YAKKA biyya itti ta’e keessatti, WALABUMMAA YOOKAAN DU’A jennee qabsotti bayuu malee wanti nubaasu hinjiru. Kanaa ol obsuun, ykn karaa nagayaatiin mirga keenna gonfanna jechuun, hawwii GAANGEE DHALA EEGUUTIIN adda hinjiru. Nagayaan bayanii galuun yoo kan hindandeennee, “QABSOON NAGAYAA” akkamitti danda’ama? Woreegama haga adha kan falame firii itti godhuuf QABSOON HIDHANNOO jabaatuu qaba. Qabsoon nagayaa, yoo qabsoo  hidhannootiin hin deegaramin , QABSOO KADHAA ta’a. Bilisummaan kadhaan argamte hin jirtu.

Kanaafuu, ummanni Oromoo, bakka jirtu maratti, sirna bulguu, KAN ILMAAN TEE NYAATAA JIRU, kan amala namooma  uf keessaa hinqabne kana, hiddaan buqqifsuuf tokkumaan waldhaansoo finiinsi.  Qabeennaan, humna namaatiin, qaamaa fi surriin ijaaramtee, hidhattee, damaqinnaan qabsoo Kallachi Walabummaa Oromiyaa biyya keessatti geggeessaa jiru cinaa akka dhaabattu waamicha isinii goona. Yaa ummata Oromoo, kaabaa fi kibbaa, bahaa fi dhiyaa waliif birmachuudhaan danbalii worraaqsaa uumnee, woyyaannee hagatti akka galchinu fi gumaa ummata keennaa akka baafanu adha irraa eeglee waan qabdan maraan qabsoo bilisumaa fi wolabuummaa Oromiyaf godhamtu bira akka dhaabbatan waamicha lammumaa isniif goona .

Sirni cubbuu hinkufa, Qabsoon itti sufa!

Oromiyaan Ni Walaboomti!

Kallacha Walabummaa Oromiyaa

The post                                       FRONT FOR INDEPENDENCE OF OROMIA  (FIO) appeared first on Bilisummaa.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337


<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>