– MARSAA LAMMAFFAA – Kutaa Sadaffaa –
Berhanu Hundee
Barreeffama kutaa lammaffaa keessatti sirni Federaalisimii Itoophiyaa amma jiru kun gaaga’ama keessa akka jiru fi humnootni sirna kana jibbanis ofijaaraa fi humna isaanii cimsaa akka jiran; akkasumas humni jaarmayoota Oromoo hangam abdachiisaa akka ta’e wantootni tokko tokko gabaabinaan dhiyaatanii jiru. Barreeffama kutaa sadaffaa kana keessatti shiroota humnootni farra-QBO hojjechaa jirani fi waan mooraa Oromoo keessatti mul’achaa jiran laalchisee hubannoo kiyya dhiyeessa.
Tooftaalee humnootni farra-QBO ittifayyadamaa jirani fi gargaarsa mooraa Oromootii argatan
Mooraa Oromoo laaffisuuf akkasumas injifannoolee QBOn hanga har’aatti galmeesse dhabamsiisuuf, diinotni QBO tooftaalee fi tarsiimoolee adda addaatti fayyadamaa akka jiran waanuma ifatti mul’achaa jiruu dha. Humnootni kun karaalee gara garaatiin duula cimaa gaggeessaa jiru. Karaalee kana keessaa inni tokko miidiyaa dha. Baay’ina miidiyaalee isaan qaban qofaa osoo hin taane, akkamiti murannoo fi kutannoodhaan hojjechaa akka jiran hubachuun nama hin rakkisu. Karaa miidiyaatiin olola cimaa godhuudhaan Oromoorratti addatti immoo QBOrratti maqa-xureessa hojjechaa jiru. Tuffii uummata Oromootiif qaban bira dabranii, ifaa ifatti Oromoo arrabsaa fi abaaraa jiru. Uummattootni biroo Oromoorraa shakkii akka qabaatani fi deeggarsa argachuuf yaaliin isaan hin goone hin jiru. Kanaaf miidiyaalee isaanii akka meeshaa waraanaatti fayyadamaa jiru. Kan nama gaddisiisu garuu Oromoo keessaa warri humnoota farra-QBO kana deeggaran jiraachuu dha.
Tooftaan biroo kan isaan ittifayyadamanii al-kallattiidhaan mooraa keenya laaffisuu barbaadan maqaa OROMARA jedhuun deemuu dha. Asirratti wanti ani cimsee dubbistoota hubachiisuu barbaadu, uummattoota Oromoo fi Amaaraa jidduu hariiroo gaariin jirachuu hin qabu jechuu akka hin taanee dha. Hariiroon uummattoota kana lamaanii murteessaa waan ta’eef deeggaramuu qaba. Uummattootni kun lamaan walkeessas ta’ee akka ollootaatti nagaana waliin jiraachuun murteessaa dha. Haa ta’u malee, tokkummaa sababa godhatanii, garuu kaayyoo dhokataa qabatanii maqaa OROMARAtiin deemuun QBO ni gaaga’a malee bu’aa waan qabu natti hin fakkaatu. Adeemsa akkanaa kana keessatti tokko kan biraa gammachiisuuf jedhee waan dhugaa fi seenaa faallessu hojjechuun waan maluuf, bu’aa argamu caalaa rakkoolee isa kana wajjin uumamantu guddachaa fi babal’achaa deemu. Tokko kan biraa gammachiisuuf yoon jedhu, kun harki caalaan gama Oromootiin mul’ata. Oromoon Amaara gammachiisuuf wanti hin yaalle hin jiru. Gama Amaaraatiin garuu wanti akkanaa hin mul’atu yoon jedhe dhara hin ta’u.
Wanta ani jechaa jiru kana akka fakkeenyaatti kaasuuf, waan dhiyoo kana Ambotti ta’e yaadachuun gahaa dha. Jara kana gammachiisuuf jecha, hubatees ta’ee osoo hijn hubatin; beekees ta’ee osoo hin beekin; ittiyaadees ta’ee akka tasaa waan Hogganaan ODP Obboo Addisuu Araggaa dubbate dhugumatti waan seenaa Oromoo faallessu fi QBO xureessuu dha. QBOn maaliif akka eegale fi deemaas akka jiru waanuma diinni fi firris hubatuu dha. Harka muraa fi harma muraan Oromoorratti hojjetame waan seenaan ragaa bahuu dha malee asoosamaa miti. Warri gochaa kana ija isaaniitiin arganillee har’a waan kana dubbachaa jiru. Haa ta’u malee, wanti akka seenaatti barreeffame hin jiru; kanaafuu wanti kun asoosama malee dhugaa miti jedhanii dubbachuun, keessumaayuu Oromoo keessaa wanti akkanaa dubbatamuun baay’ee qaanii dha. Kan diinota keenya onnachiisullee isa kana dha. Madaa ofii abbaatu beeka malee ormi namaaf hin dhukkubsatu.
Fakkeenyi ani armaan olitti kaase kun handhuura qabsoo Oromoo kan taate Ambotti dubbatamuun caalaatti nama gaddisiisa; nama aarsas. Ambo wiirtuu QBO waan taateef, shirri diinaa fi faallaan QBO achitti mul’achuu hin qaban turan. Saboota fi Sab-lammoota akkasumsa uummattoota nagaa barbaadanii fi eenyummaa Oromoo kabajan keessummeessuun Aadaa Oromoo waan ta’eef, kun deeggaramuu qaba. Haa ta’u malee, lafee fi dhiiga ilmaan Oromoorra dhaabbatanii; seenaa uummata keenyaa busheessuun; akka dhugaa hin taanetti dhiyeessuun Oromoof qaanii guddaa yoo ta’u diinota QBOtiif garuu hamilee cimaa kenna. Qotiyyoo abbaan gaafa cabse ormi ija jaamsa jedhamaa mitii ree? Waayee kana kaasuun koo ololaaf osoo hin taane, dhimmi keenyaa hangam akka tuffatame fi orma gammachiisuuf jecha waan ofii dagachuu ykn dhoksuu yaaluun fafa akka ta’e hubachiisuufi.
Adeemsi ODP, QBO gargaaraa jira moo faallaatu hojjetamaa jira?
Akkuman kanaan dura barreeffamoota adda addaa keessatti yaada fi laalcha koo ibsaa ture, OPDO duraanii fi ODP ammaa keessa Sabboontotni Oromoof quuqaman jiraatanillee, jaarmayaan kun akka dhaabaatti ammallee kaayyoodhuma ittiin ijaarme sana qabatee hojjechaa waan jiru fakkaata. Dhaabni kun olaanummaa Wayyaanotaa jalatti, Oromiyaa keessatti isaan bakka bu’ee hojjechaa akka ture waan hirraanfatamuu miti. Har’as taanan dhaabni kun maqaa jijjiirrate malee kaayyoo fi adeemsi isaa waan jijjiirame hin fakkaatu. Adeemsi isaanii yeroo hunda orma gammachiisuuf malee, dhugumatti uummata Oromoo bakka bu’anii, dhimma saba kanaatiif dursa kennanii, hojjechaa akka hin jirre ragaalee hedduutu jiru. Kuni immoo dhugaa jiru Obboloota keenyatti himuuf malee olola miti; waanuma lafarratti mul’achaas jiruu dha. Dhimma kana bal’inaan itti deebi’a.
Hanga walitti deebinutti nagaan turaa.