Quantcast
Channel: Welcome to bilisummaa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337

ODPn waliigaltee diige hin qabu-Dr Alamuu Simee

$
0
0

 

Finfinnee, Muddee 12,2011(FBC)- ODP’n walii galtee diige tokko hin qabu jedhan itti gaafatamaan Waajjira Giddugaleessaa paartichaa Dooktar Alamuu Simee.

Dooktar Alamuun ibsa galgala kana laataniin akka beeksisanitti, ABO’n waliigalticha fudhachaa hin jiru jedhu.

Walii galtee ODP fi ABOn taasisan keessaa, karaa keenyan waanti diigame tokkollee hin jiru jedhan itti gaafatamtichi.

Jijjiirama amma dhufe kanaan jaarmiyaaleen siyaasaa maqaa shororkeessummaan himatamaa turan ABO dabalatee dhaabbileen siyaasaa maqaa Oromoon gurma’anis ta’ee kan biroo gara biyyaa galaanii karaa nagaa akka qabsaa’an haalli mijataan uumaameera jedhan Dooktar Alamuun.

Kanneen keessaas ABO’n isa tokko yoo ta’u, jijjiiraama amma dhufe kana waliin tumsinee ummata keenya karaa ceesisuu dandeenyurratti waliin akka hojjennu akkasumas qabsoon hidhannoo hafee karaa nagaan qabsaa’uun akka danda’amu walii galameera jedhan.

Haalumaa kanaan, miseensonni waraanaa ABO obbo Daawud Ibsaan hogganamu 1,300 ol ta’an Eetiraarraa karaa Kaabaa akka gaalan ta’eera.

Isaan keessas kan qaama nageenyaatti dabalamanii hojjechuu danda’anis ta’ee kan biroo leenjii gahaa fudhatanii gara hojiitti akka galan hojjetamaa jira.

Hidhattoonni karaa Lixa Oromiyaa galanis karaa nagaa gara qaama nageenyaatti akka dabalamaniif walii gaalamus hanga ammaatti hojiitti hiikamuu hin dandeenye jedhu Dooktar Alamuun.

Akkaataa wali galtee keenyaatiin humni hidhatee socho’u hundi karaa nagaatiin qabsaa’uu akka qabu ture jedhan.

Garuu, hanga ammaatti kun hojiitti hiikamuu hin dandeenye.

Sababa kanaan ummanni keenya Lixa Oromiyaa jiran dararaa guddaa keessa jiru.

Ijoolleen Oromoo naannoo sanaa barachaa hin jiran, caasaa mootummaa hojiin ala gochaa jiru, waajjira mootummaa tajaajila ummataaf kennu cufsiisuu fi rakkooleen biroo ummatarratti raawwatamaa jira jedhan Dooktar Alamuun.

Mootummaan osoo rakkoon kun hundi jiruu obsa guddaan ilaalaa tureera; ji’a jaha guutuu obsameera jedhan itti gaafatamtichi.

Ummannis olaantummaan seeraa akka kabajamu yeroo garagaraatti nu gaafachaa jira.

Kanaaf,ammaan booda Oromiyaa keessatti qaama kamiinuu haa ta’u al-seerummaa raawwaatamu kamiifuu obsa hin qabu jedhaniiru.

Olaantummaan seeraa kabajamuu qaba. Nageenya ummaata keenyaa eegsisuufis itti gaafatamummaa guddaa qabna jedhu Dooktar Alamuun.

Ummanni keenya kana hubatee nageenyaa isaa eeggachuuf mootummaa cina hiriiruu qabaan gaafataniiru.

ODP’n paartii siyaasaa kamillee miidhuus ta’ee dhiibuuf fedhii hin qabu; paartii ummata kanaaf karaa nagaa hojjechuuf fedhii qabuuf har’allee balballi keenya banaadha jedhaniiru.

Yeroon yeroo itti tokko taanee ummata kanaaf hojjennuudha.

Ta’us garuu, ABO’n walii gaaltee raawwate tokkollee hojiitti hiikuuf fedhii hin qabu; sababa kanaan garuu ummanni keenya hedduu dararamaa jira jedhan.

Ilaalcha siyaasaan yeroon itti wal qoonnu darbeera. Nammoota biyya alaa turanii ummata keenyaaf hojjechuuf fedhii qaban waliin hojjechaa jirra.

Ammas obbo Daawud Ibsaa dabalatee ummata kanaaf waliin hojjechuuf fedhii guddaa qabna jedhan.

Wal qoqqooduun yeroonsaa darbeera; tokko taanee ummata Oromoof ni hojjenna kan jedhan Dooktar Alamuun, kana gochuuf gama keenyan qophii ta’uu keenya ummanni keenyas nu hubachuu qaba jedhan.

Hayyoota Oromoo paartii biraa keessa jiran waliin bal’naan hojjechaa jirra. Kana gochuu isaaf ODP’n dinqisiifatamuu qaba jedhan Dooktar Alamuun.

Ilaalcha siyaasaan osoo wal hin qoodin ummata Oromoof paartilee maqaa Oromoon jiran waliin hojjechaa jirra.

Ammas jaarmiyaalee siyaasaa biroofis balballi keenya banaadha jedhan Dooktar Alamuun.

Odeeffannoo dabalataa Waajjira ODP irraa fudhanneerra.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337

Trending Articles


Girasoles para colorear


mayabang Quotes, Torpe Quotes, tanga Quotes


Tagalog Quotes About Crush – Tagalog Love Quotes


OFW quotes : Pinoy Tagalog Quotes


Long Distance Relationship Tagalog Love Quotes


Tagalog Quotes To Move on and More Love Love Love Quotes


5 Tagalog Relationship Rules


Best Crush Tagalog Quotes And Sayings 2017


Re:Mutton Pies (lleechef)


FORECLOSURE OF REAL ESTATE MORTGAGE


Sapos para colorear


tagalog love Quotes – Tiwala Quotes


Break up Quotes Tagalog Love Quote – Broken Hearted Quotes Tagalog


Patama Quotes : Tagalog Inspirational Quotes


Pamatay na Banat and Mga Patama Love Quotes


Tagalog Long Distance Relationship Love Quotes


BARKADA TAGALOG QUOTES


“BAHAY KUBO HUGOT”


Vimeo 10.7.0 by Vimeo.com, Inc.


Vimeo 10.7.1 by Vimeo.com, Inc.



<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>