Quantcast
Channel: Welcome to bilisummaa
Viewing all 1337 articles
Browse latest View live

Dubbii himaa Biiroo Haqaa Oromiyaa kan ta’an Obbo Taayyee Danda’aa humnoota Komand-Poostii mootummaa woyyaaneetiin ganama har’aa hidhamuun gabafame.

$
0
0
Obbo Taayyee Dand’aa
Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa, godinaa Booranaa, magaalaa Moyyaalee keessatti, haleellaa Sanbata dabre kana, raayyaa ittisaa Itiyoophiyaatiin raaw’atamee namoota kudhan ajjeesee fi kudha-tokko madeesse ilaalchisee, kan battalumatti ibsa kenne – Sekireteeraayitii Komaand Poostiin Labsii Yeroo Muddmaa Itiyoophiyaa, “odeeffannoo dogoggoraa irraa ka’uudhaan, gochaa dogoggoraa murni raayyaa ittisaa loltoota shan qabu raaw’ate” jedhuudhaan, akka loltoonni sun to’annaa jala jiran dubbachuun isaa ni yaadatama. Mootummaa Naannoo Oromiyaatti, Biroon Haqaa dhimma kana akkamitti ilaala?

Sadarkaa itti-aanaa Biirootti, abbaa dursa-hojii Komiyunikeeshinii – Obbo Taayyee Danda’aa, Finfinnee irraa haasofsiiseen jira.

Obbo Taayyeen ajjeechaa tibbana loltoota woyyaneetiin magaalaa Mooyyaletti hawaasa nagayaa irratti raawwatame kan itti yaadamee godhameedha malee wanta tasa ykn dogongoraan taasifamee miti jechuun saba-himaalee akka VOA fi DW Afaan Amaaraa irratti ibsa kennaniiru.

Gochi kun kan bu’uura seeraa hin qabne ta’uu ibsuun qaamonni gocha kana raawwatanii fi qondaalonni olaanoon ajaja dabarsanis seeraan gaafatamu qaban jechuun dubbachaa turaniiru.

Qondalota ol-aanoo bulchiinsa Naannoo Oromiyaa komaand-Poostiidhaan qaban keessaa Obboo Taayyee Danda’aa kan tokko yoo ta’an, Komishinarri Poolisii Oromiyaa kan torban darbe Hararitti hidhame kan lammeessooti.

Hidhaan jumlaan humnoota mootummaatiin hawaasaa irratti gaggeeffamaatiin jiru godinaalee Oromiyaa hedduu keessatti hammeenyaan itti fufeera.

( Usmaan Baayyuu)


Gambella Nilotes United Movement

$
0
0

Press Release

March 14th, 2018, Gambella

“EPRDF Must Stop Local Integration of South Sudanese Refugees in Gambella Land!”

 

Gambella Nilotes United Movement (GNUM) condemns the Ethiopian government’s current plan and action of creating local integration for the South Sudanese refugees in Anuaks’ land of Gambella without the will of the local communities. This is the EPRDF/TPLF government’s racist plans to increase the ethnic cleansing conflicts and genocidal killings to exterminate the indigenous tribes to facilitate and increase the occupation of Northern settlers (mostly Tigrians) in Gambella.

The South Sudanese refugees’ influx started since 1950s in Gambella until to date. It has never been a welcoming experience to locals, as it has been manipulated by the Ethiopian government in favor of Ethiopian highlanders mostly of which they were from the North. The shift to economic and political powers in favors of the Northerners (highlanders) in the region, was the direct ethnic cleansing and extermination policy of the EPRDF/TPLF regime to ensure Gambella is fully occupied by the Tigrians from the North. The posting of the current Regional Administrator, Governor Gatluak Tut who is widely known as fully South Sudanese by nationality substantiates the point, as he has been posted to carry out such schemes in the interest of the TPLF’s occupation in the region.

Currently there are more than 400,000 South Sudanese refugees in Gambella region with vast majority being resettled in Anuaks land. The populations of refugees from South Sudan has increased more than the region/local populations. Even though the people of Gambella contributed for the freedom of South Sudanese people since 1955, the SPLA had caused disastrous act against the people of Gambella such as unprovoked coordinated mass killings of Anuaks in Itang and Pinyudo on September 1989 as well as constant attacks against Anuaks refugee in South Sudan camps of Alari/Pochalla, Pibor, Malakal, Lologo, Gorom and Renk.

We are calling up on indigenous people of Gambella and Benishangul Gumuz regions to condemn and resist against this plan of TPLF/EPRDF of local integration of refugee in your land and stand firm for your rights. Integration of refugees is the worst plan of all by the TPLF/EPRDF regime with the intention to displace and extinct the indigenous Nilotes from their ancestral lands and to promote the systematic settlements and occupations of Northerners in the land of Gambella and Beneshangul Gumuz Regions. With this genocidal act of the current dictator and corrupt regime in power, GNUM alerts all concerned parties that the local integration of the refugees in the Anuak land is a propaganda mechanisms to displace the Nilotes people to serve the EPRDF/TPLF government’s interest in the region. As our credible sources indicates, the government of Ethiopia is currently demarcated land for refugee in all parts of Gambella and Benishangul Gumuz regions. Gambella Nilotes United Movement (GNUM) condemns the TPLF genocidal plan to remove the indigenous people from their ancestral land.

The local integration of refugee in Gambella and Benishangul Gumuz will add to the tension caused in January 2016, in which many villages were burned down and many Anuaks were killed by the heavily armed Nuer refugees in Itang and Jikaw districts, while the TPLF soldiers were condoning the killings and the evacuation of the villages. The Anuaks villages evacuated are not yet rehabilitated well, yet the TPLF regime is masterminding another atrocious against the indigenous people while they are still suffering under the trees without security and government assistance.

 

According to the plan of local integration of refugees from South Sudan is to incite and create conflicts in the region among poor and marginalized people. We are calling all the people of Gambella and Benishangul Gumuz to resist this plan. It is clear that most of Nuers living along Itang district up to Jikaw are refugee from South Sudan who stayed there since 1975. They were given maximum support by the TPLF government to create massacre in the region. The same incidents will definitely occur in Gambella in which Ethiopian government should be held accountable any loss of life between the local people and the refugees, and we call the Ethiopian government to stop scattered settlement of refugee in different parts of Gambella immediately.

Moreover, it must be understood that the Ethiopian government is not neutral and will never be neutral in the current South Sudanese conflict as it does to Somalia people. According to our reliable sources most of the refugees who are crossing the border from South Sudan to Gambella, are trained soldiers whom endorse the spread of many refugees camps set by Ethiopian government to be used as military training headquarters. The Ethiopian government is currently arming the South Sudanese rebels to destabilize the peace and security in South Sudan and other Eastern Africa countries. With this obscure attitude and intension of the Ethiopian government in current South Sudanese conflict, Gambella will be a battle ground to weaken the existing social coping mechanism of local communities and to militarize the area.

We therefore, call upon the United Nations, USA, Canada, EU, AU, Diplomats, Donors and all other humanitarian organizations operating in Ethiopia aiding refugees, to closely monitor the current proposed local integration being implemented without the knowledge of local communities; as well as to bring their attention to this potential violation of UN protocol; and to seriously consider the relocation of refugees from Gambella region to different part of Ethiopia for safety of both local and refugees; and in accord with the international law of which the South Sudanese has signed under the UN convention and protocol. It is with the grave concern that the conflict in South Sudan and the flow of refugees to Gambella will provide ease access of guns flow to Gambella and will be in the hands of refugees to kill the indigenous people.

GNUM is aware and understood that TPLF/EPRDF government deliberately plays divide and rule politics among our nationalities using refugees as tools is mainly to extinct the indigenous communities from their ancestral lands. The leadership of GNUM would like to inform and encourage all the indigenous populations to collaborate and solidarity with other oppressed Ethiopians to condemn and oppose the current leadership of the EPRDF/TPLF government to bring regime change.

To this respect, GNUM/A would like to call upon the international community to review this plan and acts of local integration of refuges and condemn these genocidal plan against the indigenous people to bring peace in the region. We are particularly also calling upon the United Nations, EU, AU, and all other humanitarian organizations to closely monitor the political and military action against the innocent civilian in many parts of Ethiopia.

At last we call upon the TPLF/EPRDF government to stop killing of innocent Ethiopians; to release our brothers kept in various prisons in the country under inhumanly conditions; to recognize the communal land rights and ownership in accord with the UN provisions. The Gambella Nilotes United Movement (GNUM) will continue its struggle for all people of Gambella and neighboring Nilotic and Omotic people as well as other oppressed Ethiopian to ensure freedom, justice, security and prosperity are brought to all oppressed people of Ethiopia.

 

Gambella Nilotes United Movement

Central Committee

 

Our contact:

gambellagnuma@gmail.com

OR

gambellagnuma@yahoo.com

Waraanaan Uummata Ukkaamseen Bara-Baraaf Haangorra Jiraadhaan Wayyaanee Habjuu Hin Milkoofne!

$
0
0

Baarentuu Gadaa Irraa///

Mootummaan kijibaa;Mootummaan Wayyaanee/EPRDF kufaatiin isaa, xumurri
sirna isaa dhihaachuu  kan dhugoonfate ykn hubate ta’uu isaaf ragaalee
adda addaa hedduu tarreessuutu danda’ama.  Labsii  yeroo muddamaa
yeroo3f dhiheenya kana hojiira olche  dabalatee holola dhaboleen jalee
sirnichaa ta’anii fi sirnichaan bixxiilaman kanneen akka
OPDO,DHDN,BADN fi maxxantoonni ergamtoonni naannolee bulchaa jirra
jedhan akka fakkeenyaatti kaafnee ilaaluu dandeenya. Ergamtoonni kun
waggaa 26 oliif wayyaaneef hojjechaa, wayyaanee waliin ummata dararaa
fi saamaa turanii har’a gahanii kan uummata cunqurfamaaf  aantummaa
qaban fakkaatanii yoo hololanii fi gaafii ummataa deebisaa jirra,
deebisuuf jirra, jedhan argaa fi dhagahaa jirra. kun ammoo shakki
malee sirnichi  kufaatii jala gahuu fi dhiphuu itti buleerraayis gama
tokkoon holola fakkeessii gaggeessaa gama biraan waraana bobbaasee
ajjeechaa raawwachuun gaafii uummataa ukkamsee bara bittaa fi
saamichaa dheereffachuuf yaalii dhumaa gochaajiraachuu argisiisa.
Har’a Impaayerri Itiyoophiyaa Wayyaaneen bulaa jirtu akkuma hunduu
quba qabutti ibiddarra  jirti. Dhiphuu guddaatu biyya sana keessa
jira.  Qabsoon Oromoo,FXG qeerroon gaggeeffamaa jiru  bulchiinsa
Wayyaaneetti  guyyaa dukkanneesseera. Labsii yeroo muddamaa si’a 3f
baasee yaalii isa xumuraa godhus  harkaa fashalaa jira. Hojiira oolaa
hin jiru.  labsiin  3n kunis akkuma labsii bara darbee baatii 9f turee
milkii malee hafaa jira.  Ummanni Oromoo addatti ilmaan isaa qeerroon
labsii Wayyaanee kana cabasanii Fincila  finiinsaa jiru.  dhiphuu
qabsoon, FXG itti bulcheenis mootummaan abbaa irree Wayyaanee /EPRDF
dhukaasa jumlaa banee ajjeechaa sukanneessaa  iddoo gara garaatti
raawwachaa jira.
Har’a murni TPLF jedhee of waamu kun labsii yeroo muddamaa paarlaamaan
fakkeessii isaattillee harkatti kufise qabatee uummata Oromoo irratti
duula banee gooluuf /ukkaamsuuf yaalulleen akka yaade hin taaneefi.
Uummanni Oromoo addatti qeerroon ilmaan isaa kan yeroo kamiituu caalaa
irree tokkoon  waraana sirnichaa  dura dhaabbatanii ofii wareegamaa
uummata Oromoo ibsaa jiru.  Karoorri sirnichi humrii isaa dheerafchuuf
karoorfate fashalaa jira. Waraanni sirnichaa dhiphuu qabsoon Oromoo
itti bulcheen ajjeechaa sukanneessaa asii fi achitti raawwatus qabsoon
uummanni Oromoo bilisummmaa isaaf taasisaa turee fi jiru iddoo
hundattuu cimee, finiinee itti fufeera. Akka injifannoon xumuramus
shakkiin hin jiru.
Gaafin uummanni Oromoo kaasaa turee fi jiru kun akka Wayyaanee fi jala
deemtonni isaanii hololaa turanii fi jiran  diddaa, fincila gaafii
bulchiinsa gaarii waliin walqabatuu miti, gaafiin Oromoo gaafii gaafii
bu’uuraalee misoomaa dhabuurraa maddus miti. Gaafiin Oromoo gaafii
mirgaati.Oromoon koloneeffattoonni narraa haa ka’an, abbaan biyyummaa
koo naaf haa deebi’u jechaa jira.  Mirga uumamaa fi dimookiraasii
isaaf wareegama baasaa  ture, baasaa jira. Gaafiin  akkasii ammoo
asqabii fi achi qabii hin qabu.
Diddaan,Gaafiin  hara’a mootummaa abbaa irree  Wayyaanee/EPRDf irratti
ka’e gaafii, diddaa salphaa miti. Gaafii fakkeessii fi hololaan akka
salphaatti furamus miti. Diddaan uummata Oromoo fi Wayyaanee gidduu
jiru diddaa gongumaa hin araaramnee dha. Diddaan diddaa gabroonftaa fi
uummata gabrummaa jalaa bahuuf qabsoo gaggeessaa jiruu ti. Diddaan,
Qabsoon ABO/WBOn Gaggeeffamu, FXGn  yeroo ammaa kana gutummaa
Oromiyaatti finiinaa jiru kun ammoo kan furmaata argatu gaafa mirgi
abbaa biyyummaa Oromoo dhugumaan kabajame, gaafa Oromoon bilisummaa
isaa argatee dha. Gaafii Oromoo kana gongumaa asiif achi jallisanii,
falli,ykn furmaanni  siyaasaa Impaayeera Itiyoophiyaa keessatti dhufu
hin jiru.
Uummata Oromoo mirga isaa, mirga uumamaa fi dimookiraasiin qabu
kabachiifachuuf dhiigaa, cabaa fi dararamaa turee fi jiru kana
gongumaa sobaa fi sossobaadhaan, hidhaa fi ajjeechadhaan callisiisuun
hin danda’amu.  Sirna gabroonfataa  akka Wayyaanee  kana jalattis
Ballaxaa kaasuun Caalaa muuduun, ykn Teklee kaasanii  Fayyisaa
Aangorra kaa’uun fala hin ta’u. Gaafii Oromoo waraana bobbaasuun
uummata meesha maleeyyii fixuudhaanis gongumaa ukkaamsuun hin
danda’amu. Muddama amma jiru hanqisees gafii bu’uuraa hin hiiku.
Dhugaan amma lafarra jiru kan argisiisuus Oromoon maaliyyuu yoo dhufe
mirga dhugaa, mirga abbaa biyyummaa isaa kabachiifatu malee akka
qabsoo,FXG gaggeessaa jirurraa kan duubatti hin deebine ta’uudha.
Gaafiin Oromoo jijjirama sirnaati. Qabsoon, FXG  kan gaggeeffamaa
turee fi jiruuf gabroonfataa bakkaa buqqisanii  mootummaa
dimookiraatawaa, mootummaa ofii qabaachuufi. Mirga abbaa biyyummaa
dhugoonfachuufi, mirga dimookiraasii fi uummamaa  hojiira olfachuuf
qabsaawamaa jira. Kanuma dhugoomsuuf ilmaan isaa qabsaawoonni,qeerroon
dhiigaa, wareegama qaalii kaffalaa turani.
Wayyaaneen gaafii bu’uuraa, gaafii haqaa kana uukkaamsuuf jecha
waggoota 27n darbaniif uummata Oromoo addatti  sabboontota ilmaan isaa
hidhaa, dararaa fi ajjeesaa ture. Har’alleen  kan yaalamaa jiru
kanuma. Maqaa labsii yeroo muddamaatiin waraanni bobbaafame
Moyyaaleetti, Shaashammneetti, Holototti, Amboo,Gudar,Harargee
magaaloota adda addaa keessatti, Naqamtee, Gimbii, Najjoo fi Dambii
dolootti nama fixaa turuu fi jiraachuu dhageenyee jirra. Haa ta’uutii
yaanni wayyaanee inni qawween uummata callisiisuu milkaawuu hin
dandeenye.  Qabsoon,FXG iddoo marattu jabaatee itti fufee sirnicha
raasaa jira.
Sirna gabroonfataan waggoota 27f gateettii ummattoota biyyattii
irratti g qabsoo Oromootiin akka cabbii Aduun itti bahee baqaa jira.
Diinni jabaa fakkaatee afaaniin hololus hidhanoo hiikkatee baqachaa
jira. Kufaatii jalaan gaheera. Qabsoo eegalame FXG finiinee itti
fufnaan yeroo gabaabaa keessattis sirn abbaa irree Wayyaanee/EPRDF kun
akka burkutaayee badu shakkiin hin jiru. kanuma hubachuunis hunduu
bakka jiruu qabsoo isaa,FXG eegale jabeessee itti haa fufuun Fala
Filannoo Hin qabnee dha!

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

$
0
0

 

Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

 

Berhanu Hundee

Kutaa Afraffaa

 

Barreeffama kutaa sadaffaa keessatti jaarmayootni siyaasaa Oromoo biyya keessas ta’ee biyya alaa yeroo ammaa jiran, kan diinarraa walaba ta’an, akka kaayyoo fi galii isaan Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) keessatti qabanitti iddoo ykn bakkee gurguddoo lamatti baasamanii ibsamanii jiru. Akkasumas mata duree kaayyoon jaarmayoota kanaa wal faallessa moo wal tumsa? jedhu jalatti walfakkeenyi kaayyoo fi garaagarummaan galii isaani barreeffama kutaa sanaa keessatti ibsamee jira. Haa ta’u malee, rakkooleen mooraa keenyaa gama biraatiin yoo laalaman, rakkoolee kaayyoo fi galii qofaa akka hin taanes ni hubatama. Waayee kana barreeffama kutaa afraffaa kana keessatti laalla.

Jaarmayootni Oromoo kan kaayyoo fi galii tokko qaban maaliif waliigaltee dhabu?

Garaagarummaan kaayyoo fi galii QBO jaarmayoota keenya waliigaltee dhoowwanillee, kan waliigaltee isaan dhabsiise garaagrummaa kaayyoo fi galii qofaa akka hin taanes beekamaa dha. Akkamitti yoo jedhame, jaarmayootni galii tokko ykn walfakkaata qabanuu waliigalanii tokkummaa ykn tumsa ijaaruu hin dandeenye. Fakkeenyaaf, jaarmayoota Oromoo kan garee “Humnoota Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa” keessa jiran kan akka:

  • Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) kan Obboo Daawud Ibsaatiin hogganamu;
  • ABO kan Obboo Galaasaa Dilbootiin hogganamu;
  • ABO kan maqaa “ABO Tokkoome”n of waamu;
  • Kallacha Walabummaa Oromiyaa (KWO) kan Generaal Kamaal Galchuutiin hogganamu;
  • Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromiyaa, kan maqaa ULFOtiin beekamu, fi k.k.f

hundi isaaniituu kaayyoos ta’ee galii qabsichaa isa xumuraa tokko waan qaban natti fakkaatu. Wanti beekamu kana ta’ee osoo jiruu garuu wanti jaarmayoota ykn gareelee kana tokko isaan godhuu dhoowwe maal akka ta’u namaaf hin galu. Caalaatti kan nama gaddisiisu immoo, jaarmayootni kun galii tokko osoo hawwanuu; isa kanas bakkaan gahuuf waliin hojjechuun osoo isaanirraa eegamuu, faallaa kanaatiin diina dhiisanii walirratti duulaa yoo jiran mul’ata. Anatu caala jechuu, tokko kan biraa dhabamsiisuuf yaalii godhuu isaaniitu mul’ata malee, mee koottaa teenyee waliin mar’iannee rakkoolee keenya furannee; qabsicha kana gara fuulduraatti haa oofnu jechuun isaanii hin argamus, hin dhagahamus. Kunis qabsicha kanatti qormaata biraa akka ta’u waan hubatan natti hin fakkaatu.

Jaarmayoota Oromoo kan garee “Humnoota Bilisummaa Oromoo fi Diimookraasii” keessa jiranis, fakkeenyaaf:

  • Adda Diimookraatawa Oromoo (ADO);
  • Kongresii Federaalistii Oromoo (KFO) fi kan biroos

yoo laalle, kaayyoos ta’ee galiin isaan hawwan yoo tokko ta’uullee baate, walfakkaataa dha jechuu ni danda’ama. Haa ta’u malee, isaan kunis walitti siqanii tokkoomuuf ykn tumsa uumuuf waan carraaqan natti hin fakkaatu. KFOn (Oromo Federalist Congress-OFC) gama isaaniitiin jaarmayoota lama kan duraan turan WFDO fi Kongresi Uummata Oromoo (Oromo National Congress) walittibaqsanii jaarmayaa tokko godhanii jiru. Isaan kun fakkeenya gaarii ta’uu qaban turan. ADOn garuu akkan hubachaa jirutti, mooraa QBO keessatti jaarmayoota keenya waliin tumsa uumuurra mooraa alagaa keessa tumsa biraa barbaaduu filatanii; isa kanarrattis hojjechaa waan jiran fakkaata.

Akkuman tanaan duras barreeffama tokko tokko keessatti ibsuu yaale, akka yaada kiyyaatitti, jaarmayootni Oromoo tokkummaa ykn tumsa keessaa (internal unity or alliance) osoo hin uumin dura, tumsa alaa (external alliance) barbaaduun gaaga’ama qabaachuu mala jedheen amana. Tokkummaa fi tumsa Oromootiin humni Oromoo yoo hin jabaanne fi abdachiisaa hin taane, waliigaltee alagaa wajjin godhamuuf deemu keessatti tuffatamuu fi kana wajjin walqabatee dogongorri hojjetamuu mala. Dhimma kana akka fakkeenyaatitti yoo kaasne, yoo jaarmayootni Oromoo humnoota Habashootaa wajjin waliigaltee godhuuf deeman, xiqqaatee yoo xiqqaate waayee Finfinnee fi Qubee Afaan Oromoo irratti akka Oromoon barbaadutti isaan wajjin waliigaluun rakkisaa ta’a.

Adeemsa akkanaa kana keessatti humni isaanii caalee yoo argame fi kan Oromoo laafe, injifannoolee QBOn hanga har’aatti galmeesseyyuu gaaga’ama keessa galuuf deeman jechuu dha. Dhimma kana akka salphaatti ykn laayyootti laaluu hin qabnu. Karaa biraatiin immoo, diina amma nu fixaa jiru Wayyaanee injifachuuf qofaa osoo hin taane, humni mooraa Oromoo cimuun fuulduree (egeree) keenyaafillee wabii ta’a. Kanaaf,tokkummaan ykn tumsi mooraa QBO murteessaa ta’a. Haa ta’u malee, kun hawwii qofaa ta’ee hafe; wanti hojiidhaan lafarratti mul’atu ni dhabame. “Namootni mana tokko ijaaran citaa wal hin saaman” kan jedhamu mooraa keenya keessatti waan hojjete fi hojjetus natti hin fakkaatu. Kun gaddisiisaa dha. Tokkoomanii humna cimsuun hafee, osoo walirratti duuluu dhiisaniiyyuu waan gaarii dhaa bar!!

Ammas wanti ani irra deebi’ee, irra deddeebi’ee jechuu barbaadu, ijaarsi tumsaa sadrkaa sadarkaadhaan ta’uu baannan bu’aa waan nuuf fidu natti hin fakkaatu. Sadrkaa sadarkaadhaan yoon jedhu maal jechuu kooti?

  • Tokkoffa, dura warri kaayyoos ta’ee galii tokko qaban tokkummaa ijaaruu dha;
  • Lammaffaa, warri kaayyoo tokko qaban garuu galii adda addaa hawwan immoo tooftaa fi tarsiimoo waloo tokko uumuuf tumsa ijaaruu qabu;
  • Sadaffaa, jaarmayoota kaayyoo fi galii walfakkaata qaban, kan hiree tokko qaban, warra uummattoota cunqurfamoof qabsaa’an wajjin tumsa bilisummaa ijaaruu dha;
  • Afraffaa, sadrkaaleen sadeen armaan olii kun milkiidhaan yoo xumuraman booda tumsa-hunda-hammataa (All-Inclusive Alliance) ijaaruu dha.

Karaa kanaan yoo ittideemame malee, humni jabaa fi abdachiisaa ta’e, kan diina injifatee; egereellee tiksuu danda’au uumuun waan danda’amu natti hin fakkaatu. Kophaa kophaa deemuun kophaa kophaatti rukutamuu ta’a malee waan barbaadan tokko argachuun hin danda’amu.

Waliigaltee dhabuun jaarmayoota Oromoo, waliigaltee dhabuu hawaasota Oromootiifillee bu’ura ta’a. Rakkoolee jaarmayootni keenya uuman hundeeffatanii; gareedhaanis ta’ee nam-tokkeedhaan walirratti duulu. Kun hawaasota Oromoo keessatti ifaa ifatti mul’achaa ture ammas jira. Hanga jaarmayootni keenya rakkoolee isaanii hin hiikkannetti, deeggartootni fi miseensotni jaarmayootaas walirratti duuluu hin dhaaban jechuu dha. Maddii ykn burqaan rakkoo keenyaa jaarmayoota keenyarraayi. Dhugaan kun hubatamuu qaba. Osoo diinni sanyii keenya duguugaa jiruu, nuti waliigaltee dhabnee diina fuunduratti maaliif wal nyaanna??

Rakkooleen jaarmayoota jidduutti uumaman, miseensota fi deeggartoota isaanii jidduutti hin hafan. Miidiyaaleen Oromoollee garee garee ijaarrachuudhaan akkasuma walirratti hojjechaa akka jiran kunis waanuma mul’achaa jiruu dha. Miidiyaaleen Oromoo walaba ta’anii uummata kana tajaajiluun dirqama isaanii ta’ee osoo jiruu, garuu isaanis haaluma walfakkaataa ta’een wal qeequu (qeeqni ijaaraan gaarii dha), wal arrabsuu, wal abaaruu fi walirratti duuluu aadaa godhatanii jiru. Aktivistootnis akkasuma silaa walaba ta’anii qabsoo kanaaf gahee taphachuu ykn/fi qooda gumaachuun dirqama Oromummaa ta’ee osoo jiruu yeroo tokko tokko faallaa kanaa yeroo hojjetantu mul’ata. Waayee kana fi dhimmoota walfakkaatan bareeffama kutaa itti aanuu keessatti laalla.  

Hanga walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!

 

    

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

$
0
0

Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

 

Berhanu Hundee

Kutaa Shanaffaa

 

Barreeffama kutaa afraffaa keessatti, jaarmayootni siyaasaa Oromoo kan kaayyoo fi galii tokko qabanillee waliigaltee uumanii tokkummaa ijaaruu akka hin danda’in; tokkummaa ijaaruun hafee, caalaatti siriidhaayyuu waliin mormaa akka jirani fi sababa kanaan immoo waliigaltee dhabuun miseensotaa fi deeggartoota isaanii jidduuttillee akka ololli walirratti oofamu taasisuun isaas ibsamee jira. Rakkooleen jaarmayootarraa maddan kun hawaasota Oromoo keessattiillee bifa adda addaatiin hubatamaa akka jiranis barreeffama sana keessatti tuttuqamanii jiru. Barreeffama kutaa kanaa keessatti rakkoolee biroo kan mooraa keenya keessatti karaalee adda addaatiin mul’achaa jiran laalla,

Dhukkuba hin fayyine fi farra-Oromummaa, kan qabsoo sakaalu fi egeree keenya gaaga’u

Bittaa alagaa jalatti kufee waa hundaa dhabullee, Oromoon saba fi uummata aadaa fi seenaa bardeedaa qabu; kan SAFUU qabu, kan kabaja fi ulfina qabu, kan jaalal qabu, kan diimookraasii qabu akka ta’e fira dhiisii diinotni isa nyaachaa turani fi ammas jiranuu ragaa bahuu danda’u. Kanaafuu, uummata ykn saba kanarraa dhalachuun hangam nama boonsa!! Haa ta’u malee, adeemsa qabsoo kanaa keessatti akkuma goototni kumaatamaan dhalachaa as gahan kashlabbootni, gantootni, garaa-bultootni, galtootni fi safuu-dhabdootnis kumaatamaan dhalachaa akka jiran dhugaa lafarra jiruu dha. Kuni eessaa dhufe?gaafiin jedhu qorannoo fi xiinxala bal’aa waan gaafatuu dha. Maddi isaa waan fedhes ta’u isaan kun hunduu dhukkuba hin fayyine fi farra-Oromummaa ti.

Isaan kana qofaa miti; rakkooleen mooraa Oromoo keessatti mul’atan kan caalaatti diigaa fi farra-tokkummaa Oromoo ta’an immoo: gandummaa, naannummaa, oftuulummaa (inni kun amala diinotarraa dhaalamee dha), amantii fi laalcha siyaasaatiin walqoqqooduu fi k.k.f hunduu dhukkuba biraa kan caalaatti farra-Oromummaa ta’anii dha. Hanga danqaraan kun karaarra jirutti qabsoo bilisummaa tana diinota karaa lamaatu qormaata itti ta’aa waan jiraniif, galma gahuurraa turuu dandeessi. Rakkooleen armaan olitti tarreeffaman kun qabsoo har’aatti gufuu ta’uu bira dabranii; egeree keenyaaf bu’ura badaa uumaa jiru. Kana hubataa qofaatu arga. Warri rakkoolee akkanaa kana keessa seenanii daakaa jiran amma isaanitti hin mul’atu; garuu gaafa badiin tokko uumame booda ni ifaaf ta’a. “Amma naaf ife jedhe ballaan (jaamaan) mana gubee” jedhaa mitii ree Oromoon yoo makmaaku.

Jaarmayootni Oromoo kan gara garatti hiramanii jiran kun sababa kaayyoo fi galii qabsichaarraa qofaa kan maddanii miti, Gandummaa fi naanummaa hidda baasee as gahetu isaan kana dhalche jechuu ni danda’ama. Isaan garuu garaagarummaa kaayyoo fi galii QBO ti jedhanii himatu malee, sababni guddaan waan biraa ti. Osoo sababni biraa hin jiraannee maaliif warri kaayyoo fi galii tokko qaban addaan bahanii walitti dhufuu dadhabu? Rakkoolee gurguddoon nu hudhanii jirani fi qabsoottillee sakaallaa ta’an naanummaa fi gandummaa dha. Isa kanatti dabalatee amantiidhaan walqoqqooduun yoo mul’atu immoo, wanti hunduu too’annoo ala ta’u jechuu dha. Wanti too’annoo ala ta’u immoo gaaga’ama cimaa fida.

Gara jaarmayaatiin mee Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) akka fakkeenyaatitti haa fudhannu. Ilaalchi  siyaasaa fi ayidoolojiin garagaraa jaarmayaa kana keessa turanillee, akka natti fakkaatutti, bara 1991 dura jaarmayichi kun tokkummaa qaba ture. Osoo tokkummaan jiraachuu baatee, injifannooleen har’a Oromoon ittiin boonu kunuu hin argaman turan. Bara 1991 booda garuu fottoqinsa adda addaatu mooraa jaarmayaa kallacha QBO ta’e kana keessatti uumaman. Isaan kun dhugumatti garaagarummaa kaayyoo fi galiirraa maddanii? Ana natti hin fakkaatu. Rakkoolee armaan olitti ibsamantu bu’ura addaan bahiinsaa ti jedheen yaada. Kan ta’es ta’u, rakkooleen addaanbahinsa uuman kun rakkoolee biraa dhalchaa, baay’isaa babal’isaa deeman. Rakkoolee uuman kanaaf waliin furmaata barbaaduun hafee, quba walitti qabuu fi walirratti duuluun mala ta’e. Malli badaan akkanaa kun immoo diinaaf fala ta’e.

Har’a, rakkooleen gandummaa fi naanummaarrtti hundaa’anii uumaman sun gara ilaalcha siyaasaattis cehanii; abalu kana abalu sana, kun ABO dha, sun KWO dha, kun OPDO dha, OPDO Diyaasporaa ti, kun ADO dha jedhanii walirratti duulu. Hunda caalaa fi kan badii guddaa dorrobee jiru immoo, Afaanuma Oromoollee loqodaan addaan hiruudhaan, kun Wallagga, Shawaa, Arsii, Harargee, fi k.k.f jechuudhaan garaagarummaa biraa uumaa jiru. Isaan kun hunduu bakkee tokkotti yoo laalaman dhukkuba hin fayyine FARRA-OROMUMMAA ti. Haala kana keessattiiree kan diina injifachuu dandeenyu? Amaloota akkan sammuu keessatti qabanneetiiree kan biyya waloo takka ijaarrachuu barbaadnu? Akka dhiiga fi lafee Sabboontota keenyaatti qoosaa jirru hubannaa? Lubbuun gootota keenyaa lubbuu tiisisaa tii?

Har’a yeroon yeroo ilmaan Oromoo kutaadhaa, naannoodhaan, gandaan, amantiidhaa, loqoda Afaaniitiin, ilaalcha siyaasatiin walqoqqoodanii dhaa? Har’a yeroon yeroo jaarmayoota sababa godhannee kun ABO Shanee, sun ABO torbee, kun AWO, sun ADO, kun KFO sun OPDO diyaasporaa jennee addaan walhirruu dhaa? Gama jaarmayoota Oromootiin yoo laalles, xiqaatus hanga fedhii Oromootiif (for Oromo interest) waa godhanitti wal deeggaruu fi wal jabeessuu dha malee dhakaa walitti darbuun diina gargaaruu ta’a. Bu’aan Oromoof argamu hin jiru. Warri walirratti duulanillee kanarra bu’aa isaan argatan hin jiru. Yoo gabrummaa keessa turre walumaan keessa turra. Yoo sanyiin Oromoo duguugamus wal duraa duuba ta’uu danda’a malee kan irraa hafu hin jiru. Maaliif dhugaan kun hin hubatamane? Maaliif badii keenyaaf of qopheessina?

Egaa, waayee dhukkuba keenyaa asumarratti dhaabuudhaan; mee kan ta’e ta’ee, yoo Waaqayyo/Rabbii hubannoo kan nuuf kennu ta’e, waan biyya keenya Oromiyaa keessatt deemaa jiru laallee; uummata keenya kan du’aa fi dhiigaa jiran yaadachuudhan; walirratt duuluu dhiisnee dhagaa takkas taatu gara diinaatti haa darbannu. Waan dandeenyuun gahee keenya haa taphannu, qooda keenya haa gumaachinu. Qoodni fi gaheen keenya immoo kan Oromummaa gabbisu malee kan Oromummaatti gaaga’ama fidu ta’uu hin qabu. Barreeffama kutaa itti aanu keessatti waayee yeroo ammaa deemaa jiru fi keessumaayuu DhDUO laalchisee yaada koo qabadheen dhiyaadha.       

Hanga walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!

 

    

Qeerroo Kan Beekutu Beeka!

$
0
0

Tiishartii (qomee)Qeerroo Jedhu Uffachuun Qeerroo Nama Hin Taasisu!

Baarentuu Gadaa Irraa//

Har’a impaayeera itiyoophiyaa  Wayyaaneedhaan ukkaanfamtee bulaa jirtu
Itiyoophiyaa keessatti  namni ykn sabni qeerroo hin beekne hin jiru.
Qeerroon kutataa, kan du’a hin sodaanne, kan waan kaayyeeffaterraa
duubatti hin jenne, farra gabroonfataa, falamataa haqaa ta’uu har’a
yoo wayyaanee fi ergamtoota ishii ta’e malee hunduu quba qaba.
Qeerroon  kutataa, goota harka qullaa Isnaayipparii Aga’aazii  dura
dhaabbatee bilisummaa, bilisummaa jedhee falamataa jiru ta’uus hundatu
ragaa baha. Farra gabroonfataati. Goota Wayyaanee kokkee qabee jiruu
dha.
Yoo maqaan Qeerroo  Bilisummaa Oromoo ka’u lammiin, uummanni Oromoo
abdii bilisummaa koo jeedhee ittiin boona, ittiin dhaadata. Saboonni
biyyattii cunqurfamoonis qeerroon fakkeenya isaanii, qeerroon abdii
bilisummaa isaanii ta’uu dhugoomaa jiru. Diinnii  fi ergamtoonni
diinaa, gantoonni sabaa garuu sochii qeerrootiin dhiphachaa, abdii
kutachaa, guyyaan itti dukkanaawaa jira. Qeerroon gurmuu gootota  kan
waan eegalan amma fiixa baasanitti sobaa fi sossobaan,hidhaa fi
ajjeechaan duubatti hin deebine ta’uus hubataa jiru.
Eeyyee qeerroon tokko as jira yoo jedhan gamaan  kan bahu, achi jira
yoo jedhan kan as jiru, tokko kunooti  yoo jedhan kumni kan akka
hawwaanisaa  gamasii huursu ta’eera.  Qeerroon tokko gama sanii
ficilee  jedhanii yoo hidhan gamanaa  socho’aa,Qeerroon abalu jedhamu
ajjeefame yoo jedhan kumaa kitilli gamaa-gamasii  fincilaa diina
dhiphisaa tureera, dhiphisaas jira. Qabsoon bilisummaa Oromoo ABOn
durfamus sadarkaa amma irra jirru, sadarkaa duubatti hin deebinerra
geechiseera.
Diddaan uummataa,FDG waggoota hedduu dura qeerroon eegale,
qeerroodhumaan gara  fincila XGtti cehee kunoo  hara’a sadrkaa
duubatti hin deebine, sadarkaa diina abdii kutachiisurra gaheera.
Qabsoo qeerrootiin diinatti aduun dhiitee lammiif bari’aa jira. Sochii
qeerroo lnabsii yeroo muddamaa, ajjeechaa suukanneessaa fi sobaa fi
sossobaan dhaabuu hin dandeenye. Qeerroonb bilisummaa Oromoo akkuma
maqaa isaa   wareegama kaffalaa turee fi jiruun Oromootti bilisummaa
uffisuuf  xiqqootu isa hafe.
Ergamtoonni, garaaf bultoonni tokko tokko biyya keessaa fi ala
ta’aanii  yoo qabsoo ABO/WBO/ Qeerroon wareegamnii qaaliin itti
kaffalamee as gahe kana beekamtii dhorkachuu ykn ykn ofitti maxxansuu
yaalan argaa fi dhagahaa turreerra.  Gafa barbaadan jaarmiyaan qeerroo
jedhamu hin jiru jedhu, gaafa barbaadan ammoo qeerroo fi ABOn  Hidhata
hin qaban, qeerroon hoggansa waalta’aa hin qabu jedhu. Gaafa barbadan
ammoo qeerroon kun eenyuma jedhanii qorachuutti ka’u, guyyaa biraa
ammoo  ulaa barbaadanii qoorroo saaqanii gidduu seenanii  diiguuf
habjootu. Dhamahu.  Garuu hunduu hin milkoofneef, qeerroon guyyaarraa
gara guyyaatti cimaa, eenyummaan isaa fi toftaan hoji iisaa diinaa f I
ergamtoota diinaa alaa fi keessaa holola gaggeessaniif iccitii  ta’ee
hafeera.
Warri qeerroon hin jiru jechaa ture, warri qeerroon jaarmiyaa miti,
hoggansa hin qabu  jechaa ture, warri ABO/WBO/Qeerroon akka waan quba
wali hin qabneetti hololaa tures  har’a kunoo cinqiin , dhiphuun ,
guyyaan xumuraa geenyaan about qeerroo leenjisee nutti erge, ABOtu
tarkaanfii akkasii fi akkanaa fudhate, fudhachuuf jennaan  akkas goone
jechaa jiru.  Diinoonni Oromoos ta’ee ergamtoonni isaanii osoo  hin
jaalatin kunoo  eenyummaa qeerroo amanaa, osoo hin jaalatiin  qeerroon
jaarmiyaa, qeerroon abbaa FXG bilisummaa Oromoof gaggeessuu ta’uu
fudhataa jiru. keessumaa jala deemtonni diinaa qeerroo dur hin jiru,
qeerroo dur jaarmiyaa miti, qeerroo dur  hojii isaa  beekumti
kennuufii didan har’a ofitti maxxanfachuuf kaachaa jiru.  Keessa
qeerroo hubatanii danda’an diiguuf dadhaban  kan inni itti dadhabe
qoddachuuf bololaa jiru. Haata’uutii  akka yaadan hin taane.Qeerroon
as jira yoo jedhan achiin bahaa, achi jira yoo jedhan asiin bahaa
bakka qaban wallaalanii hongaawanii hafaniiru.
Qeerroon jaarmiyaas,nama dhuunfaas,qeerroon tokkos kumas,qeerroon
barataada, barsiisadha!, qeerroon qonnana bulaadha, qeerroon horsiisee
bulaadhas,qeerroon nama magaalatis fedhu baadiyyaadha. Qeerroon
dargaggeessas,qeerroon jaarsa. Qeerroon dhiira, Qeerroon
shamarranii.Ni barata, ni barsiisasi,  qeerroon Gurraacha, diimadha.
Eeyyee qeerroon as jira yoo jedhan gamatti argama. Qeerroon isa sani
yoo jedhan isa kana ta’ee argama. Qeerroo Oromoo malee dinni bifa isaa
hin beeku, olmaa isaa hin beeku, fira malee diinni eessaa akkamitti
akka caasaa isaa diriirsee hojii saa hojjetu quba hin qabu.
Sabboontoota malee gantoonnii fi garaaf bultoonni  bakka qeerroon
oolee bulu hin beekani.  Oromiyaa keessa ta’uu  malee eessaa eenyu
akka hooggansa kennus hin beekani.
Qeerroon bilisummaa Oromoo suuqaa diinni, gantoonni, fakkeessitoonni
hin beeknee ka’ee yoo diina barbadeessu, dhiphisu malee wanti beekamu
hin jiru. Funduraafis   caasaa qeerroo bilisummaa Oromoo eenyuyyuu
itti dhamahu, eessaa akka ka’u, akkamitti akka hojii isaa, qabsoo, FXG
diinarratti gaggeessu argachuu hin danda’u.  Qeerroo qabsoo bilisummaa
Oromoo irraa dhabuun hin danda’amu. Diinnii fi gantoonni, alaa fi
keessaa carraaqanis kun hin milkoofneef fuunduraafis itti hin
milkaawani. Qeerroo hojii isaa malee burqaa isaa hin argatani.
Qomee ykn Tiishartii kaawwachuuniis qeerroo  nama hin taasisu.
Gantoonnii fi jala deemtonni diinaa qeerroon cimuu, kan duubatti hin
deebine ta’uu agarraan, diinniis kufaatiif wixxirfachaa jiraachuu
hubannaan qeerroomuu barbaadanis qeerroo ta’uu hin dandeenye, hin
danda’anis. Hareeda haddatanii, mataa haarrii halluu gurraacha
dibatanii  mogolee waliin dhahuun qeerroo ofiin jechuunis isaan hin
qeerroomsine, qeerroo jechuun dargaggoo jechuu waan hin taaneef.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo kan isaan gantoonnii fi ergamtoonni diinaa
alaa fi keessa ta’aanii hirriiganii miti.
Qeerruummaan hareeda bilqilchuu dhabuu miti, qeerroon isa goofaree
jigsee daandiirra yaa’uus miti. Qeerruummaan fakkeessuu ykn fakkaachus
miti.  Qeerruummaan qomee ykn tishartii qeerroo jettu kaawwatanii
walgahii fi waltajjiilee adda addaarratti of argisiisuus miti.
Qeerruummaan kan biraati, qeerroon Oromoos kan biraati. Eeyyee
qoorrummaan mana shaayii balbalarra taa’anii oduu tarsaasu, diina
arrabaan ajjeesaa ooluu miti.   Qeerroo bilisummaa kan beekuutu beeka.
Qeerumaan saalaan dhiira ta’uu miti. Qeerummaan dubars ta’uu miti,
qeerrummaan suubboo ta’uu fi dhiisuu miti. Qeerrummaan ilaalcha,
qeerrummaan dhugaaf, walqixxummaa fi mirgaaf dhaabbachuu dha.
Qeerrummaan uummata ofiitiif quuqamuudha,  Qeerrummaan onnee
qabaachuudha. Qeerummaan  mirgaa fi bilisummaa uummata ofiitiif
wareegama kaffaluu dha. Oduun osoo hin taane hojiin dura  bu’anii
argamuudha. Qeerrummaan waan yaadan, waan karoorfatan galamaan  amma
gahanitti cichuudha.  Qeerroon bilisummaa Oromoo isa  kana. Kanatu
qeerroodha. Isatu diina raasaa jira, isatuu lammii boonsaa jira. Isa
santu abdii Oromoo ta’ee wayyaanee oofee qileen gahee jira.  Kan
deeggaramuu qabus, kan waliin dhaabbachuun qabamus isa kana. Kan
Oromoo bilisa baasus qabsoo,FXG,Kutannoo akka kanaati.

Ethiopia’s new Prime Minister is Abiy Ahmed, head of EPRDF’s Oromo bloc

$
0
0

http://www.africanews.com

Ethiopia’s ruling coalition has elected a new leader in the person of Dr. Abiy Ahmed. He will eventually become Prime Minister of the country.

State-affiliated FANA Broadcasting Corporate (FBC) reported late Tuesday that the Ethiopian Peoples Revolutionary Democratic Front (EPRDF) had elected Abiy as its chairperson.

His rise to become Prime Minister – head of government – is premised on approval by the Front’s Council and subsequent approval by the parliament. Political watchers hold that that process is a mere formality.

Reports indicate that current deputy Prime Minister, Demeke Mekonnen will maintain his post. Abiy is leader of the Oromo bloc of the EPRDF – the Oromo Peoples Democratic Organization (OPDO). He is also the first Premier from the Oromia region – Ethiopia’s largest and most populous regional state.

The Addis Standard news portal reports that he garnered 108 votes out of a possible 180 to emerge the winner. Abiy takes over from Hailemariam Desalegn who resigned his post in mid-February, according to him to allow for political reforms promised by the EPRDF in early January 2018.

He assumes leadership of the East African security and economic giant in a time of heated political crisis emanating from his state, Oromia. Anti-government protests in Oromia and northern Amhara region have riled the country since 2015 till early this year.

It has since led to two state of emergencies over a two-year period. The first was between October 2016 to August 2017 with the latest round declared in February barely 24-hours after the resignation of his predecessor.

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

$
0
0

Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

 

Berhanu Hundee

Kutaa Jahaffaa

 

Barreeffamoota kutaalee shanan dabran keessatti qormaatota Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) kan kaleessa turan fi har’a jiran laalchisee dhimmootni tokko tokko  hanga tokko ibsamuu yaalamaniii jiru. Rakkooleen har’a mooraa QBO keessatti mul’atan harki caalaan isaanii kan hawaasota Oromoo biyya alaa keessatti hubatamanii dha. Dhimmoota QBOtti har’a qormaata ta’an keessaa osoo hin bahin, waan biyya keenya Oromiyaa keessa deemaa jiru laaluuf, barreeffamni kutaa kanaa fi kan itti aanan dhimma kanatti xiyyeeffatu. Sochii uummata Oromoo wajjin walqabatee, gahee ykn/fi qooda DhDUOn (OPDOn) qabu fi akkasumas waan diinni keenya godhaa jiran laalla.

Dhaabbatni Diimookraatawaa Uummata Oromoo (DhDUOn) QBO ni gargaara moo gufuu itti ta’a?

Yeroo ammaa kana akka dhagahamaa jirutti, DhDUOn isa kaleessaa tii miti; sochii uummata Oromoo gargaaraa jira; QBOfis tumsa ta’aa jiraa jedhanii warri haasa’an jiru. Ani garuu waan jedhamaa jiru kanarraa shakkiin qaba. Maaliif akkan shakku ibsuuf, duraan dusee, mee jaarmayaan kun akkamitti akka ijaarame, maaliif akka uumame, maal godhaa akka ture fi godhaas jiru gabaabsee ibsuun yaala. Dhugaa dha, wanti tokko akka kaleessa turetti har’a, akka har’a jiruttti boru argamuu hin danda’u ta’a. Kaleessi har’aa miti; ha’ris boru ta’uuf hin deemu jechuu kooti.

Seenaa jaarmayaa kanaa warruma seenaa barreesaniif dhiisee, garuu jaarmayicha kana laalchisee waan seenaan Oromoo ragaa bahu tokko tokkon kaasa. Akkuma beekamu, jaarmayaan kun jaarmayaa walaba ta’ee Sabboontota Oromootiin ijaarame osoo hin taane, dhaabbata diinni ittifayyadamuuf jedhee ijaaree dha. Kaayyoon ijaarsa dhaabbatichaas tokkoffaa, Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ittiin dadhabsiisuuf; lammaffaa, dhaaba kanatti fayyadamanii Oromiyaa fi uummata Oromoo keessa seenuuf jecha karoora Wayyaanotni baafatan bakkaan gahuufi. Sababa kanaan dhaabni kun kan uummata Oromoo bakka bu’u osoo hin taane jaarmayaa Oromiyaa keessatti Wayyaanota bakka bu’e ta’ee diina tajaajilaa as gahe.

Haa ta’u malee, waggoota 25 dabran keessatti sababaalee adda addaatiin Sabboontotni Oromoo dhaaba kanatti akka dabalaman kunis waanuma beekamuu dha. Sabboontotni dhaaba kana keessa jiran immoo, kallattiidhaanis ta’ee al-kallattiidhaan quuqama isaan uummata Oromootiif qaban karaalee adda addaatiin agarsiisaa turan. Haala kana keessatti sochiin uummata Oromoo bara 2015 yoo eegalu, kan dhaaba kana keessa dhokatee fi uukkaamamee ture akka gadi bahu taasise. Sochiin kun dhaaba kanarratti dhiibbaa guddaa uume jechuu dha. Sababa kanaan jaalataniis ta’ee osoo hin jaalatini, fedhaniis ta’ee osoo fedhii hin qabaatin, namootni tokko tokko gadi bahanii waan Sabboonummaa fi Oromummaa calaqqisan haasa’uu eegalan. Isaan keessaa kan adda durummaadhaan beekaman Obboo Lammaa Magarsaa ti.

Haasofni Obboo Lammaa dhugumatti kan akka dammaa mi’aawuu dha; kun shakkii hin qabu. Gaafii guddaan garuu haasawa mi’aawaa kana fi waan waadaa galan hojiidhaan agarsiisuu laalchisee wanti hamma kana ifatti mul’ate hin jiru yoon jedhe dhara hin ta’u. Dhugaa dha hoggansa Obboo Lammaa jalatti jijjiiramni xixiqqoon tokko tokko mul’atanii jiru. Jijjiiramani kun garuu hangam QBO deeggaruu danda’a kan jedhu mormisiisaa dha. Ana akka natti fakkaatutti, namoota Sabboonummaa calaqqisantu as bahan malee, DhDUOn akka dhaabaatti dhugumatti ofhaaromsee, jijjiirama barbachisu godhee, jaarmayaa uummataa ta’ee as bahaa jira jechuun baay’ee nama rakkisa. Ammallee kaayyoodhuma ittiin ijaarame sana qabatee, jira yaada jedhun qaba.

Dhaabni kun ammallee, dhiibbaa Wayaanee irraa bilisa hin taane. Miseensotni dhaaba kanaa ammallee ajajuma Wayyaanee fudhatanii uummata keenya miidhaa waan jiran natti fakkaata. Karaa biraatiin immoo, dhaabni kun aangoos ta’ee humna Wayyaanee ittiin mormu waan qabu hin fakkaatu. Hoggansi Obboo Lammaa haaraanis haasawa qalbii Oromoo hawwatan haa dhageessisu malee, gama hojiitiin sakaalamee waan jiru fakkaata. Maaliif ykn akkamitti yoo jedhame, uummata Oromoo bal’aa nagaa isaa eegsisuun hafee; miseensota dhaabichaa fi qaamota hoggansaallee nagaa isaanii eegsisuu dadhabee; kunoo namootni hedduun dhaaba kana keessaa gara mana hidhaatti guuramaa jiru. Eessaree humni dhaaba kanaa? Eessaree aangoon dhaaba kanaa?

Osoo humna fi aangoo qabaate (aangoo yoon jedhu akka seera Federaalaatti akka bulchaa naannoo tokkootti jechuu kiyya) silaa dura nagaa miseensotaa fi qaamota hoggansa isaa eegsisa ture. Isa kana godhuu hin dandeenye. Nagaa fi jireenyi hoggansa haaraa kan Obboo Lammaatuu gaafii keessa galee jiraa bar!! Namoota kanarra wanti gahuuf deemuu hin beekamu; wabii tokkollee hin qaban. Maaree, dhaaba miseensota isaallee tiksuu hin dandeenyetu uummata bal’aa Oromoo nagaa eegsisaa? Dhaaba nagaa uummatichaa hin eegsisnetu QBO deeggaraa? Kanaafuu, asumarraayuu kaanee yoo laalle, dhaabichi kun QBOtiif gargaarsa waan ta’u natti hin fakkaatu. Gargaarsa ta’uun hafee; jiraachuumti dhaaba kanaatuu, akka amma jirutti, gufuu QBO ti jedheen amana.    

Warri OPDOtu jijjirama fiduu danda’a jedhan dhugaa lafarra jiru waan hubatan hin fakkaatu. Dhaabni isaan abdii irraa qaban kun gonkumaa humna hin qabu. Humna jijjiirama fidu dhiisii humna ittiin ofittisuu hin qabu. Dhaabni kun akka dhaabaatti QBOtiif gargaarsa  ta’uu hin danda’u ergan jedhe booda; mee namootuma dhaaba kana keessaa as bahanii uummata Oromootiif hojjenna jedhanuu haa laallu. Obboo Abbaa Duulaa Gammadaa gaafa ani aangoo Afa-Yaa’ii gadidhiise jedhanii dubbatan, akka waan uummata Oromootiif hojjechuu barbaadaniitti; akka waan gama uummata kana goraniitti ofdhiheessanii turan; namootnis abdiidhaan waa irraa eegaa turan. Osoo hin bubbulin kunoo bakkeedhuma sanatti deebi’anii hojii isaanii ittifufanii jiru. Gaafiin maaliif? jedhu har’allee deebii sirrii waan argate natti hin fakkaatu.  

Namootni hafanis waan isaan dubbatanii fi waadaa galan hojiidhaan ni mul’ata jechuuf wabii maaltu jira? Wanti baay’ee nama ajaa’ibu immoo waayee filmaata Muummicha Ministeerotaa (MM) biyyattii sanaa ti. Akka waan gaafiin Oromoo MM Oromoo argateef deebii argachuu danda’uutti; akka waan MM Oromoo keessa bahuun tokkummaan biyyattii sanaa eegamuu danda’uutti; akka MM Oromoo keessa dhufuun jijjiiramni ce’umsaa tokko mirkanaawuu danda’uutti waan hin milkoofne haasa’uun dhugaa jiru hubachuu dadhabuu dha moo ofgowwoomsanii kan biroos gowwoomsuufii? Hanga sirni Wayyaanee bakkuma sana jirutti MM tokko dhiisii Oromoo miliyoon tokkollee achi hoo buusan jijjiiramni takka hin argamtu.

Egaa, gaafii akka mata duree barreeffama kutaa kanaatti ka’etti yoo deebinu, DhDUOn QBO gargaaruu kan danda’u wareegama kamiiyyuu kaffaluudhaan AWDUI keessaa bahee, jaarmayaa uummataa kan walabaa ta’uudhaan jaarmayoota Oromoo hafan waliin hojjechuu ykn tumsa ijaaruu dha. Kan kanarraa hafe, hanga sirni Wayyaanee jirutti, achii keessatti akka miseensa AWDUI tokkootti ittifufeen qabsoo uummataas gargaara kan jedhu yoo ta’e, kun bu’aa tokko fiduun hafee; dhaabichillee baduuf akka deemu hubachuun gaarii dha. Yoo karaa kanaan ittifufan, warri xinnoo quuqama uummataa qaban takka takkaan guuramanii akka hidhaman shakkiin hin jiru. Adeemsi akkanaa immoo QBO gargaaruurra gufuu itti ta’a. Barreeffama itti aanu keessatti dhimmoota biroorratti yaada qabadheen dhiyaadha.      

Hanga walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!

 

    


Polyglot Ethiopian premier must ease ethnic, youth tensions

$
0
0

ADDIS ABABA (Reuters) – In choosing a 42-year-old polyglot from Ethiopia’s largest ethnic group as prime minister, the ruling coalition is trying to ease ethnic tensions and appeal to the legions of disaffected youth.

FILE PHOTO – Abiye Ahmed addresses a news conference in Addis Ababa, Ethiopia December 4, 2015. REUTERS/Stringer

Former army Lieutenant-Colonel Abiye Ahmed, who speaks three Ethiopian languages and co-founded a branch of the intelligence services, is now under pressure to deliver the stability that his Ethiopian People’s Revolutionary Democratic Front (EPRDF) craves.

Abiye got the job on Tuesday, succeeding Hailemariam Desalegn who quit to clear the way for reforms.

Oromiya region, which surrounds the capital Addis Ababa, has been rocked by violence since 2015. This is fuelled largely by a sense among young members of the Oromo ethnic group, which makes up roughly a third of the 100 million population, that they are politically and economically marginalised.

Abiye’s Oromo heritage appears to be a calculated attempt to soothe this anger. But his broader room for manoeuvre may be hemmed in by the strictures of the EPRDF, the rebel coalition that took over from the Derg military regime in 1991.

Dissident politicians say the EPRDF, which holds all 547 seats in parliament, is not yet ready to allow more freedom in what remains one of Africa’s most tightly controlled states.

“Attempts to enact change will depend on the coalition’s readiness,” said Merera Gudina, an Oromo opposition leader and former parliamentarian who spent a year in jail on charges of inciting unrest. “Some of its leaders may still be thinking within their own box and seek cosmetic changes that will not take the country forward.”

The EPRDF has chosen Abiye as chairman of the coalition, meaning he automatically becomes prime minister. However, he still has to be officially sworn in as premier by parliament on a date which has yet to be announced.

“PART OF THE SYSTEM”

Abiye’s rise to lead the coalition was challenged by members of the Tigrayan People’s Liberation Front (TPLF), a party from the northern Tigray region which dominates the coalition.

Abiye’s Oromo People’s Democratic Organisation (OPDO) and the TPLF are often at odds within the coalition.

“Abiye is part of the system. But it is change in the sense that the OPDO had to fight the TPLF and the system to get where they are now,” an EPRDF member who spoke on condition of anonymity told Reuters.

Street protests in Oromiya began three years ago over land rights and grew into calls for broader political and personal freedoms.

Security forces killed hundreds of people and arrested tens of thousands in what has become the biggest threat to the EPRDF since it seized power. The unrest has also deepened tensions between Ethiopia’s main ethnic groups.

Around 10,000 mainly Oromos crossed into Kenya earlier this month, according to the Kenyan Red Cross Society, after several civilians were killed in what the Ethiopian military said was a botched security operation targeting militants.

Shortly before the Abiye announcement, Oromo refugees at a camp in the Kenyan town of Moyale said a prime minister from their own community might change things.

“If our government changes and we have a good government I will go back home, but for now I cannot,” said Karu Guyo, who crossed into Kenya with all eight of her children.

Oda Asse, a university student said the Ethiopian military targeted young men like him “because we are likely to be active in the resistance”.

“We would love to get a prime minister from the Oromo community because we are largest community,” he said.

FILE PHOTO – Abiye Ahmed addresses a news conference in Addis Ababa, Ethiopia December 4, 2015. REUTERS/Stringer

The violence and internal EPRDF disagreements over the pace of political reforms were reasons for Hailemariam’s abrupt resignation last month.

Abiye will become Africa’s youngest leader, half the age of Cameroon’s Paul Biya, who is 85, and much younger than East Africa leaders such as Ugandan President Yoweri Museveni, who is 73.

He served in the military for a decade after joining the EPRDF rebels at the tail end of the rule of Derg leader Mengistu Haile Mariam, who was toppled in 1991.

CLOSED SYSTEM

The new prime minister’s background as a party insider could allow him to push reforms. “Abiye has an opportunity to enact change from within as it is a closed system where the line between the civilian and security components is blurred,” said political analyst Berouk Mesfin.

Abiye co-founded the Information Network Security Agency, which conducts online surveillance of citizens, and served as its deputy chairman until 2010.

He also faces the task of further democratising a country long accused by rights groups of clamping down on dissent.

Since January, the government has released thousands of dissidents to placate simmering anger, but it re-introduced a state of emergency the day after Hailemariam resigned. Laws curbing civil society and the press remain.

Abiye must also grapple with unemployment in a country where at least 70 percent of the population is below the age of 30.

Even the officially sanctioned press has not pulled its punches about the difficulties ahead.

“It is incumbent on the incoming premier and his administration to be cognizant of the spectre of catastrophe hanging over Ethiopia and do whatever is necessary to provide the kind of leadership which pulls the nation back from the brink,” the Addis Ababa-based Reporter said this month.

Additional reporting by Jackson Njehia in Moyale, Kenya; Editing by Maggie Fick, Ed Cropley and David Stamp

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

$
0
0

 

Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

 

Berhanu Hundee   

Kutaa Saddeettaffaa

 

Barreeffama kutaa torbaffaa keessatti, Muummichi Ministeerotaa (MM) mootummaa Wayyaanee Oromoo ta’eef, gaafiin biyyoolessaa Oromoo deebii aragchuu akka hin dandeenye; tarii jijjiirama xixiqqoo godhamuuf deemaniin (innumti kunuu kan argamu yoo ta’e) uummatni keenya gowwomsamuu akka danda’u fi sababa kanaan qabsoon akka ibiddaa bob’aa jirtu kun yeeroofis ta’u qabbanaa’uu akka dandeessu qabxiilee tokko tokko ibsuu yaaleen ture. Barreeffama kutaa kanaa keessatti, shira diinotni Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) nurratti xaxaa jiran tokko tokko kaasee ibsuun yaala.

Shirri diinota QBO yeroof gufuu uumuu danda’a malee qabsicha galii hawwamurraa hin oolchu

Akkuma yaadatamu, barreeffama kutaa lammaffaa keessatti diinotni QBO eenyu akka ta’an ibsuu yaaleen ture. Waanan achitti kaase sana irra deebi’ee asitti dhiyeessuun barbaachisaa ta’uu baatullee, diinota achiitti tarreesse sana keessaa diinota alaa fudhadhee, isaan kanarratti waan tokoo tokko jechuun barbaada.

Shira Wayyaaneen xaxaa jirtu

Maqaa Labsii Yeroo Muddamaatiin (LYM) Waraanni Agaazii Oromiyaa guutuu keessatti uummata keenya kaan ajjeesaa, kaan hidhaa, kaan dararaa, kan biyyarraa ari’aa kan jiru akkuma jirutti ta’ee; dhihoo kana Wayyaaneen shira biraatiin gadi bahuuf waan tokko gootee turte. Innis maqaa Jaarsolee ykn Manguddoota Oromoo jedhuun warra garaaf bulanii fi maallaqaan bitaman Oromiyaa keessaa guurtee gara Maqaleetti erguudhaan maqaa Konfaransii Nagaa jedhuun namoota muraasa ta’an walitti qabdee;  achitti shubbisiisaa fi dhiichisiisaa turte. Akka shira ishiititti Wayyaaneen hangama uummata Oromoo fi aadaa isaa akka jaalatani Addunyaatti agarsiisuuf; hangam uummattootni tokkummaa akka qaban fakkeessuuf goote malee; Oromoodhaaf kun madaarratt madaa dabaluu dha.

Namni sammuu fayyaa ta’e qabuu fi yaaduu danda’u gochaan kun shira akka ta’e hubachuun waan isa/ishii rakkisu natt hin fakkaatu. Mee hubadhaa, gama tokkoon uummatni keenya guyyaarraa gara guyyaatti waraana Wayyaaneetiin akka baalaa harca’aa yeroo jirutti; gama biraatiin uummatni Oromoo naannoo Sumaaleerraa buqqa’anii jiran yeroo beelaa fi dhukkubaaf saaxilamnii jiranitti; yeroo uummatni keenya sababa LYM tiin gara biyyoota ollaatitti kumaatamootaan baqachaa jiranitti; namoota muraasa walitti qabdee dhiichisiisuun dhiigaa fi lafee uummata keenyaatti qoosuu mitii? Kuni tuffii hanga kana hin jedhamnee dha!! Lubbuu ilmaan Oromoo akka tiisisaattuu hin laallee bar jarri kun. Jara kana wajjinii MM Oromootiin sirni kun suphamee kan jijjiiramni dhufu?

Shira Gargaartotni Wayyaanee xaxuuf deeman

Akka odeeffannoon tokko tokko ibsutti, humnootni alaa keessumaayuu kan bara 1991 Konfaransii Londonrratti ta’e sana keessatti shira xaxanii, Wayyaaneen aangootti akka dhuftu taasisanii fi tumsa ta’aniifii hanga har’aatitti gargaaraa asiin gahan; amma sochiin uummataa, keessumaayyuu kan Oromoo, cimaa deemuu fi akka hin dhaabbannes hubatanii; Michuun isaanii Wayyaaneen akka hin miidhamne shira xaxaa jiru. Ammas akkuma bara 1991 haalduree isaaniif tolu uumanii; Michuun isaaniis akka hin miidhamne tattaaffii godhaa jiru.

Haalduree isaan uumuuf ykn ittifayyadamuuf deeman kun, maqaa araaraatiin (in the name of reconciliation) mootummaan ce’umsaa akka uumamu isin gargaarraa; garuu Wayyaaneen badii hanga har’aatitti godhameef akka itti hin gaafatamne wabiin kennamuufii qaba waan jedhan fakkaata. Kun waan baay’ee nama gaddisiisuu dha. Biyya isaanii keessatti namni tokko nama tokko yoo ajjeeseyyuu dafee qabamee mana hidhaatti darbamee sana boodas murtiin seeraa kennamaaf. Kan Oromoo garuu nama tokkoo lamaa ykn dhibbaa miti kumaatamaan ajjeefame; kumaatamaan biyyarraa akka baqatu taasifame; Miliyoonotatu qayeee, qabeenya fi lafa isaaniirraa buqa’an; Kumaatamatu bakka buuteen isaanii hin beekamne; kumaatamatu mana hidhaa keessatti dararamaa jiru,… Akkamitti kun akka laayyootti laalamee; warri badii kana hundaa dalagan akka wabii argatan godhama???

Karaa biraatiin immoo, akkuma odeeffannoon kun mul’isu, Konfaransii hundaa hammatu tokko qopheessuuf Wayyaanee waliin marii godhaas akka jiran ni himama. Kan nama dinqu, waan hayyama Wayyaanee eegaa jiran fakkaata; akka isiif tolutti haaldurees qopheessuuf deemu jechaa dha?? Ammas akkauma bara 1991 osoo nuti itti hin qophaayin shira dalaganii, qabsoo tanas karaarraa jallisuuf deemu jechuu dhaa? QBOn diina baay’ee akka qabu ifaa ifatti mula’chaa jira. Yeroo diinotni alaa shira akkanaa xaxaa jiranitti diinotni keessaa yoo itti dabalamni fi tumsa ta’an, qabsoon tun garamitti akka deemtu hubachuun waan nama rakkisu natti hin fakkaatu. Qabsoo teenyatti gufuuleen baay’achuuf deemu waan ta’eef, Oromoon yoomiyyuu caalaa dammaqee, shiroota kan fashalsuu danda’uu qaba. Yoo kana hin taane, gaaga’ama guddaa keessa seenuuf deemna.

Yeroo diinotni alaa shira akkanaa xaxaa jiranitti immoo; diinotni keessaa tumsa ta’u; ayyaanlaallttotni kumaatamaan as bahu; Sabboontota fi Qabsaa’ota dhugaatti maqaa hin taane baasuudhaan olola isaanirratti oofu; warra kaayyootti cichanii, wareegama kaffalaa jiranitti kallattiidhaanis ta’ee al-kallattiidhaan duula irratti labsu; abdii isaan kutachiisuu yaalu; yoo dadhaban xinnaatullee yeroofis ta’u gufuu itti ta’u. Kuni immoo qabsoo marshii shaniin deemaa jirtu tana marshii lamaan akka deemtu taasisa. Haa ta’u malee, qabsoon haqaa ni turti malee galii ishiirraa hin haftu. Dhugaan kun diinotaafis ta’ee firootaaf ifa ta’uu qaba.

Sabboontotni fi Qabsaa’otni dhugaa, badii nutti deemaa jiru kana alaalatti arguudhaan; osoo nu bira gahee nu hin silliksin; qabsoo kanas karaarraa maqsee egereen Oromoo fi Oromiyaa gaafii keessa akka hin galle; yoomiyyuu caalaa tumsa waliif ta’anii shira diinotaa kana fashalsiisuun dirqama Oromummaa ti. Qabsoon tun takka jabaachaa, takka laafaa, bu’aa bayii meeqa keessa dabartee as geessee jirti. Ammas shirri kamiyyuu yoo xaxame qabsoon tun qabsoo haqaa waan taateef, injifannoodhaan galii ishii akka geessu shakkiin hin jiru. Hojii diinotaa kan biroo fi waan biyya keenya Oromiyaa keessa deemaa jiru laalchisee, kutaa itti aanu keessatti yaada biraa qabadheen deebi’a.

Hanga walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!

 

 

 

Ethiopia’s parliament swears in new prime minister

$
0
0

Ethiopia’s new prime minister, Abiye Ahmed, was sworn in by parliament Monday.

The country’s ruling coalition appointed Ahmed the new leader after weeks of uncertainty and protest.
He succeeds former Prime Minister Hailemariam Desalegn, who unexpectedly resigned February 15.
Hailemariam took power in 2012 and was chairman of the Ethiopian People’s Revolutionary Democratic Front (EPRDF), which has ruled since the fall of the Derg regime in 1992.
Ahmed, 42, is Ethiopia’s first Oromo prime minister. The Oromos, Ethiopia’s largest ethnic group, make up around a third of the nation’s 100 million population.
The swearing in of Ahmed is seen as an attempt to calm divisions. The nation has been in an official state of emergency since February 16 and has experienced two years of protests.
The country has witnessed rising tensions amid protests from Oromo groups in the Oromiya region, and a crackdown from the government which, human rights groups say, has suppressed basic rights and freedoms.
Speaking on state television after the ceremony, the new prime minister also appealed to the Eritrean government to solve “years of misunderstanding.”
Eritrea seceded from Ethiopia in 1992, and between 1998-2000 the countries clashed. The two nations have had poor relations since.
Ethiopia is Africa’s second most populous country. Despite political turmoil, according to the World Bank the East African nation has the fastest growing economy in the region.

Rakkoolee uummata Oromoo qunnamaniif furtuu: “Jaarmiyaa kamtu furtuu baroota dheraaf bade argamsiisa?”

$
0
0

 

*Malkamuu Jaatee, Eebla (Caamsaa) 2 bara 2018

  1. Seensa

Rakkooleen rooga danuu qaban uummata Oromoo irratti dinaan fe`amanii jiran marti, sirna gabirummaa keessaa dhalatan. Akka himmi, barruu, fi  argi mirkaneessanitti bara 1870 irraa eegalee motummaa Habashaan, alagaa motummicha deggeran, fi gantootii meeshaa diinaa ta`aan dabalatee: qindoominaan waraana sanyii duguggaa kallatti fi alkallattiin biyya Oromoo irratti labasametu uummata Oromoo rakkolee roga danuu qabaniif saaxilee jira. Uummati Oromoo gidiraa (rakkolee) sirna gabrummaa (saamicha lafaa/qabeenyaa) irraa fufinsaan maddaa jiran kanneen akkka: (1) buqaafamuu fi ariyatamuu, (2) baball’achuu hongee fi iyyummaa, (3) baball’achuu goolii, (4) mancayina qabeenya uumamaa, fi (5) sarbamuu mirgoota namummaa roga maraaf saaxilame. Akkasumas rakkolee walxaxiinsa siyaasa godina gaanfa Afriikaa keessaa dhalatan kanneen akka: (1) hanqina deggersa hawaasoota addunyaa bulchanii; (2) hanqina mootummota alagaa firoomfachuu, fi (3) hanqina tumsa siyaasaaf uummati Oromoo fufinsaan saaxilame. Qabsoo of irratti hirkannoo qofaan rakkolee kana furuuf tattaafatama. Tarsimoo qabsoo of irratti hirkannoo keessaa aangoon maddus facawaa dha, sababii  jaarmiyooleen qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) wal hin tumsineef.

Oromummaan seera uumamaan masakamuun hundee tokkummaa saba Oromoo ta`ee ture. Gosoota sabi Oromoo irratti ijaarame kudha tokko tokkomsudhaan uummaticha gamtessee walfaana hiriirsaa kan ture oromummaa dha.  Oromummaan walitti hidhata mallattolee enyummaa (Afaan + Aadaa + Seenaa) saba Oromoo keessaan uumame. Adeemsa guddina oromummaa keessatti sirnooti Waaqeffannaa fi Gadaa hundeeffamuudhaan saba Oromoo baroota kumaatamaaf aangomsaa turan. Garuu walakkeessa jaarraa 19ffaa irraa eegalee waraana roga danuu fufinsaan dinni irratti labsee jiruun Oromoo fi oromumman badiisaaf (sanyii duguggaaf) saaxilamaniru. Mallattolee (Afaan, Aadaa, fi Seenaa)  enyummaa saba Oromoo  beeksisan irratti dinnii fi ergamtooti (gantooti) duula walirraa hin citine toftaalee adda addaan geggessaa jiru. Dinni heeraa fi seera baafatee mallattolee saba Oromoo beeksisan warra furtuu kana sadan haquun kan Habashaan bakka busuudhaan, adeemsa keessa faana oromummaa gara dabarsee, guutummaatti dhabamsisuuf toftaalee adda addaa baafate.

Shira dinaa fi ergamtooti saganteessaniin  Oromummaan laaffataa ergii adeemeen booda arusummaa, baalummaa, harargummaa, jimmummaa, showwummaa, wallagummaa, fi walloyyeen aguugamee addeemsa keessa akka owwaalamu godhamee ture bara 1870 hanga bara 1992. Dinni bara ammaa kun ammoo toftaa dhokataa fi  fagenyatti tarsimaawe fayyadamuu eegalera, suta sutaan oromummaa ukkaamsee owwaaluuf. Fakkenyaaf: Saamicha qabeenya uumamaa (lafaa) sagantaaween uummata kumaatama lafa jirenyaa irraa fufinsaan buqisaa adeemsa keessa biyya Oromoo roga-malee gochuudhaan ergii dhabamsisee booda dinni haala ammayyaaween Habashummaa dagaagsee oromummaa biceessuu karoorfate. Toftaalee dinni grgaaramu keessaa gurguddooliin: (1ffaa) industirii qonnaa babalisuun magaalaa xixiqoo Habashummaan kessatti hundee godhatu ijaaruu  fi  (2ffaa) gooli babalisuun uummata Oromoo kitilaan lakkaawaman ergii lafa jirenyaa irraa buqiseen booda saboota bicuu lafa Oromoo irra qubachisuu dha. Uummati Oromoo lafa baroota kumaatamaaf irra jiraate irraa yeroo buqifamu, mallattoleen Oromummaa lafa sana irraa dugugamanii dhabamu jechuu dha. Seenaa magaaloota gurguddoo tokko tokko  Oromiyaa  keessatti argaman wajjin walfakkaachuu mala.

  1. Jaarmiyaa kamtu furtuu broota dheraaf bade argamsiisa?

Waraana sanyii duguggaa irratti labsamee jiru injjifachuudhaan bilisummaa fi walabummaa gonfachuuf uummati Oromoo bara 1870 irraa eegalee QBO rogaalee shaniin walitti hidhaman geggessaa jira. Bara 1870 – 1992 (1) qabsoo bilisummaa Afaan Oromoo + (2) qabsoo bilisummaa aadaa Oromoo, + (3) qabsoo bilisummaa seenaa Oromoo, + (4) qabsoo bilisummaa hawaasummaa fi dinagidee Oromoo, + fi (5) qabsoo bilisummaa siyasaa saba Oromoo geggefamaa tureetu Oromoo fi Oromummaa du`aa kaasee adunyaatti  beeksise.  Adeemsa sadarkaalee QBO keessatti Oromoo fi Oromummaa labsuun kan milkaawuu dandayee,  bara  1973 – 1992  ijaaramuu jaarmiyaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) + Waarana Bilisummaa Oromoo (WBO) ta`uun beekamaa dha. Bara  1973 hanga bara 1992  qindoominaan diina irratti haleellaa geggefametu hundee lammaffaa uumamuu saba Oromoo fi  Oromummaa ti. Hanga owwaala dinaa irratti bilisummaa fi walabummaan saba Oromoo labsamutti uummata Oromoo irratti shira xaxuu irraa dinni akka sekondii tokkoof of hin qusanne hubachuudhaan akkaataa shirri diinaa gutummaan diigamutti ijaaramuuf qophaawuu dha.

Sochileen QBO jaarraa 20ffaa keessa yeroo lama  (bara 1974 fi bara 1991) mootummaa Habashaa, biyya Oromoo keessatti baballifame, jijjiruudhaan bu`ura QBO argamsiseera. Jaarraa 21ffaa kana keessa sochiin QBO geggefamaa jiru ammoo owaala mootummaa gabiromfataa irratti mootummaa sirna bilisummaa, haqaa, fi nagaa hundeessa jedhamee abdatama. Adeemsa QBO sadarkaa xummuraa kana  booda  mootummaa haaraan dhalatuuf  qophaawe kun hundee bilisummaa uummatoota Afrikaa ta`uuf akka milkaawu hin mamsisu. Kanaafuu jaarmiyoleen QBO hogganan, haala duree tokko malee waltumsuun, qabsoo seenaa boonsaa qabu kana jaarmiyaa gamtaaween hoggananii milkeessuutu isaan irraa eegama. Jaarmiyoolee siyaasaa dursee uummati Oromoo, oromummaa irratti hundaawuudhaan, daandii tokkummaa fi waltumsuu agarsiisaa jiruun jaarmiyoolee QBO hogganan maraaf barnoota kennaa jira. Barnoota tokkummaa fi waltumsuu galma uummata Oromoo keessatti geggefamu kana jaarmiyooleen siyaasaa hubachuudhaan gara hojiitti hikuutu isaan irraa eegama.

Tokkomuu jaarmiyoolee jechuun guutummaan walitti-baquudhaan jaarmiyaa tokko jalatti hoogganaa fi qabeenyaa tokkomeen guutummaatti buluu dha. Waltumsuu jaarmiyoolee jechuun ammoo jaarmiyoolee 2 fi 2 ol fedhaan walitti idayuun jaarmiyaa qindeessaa hundessuun, osoo enyummaa ofii badiif hin saaxilin fi mirga keessa ofii to`achuu dabarsanii hin kennin, hooggana qindaween (koree qindeesituun) kaayyoo ifaa fixaan baasuu dha. Fakkenyaaf bara 2013 jaarmiyooleen lama,  Kongireesa Ummata Oromoo (KUO) fi Warraaqsa Feediraala Dimokirasii Oromoo (WFDO), walitti dabalamuun jaarmiyaa Kongireesa Feediraala Oromoo (KFO) hundessuu fi jaarmiyaa ABO fi murni Qaama Ce`umsaa (QC-ABO) walitti araaramuun tokkummaa jaarmiyaa ABO argamsiisutu tokkummaa jaarmiyoolee siyaasaa mumullisuu eegale. Akkasumas bara 2017 jaarmiyoleen sadii (Adda Tokkichummaa Bilisummaa Oromiyaa, Kallacha Walabummaa Oromiyaa fi Adaa Walabummaa Dimokraasummaa Oromiyaa) walitti idaayamanii Adda Tokkummaa Walabummaa Oromiyaa (ATWO) argamsiisan. Garuu kun qofaan hin ga`u. Jaarmiyooleen siyaasa QBO hogganan martuu waltumsuutu barbaadamaa jira.

Yeroo ammaa jaarmiyooleen siyaasa QBO kanneen hojii qabatamaa raawwachaa jiran lakkoofsaan shan (5) hin caalan. Isaaniis ABO, KFO, Adda Dimookiratawaa Oromoo (ADO), ATWO, fi  Gurmuu mooraa dinaa keessatti QBO finiinsuu jalqabe, Sabaanboontota Oromoo Diina Saaxilan (SODS) jedhamee kan waamamuu malu. Sadarkaan guddina QBO dhibbaa geessiseen Dhaabbata Dimookiraasii/Gantummaa Uummata Oromoo (DhD/GUO) keessatti SODS dhalatee alkallattiidhaan Xummura Fincila Diddaa Gabirummaa (XFDG) deggeruu jalqabeera. Jaarmiyaa walitti baqee tokko ta`e qofaan siyaasaa QBO hogganuun haala qabatamaa lafa irra jiruu wajjin wal hin simatu.  Gurmuu jaarmiyoolee siyaasaa muurtaawan qabaachuun waanuma ta`uu maluu dha sababii gurguddoo kana sadaniif: (1) heddumina uummata Oromoo fi ba`llina daangaa biyya Oromoo, fi (3) dagaagina sirna aadaa fi hawwaasummaa saba Oromoo, fi (3) waldorgommii ijaaraan buu`ra sirna gadaa (dimokiraasii) ti. Kanaaf, jaarmiyaan QBO kamuu kan koo qoofatu caalaa irraa of qusataa, kayyoo warraaqasa XFDG gutummaatti fixaan baasuuf, gara waltumsuun qabsaawutti guddachutu irraa eegama.

Jaarmiyoolee shananuun ilaalcha siyaasaan gartuu lamatti addaan qoodamu. Gartuu A: motummaa sirna feediraalaa ammayyaawe argamsisuu keessaan gaafiin siyaasa QBO deebii gutuu argata jechuun KFO, ADO, fi SODS amanu. Gartuu B: Biyya Oromoo (Oromiyaa) + uummata Oromoo gutummaatti dhibbaa diinaa fi alagaa irraa walaboomee + bilisoome argamsisuudhaan  gaafiin siyaasa QBO deebii gutuu argata jechuun ABO fi ATWO amanu. Rakkoolee walxaxoo uummata Oromoo mudataniif karaa fediraalummaas ta`e karaa  walabummaa furmaata argamsisuun kan mijjatu yoo siyaasa, waranaa, fi dipilomaasiin aangooman qofa. Aangoon kunis gamtaan qabsaawuu keessatti argama. Motummaa feediralaa yookin motummaa walaba ijaarrachuu, adeemsa sirna sagalee bilisaan (refirendemiin) filatee mirkaneessuuf, mirgi kan uummata Oromoo ti malee jaarmiyaa siyaasaatu uummataaf fila miti. Gaafatamni jaarmiyolee siyaasaa gamtaan QBO hoggannudhaan uummata qabasaawaniif mirga filannoo goonfachisuu ta`uu jaarmiyoolee hunduu ni beekan. Yoos, maaliif waltumsuu hanqatanree?

Motummaa fediraalaa yookin motummaa walaba argamsisuu irratti jaarmiyooleen dursanii walcigaadudhaan, moraa QBO keessatti dorgommii siyaasaa ijaaraa hin taane baballifameen, adeemsi QBO baroota dheeraaf danqamera (takaalameera). Keessumaa bara 1992 irraa eegalee aangoon QBO gartuu siyaasaatti caccabee walirratti duluun dinaaf haala mijjeesse. QBO ittin geggesuuf qabenyaa horatamee jiru haala qindaaween walitti fiduun gabbisanii gara sadarkaa aangoomina gutuu (siyaasa + waranaa + diplomasii) jijjirataa gamtaan qabsaawanii diina gutummaatti injjifatuuf hin milkoofine. Hanqinni kun amaloota hoggana jaarmiyaa QBO irraa madde. Inistituwoota alagaa (Habashaa fi Faranjii) keessatti aadaa (oftulummaa, waltuffii, walmorkii, masaanummaa, fi walqooduu) baratame moraa QBO kessatti shaakaluun akka hogganni gamtawee hin argamnne godheera. Akkasumas siyaasa Komunistii (Maarkisist-Leeninist) kan kallachummaa dafqaan-bulaa fi sirna jaarmiyaa siyaasaa tokkicha qofaa lallabu irraa amaloota waraabaman mooraa QBO keessatti hojii irra olchuun akka gamtoominni jaarmiyoolee hin argamne taasisuudhaan dinaaf daandiin saamichaa tottolfameeraaf.

Dinni bara ammaa kun, akka fedheetti qufee biyya Oromoo keessa buraaqudhaan, yakkoota sukanessoo uummata Oromoo irratti raawwachaa jiruuf haala kan mijjesseef sababii gurguddoo kana lamaan: (1ffaa) Gamtaan qabsaawuu hanqachuu jaarmiyoolee siyaasa QBO fi (2ffaa) Deggersa motummoota aangawoo irraa dinaaf fufinsaan kennamuu dha. Bifa ijaaraa ta`een jaarmiyaa QBO hoogganuu jalqabuu murteessuun jalqaba gamtaan QBO hogganuu ti. Jaarmiyoleen amaloota diigoo sirnoota alagaa kessaa fudhatamanii hojii irra olfaman irraa moraa QBO qulqulessuudhaan, haala safuu aadaa Oromoo irratti hundaween walkabajaa, yoo sirna gamtaaween siyaasa QBO geggessuuf waliif galan ni milkaawu. Kanaaf, jaarmiyooleen siyaasaa dhimma dhunfaa ofii irra yoo dantaa uummata Oromoo dursaniif tumsa kallattii fi alkallattii moraa QBO keessaa fi alatti argamsisun bara bilisummaa ni dhugoomsu. Rakkoolee waggoota 150 ol uummata Oromoo qunnaman gutummaatti kan furtuu QBO gamtaan finiinsuu dha. Furtuun argamuu qabus: “ ilaalcha oromummaa irratti hundaawun sirna gadaa haaraween masakamanii gamtaan QBO hogganuu dandawu jaarmiyoolee ti”.

  1. Xummura

Barruu kana haasaa obbo Baqqalaa Garbaa mana hidhaatii ba`e Fulbaana 14 bara 2018 haasawe keessaa kan fudhatame ergaa furtuu kanaan xummura:

“…Sabni tokko ta`e, sabni waldhagawu, sabni gamtaa qabuu yoomiyyuu alagaa jala hin jilbeenfatu… Amma yeroon isaa yeroo itti wal qoodan miti, yeroo siyaasaan itti adda wal baasan miti, yeroo partiidhaan adda wal qoodan miti, yeroo itti amantaan wal qoodan miti, amma yeroo itti tokko ta`anii mirga ofiif qabsaawanii dha.”

Ragaalee

 

  • OLF, 1976. Oromo Liberation Front political program. Finfine – Oromia, October 1974 and amended on June 1976

 

 

No Lesson Learned from Rwanda and Darfur GENOCIDES

$
0
0

 

 

By Odaa Hora

 

Despite the unprecedented advances in communications technology, and mass Medias, for the last three decades it is unfortunate that the Crime of Genocides and Ethnoicdes remained, a frequently exercised “states” policies ruled by tyrants, warlords, autocrats, and military dictators most significantly in African and Asian Continent at the back of world stage.

It proves that the world has not learned the lessons from Holocaust-World War Two that succumbed about 21 million human life. The world had failed again and again to stop the genocides in Rwanda (April to July 1994), in the DRC (1996 – to the present); sometimes called the “African World War.” and in Darfur (2003-to the present) just to note some of them among many.

Since the TPLF- brigands grabbed the absolute power by relentlessly legitimizing the so-called the state of emergency utilizing armed trained killer militias, mercenary, dogs of wars to eliminate political opponents, people whom they oppose, or fear for overthrowing the totalitarian-subhuman political system of one of the primitive barbaric predatory empire on this plane, and now in Oromia. Fascism is taking place in Oromia at the back of the World Stage who kept their mouth clothed and their ears deafen.

One can wonder in what world one lives when an issue of an individual, Sergei V. Skripal, a double spy agents of the former Soviet Union and his daughter, Yulia, were poisoned by a potent nerve agent identified as Noovichokin developed in the Soviet Union in the 1970s and 1980s and accused Russia racks the world mass media. More importantly, tabled as an emergency session of the United Nations Security Council on Wednesday 14th of March 2018 called by Britain.

But, when the fascistic-genocidal acts of the TPLF-gangs continued bloodbaths the Oromo people, mass murders and arrests, evictions of millions of Oromo’s and flight in neighboring countries from their ancestral soil for the last 28 years, no single voice and statements were to be heard and read respectively from the so-called UN. When rapes and tortures, cold-blooded killings are turned to be their daily agenda and accomplishments by deploying armed militias and killer commands are undeniable facts by day on and day out, nobody care of it because it is Africa and the blood of Africans:, but without a shadow of doubt they do care of rescrambling of African resources from diamond to coffee, Tea, Flower, cacao, from oil to Uranium, Colton, and Land grabbing, etc. A practice global Apartheid, the unwritten law indeed.

When the TPLF-fascist relentlessly declares the State of Emergency legitimize genocides, committee massacres and mass atrocities against the Oromo civilian population, the displacements of over millions of Oromo’s from their ancestral soil, over hundred thousand flights out of the empire to the neighboring countries like in Kenya is the fact at the spot.

Violent attacks on civilians by the regime terror and horrors continued and is turned to the achievements of TPLFs brute killer commandos and dogs of wars in Oromia. As Human Rights Watch reported from October 2016 until August 2017 alone security forces arrested more than 20,000 people and committed widespread rights violations.

Right now, Refugee Agency recorded a flight of over 100,000 in Kenya alone and the exodus of the Oromo exiles continues. Mass atrocities have been obtained from victims and witnesses. Video footage of the violence and witness testimonies continues to surface on the Internet and in a broadcast on world mass media.

When the tyrannical regime intentional committing crimes against humanity is indiscriminate, widespread attacks on civilians, arbitrary detention of thousands in the political opposition, genocidal massacres of the whole villages are evidential. The world is silent.

This world is not this world, as R.J. Lifton said: I gained an important perspective on Auschwitz from an Israeli dentist who had spent three years in the camp. We were completing a long interview, during which he has told me about many things, including details of SS dentists’ supervision of prisoners’ removal of gold fillings from the teeth of fellow Jews killed in gas chambers. He looked about the comfortable room in his house of Haifa, sighed deeply, and said,” This world is not this world.” in his book entitled: THE NAZI DOCTORS medical killing and the psychology of genocide.

The fascist establishment of the TPLF-hegemony that clad with the grab of EPRDF and traded for solid 28 years by deploying and employing a branded POWs transformed to their loyal vassals coated with the name of their Ethno-nationals incarcerated within the Abyssinia Empire born in 1989 and renamed to PDOs.

The TPLF promotes violence, war as actions of resolution and exalting militarism that forbids and suppress anyone who calls in questions of authoritarianism of the TPLF-fascist brigand’s party from day one of their arrivals and occupied Finfinnee and finally the whole empire by implementing eliminations policies targeted the Oromo people as prime from all walks of life and scramble their resources and acquire their rich land.

For the last twenty-eight years, these mercenaries y served their masters turned to the vanguard of the TPLF committed genocides and ethnocides. The PDOs,i.e. institutionalized conglomerates of Pawns who fulfilled their obligation and continued to serve their masters the TPLF fascists nothing more and nothing less. http://www.bilisummaa.com/form-prisoner-of-war-to-mercenary-dogs-of-wars/.

Since they consolidation the absolute power in their own hands, they adapted the best doctrine from their predecessors based on the myth of “One Ethiopia.” Her growth and maintains of this fake status quo can be retained only under the domination of the Abyssinia (Amhara and Tigre mainly) interchangeably.

One must always keep in mind the old myth “save the only Christian island” in the Horn of Africa that brought the establishment of the empires predatory-prey relationship versus the whole rich south by recalling the outworn myth of “Ethiopianess” and its opposite, a sign of decadence, decay, and of death of the barbaric. And it is not a dead recipe it retains in the mind of the aliens of the north that is to say today the expansion of the Tigrayan domination in all spheres was /is an essential manifestation of vitality as the Amharas of yesterday. And, the maintenance of the empire as she has been for more than centuries. As an adage, “The Fish rot from the head down, not from the tail up.”

The recent development what we witness the replacements of one pawn with the other under the mantra of reformation is nothing but analog to keeping a patient who suffered a massive stroke lain in a vegetative state by machine feeding till the game is over. That is not my truth or somebodies else but the only truth on the soil of one of the most primitive, barbaric dependent predatory empire of Abyssinia.

Clear attention must be given to the comfortable dogs of wars and the role of the current places holder designated as prime who carries the name Oromo sworn to serve as the nursing staff and watching guard of the dying empire around o’clock till the Tsunami of the genuine liberation struggle wiped her out once and forever from the global map. As our elder say:”Nama ergaan barate gabaatu Harre qabisifata.” and our artists convey their massage through their marvelous voice itti muddii, itti muddii (gear up for liberation).

Very bad and sad news for those who still pray and dreams in midday light and arrive at the conclusion to bring what they often said “democracy” to the dying empire, who beat a dead horse strongly. They must finally understand that to the TPLF-gangs established on fascism ruled without a law, who committed 28 years crime against humanity in its cruelest and barbaric form more than what the military junta Mengistu Haile Mariam. Thus, the proposals of day dreamers loudly and redundantly call for the so called “democracy” in deed is equivalent to the prescription of a Cyanide Pilli or a suicide pill to swallow, which in fact the TPLF fascists knew it from day one of their occupation of Finfinnee and shall never swallow the pill voluntarily, but only after tranquilization by all means possible, and More about “democracy” and the establishment of the Abyssinia empire will be explored in my next article and I wish you Good Reading and reading is a food of mind as glucose is the food of the biological body.

The power of the people is much stronger than the people in power.” Wael Ghonim

Injifatnoon kan Ummata Oromootii !!!!!!!!!

 

Aaliwwan Oromoo sadeen Toophiyaa bulchan

$
0
0

 

===============
1. Ras Alii Warra Ejjuu 1819-1866
Mootii warra Ejjuu kan haada isaa Giiftii Manan waliin Ejju irra dabree Abiisiiniyaa bulchaa turee dha. Ifatti amantii Kiristaanaa fudhateera jedhama, iccitiidhaan garuu Musliima jedhamee hamatama ture. Haatahu malee warri Abiisiiniyaa zamana bulchiinsa isaa fi kan Alii isaan dura turee beekkamtii dhowwatanii ‘Zemene Mesafint (Era of Lords)’ jedhanii moggaasan. Giddu galeessa bara 1850ootaa keessa kan ka’e Tewodroos bulchiinsa warra Alii cabsee Alii fi haadha isaas booji’ee salphise.

2. Iyyaasuu Mohammed Alii – 1913 -1916
Ilma mooticha Walloo Mohammad Alii kan booda kiristaanummaa fudhatee Mikaa’eel jedhameeti. Haati Iyyaasuu intala Miniliki. Minilik ilma dhiraa waan hin qabneef bara dhuma jireenya isaa keessa nama siree isaa dhaalchisu waan dhabeef akka seeraatti Iyyaasuu ilma intala isaaf dhaalchisuuf dirqame. Iyyaasuu Alii joollummaa isaa irraa qabee eega siree dhaalee booda amantiilee Kirstaanaa fi Islaamaa walitti dhiheessuuf hojjechuu eegale. Siree dhaaluun Iyyaasuu Alii kan durattuu yaaddoo jaratti tahee ture Amaarri Shawaa Iyyaasuu waan ittiin rukutanii karaa irraa maqsan argatan. ‘Amantii masaraa keenyaa jijjiiree kan warra isaa duriitti deebi’e, naamusa dhabe…’ jechuun waan baay’ee itti maxxasanii taphaa ala godhaniin. Durattuu akkamitti aangoon hidda keenya keessaa baha jechuun lolaa turan waan taheef Iyyaasuu dhiibanii, abbaa isaa kan Wallo irraa waraana bobbaasee birmateef dirree lolaa Sagalee irratti dhahan. Booda Raas Tafarii (Hayla Sillaasee) muudan. Iyyaasuu ALii cubbuu jaraatiin ajjeefamee karaatti hafe.

3. Abiyyi Ahmad Alii 1976 –
Zamana Oromoon wal quba qabuu fi waliin qabsoo mirga isaa godhu keessa dhalate. Hiree gaarii argate kanati fayyadamuun aangoo siyaaasaa Itoophiyaa qabate. Bara jireenya isaa keessatti mootummaa Tigree EPRDF jedhamu keessatti waan dabarseef muuxannoo achi keessatti kuufate qabatee aangoo qabachuuf of qopheesse. Ebla 2, bara 2018 Muummicha Ministeeraa Itoophiyaa tahuun moggaafame. Milkoomina isaaf qabsoon Qeerroon Oromoo godhe sababa guddaa ture. Akkasuma Abiyyi Alii sadarkaa kanaan gahuu irratti tarsiimoon jaala isaa Lammaa Magarsaa kan yeroo sanatti bulchaa Oromiyaa turee haalaan murteessaa akka tahe hayyoonni seenaa irratti walii galu. Abiyyi Alii maatii Musiimaa fi Kirstaana tahan keessaa waan dhalateef hariiroo hawaasota lamaanii jabeessuuf hojii milkaawaa akka hojjetetti beekama. Seenaa isaa keessatti hoggana Oromoo yeroo duraaf huccuu aadaa Oromoo masaraa mootummaa Itoophiyaa Shaggar seensise tahuun beekama. Seenaan Abiyyi Alii bifa kanaan eegale eessatti akka dhaabbatu seenaatu gara fuulduraaf barreessa.
==================
Aliiwwan sadan wantoota wal fakkeessan:
Sadanuu maatii Alii jedhamu keessaa bahan. Sadanuu warra sirna mootoma gonfoo (monarchy) shaakaluu ture keessaa dhalatan. Sadanuu amantii lamaan (Islaamaa fi Kiristaana) walitti dhiheessanii laalu, hundaan walii galu. Sadanuu warra aangoo mootummaa Itoophiyaa qabachuuf carraan isaan daaw’attee dha. Sadanuu Oromoo waan tahaniif warra hidda Kaabaa harkaa haangoo fudhachuuf laaftuu itti hin taane. Alii inni boodarraa kufaatii Aliiwwan duraa lamaan irraa barumsa fudhachuu danda’a. Raas Alii fi Iyyaasuu Mohammed Alii Oromoo saba isaanii birmachiifachuu waan hanqataniif harka alagaatiin dhahaman. Abiyyi Ahmad Alii yoo itti fayyadame carraa guddaa qaba. Bara sabni isaa dammaqiinsaa fi tokkummaa jabaa qabu keessa ka’e waan taheef haala saba isaa hin mufachiifnetti sochoonaan seenaa Oromoo biyyattii sana keessatti barreessee darba. Yoo hunda gammachiisuuf rakkachuutti saba sadarkaa kanaan isa gahe xiyyeeffannoo dhorkate garuu fagoo deemuu hin danda’u.

An eastern problem for Ethiopia’s new leader

$
0
0

www.aljazeera.com

The spectacular upsurge of violence in eastern Ethiopia will be one of the main challenges of Abiy Ahmed’s tenure as PM.

 

After almost two months of deliberations, the ruling Ethiopian People’s Revolutionary Democratic Front (EPRDF) has finally chosen a new prime minister to replace the much-criticised Hailemariam Desalegn, who had served since taking over in 2012 from the late Meles Zenawi, the EPRDF’s long-serving strongman and architect of a federal Ethiopia. Abiy Ahmed, who was inaugurated as prime minister on April 2, inherits a country that has been mired in crisis for almost three years: incessant public protests, escalating ethnic tensions and growing numbers of displaced Ethiopians.

Despite the breathtaking economic growth, the enrolment of millions of youngsters in hundreds of new schools and universities and an increase of more than eight years in life expectancy for an ordinary Ethiopian citizen just in the last decade, the 100 million plus population feels frustrated. For many Africans outside the country, these setbacks have come as a shock: over the past 10 years, Ethiopia has undertaken the continent’s most resolute effort at industrialisation and infrastructure expansion, generating hope that other African states may one day do so as well. Restoring order, trust in government and the sense of optimism about Ethiopia’s domestic transformation and regional ascendancy is surely Abiy’s most pressing challenge.

To do so, Ethiopia’s new leader must urgently address his biggest problem: the internal fractures in the EPRDF, still widely considered one of Africa’s most formidable party machines, but riven with contradictions and personal rivalries that have deepened in recent months.

The protests that undermined the federal state’s authority and contributed to Hailemariam’s resignation as prime minister were never a simple story of “the government versus the people”. Instead, both Abiy and his comrades-cum-adversaries know that different factions of the EPRDF have mobilised popular anger in different regions of the country to increase their bargaining strength at the centre in Addis Ababa.

In fact, Abiy’s own Oromo People’s Democratic Organisation (OPDO), an ethno-regional party that is one of the four pillars of EPRDF hegemony, has reinvented itself by surfing the waves of long-standing grievances held by the Oromo population about their socioeconomic and political marginalisation. It has instrumentalised legitimate anger flowing from rising inequality amidst the boom in Ethiopia to demand a greater share of power for itself. While Tigrayan security hawks and Amhara politicians gnawed their teeth at so much OPDO audacity and pushed for a state of emergency to crack down on the streets, Abiy’s tacit alliance with hardline diaspora activists and sympathisers of the outlawed Oromo Liberation Front has paid dividends. Foreign diplomats have for months been pushing EPRDF officials to quell the surge in demonstrations after widespread strikes in the Oromia region brought economic life to a standstill. Abiy’s election as party leader by the EPRDF Council is a recognition that, for now, the political pendulum has shifted in the OPDO’s direction.

Although the rise of an Oromo to the pinnacle of governmental authority is a genuinely historic achievement -modern Ethiopia has historically sought to assimilate, including through violence, its more than 80 nations and nationalities into one Orthodox Christian Amhara identity – Abiy’s victory might well prove Pyrrhic. On the one hand, sensing the shifting of the political tide, the hitherto dominant Tigrayan party elite and army generals quietly resigned themselves to an Oromo PM months ago and have been preparing a staunch defence of their informal influence and privileges; their public endorsement of Abiy as EPRDF supremo carries a considerable price tag, which the new party chief will ignore at his own peril. On the other hand, the years of unrest and party infighting have exposed structural flaws in the design of both the EPRDF itself and Ethiopia’s ethnic federalism, which encourages the kind of risky ethnopolitical entrepreneurialism that catapulted Abiy to the top. Originally intended to decentralise power and to finally explicitly acknowledge Ethiopia’s socio-cultural diversity, building party and state structures around ethno-regional identities incentivises violent strategies that could pull the country apart.

Nowhere are these problems more in evidence than in eastern Ethiopia, which encompasses four regional states: The city-states of Dire Dawa and Harar and Ethiopia’s two biggest territorial entities, Oromia and the Somali Region, whose Muslim majority has long distrusted the government in Addis. In the past nine months, violence has displaced perhaps more than one million Ethiopians and killed hundreds. The region’s two most prominent universities, in Haramaya and Jigjiga, have seen thousands of students, faculty and staff fleeing their campuses following ethnic targeting of minorities. And the commercial centre of Awaday is a pale reflection of its former bustling self after the gruesome assassination of scores of traders in their homes.

OPINION

Managing Ethiopia’s political crisis

Biniam Bedasso,Goitom Gebreluel
by Biniam Bedasso,Goitom Gebreluel

Eastern Ethiopia is not one of the country’s peripheral corners, which, although regularly characterised by violent instability, are ultimately of little consequence to the wielding of power at the centre. Quite the contrary: not only is eastern Ethiopia a demographic microcosm of the state as a whole – Somalis, Oromos, Amharas, Gurages, Tigrayans, Hararis and other groups living side by side – it is also the beating commercial heart of the country.

Eastern Ethiopia dominates the lucrative trade in khat  – supplying markets with the narcotic as far away as Canada and the US – and brings in hundreds of millions of dollars annually in foreign exchange. It is the Horn of Africa’s hub for contraband commerce in electronics, textiles, building materials and much more. Many of these licit and illicit flows are at least partially taxed and managed by Ethiopia’s myriad security forces, including the army’s famous Eastern Command, headquartered in Harar. Moreover, landlocked Ethiopia’s main import and export routes  – the railway and road to the port of Djibouti – run through the east, meaning that political, economic and security developments there are decisive in determining the fate of the country more broadly.

The spectacular upsurge of violence in eastern Ethiopia has many causes  – some of them local, related to migration corridors, grazing rights and kebele (ward) level taxation – but the most important one is about the party and national politics. Over the past few months, the security forces of the Somali and Oromo regional states have incited ethnic cleansing and confronted each other in battle, triggering a huge exodus and a worsening humanitarian crisis. It is hard to overstate the irony of open fighting between different branches of the same government in a notoriously centralised state like Ethiopia, but the timing of this turn of events is not coincidental. The OPDO-led Oromia executive has been emboldened by the whiff of growing power in Addis and has challenged what it sees as Somali aggression on its territory. The Somali elite, for its part, has been eager to coercively create facts on the ground before an Oromo prime minister tilts the political scales in favour of their neighbours and destabilises the lucrative partnership the regional government of Abdi Iley has enjoyed over the past decade with the federal security forces.

The problem is not just that ethnic federalism has incentivised both regional states to seek domination at each other’s expense; it is also that these ethno-regional stratagems and divisions within the EPRDF party-state are proving extremely hard to resolve because of the two-tiered nature of the federal system. Whereas Oromia is an integral part of Ethiopia and the OPDO a crucial member of the EPRDF coalition, the Somali region remains outside the policy framework of most federal institutions and is governed through an approach perhaps best characterized as indirect rule at the hands of Abdi Iley’s Liyu Police and Addis Ababa’s Ministry of Federal Affairs. The Oromo vs Somali violence has terrified the long list of minorities that live across the east, highlighting the lack of formal and informal protection mechanisms for those not resident in their government-designated ethnic homelands. Diverging political interests and ideological rigidity regarding ethnic federalism paralysed the cabinet of the outgoing prime minister, who did not even visit the one million displaced in eastern Ethiopia, nor vow to protect them against marauding goons.

The central question facing Abiy Ahmed is therefore how to ensure sufficient unity in both the ruling party and the state while simultaneously overseeing their reform so the focus can shift back to poverty reduction, regional stability and democratisation. At his disposal to do so is Africa’s biggest civil service, the EPRDF’s impressive developmental track record since 2001 and the formidable repressive apparatus controlled by the party. Stacked against him are the doubts and bitterness of his own comrades, the weariness of a population divided by rising expectations and the ghosts of Ethiopia’s bloody past. Breaking the impasse in the east will be a test of his ability to build coalitions and of his courage to lead the OPDO and the Oromo nation into exercising national leadership with confidence as well as political concessions. Ethiopians – and Africans – are watching.

 


SEENAA GABAABDUU GABBISAA (ABDURAZZAAQ YOONIS SIIDOO) 1944 – 1978

$
0
0

 

 

Ebla 06, 2018

 

Abbaa Urjii tiin:

 

Qabsoon bilisummaa ummata Oromiyaa arra sadarkaa amansiisaa fii, if booda deebi’uun hin malle geeysee jirti. Arra sabni Oromoo guddaan akka arba ciisutti sodaatamaa ture, bahaa-dhihaa fii kaabaa-kibbaan if baree, waliis baree, arbummaa, bilisummaa fii abbaa biyyummaa Oromiyaa falmachaa jira.

Qabsoon sadarkaa fii haala kana qabaachuu isii tiif wal’aansoo hadhooytuu, dheertuu, wareegama qaalii fudhattee tu gaggeeyfame. Haala kanaan, amna wal’aansoo tan diiramaa keessatti guca dakkana tahuun warra xurree qabsoo bilisummaa ibsan keessaa tokko Abdurazzaaq ykn Gabbisaa dha. Gabbisaan abbaa isaa Yoonis Siidoo fii haadha isaa Zeeynabaa Burushee Karrayyuu irraa Godinaa Baha Oromiyaa, Aanaa Kombolchaa, Araddaa Fal’aanaa Ganda Dhaadheeysaa ja’amutti, toora bara 1944, dhalate.

Akka umrii kaa’imummaa gayeen, haalli jiruu Gabbisaa naannoo itti dhalaterraa sossoosee magaalaa Hara Maayaa qubachiise. Hara Maayaa keessatti odoo hujii hodhaa huccuurratti bobbahaa jiru, namoota ifii dammaqanii hawaasa dammaysan keessaa tokko tahe. Hujii isaa tanaan dafkaan buloota magaalaa Hara maayaa fii naannoo isii jiran lafa jalatti Oromummaan dammaysuu fii jaaruu irratti sossooha bara 1975 fii 1976 godhamaa ture keessatti qooda guddaa gumaache.

Odoo tana keeysa jiruu, mootummaa Soomaalee tii fii tan Dargii jidduu lolli jalqabe. Akkuma lolli ka’een waraanni Soomaalee maqaa Adda Bilisummaa Soomaalee Dhihaa tiin gammoojjii Ogaadeen dhunfate. Haalli kuni, Dargii biraa taree, hortee nafxanootaa kanneen Minilik naannoo Baha Oromiyaa qubachiise garaa gubutti seene. Biyya abbootiin isaanii dhunfata jala galchaniif Soomaaleen irraa fudhachuun jara haalaan dallansiise. “Harree dadhaban gurboota dhawan” akka baananitti, jarri dallansuu isaanii hawaasa Oromootti bahuu jalqaban. Gochi isaanii kuni, sab-boonota Oromoo hedduu keessatti anaannata uumee, haala kana keeysa, qabsoo bilisummaa tiif hidhachuuf, karaa waraana Soomaalee yaase. Sab-boonota haala kanaaf qe’ee deeman keessa tokko Gabbisaa tahe.

Yaroo tanatti, Gabbisaan, nama bultii jaarrate, kan itti gaafatama haadha warraa malees, kan ilmaanii ceekhuurra qabu ture. Akkasumaa waliin, roorroo diinni saba isaarratti hojjachaa jiru arkaa fii dhageeytii jibbee, jiruu isaa tii fii tan maatii caalaa tan sabaa dursuun, mana oowwaa fii bultii bareeddutti duuyda galee, jalqaba bara 1977, qabsoo bilisummaa ummata Oromiyaa tiif Hariirotti qaceele.

Hariiro lafa Oromiyaa tan Hara Maayaa irraa fageenya km 78, timjii Soomaalee irraa km 120 qabdu, tan yaroo sanitti waraanni Soomaalee qabatee, qarmaammee leenjii irratti jaarrate turte. Gabbisaa fii kanneen waliin gamas deeman yaroo achi gayan, waraana Soomaalee tiin gaafii malee gammachuun simatamanii, leenjii toftaa lolaa hatattamaa irratti bobbaafaman. Akka barnoonni barbaachifamu kennamee fiin, Gabbisaan jaallan waliin dhaqanii fii kanneen achitti wal arkan waliin hidhannoo guutuun, Hariiroo-rraa ka’anii Jaldeessaa fii Eeguu keessa hulluuqanii, dhuma walakkaa bara 1977, Sumsuma Muudaa qubatan. Achirraan Gooroo Aaw-Nugus gubbaan Baatee fii Hara Maayaa haroo gamaan daawwatan.

Gabbisaa fii qabsaawonni akkuma naannoo san gayaniin, isaan keeysaa sayliin takka, waraana Soomaalee (Sargoo) irraa adda tahuu isaanii beeysisuuf, magaalaa Baatee-tti duulan. Duula kanaan, dhaadannoo, “Nuti Waraanaa Bilisummaa Oromoo ti!” jettuun waraana Dargii kanneen boolla (mishigii) keessa riphisaa turan irratti geeraraa bulan. Garuu, rasaasota ballaa, warra boolla keessaa jaraan irraa dhukaafaman, keessaa gariin, Rabbi rahmanta haa godhuufii, lubbuu Dhaqqabaa (Abbaas Baldaa) fii Usmaanee ganda Daammotaa galaafatan.

Kaana booda, tarkaanfiin qabsaawonni dura fudhatan, Soomaalota saaminsaaf baadiyyaa keessa olii fii gad laban dhaabu ture. Warra maqaa daldalaa-tiin ooyrota nama keenyaa keeysa deemanii jimaa cabsan, qabeenya saamanii fii hawaasatti roorrisan, malaan Waaqatti galchuu jalqaban. Haala kanaan, yaroo gabaabaa keessatti, ummata baadiyyaa naannoo sanii, roorroo Soomaalotaa irrraa hara baafachiisan. Kana godhaa, haala waraana Soomaalee irraa itti buqqa’an irratti hojjachutti seenan. Baazuuqaa, qawwee, boombii, rasaasaa fii waan adda addaa, xiqqo xiqqoon jalaa mayfachuu hujii godhatan. Akkasiin, qophii gayaa booda, caasaa ajaja Sargoo jalaa buqqa’anii, gara Maayaa Guddoo tarkaanfatan. Achiin Maayaa Qallotti boraafatan.

Oduun qabsaawonni ajaja Sargoo jalaa if bilisoomsuu daftee biyya keessa facaate. Oromoonni waraana Sargoo keessa jiran, akkuma oduu wal-faana dhagayaniin, tuutaa fii tokkeen irraa buqqa’aa karaa Karroo xiixan. Oduun warra waraanaa fii milishiyaa Dargii keessa jiraaniis hin hanqanne. Isaan keessaa-hiis, akkasumatti, warri mirga ifii tiif qabsaawuu murteeffatan fii kanneen dirqiin keessa nayxe, karayyuun Maayaa Qalloo-tti dhangala’an. Haalli kuni, warra waraana Sargoo fii kan Dargii gananii mooraa qabsoo bilisummaa ummata Oromiyaatti dabalaman baayyisee, Maayaa Qalloo seenaa isii tan gaafa Raabaa Doorii yaadachiisuu jalqabe. Tana keeysa, Gabbisaan qabsaawota biroo waliin, waraana naannoo Maayaa Qallootti jaarame bakka bu’uun, Walgayii dirree qabsoo bilisummaa Oromoo tiif Idlee Duraa taate, tan irkata Bookee iddoo Saaqqata ja’amtutti Birraa 17 – 23, bara 1977 godhamte irraa qooda fudhate.

Gabbisaa fii jilli waliin deeman gaafa walgayii irraa as deebi’an, haalli naannwa sanii jijjiiramee isaan eege. Wanni jijjiirama fide, waraanni Soomaalee kan biyya keeysa hulluuqee ture, waraana Dargii kan tin’isa Raasiyaa, Kuubaa, Yamanii fii Libiyaa arkateen injifatamee fiixeensa aduun itti baate tahuu dha. Qabsaawonni haala ummame kanarraa bu’aa buufachuuf Oromoota waraana Soomaalee irraa buqqanii fii miya jarri if duubatti dhiisanii biraa baqatan barbaadachutti seenan. Gabbisaa fii Saartuu (Maymuunaa Abdallaa) akka hujii tanaaf bobbahaniin, naannoo Dhandhama ja’amtutti harka Dargii seenuu mudatan.

Yaroon, yaroo gammachuun injifannoo waraana Soomaalee Dargii macheeysite turte. San malees, yaroo gammachuu fii injifannoo isaanii walitti dhaabuuf, fuula isaanii gama qabsaawota lafa funyaan isaanii jalaa, Maayaa Qalloo, qarmaammee godhatan irratti duula karoorfachaa itti turani. Haala kana keeysatti qabsaawonni harka seenuun, Koloneel Zallaqaa Bayyanaa, Bakka Bu’aa Dargii, kan yaroo xiqqoo dura, Sargoo akka irraa haleelaniif qabsaawota gunachaa tureef milkii addaa taate. Zallaqaan, akka xiqqo tureen, hawaasa Oromoo, sab-boonotaa fii qabsoota hamilee cabsuuf, bara 1978 toora ji’a Adooleeysaa keeysa, Gabbisaa jaala isaa Saartuu waliin wareege.

Gabbisaan, qabsaawaa lolee lolchiisuun Dirree Qabsoo keessatti jeeynummaan faarfame. Nama lubbuu isaa qabsoo bilisummaa ganamaa tiif kenne. Wareegamni waan manaa bahee fi. Diiyni isaa bilaashitti hin buune. Sabni inni lubbuu isaa kenneef, arra, galii inni wareegameef fiixa baasuuf, yoomiyyuu daran, Bahaa fii Dhihaan – Kaabaa fii Kibbaan; dhiiraa-dhalaan – xiqqaa-guddaan; dhaadannoo isaa, “Oromiyaan ni bilisoomtii!” dhawwaaqaa, sanii fiis wareegama barbaachisu baasaa jiru.

 

Oromiyaan ni bilisoomti!

 

Qabsoon keenya Amma Walabummaa Oromiyaa, Amma Bilisummaa Oromootti!

$
0
0

 

 

Baarentuu Gadaa Irraa//

Bubbeen siyaasa kijibaa impaayeera itiyooophiyaarraa asiif achiin bubbiseef  qabsaawaan, sabboonaan kaayyoo isaa kan ganamaa,qabsoo mirga abbaa biyyummaa Oromoo dhugoomsuuf, bilisummaa Oromoo bakkaan gahuuf  gaggeessaa jirurraa duubatti jedhu hin jiru. Eeyyee holola diinaatiin namuu hin seesu. Hin burjaaja’usi. Uummanni Oromoo holola fakkeessii diinni qindeessee maqaa isaatiin afarsaa jiruunis mirgi koo kabajame, bilisoome jedhee  sirba gammachuutin lafa qaaccessu hin jiru. Yoo jiraate diraamaan diinni  waggoota 27n darbaniif  dalagaa ture kan isaaf hin gallee dha.

Wayyaaneen waggoota 27n darbaniif  gaafiin mirga abbaa biyyummaa Oromoo akka hin dhugoomne hanqisuuf, walabummaan Oromiyaa fi bilisummaan ummata Oromoo akka hin milkoofne karaatti kutuuf carraaqaa turte.  Wayyaanen hidhaa, dararaa fi ajjeechaa dabalatee hololli Oromoo irratti hin gaggeessiin hin turre.  Oromoon irree tokkoon akka inni mirga abbaa biyyumma, bilisummaa isaaf hin kaane, yoo ka’ees cichee  akka itti hin fufne shira hedduu raawwachaa ture. Haa ta’uutii guyyaan guyyaa caalaa, barris bara keessaa akkuma jedhamu san Oromoon akka diinni yaade dhiisee walfaana ka’uun, cichee loluun injifannoolee har’a wayyaanee dhiphisaa jiru kana argamsiisuu danda’eera. Qabsoon bilisummaa Oromoo ABOn durfamu kaayyoo eegaleef, walabummaa Oromiyaa bilisummaa Oromoo dhugoomsuuf itti dhihaateera. Mootummaa gabroonfataa TPLF /EPRDF dhiibee kufaatii jalaan gaheera. Xumurri sirnichaa dhihaachuu mallattooleen har’a Impaayeera Itiyoophiyaa keessa jiran mirkaneessaa jiru.

Roga kamiinuu hoo deemame, alaa manatti Oromoon har’a galiin qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn durfamuu maal akka ta’e ni beeka. Beeku qofas osoo hin taane akka galma gahuuf  waan danda’u hunda gumaachaa jira. Daa’ima  sd. 1ffaa barattuurraa kaasee amma hayyoota yunvarsitoota adda addaatti baranii fi barsiisaniitti, kan  Oromoon  qabsaawuuf mirga abbaa biyyummaa, walabummaa fi bilisummaa ofii dhugoonfachuuf  ta’uu beeku. Kana dhugoomsufis qabsoo, FXG gaggeeffamaa turee fi jiru keessattis kan hirmaachaa jiran,  gootonni hirmaatanii wareegama adda addaa kaffalan danuudha.  Kun amma Oromoon mirga abbaa biyyummaa isaa  gonfatutti hin dhaabbatu. Halli amma Oromiyaa keessa jirus kanaaf ragaadha.

Wayyaaneen hidhaa, ajjeechaa fi dararaa waggoota 27n darbaniif Oromoo irratti gaggeessaa turteen uummata Oromoo jilbiifachiiftee jiraachuuf yaaltee jirti. Garuu hin milkoofneefi. Uummanni Oromoo  addatti qabsaawonni qeerroon ilmaan isaa guyyaarraa guyyaatti heddummaachaa, jabaachaa fi cichitoota ta’uun dura dhaabbataa turaniiru. Ittis jiru. Kan ulee diinaaf hin jilbeenfanne, hololaaf gurra hin kennine ta’aa dhufan. Qawwee Wayyaanee duras dhaabbatanii daawoon, daawoon wayyaanee!, Wayyaaneen nurraa haa butu, haa kuftu jechaa jiru. Amma Wayyaaneen buqqaatuttis qabsoon, FXGn kan duubatti hin deebine ta’uun amma dinaafis firaafis mirkana.

Torban tokko dura Murni gabroonfattuun TPLF/EPRDF miseesnsa dhaaba bixxiltee ergachaa turte miseensota OPDO keessaa kan  Dr. Abiyyi Ahimad jedhamu maqaa Oromootiin hogganaa EPRDF godhu kan quba hin qabne hin jiru. Ebila 2 bara 2018 ammoo paarlaamaa fakkeessii ergamtoota isiitiin guutametti dhiheessitee, ergamaa kana ergama biraaf ministeera muummee fakkeessii gootee muddee jirti.

Wayyaaneen muudama ergamaa kana boodas angoon karaa nagahaa tokkorraa tokkootti  cehe jettee hololaan lafa dirrisiisaa turte.  Jabummaa, hayyummaa, nama jijjiramaa ta’uu Abiyyi Ahimadis tuultee  karaa midiyaa ishii holola baayyee gaggeessaa jirti. Kanneen sirba baasanii abbaa jijjiramaa ta’uu nama kanaa dhaadhessanis jiru.  kun hunduu garuu soba, holola sobaatii. Aangoon  jijjirame hin jiru, Abiyyi Ahimad bakka Hayilamaariiyaam Dassaalanyi buufame, ykn wayyaaneen   qabsoo FXG Oromootiin dhiphatte H/Dassaalanyi bakkaa kaaftee Abiyyi ykn Abiyoot Ahimadiin  bakka buufte malee  jijjiramni dhufe hin jiru,  kunis kan ta’eef dhiphuu qabsoon Oromoo itti bulcheen malee fedhiin ykn jaalataniiti miti.

Filannoon gaggeeffames  akkasuma hin ture. Abiyyi ykn Abiyootiif kan kenname muudama.  Oromoo nurraa qabbaneessi  muudama jedhuudha.  Dhugaan turee fi jiru kana.  Dhugaan kana ta’ee osoo jiruu ergamtoonnii fi garaaf bultoonni  garuu waan galii qabsoo Oromoo hin beekneef akka waan Oromoon OPDO keessaa nama tokko ministeera muumee naaf godhaa jedhee qabsaawaa, dhiiga isaa dhangalaasaa tureetti muudamuu Abiyyi Ahimaditti lafa qaaccessu. Kan baayyee nama ajaa’ibu ammoo ergamtoonnii fi garaaf bultoonni biyya keessaa fi alaa lafa nagahaatti lafa qaacceessan kun ofii of-gowwoomsanii fi burjaaja’anii nama biraas burjaajeessuuf yaaluu isaani ti. Akka isaan yaadanitti akka inni kuniis yaadu kufaa ka’aa jiraachuu isaanii ti. Ergamtoonni kun holola Abiyyi rakkoo uummata Oromoo furuuf dhufe, mirga Oromoo kabachiisuuf dhufe jechuun waan hin fakaanne nama qabsiisuuf tattaafatu. Garuu hin milkoofnefi,  holola dharaa kanaan yomiyuu hin milkaawanis.

Fakkeessitoonnii fi ergamtoonni garaa malee mataa hin qabne kun  Oromoon akka  isaan caalaa Abiyyiin beeku quba hin qabani. Abiyyi Ahimad guddisa  wayyaanee ta’uu Oromoon har’a osoo hin taane waggoota danuu dura beeka. Muudamni isaas Oromoof dhimmamamee osoo hin taane akka mootummaa Wayyaanee /EPRDF tajaajiluuf, qabsoo uummata Oromoo yoo danda’e dhaamsee yoo dadhabe qabbaneessee  sirnichaaf bara bittaa fi saamichaa dheereessuuf akka ta’e beekamaa dha.  Warri burjaaja’anii nama biraas burjaajessuuf yaalan garuu  garaan isaanii waan mataa isaanii injifateef kana quba hin qabani.

Muudamni Abiyyi Ahimad diraamaadha, Wayyaaneen diraamaa  bu’aa hin qabne hojjechaa jirti, diraamaan kun gongumaa  humrii isii hin dheeressu.  Oromoon Abiyyis  ta’ee Oromoon biraa sirna Wayyaanee /EPRDF jalatti  yoo muudame  akka jijjirama wayiituu hin finne ni beeka. Gaafiin mirga abbaa biyyummaa Oromoo  TPLF EPRDF jalatti deebi’uu hin danda’u. Mirga abbaa biyyummaa mitii sirna wayyaanee jalatti gaafiin bulchiinsa gaariituu akka hin deebi’iin waggoonni 27 bara bittaa wayyaanee kan amma mummicha ministeeraa Itiyoophiyaa ta’e koloneela waraanaa, ministeera waajjiroota adda addaa itti ta’ee keessatti taajijilaa ture  darban ragaa bahaniiru.

Har’a uummanni Oromoo baddaa gammoojjitti, baadiyyaa magaalaatti  haala Wayyaaneen itti jirtu quba qaba. Kan tarii faajja’e yoo jiraate  ammoo sirna Wayyaanee/EPRDf keessatti ergamtoota akka miseesnoota  OPDO  warra waggoota 27 amantummaan wayyaaneef tajaajilaa turanii miti osoo ministeerri muummee dhaabooleedhuma mormitootaa jedhamanii fi karaa nagahaa ni qabsoofna jedhanii waggoota 27n darbaniif  hidhamaa fi gadi dhiifamaa biyya san keessa socho’aa turan keessaawuu aangoon ministeera muumee kun kennamee amma wayyaaneen biyya sanaa  hundeen hin buqqayinitti jijjiramni dhufu hin jiru. Kan jijjiramni dhugaa dhufu  awwaala wayyaanee qofa irratti, gaafa wayyaaneen aangorraa kaatee ummattoonni biyyatti keessumaa Oromoon gatii dhiiga isaa mirga abbaa biyyummaa dhugoonfate qofa.  Kan ABOn/WBOn/qeerroon Oromoo walumaa galatti kan uummanni Oromoo qabsaawaa turee fi jiruufis kanumaafii.  Amma kun  dhugoomutti ammoo holola fakkeessii gaggeeffamuun Oromoon sobamu hin jiru. Jiraachus hin qabu. Diinni maqaa Oromootin  ergamtoota isaaf aangoo hireef gammachuun lafa qaacceessuuniis ofuma taajjabsiisuu yoo ta’e malee bu’aa hin qabu. Kan ta’uu qabu  holola fakkeessii kanaaf osoo gurra hin kennin qabsoo eegalame, FXG bakkayyattuu finiinsanii itti fufuu dha. Qabsoon keenya Amma Walabummaa Oromiyaa, Amma Bilisummaa Oromootti waan ta’eefi!

Ethiopian soldier kills pregnant woman in Oromia, tensions up

$
0
0

A pregnant woman has been killed in Ethiopia’s Oromia regional state, the Addis Standard news portal and a leading activist based in the United States reported on Monday. The incident took place in the town of Qobo in Oromia’s East Hararghe Zone.

The Addis Standard cited neighbours of Ayantu Mohammed Sa’idoo, as confirming her death. She was reportedly ‘abducted’ on Sunday evening, killed for unknown reasons and her body dumped this morning.

The deceased, a mother of one, was said to be a trader in ‘khat’ – a narcotic leaf widely used in the area. A military officer believed to be behind the incident, one Chala Ibrahim Bakaree, has since been placed under police custody, the report added.

Another anonymous source told Addis Standard that there is heightened security in the town ahead of Ayantu’s burial on Tuesday. Residents are afraid that possible protests during the funeral could lead to violence.

The portal’s report came hours after a known pro-democracy activists and Chief Executive Officer of U.S.-based Oromia Media Network, Jawar Mohammed, tweeted about the incident.

According to his version of the incident, soldiers had attempted to rape her but shot her after she screamed for help.

 

 

Jawar also reported protests over the incident sharing a video on Facebook. It however showed scores of people in what seemed like a peaceful gathering.

The activist has been keeping count of casualties since Prime Minister Abiy Ahmed was sworn into office a little over a week ago. As at Monday afternoon, his count indicated that five people had been killed under Abiy Ahmed, the first ethnic Oromo to become premier under the ruling EPRDF.

Abiy inherited a country under a six-month state of emergency. The measure was imposed after the resignation of his predecessor, Hailemariam Desalegn. Desalegn said his resignation was to pave way for reforms announced in January 2018.

In early moves of the Abiy tenure, internet has been restored across the country and a group of rearrested journalists and detainees have been released. He has also started peace efforts between the Oromia region and Ethiopia-Somali region where clashes claimed hundreds of lives displacing close to a million in 2017.

From OPDO Sensation to Abiy Mania

$
0
0
http://www.satenaw.com
BefeQadu Z. Hailu

In an inaugural speech, Prime Minister Abiy Ahmed Ali turned almost all pessimists in to EPRDF enthusiasts. It is like he has all traits of a leader ‘naturally’. His charisma coupled with his fluency in three local languages of “the competing nationalities” made him look like the right person to fix the mess Ethiopian state is in. But, is he really the person to fix Ethiopia? Or, should we hope something else?

Overlaping Interests: Source of Support

It has been a bit long since OPDO officials pretend a dissenter within EPRDF. Their dissent was about their regional autonomy at first. This overlapped the interests of opposition groups and has gotten OPDOs unprecedented support from the protestors and general population. The overwhelming support OPDO received regionally encouraged them to have a deserved representation in the Federal Government. Besides, the regional autonomy was interfered by federal authorities who didn’t like to accept OPDO’s dissent.

Revolutionary Democracy, EPRDF’s ideology, is a practical application of twin principles: equality principle and democratic centralism. The former is about equal votes member parties of EPRDF have to make decisions regardless of differences in number of their respective constituencies; while the latter is about making all decisions centrally (top-down) contrary to genuine democratic principles of making decisions bottom-up. The new leadership of OPDO, under Lemma Megersa and Abiy Ahmed, has been seen divergent in this regard. Their divergence has been taken as rush to anarchy by some but welcomed by many others as progress to reform. OPDOs divergence has been witnessed when House of Peoples Representatives (HPR) passed the second State of Emergency. Contrary to the democratic centralism principles, most OPDO representatives voted against it. This was, with other multiple incidents, unusual gesture of change leading to overlapped interests to opposition groups from a member party of EPRDF.

Subdued Background: Cause of Suspicion

The establishment of OPDO is embarrassing. The founders were surrenders of TPLF during the armed insurgency before 1991. They were advised and organized as per the standards and principles of TPLF. EPRDF’s establishment was made convenient to TPLF’s targeted regime and its structure. The member parties, including OPDO, are now regional parties but their respective regions didn’t exist when they were established. TPLF manipulated a transitional government to restructure the country in a way it had already planned. In this way, the member parties were able to have regional governments to administer with supervision of TPLFites in the Central Committee (CC) of EPRDF. Even though there was equality principle in the CC, bosses (TPLFites) and their subordinates (OPDOs and others) could not have equal confidence to discuss matters objectively.

Therefore, the de jure decentralized system is a centralized one by de facto. And, the central power is controlled by TPLF, the dominant group in terms of actual power. This is why the major opposition’s resistance is against TPLF and its members, and why it is really difficult for many to comprehend the capability of subordinate member parties of EPRDF to stand equally to TPLF, the boss member.

The new generation of OPDO, however, has undermined the de facto hierarchical relationship of member parties. For them, TPLF old gurads are just folks whose political creativity has expired. Having this in mind, the new generation of OPDO tested and won TPLF old guards; they’ve snatched them most key positions, including Premiership and Foreign Affairs. But, they still remain dominated in the control of security apparatuses. This has left many suspicious that TPLF has not lost its minority dominance but wanted to hide behind and drive the country with an Oromo face. For these critics, EPRDF, its member parties and the wound their bad relationship to the people of Ethiopia can not be cured unless the Front dissolved.

End of Shame-History and The Last Surrendered OPDO Member

TPLFites never wanted Abiy to win the premiership. They wanted more obidient Shiferaw Shigute instead. However, in cooperation with ANDM, OPDO defeated TPLF’s significant interest probably for the first time in 27 years. This is a signal for the end of TPLF’s dominance over other EPRDF member parties. However, it will really end when the member parties demand ‘fair representation’ in the CC instead of the existing ‘equal representation’.

In the process to win the premiership, TPLF tried to use one of the old tools from OPDO, the House Speaker Abadulla Gemeda. Abadulla was one of surrendered by TPLF to later co-found OPDO. He resigned from his position in HPR and later withdraw his resignation. Rumor has it, he was promised currently Abiy’s position by TPLF, to make him continue submitting. Not anymore.

OPDO’s Success is also TPLF’s Success

On the surface, it seems TPLF has lost it. That’s also how TPLF old guards and its young cadres took the whole process. Yes, TPLF is on a free fall losing its dominance but this is also the best safe exit TPLF can get while containing what it had already built and accumulated. Previously, the fight was essentially between oppositions and TPLF/EPRDF. Had these oppositions won the fight, the most probable result would be dismantling the system TPLF built and criminalization of the whole group. OPDO’s dissent has reversed or, at least, slowed the other alternative. Now, the focus is on removing TPLF’s dominance within EPRDF and the Federal Government. The existance of the group and sustainability of the system is spared from jeopardy. Now, OPDO, the hand made of TPLF, is responsible to drive the wheel forward and a few years down the road, TPLF will be forgotten and the major target of oppositions will become the offspring, OPDO.

The Abiy Mania

Oromo nationalists have gotten an Oromo prime minister. That’s almost half their question answered, at least to many of them. Abiy knew it. He knew that the major challenge comes from non-Oromos, especially from those Ethiopianists whose view of Oromo nationalism as something not different from separatist movement. His inaugural speech is a clear appeal to the latter. He succeeded.

He then went to Somali region where he met the representatives of the regional state. Ethiopia’s Somali authorities were against him before his [s]election. By honoring them as his very first local destination as a Prime Minister, he convinced them he is a friend. Then, went to Ambo, center of protests that gave OPDO a chance to dominate the politics, and rewarded his generous words to the Qeerroo, the youth that is notourious in the protests. He called Qeerroo “is back bone of Ethiopia”.

He had introduction dinner with opposition leaders in a gesture that welcomed them for positive competition, which never happened before. Then continued his visit in to Mekelle, Tigrian capital, and home for TPLF. By speaking their langauage and remembering the historic role of Tigray in Ethiopia, he guaranteed the rare anti-Tigrian sentiment during past protests won’t be a risk in his administration. By doing so, he won the trust of many Tigrian nationalists with a single speech.

In only two weeks since he was sworn in, he has gained trust of overwhelmingly many citizens. Many congratulated each other on his coming and many hoped democratic change is coming with him. But, this mania on a single strong man is not without critiques. He was expected to lift the State of Emergency, which literally put the country under military administration, very soon. On the other hand, his populist speeches are being taken as a mere cult. Some, without being heard, are speaking about his deceiving character referring to his 12 minutes of interview that has heavily plagiarized content. However, the optimism and cult followed Abiy is something that took Meles more than a decade to build. His predecessor resigned without having a slight of it.

What Would Civil Rights Defenders Find from the Internal Battle?

It is when OPDO diverge from EPRDF’s principle, protests started to end with lesser casualities in Oromia; it is since OPDO’s new leadership took power that many jailed political prisoners are negotiated to be released. These are among the major interests shared by civil rights defenders with OPDO. As long as OPDO and its leader are showing reformist agenda, whether it is as a bargaining power within EPRDF or not, it will remain receiving support until Pandora’s box of EPRDF is opened.

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira?

$
0
0

Qormaatota kaleessaa, kan har’aa fi kan boruu –

 

Berhanu Hundee

Kutaa Saglaffaa

 

Duraan dursee, akka waliigalaatti ilmaan Oromoo hundaaf, addattii immoo Sabboontotaa fi Qabsaa’ota Oromoo tiif baga Guyyaa Gootota Oromoo (GGO) kan bara 2018n isin gahe. Guyyaa seena qabeessa kana laalchisee, barreeffama kutaa kanaa keessatti kaayyoon Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) fi galiin isaa maal akka ta’e/ta’u akka ilaalcha fi hubannoo kiyyaatitti dhimmoota tokko tokko kaasuun barbaada.

Kaayyoo fi Galiin Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) maali?

Waayee ka’umsa ykn calqaba qabsichaa warruma seenaa barreessaniif dhiisee, garuu QBOn kan calqabe akka namootni tokko tokko ibsanitti waggoota afurtama ykn shantama ykn jahaatama yookaanis waggoota sadi duraa miti. Bifa qindaayeen ta’uu baatullee, qabsoon kun kan calqabe erga uummatni keenya diinaan weeraramee; bilisummaa fi biyyi isaa humnaan irraa fudhatamee kaasee ti. Asirraa kaanee yoo laalle immoo, gabaabumatti kaayyoo inni guddaan “Abbaabiyyummaa Oromoo” deebisanii argachuu dha. Kuni yoo mirkanaa’e wantootni barbaadaman hunduu isa kana keessatti argatamuu danda’u.

Namootni tokko tokko kaayyoo qabsicha kanaa yookaanis gaafii uummata Oromoo yoo ibsan, waan sadirratti akka hundaaye mul’isu. Isaanis i) lafa isaarratti abbaa lafaa fi qabeenyaa ta’uu; ii) ofiin of bulchuu fi iii) waayee eenyummaa ti. Gaafiin abbaabiyyummaa yoo ka’u, akka waan Oromiyaa fottoqsuutitti waan fudhatamuuf, isa kana ibsuuf waan ofqusatan fakkaatu malee, gaafiin sadeen armaan olitti tuqaman kunis kanuma Abbaabiyyummaa keessatti mula’chuu danda’anii dhaa bar!! Kanaaf, sadarkaa har’a irra jirru kanarratti kaayyoo QBO fi gaafii uummata Oromootiif hiika (definition) biraa kennuu yaaluun ykn yaaduun afaanfaajjii uuma jedheen yaada.

Kaayyoon QBO fi/ykn gaafiin uummata Oromoo inni bu’uraa firaafis ta’ee diinaaf ifaa ifatti lafa kaa’amuu qaba. Maqaa tooftaa fi tarsiimootiin dhugaa jirurraa fagaachuu yaaluun booda rakkoo biraa fiduu danda’a. Qabsoon lubbuun meeqa ittiwareegame kun waan qoosaa tii miti. Wanti wareegama ulfaataa ittikaffalame sun galii hawwame sana gahuun dirqama ta’a. Eessaa akka kaane, maaliif akka kaane fi eessa gahuu akka barbaadnu yoo hin beekne, waan kaaneef, garamitti akka deemnu fi eessa gahuu akka hawwinus beekuun rakkisaa ta’a.

 

Qabsoon bilisummaa Oromoo (QBOn) yoom xumurama?

Gaafii kana laalchisees yaadolee adda addaatu mul’achaa jiru. Isaanis a) qabsichi galii isaa gahee jira kan jedhu; b) injifannoolee tokko tokko galmeesse malee hin xumuramne kan jedhu fi c) qabsichi bakkuma ka’e sana jira kan jedhu dha. Yaadni ani qabu yaadolee sadeen kana keessaa isa lammaffaa ykn b) keessa ta’ullee, waayee xumura qabsoo kanaa laalchisee, waan tokko tokko jechuun barbaada.

Qabsoon tokko akka waliigalaatti yoo laalame, qabsoo bilisummaas haa ta’u, qabsoo biyya ijaaruus haa ta’u, qabsoo jiruu fi jireenyaas haa ta’u,… waan xumuramuu miti. Kanaafuu, jechumti qabsoon ni xumurama jedhuuyyuu sirrii miti. QBO wajji walqabsiifnee yoo laalle garuu, qbsoon kun kan dhaabbatu ykn xumuramu yoo gabrummaan xumurame qofaa dha. Kanaaf yerro baay’ee “Fincila Xumura Gabrummaa *- FXG” jedhama malee xumura qabsoo jedhamuu isaa hin dhageenye. Xumurri gabrummaa kan ibsamu immoo Abbaabiyyuumman Oromoo yoo mirkanaa’e qofaa dha. Sochiin uummataas kan xumuramu fi gaafiin isaas kan deebii argatu immoo jaalannus jibbinus, fudhannus dhiisnus, amannus amanuu baannus yoo uummatni keenya hiree isaa ofuma isaatiin/isaatiif murteeffachuu danda’ee dha.

Yaadolee armaan olitti a) fi c) jalatti kennaman yoo laalle, yaadoleen lamaanuu yaadolee dhara ta’anii dha. Maal jechuu dha? Warri qabsichi kun galii isaa gahee jira jedhan, Muummichi Ministeerotaa (MM) Oromoo waan ta’eef isa kana wajjin walqabsiisanii laalanii yoo ta’e kun dogongora guddaa dha. Akkuman kanaan dura barreeffamoota adda addaa keessatti ibsaa ture, Oromoon tokko MM ta’ee Araat Kiiloo seeneef gaafiin uummata Oromoo inni bu’uraa deebii argate ykn ni argata jechuun gonkumaa hin danda’amu. Gaafii kanaaf deebii kennuun hafee, sababa kanaan siriidhaa qabsoon tun gara hin taanetti akka hin deemne ani yaaddoon qaba. Maaliif yoo jedhame, tarii jijjiramoota xixiqqoo godhamuu malan tokko tokkoon uummatni keenya akka hin gowwoosamneefi.  

Qabsichi bakkuma ka’e sana jira warri jedhanis haala deemaa jiru hin hubanne jechuu dha. Warri akkana jedhan tarii bara 1991 booda jijjiiramni hin jiru jedhanii kan yaadan yoo ta’e, kun xinnoo fudhatama qabaachuu mala. Haa ta’u malee, QBOn galii hawwame gahuu baatullee, bara 1991 injifannoolee guruddoo galmeessee jira. Sana booda garuu injifannooleen nuti arganne hamma kana jennee dubachuun rakkisaa ta’ullee, jijjiirama hedduutu mula’te mula’chaas jira. Kanaafuu, qabsoon kun bakkuma sana jira kan jedhu dhara waan ta’eef, isa kanaan hamilee uummataa fi qabsaa’otaa cabsuun sirrii miti. Takkas ta’u lama, xinnaatus baay’atus waan qabsoon kun galmeessetti gammaduu fi ittiin boonuu qabna malee, wareegamni Sabboontotni Oromoo kaffalan bilaasha jennee laaluun sirrii miti.    

Wanni biraallee yoo hafe, jechuun gaafiin uummata Oromoo inni bu’uraa yoo deebii argachuullee baate, injifannooleen sochiin uummta Oromoo biyya keessaa fi alaa keessumaayyuu immoo kan Qeerroo Oromoo galmeessan akka laayyootti laalamuu hin qaban. MM OPDOn ittiin dhaadatanuu injifannoolee kana keessaa isa tokkoo dha. Kan biraas wanti dagatamuu hin qabne, hawaastotni Addunyaa fi mootummootni biyya alaa sochii uummata Oromootiif hubannoo kennuun isaanii kunuu injifannoo guddaa dha. Akka fakkeenya addaatitti yoo fudhanne immoo, mootummaan Ameerikaa kan hanga har’aatitti Wayyaanee harkatti baatee, gargaaree, guddisee, jabeessee asiin gaheeyyuu fuula irraa garagalfachaa jiraachuun, kunuu injfannoo qabsoo uummata keenyaa ti.

Barreeffama har’aa xumuruudhaaf, gaafiin uummata Oromoo inni bu’uraa deebii argachuu kan danda’u MM Oromoo ta’eef akka hin taane jala sararamee; jijjiirama xixiqqoodhaan uummatni gowwomsamee, sochiin uummataa akka hin qabbanoofne; QBOn galii hawwamurraa akka hin hafne; hunda caalaa immoo hanga uummatni Oromoo hiree isaa murteeffatutti qabsoon kun ciminaan itti fufuu qaba. Ittimudduun amma. Injifannoon xumuraa kan uummata cunqurfamee ti. Fedhiin uummata Oromoo akka bakka gahu shakkiin hin jiru. Gootota keenya kan wareegman seenaan bara baraan isaan faarsa. Guyyaan Gootota Oromoos guyyaa addaa ti.      

Dhimma biraatiin hanga walitti deebinutti nagaan turaa!

Ulfaadhaa!

 

    

Viewing all 1337 articles
Browse latest View live


<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>