Quantcast
Channel: Welcome to bilisummaa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337

Murtiin Traamp Kennan Sirrii Miti Jedhu Somaaliyaa fi Jabutiin

$
0
0

Prezidaantiin Amerikaa Traamp magaalaan galma mootummaa Israa’eel Jerusaalem jechuun murteessuun balaa kan fiduu fi sadarkaa addunyaatti rakkoo fiduuf ka jiru ta’u biyyonni Afrikaa Bahaa lama beeksisanii jiru.

Kanaaf mootummaan Yunaaytid Isteetes murtiin kun gidduu galeessa bahaa fi guutuummaa addunyaa keessatti balaa fiduuf deemu hubachuun murtii isaa kana keessa deebi’ee akka ilaaluuf gaafata ibsii ministrii dantaa alaa Somaaliyaa har’a baase.

Biyyonni Arabaa fi Musleemaa akkasumas kanneen biroon rakkoo giddu galeessa bahaa keesssaa furuuf akkasumas dhimmaFalisxinootaaf furmaata arguuf yaalii godhan dachaan haa dabalan jedha ibsi kun.

Mootummaan Somaaliyaa fi lammiwwan biyyatti qabsoo Falisxinoonni mirga isaaniif godhan cina ni dhaabanna jedhe.

Gama biraan biyya ollaa Somaaliyaa ka taate Jabutiin magaalaa galma mootummaa Jerusaaleem jechuun murtii Amerikaan keesse fudhatama dhabsiifte.Murtii hamaan kun faallaa seera addunyaa fi murtii Tokkummaa Mootummotaa kan faalleessu dha jetti Jabutiin.

Murtiin kun giddu galeessa bahaa fi sanaan alattis waan balaa guddaa hordofsisuu danda’uu fi muddamsii hammeessa sodaa jedhu uumeera jedha mootummaan Ripaablikii Jabutii.

Kanaaf gam lameen wal cina jiraachuu akka dandaa’aniif furmaanni gam lameenif arguuf cicha godhamu keessatti qooda fudhachuu barbaanna jetti Jabutiin.

The post Murtiin Traamp Kennan Sirrii Miti Jedhu Somaaliyaa fi Jabutiin appeared first on Bilisummaa.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337

Latest Images

Trending Articles


“Mr bolero banat lines”


Long Distance Relationship Tagalog Love Quotes


Tagalog God Quotes to inspire you


Re:Mutton Pies (lleechef)


FORECLOSURE OF REAL ESTATE MORTGAGE


Vimeo Create - Video Maker & Editor 1.5.2 by Vimeo Inc


Vimeo 10.7.1 by Vimeo.com, Inc.


Vimeo 11.6.1 by Vimeo.com, Inc.


Doodle Jump 3.11.35 by Lima Sky LLC


UPDATE SC IDOL: TWO BECOME ONE



Latest Images

<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>