Quantcast
Channel: Welcome to bilisummaa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337

Daawwattootaa fi Qooda Fudhattoota TV OBS hundi Baga Gammaddan! Baga gammanne!

$
0
0

 

OBS Tamsaasatti deebi’uuf Haalduree xumure.

Amajjii 1, bara 2007 hanga Onkololeessa 23, bara 2009’tti dhimmoota Aadaa, seenaa fi Aartii Oromoo dagaagsuu irratti xiyyeeffachuun qophilee TV bashannansiisaa barsiisan qopheessee tamsaasuun qalbii daawwattoota hedduu jaalalaan booji’eera.

Gaaffii daawwattoonni keenya yeroo dheeraaf OBS tamsaasatti akka deebi’u dhiheessaa turtan bu’uura godhachuun, Hundeessitoonni dhaabbatichaa yaa’ii waliigalaa Birraa kana Finfinneetti taa’aniin TV’n OBS tamsaasatti akka deebi’u murteessaniiru.

Hojiin Miidiyaa kaappitaala guddaa,of-eeggannoo fi ogummaa bilchina qabu kan barbaadu ta’ullee, Kutannoo Dureessa tokkoo fi Gaazexeessitoota muraasaan Indaastirii Miidiyaa hangana gahu sochoosuun cimaadha.

Haata’u malee, Fedhiin sabni keenya Miidiyaa kanaaf qabu rakkoo armaan olitti eeraman waan hin caalleef, hundeessitoonni dhaabbatichaa murtee kanarra gahaniiru.
Haaluma kanaan , TV’n OBS turtii yeroo dheeraa booda Tamsaasatti deebi’uuf haaldureesaa xumureea.

Wayita ammaa rakkoo cimaa kan ture kiraayiin saataalaayitii xumuramee tamsaasa yaalii eegaluuf guyyoota muraasatu hafe.

Hojii TV OBS tamsaasatti deebisuuf hojjetamaa jiru keessatti,

1. Aantummaan Abbaa Qabeenyaa Oromoo Obboo Dinquu Dayyaasaa,
2. Obsaa fi Ifaajeen Gaazexeessitoota Oromoo waggoota sadii dura gaaffii mirga sabaa isaanii gaafachuun dabni cimaan irratti raawwatamee DhRTVO(OBN) keessaa ari’atamanii deebii dhabuun xiiqiin OBS hundeessanii irraanfatamuu hinqabu. Hundaa’uu OBS’f Jarreen kun qaamota seenaati. Galatoomaa nama seenaa hojjechuun itti fufu ta’aa.

3. Hundeeffama isaarraa eegalee turtii OBS tamsaasarra ture keessatti Namoonni ogummaa fi qabeenya qabaniin OBS wajjin turan hedduudha Ulfaadhaa.
4. Obbo Fayyisaa Faajjii fi Obbo Olii Taammiraat(USA Waashingitan DC jiraatu) jireenya biyya Hormaa dhiphaa ta’e dandamatanii rakkoo bulchiinsaa fi teekinikaa dhaabatichaa halkanii guyyaa deeggaruun gaheen isin baatan lakkoofsa hinqabu.

5. Daawwattoonni keenya hojii keenya xiqqoo taate osoo hintuffatin guddistanii nu deeggaruun akka nuti nama seenaa taanu nu jajjabeessaa obsaan waggoota dheeraa nu wajjin turtan ulfaadhaa.
“OBS tamsaasatti deeb’uun yaadannoo daawwattoota keenya biyya alaa fi keessaaf haata’u.”

Tamsaasa OBS yeroo dhihootti Toora Armaan gadii irratti nu eegaaa.

-Plateform :Etiosat
-Satellite:E8WB
-Frequency: 11512
-Orbital position:8.00W
-FEC:2/3
-Symbol Rate:30Mbuand
-polarization:Vertical

Horaa Bulaa Deebanaa!

OBS TEAM

Finfinnee Sadaasa, 2010

The post Daawwattootaa fi Qooda Fudhattoota TV OBS hundi Baga Gammaddan! Baga gammanne! appeared first on Bilisummaa.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337

Trending Articles


Girasoles para colorear


mayabang Quotes, Torpe Quotes, tanga Quotes


Tagalog Quotes About Crush – Tagalog Love Quotes


OFW quotes : Pinoy Tagalog Quotes


Long Distance Relationship Tagalog Love Quotes


Tagalog Quotes To Move on and More Love Love Love Quotes


5 Tagalog Relationship Rules


Best Crush Tagalog Quotes And Sayings 2017


Re:Mutton Pies (lleechef)


FORECLOSURE OF REAL ESTATE MORTGAGE


Sapos para colorear


tagalog love Quotes – Tiwala Quotes


Break up Quotes Tagalog Love Quote – Broken Hearted Quotes Tagalog


Patama Quotes : Tagalog Inspirational Quotes


Pamatay na Banat and Mga Patama Love Quotes


Tagalog Long Distance Relationship Love Quotes


BARKADA TAGALOG QUOTES


“BAHAY KUBO HUGOT”


Vimeo 10.7.0 by Vimeo.com, Inc.


Vimeo 10.7.1 by Vimeo.com, Inc.



<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>