Qeerransa baddaa baalee
Goota lapheen sibiilaa
Alagaan si’i ilaalee
Gaaddidduu kee argee jiila!
‘Dhoombiriin’ diina dhooftee
Galchite boolla sirrii
Duuti hin ooltuuf duute kaa
#Aliyyii korma #Cirrii!
Waan barri hin dabarsine
Seenaa deesse aayyoon kee
Foon keetu du’e malee
Yoomuu hin du’u kaayyoon kee!
(Walaloon kan Leta Qenanii Agati )
Clik here to view.

Image may be NSFW.
Clik here to view. Image may be NSFW.
Clik here to view. Image may be NSFW.
Clik here to view.
Sirni awwaala goota Oromoo Koloneel Aliyyii Cirrii magaalaa Bodireetti guyyaa har’aa bakka angawootni mootummaa fi Ummanni hedduun argamanitti Kabaja ol’aanaadhaan geggeeffamee jira.
The post Sirni awwaala goota Oromoo Koloneel Aliyyii Cirrii magaalaa Bodireetti appeared first on Bilisummaa.