Quantcast
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337

Jaal Dawud Ibsaa Hayyu-Duree (HD) GS-ABO, Jaal Araarsoo Biqilaa Itti Aaanaa Hayyu-Duree (I/A-HD) GS-ABO taasisuudhaan filate.

LABSA KORA SABAA 4ffaa ADDA BILISUMMAA OROMOO

Hagayya 30, 2017 | Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)

 

Addi Bilisummaa Oromoo Kora Sabaa 4ffaa bakka hirmaattotni bakka bu’oota miseensota ABO, bakka bu’oota Caayaalee ABO, bakka bu’ootnii fi hoogganootni murnoota hawaasaa adda addaa, deggertootni Dhaabichaa, akkasumas, beektotnii fi ogeeyyiin gara garaa addunyaa mara irraa walitti dhufuudhaan argamanitti Hagayya 20 – 30, 2017tti geggeeffatee milkiidhaan xumurate.

Korri Sabaa 4ffaan gabaasa GS-ABO Gadaa dabree dhaggeeffatee marii bal’aa irratti geggeessuudhaan maxxanfate. Korri kun dhimmoota bu’uura ta’an, Sagantaa Siyaasaa fi Heera ABO gadi fageenyaan gilgaalee fooyyessa barbaachisu hunda gochuudhaan erga irratti waliif galeen booda raggaafate. Gama kaaniin haala siyaasaa Gaanfa Afriikaa fi Idil -Addunyaa ilaalchisee marii bal’aa geggeesseen Addi Bilisumma Oromoo furmaata siyaasaa waliigalaa fiduuf Jaarmayaalee, humnoota siyaasaa, akkasumas, mootummoota hiree murteeffannaa Ummatootaa, nagayaa fi dimokiraasiitti amananii fi kanneen naannicha irraa dantaa qaban waliin hojjetuuf qophii tahuu isaa mirkaneesse.
Korri Sabaa 4ffaan ABO hooggana Gadaa Haarayaa mijuu guutuudhaan filatee irbuu seensisuudhaan dirqama hoogganummaa Adda Bilisummaa Oromoo itti kenne. Akka kanaan Jaal Dawud Ibsaa Hayyu-Duree (HD) GS-ABO, Jaal Araarsoo Biqilaa Itti Aaanaa Hayyu-Duree (I/A-HD) GS-ABO taasisuudhaan filate.
Jaal Daawud Ibsaa fi Jaal Araarsoo Biqilaa Adda Bilisummaa Oromoo keessatti baroota dheeraaf itti gaafatama ol’aanaa qabaachaa kan turan yeroo ta’u, Qabsoo Bilisummaa Oromoo waliigalaa keessattis bar-kurnee sadii oliif moyxannoo qabsoo kan qaban ta’uun beekamaa dha.
Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti !
Injifannoo Ummata Oromoof !
Kora Sabaa 4ffaa Adda Bilisummaa Oromoo

The post Jaal Dawud Ibsaa Hayyu-Duree (HD) GS-ABO, Jaal Araarsoo Biqilaa Itti Aaanaa Hayyu-Duree (I/A-HD) GS-ABO taasisuudhaan filate. appeared first on Bilisummaa.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337

Trending Articles


Patama Quotes : Tagalog Inspirational Quotes


FORECLOSURE OF REAL ESTATE MORTGAGE


OFW quotes : Pinoy Tagalog Quotes


5 Tagalog Relationship Rules


Re:Mutton Pies (lleechef)


Tagalog Quotes About Crush – Tagalog Love Quotes


Sapos para colorear


Break up Quotes Tagalog Love Quote – Broken Hearted Quotes Tagalog


Long Distance Relationship Tagalog Love Quotes


INUMAN QUOTES


Girasoles para colorear



<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>