Quantcast
Channel: Welcome to bilisummaa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337

Yaadachiisa obboleeyyan keenya kan Sa’uudii keessa jirtaan hundaaf!!

$
0
0

Dejane Gutama irraa

 

Akkuma beekamu Mootummaan Sa’uudii dhiyeenya kana lammiiwwan biyyoota addaa addaa irra karaa seeraan alaatiin Sa’uudii seenan fi hayyama jireenyaa hin qabne ilaalchisee labsii haarawa baasuun beekamaadha.

Labsii kana irratti lammiiwwan hayyama jireenya hin qabneef karaa seeraan alaatiin seenan Roobii boruu March 29/2017 irraa kaasee ji’a 3 keessatti biyyattii lakkisanii akka bahan ibsameera.

Labsii kana ilaalchisee lammiiwwan biyya keenyaa Hayyamni jireenyaa irra kufe fi karaa seeraan alaatiin Sa’uudii seenaan bahuuf maaltu irraa eeggama kan jedhu irratti Qajeelfama Imbaasiin Itiyoophiyaa kan magaalaa Jiddatti argamu Afaan Amaaraatiin baase gara Afaan Oromootti jijjiiruun gabaabsinee isiniif qopheessinee jirra.

1. Namoonni sababa Hajjii fi Umraatiin Sa’uudii seentanii osoo hin bahin waraqaan (Vizaan) isinirraa kufe.

=> Osoo guyyaan kenname hin gahin buufata Xiyyaara kamiiyyuu deemuun bahuu kan dandeessan tahuu
=> wanti isin irraa eegamu passportaa fi Tikkeeta xiyyaara qofa.

2. Namoonni osoo labsiin kun hojii irra ooluu jal hin qabin(March 29/2017) duratti hayyamni jireenyaa irraa kufe ykn sababa Hojiin Sa’uudii seentanii hayyamni jireenyaa hin bahiiniif

=> Hojjachisaan (Namtichi qacare) kaffaltii hojjaataa(tuu) irraa eegamu kaffaluun Vizaa dhumaa akka argatu qabu godhaaf. Yoo adabbii qabaates hojjachiisatu kaffaluu qaba. Hojjetaan immoo guyyaan 90 kenname osoo hin dhumin daangaa ( buufata Xiyyaaraa ) kaminuu bahuu danda’a.
=> wanti irraa eegamu passporta fi tikkeeta Xiyyaaraa qofa.

3. Namoonni Hayyamaan alatti osoo sirna Hajjii raawwatan too’annaa jala oolan, karaa seeraan alaatiin kan Sa’uudii seenan, kan osoo labsiin kun hin labsamin dura nama isaan Hojjachiisan jalaa badan qaama dhimmi ilaallatu kan naannawa isaaniitti argamutti dhaquun Vizaa bahiinsaa dhahatuu ni danda’u.

=> wanti isaan irraa barbaadamu (Passporta ykn Liseepasa) achi booda osoo guyyaan kenname hin gahin Sa’uudii lakkisanii bahuu qabu.

4. Namoonni Balagaan irra hin jirre, kan Iqaamaa seera qabeessa qaban, kan sababa Nama isaan hojjachiisu hin beekneef labsii kana akka carraatti fayyadamuun bahuu barbaadan

=> Ministeera Dhimma Hojjataa(Maktaab Al Amal) jalatti kan argamu kutaa dhimma rakkoo hojjataa hiiku deemuun xalayaa fudhatuu
=> Xalayaa eega fudhatan booda Tarhiila naannoo saniitti argamu deemuun Vizaa ba’iinsa fudhatuu.

=> Ragaa isaan irra barbaadamu passporta qofa.

5. Namoonni dhaabbata itti hojjataa turanitti gocha seeraan alaa hojjatuu isaaniif hayyama dhorkaman

=> Biiroo Ministeera Hojii (Maktab Al A’maal) deemuun waraqaan eenyummaa waytawaa baafatuu.

=>Achi booda Biiroo Imigireeshiina naannawa isaanii deemuun Viizaa ba’iinsa fudhachuu.
=> wanti isaan irra barbaadamu (Passporta fi Waraqaa eenyummaa) erga fudhataan booda bahuu ni danda’u.

Odeeffannoo dabalataa yoo argane kan isaanii dabarsinu ta’a.

The post Yaadachiisa obboleeyyan keenya kan Sa’uudii keessa jirtaan hundaaf!! appeared first on Bilisummaa.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337

Trending Articles


tagalog love Quotes – Tiwala Quotes


Break up Quotes Tagalog Love Quote – Broken Hearted Quotes Tagalog


mayabang Quotes, Torpe Quotes, tanga Quotes


Tagalog Love Quotes – Nagmamahal


Long Distance Relationship Tagalog Love Quotes


Ligaw Quotes – Courting Quotes – Sweet Tagalog Quotes


INUMAN QUOTES


Re:Mutton Pies (lleechef)


EASY COME, EASY GO


FORECLOSURE OF REAL ESTATE MORTGAGE


Pokemon para colorear


Sapos para colorear


Problema Quotes – Pera Quotes


Tagalog Quotes About Crush – Tagalog Love Quotes


Two timer Sad tagalog Love quotes


5 Tagalog Relationship Rules


Best Love Life Quotes Collection


Vimeo 10.7.0 by Vimeo.com, Inc.


Vimeo 10.7.1 by Vimeo.com, Inc.


Girasoles para colorear



<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>