Quantcast
Channel: Welcome to bilisummaa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337

Seenaa gabaabaa Raadiyoo magaalaa Adaree

$
0
0
Seenaa Habroo

Seenaa Raadiyoo Ummata Oromoo keessatti, Raadiyoon Harar kan sagantaa
Tokkummaan Humnaan tamsaasu jalqabe bara 1965 akka lakk.haabashaati
Raadiyoon kun Ummata Oromoo biratti ulfina guddaafi kabajaa guddaa
qabaachaa jira. Ilmaan Oromoo heddu qarree oomishee
jira.Fkn, Abubakar Mussaa Gaazexessaa cimaa fi walallo sirbaa
heddu barressudhaan baandii Afran Qalloo hundesuudhaan beekkama
garuu osoo inni umrii dargaggummaa isaati sirnii nama nyaataan
dargii bara 1970ti isaa oduu sa’aa 12 tan galgalaa dubbisee buna
dhuguuf istudiyoo radiyoo Harar irraa gadi bahee waraani dargii rasasaan
mataa keessa dhawe galaaftee. Kana qofaa miti gaazexessitoota
hedduu ture, isaan keessaa haangaan beku tuqufin yaala

1. Abdii MUMMAD YUSUF( Abdii QOPHEE ) inni kun walallo sirboota
Dhugaa Barbaaduuf kuma heddun lakkaawaman nama barresseedha haanga
umriin ture keessatti.Fkn sirba Kadir Said , Hallo Daawee, Adam Harun, Hime Yusuuf, Alli Birraa, Ahmad Kabiraa , Almaz Tafarraa, Abdii, Ibraahim, Warqu Fayyisaa, Abraahim Baadiyyaa, Gaadisaa Abdullahi, Musxafaa haarawe,Fandishe , Usmayoo Musa, Mahammad Shekaa, Qamar Yusuf, Mahadi Japon, Mahadii Shekaa, Adnan Mohammed, Ahmad Ibroshe, Abdusalam Hajii, Hirphaa Ganfure, Dawit Mokonen walummaa galati namni wellisaa Oromo tahe walallo Abdii qophee irraa hin fudhattiin kan jiru nattii hin fakkaatu
hanga inni lubbun ture keessatti. Inni biraa Gaazexessaa Isayaas
Hordofaati ininis kitaabota baayyee barressuudhaan
bekkama,
3. Milliyoon Ayalaa
4. Adam Ahmad
5.Shaakira,
6. Jaafar Alii
7. Abdusalam Mahammad
8. Zakariya Ammiyee
9. Alifiyaa Abdulwahaab
10.Alfiyya Haji
11. Mahammad Saafi Umar
12, Makonin
Abarraa isaan kun wara radio kana guddisan keessaa hamaan aani
bekku kessaahi ture.Mee yeroo ammaa radion kun maal irra jira
yoo jannee heddu nama dhiba maalif yoo naan jatan wajjii haalaalu
gaafa sirni nafxanyaa dagaaggee ture san keessatti illee radion kun
harar irraa tamsaasamaa ture.Garu amma sirna dimokraasii
hordofan jachaa radio kan bakka isaa irraa buqqaasun kun maal
isiniti fakkaata yaa ummata Oromoo.sababni radion kun Harar irraa
ka’ee Ykn radio Ethiopia dame harar ture ,Adamaa (DHRTO) Jala
galee maqaan isaa radio oromiyaa dame harar ja’ameef halaallu.
1.Gocha kiraasassabdummaa wara angoo irra jiru qophii heraa fi
seraattiin jala bu’ee waan saaxilaa tureef,kunis radion kun itti
gaaftamummaan isaa waan motummaa fedaralaa tureef rakko
naanno oromiyaa keessaa akka fedhettii gabaasa waan tureef
oromiyaan rakko isii kan dhoksuf naanno oromiya jalati akka galu
taasiftee.
2.Shakkii motummaan radion kun dhageeytii gudda waan qabuf
ummata nati kaasa ja’ee waan if sodaatef to’anaaf akka mijjaa’uttii
Adamati galachudhaan rakko EPRDF qabu ummata duraa dhoksuu
3.Rorroo naannon Harari ummata Oromo irratti gochaa jirtu
ummannii harargee guttun akka dhagayannii motummatti hin kaane
gochuuf
4.Artii fi sabbonummaa oromoo dhabamsissuufi.
5.siyaasaa sobaa kan opdotiin ummata burjaajjeessuufi.
Dhaamsa xumuraa:~Motummaan amma biyya bulchaa jiru dhimma
kan gadi fageenyaan laale yeroo ji’a tokko hin gunnee keessatti
radio kan bakka isaa kan duraaniti akka deebissuu gaafna?
NAMONNI DHIMMA KAN IRRATTI YAADA QABDAN AKKA NUF
GUMAACHITAN OBSAA FI KABAJAAN ISIN GAAFAN!
GALATOMAA!!!!!!!!!!!!

The post Seenaa gabaabaa Raadiyoo magaalaa Adaree appeared first on Bilisummaa.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337

Trending Articles


Girasoles para colorear


mayabang Quotes, Torpe Quotes, tanga Quotes


Tagalog Quotes About Crush – Tagalog Love Quotes


OFW quotes : Pinoy Tagalog Quotes


Long Distance Relationship Tagalog Love Quotes


Tagalog Quotes To Move on and More Love Love Love Quotes


5 Tagalog Relationship Rules


Best Crush Tagalog Quotes And Sayings 2017


Re:Mutton Pies (lleechef)


FORECLOSURE OF REAL ESTATE MORTGAGE


Sapos para colorear


tagalog love Quotes – Tiwala Quotes


Break up Quotes Tagalog Love Quote – Broken Hearted Quotes Tagalog


Patama Quotes : Tagalog Inspirational Quotes


Pamatay na Banat and Mga Patama Love Quotes


Tagalog Long Distance Relationship Love Quotes


BARKADA TAGALOG QUOTES


“BAHAY KUBO HUGOT”


Vimeo 10.7.0 by Vimeo.com, Inc.


Vimeo 10.7.1 by Vimeo.com, Inc.



<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>