Quantcast
Channel: Welcome to bilisummaa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337

Mudannoon weerara maqaa liyyuu polisiin murnii gabroofattuu wayyaane uummata Oromoo irratti labsite-

$
0
0

Mudannoon weerara maqaa liyyuu polisiin murnii gabroofattuu wayyaane uummata Oromoo irratti labsite-
                                           (Dr Tsegaye Ararsaa irraa)

Mudannoon weerara maqaa liyyuu polisiin murnii gabroofattuu wayyaane uummata Oromoo irrattii karaa bahaatin weerara adeemsisaa jirtu kun seenaawwan kan bara 1977 kan wal fakkaatu. Bara saniit jaallawwan qaqqaalii wareegama qabsoo guddaan waan qabanii xuruurfatani murannoon itti seenani, loola karaa lamaan itti baname haalkan motummaa Dargii (maqaa “…sargoo gabbii Somaale Awaash gadii kutte fudhachuuf kan ijaaraman..” Kan jedhu qabsaawoota Oromorrati maxxasse) lolaa, guyyaa ammoo weerartu Somaale ( maqaa “… isaan kun motummaa Dargiitu hidhachisee nuttii bobbaase…” qabsaawoota Oromoo irratti maxxansse) lolaa injifannoo guddaa galmessuun , injifannoon baatiwwani fi bara San keessatti goonfataman Oromoo kallattii hunda irraa walqodiinsa tokko malee akka sabaat tokkummaaf bu’ura ta’e dha.
Bara sana dhaaba umurii kichu gargaarsa alaa tokko malee ofiit hirkannoon tarkaanfachaa ture . Oloolli dinnii qabsaawoota bilisummaa Oromo irratti amantaan walqabate kan dinaan ofame dhaaba sana balaa guddaa keessa kan buse ture. Oloollii ofamaa tures Oromoota kutaale Oromiyaa adda addaa irraa qabsoo kana utubuf kan qabsoo kanattii makaman fi qabsaawoota kan biroo giddut amantaan walqabate shakkii umun ilmaan abbaa tokko kan gargar facaaase ture. Inniis “.. Haarargen Islaama…, Oromoota amantaa addaa (phenxee,kiristaana) qaban qabsoo kanattii makaman amantaa Islaama balleessuf dhufan…,…” kan jedhu akka ture dha. Garu bara saniit kaan abdii kute qayeet deebi’u, diinattii haarka keennachu fi biyya hambaat baqachun qabsoo sana gadii haalakiisanii malee , qabsaawotni qabsoo kanattii ciichanii haafan dhaaba sana deebisanii lubbuu ittii horun abdii qabsaawoota ummata bal’aa Oromoo hunde goodhate akka qabsoon kun ummatni kankooti jedhe kunuunfate akka abbaa ittii ta’uf wareegama qaali baasun amaanaa guddaan dhaalchiisan. Umatnis amaanaa sani tole jedhe fudhate waanqabu hunda odoo irraa hin qusatin haanga lubbu,jireenya maati ofii ittii wareege injifannoon, dheebu bara dheeraa dhugoomsun dawoo dinaa cabsun , yeroo gabaabduf hataatu malee Oromoon martti kanaan durra kan wal hin beeknelle Finfinneet akka wal argan walbaran kan dandeessise ture. Ammas kan argaa jirruu haaqa dhugaa ganamaa kana , ummatnii ittii ciichee goolee Oromiyaa guutut ofiin ofijaare qabsoo dhaale sani amaanaa guutuun qabatamaan mul’isaa jira. Carraa argate hundaan fayyadamees wal iyyaafachaa yaada wal jijjiiraa wal utubaa mataa waliit qabate akka jiru miirkana. Dhaaboolin ummata Oromoof dhaabbane kan jedhan hundii tokkummaan as akka bahaan qabsoo kana cinaa akka hiriiran waamiicha haanga wareegama dhiigaa goola Oromiyaa guutuut taasisen addaan ciita tokko malee dabrsaa jira.
“Kanaaf carraa guddaa ummatni keennefi kana fayyadamun,dhaaboliin Oromoof dhaabbatan marti fakkeenyummaa ummata kana fudhachuun mataa isani bakka tokkot waliit qabachu akka qaban akeekaa, dhaabnii guddaan sun deebi’e goola Oromiyaa guutuu, maatifi qayeen Oromoo tokko odoo hin hambisiin ofjalattii hammate akka ijaaramu qabu jabeessine gaafana.”

The post Mudannoon weerara maqaa liyyuu polisiin murnii gabroofattuu wayyaane uummata Oromoo irratti labsite- appeared first on Bilisummaa.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337

Trending Articles


FORECLOSURE OF REAL ESTATE MORTGAGE


FORTUITOUS EVENT


Pokemon para colorear


Sapos para colorear


Love Quotes Tagalog


Long Distance Relationship Tagalog Love Quotes


Re:Mutton Pies (lleechef)


Ka longiing longsem kaba skhem bad kaba khlain ka pynlong kein ia ka...


Vimeo Create - Video Maker & Editor 1.5.2 by Vimeo Inc


Vimeo 10.7.1 by Vimeo.com, Inc.


UPDATE SC IDOL: TWO BECOME ONE


KASAMBAHAY BILL IN THE HOUSE


Girasoles para colorear


mayabang Quotes, Torpe Quotes, tanga Quotes


OFW quotes : Pinoy Tagalog Quotes


Patama Quotes – Tanga love tagalog quotes


RE: Mutton Pies (frankie241)


Hato lada ym dei namar ka jingpyrshah jong U JJM Nichols Roy (Bah Joy) ngin...


Vimeo 10.7.0 by Vimeo.com, Inc.


Vimeo 11.6.0 by Vimeo.com, Inc.



<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>