**********************************
“Duula sanyii Oromoo lafa irraa fixuuf Agaaziin nu irratti labsite jalaa ba’uuf qeerroon naannoo Amboo waamicha lammummaa oromiyaa hundaaf akka nuu ga’uu hundii keenya walitti akka nuuf labsiitanii waamicha dhiyesneera.’’
“Hunda keenya gara mana hidhaatti dabareen guruuf, keessaa ajjeesuu, dirqamaan reebaani of jalatti nu bulchuuf Wayyaneen karoorsite raawwachaa jirti. Qabsoon calqabame laafeera jechaa jirtii. Kanaafuu du’aa jala lammii baraarsuuf jecha qabsoo calqabame “tooftaa haara’aan” ittii fufsisuuf karoorfannee jirra. Torbee dhufuu qabee bifa haara’aan hanga Dr. Merara fi hidhamtoonni siyaasaa keenya hundii mana hidhaatii gallakkifamaniitti…..
1. Daandii hundaa walkurfeessuun halkanii fi guyyaa ittii fufuun cufuu
2. Akka hin saaxilamneef fuula ofii hucuun ykn festaalaan ija ofii qofa hanbisuun of dhoksuun raawwachuu
3. Keessumaa halkan bifa kurfaa’een qabeenyoota jalee Wayyaanee fi basaastotaa jara irratti tarkaanfii fudhachuu
4. Sadarkaa Oromiyaa guututti guyyaa tokkoof bifa walfakkaatuun raawwachuu ,
5. Face book fi madia jiruun hunduu tumsaa fi kakkaasuun akka nu bira dhaabattan haa ta’uu. Bakkuma hundatti torbee kanaa eegalee akka hojii irra oolu tumsa hunda keessanii gaafanna.”
Qabsson itti fufa
The post #OromoRevolution #OromoProtests #Ethiopia: Waamicha Qeerroo Naanoo Amboo appeared first on Bilisummaa.