Quantcast
Channel: Welcome to bilisummaa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337

Iggitamtoota : Uummanni Oromoo Akka Lubbuu Keenya Oolchuuf Iyyanna

$
0
0

VOA

Dargaggonni Oromoo 16 Liibiyaa Keessatti Namoota Seeraan Ala Nama Deddebisaniin Iggitamanii Jiru. Isaan kana keessaa 8 Godinaa Baalee Dalloo Mannaa irra kanneen hafan 8 immoo Godinaa Wallaggaa Dhihaa Beeggii irraa imaltuu baqattummaa kana jalqabuu isaanii dubbatu. Isaan kana keessaa tokko shamarree dha. Sudaanii ka’anii gara Liibiyaatti qajeeluu isaanii yaadachisanii iddoo amma itti iggitamanii jiran garuu kana jedhama jechuu hin dandeenye. Tokko tokko akka nutti himanti jedhu magaalaa fageenya irraa jirtu ka Sifaa jedhamtu jedhan.

Kanneen isaan iggitanii jiran baqattoonni saddeettan mata mataatti Doolaara Amerikaa kuma shan akka baasnu kanneen biroon 8 immoo Dolaara kuma shanii fi dhibba shan akka baasannu nu gaafatan jedhu. Maallaqa gaafatamee kana hanga guyyaa murta’eetti hin laannu taanaan wanna nu irra ga’uuf deemu hin beeknu, guyyaa guyyaan nu reebu, dararaa nu irraan ga’u jedhu. Shamarree tokkittii sana haasoofsisuuf yaalle iyyuu reebicha irra ga’en midhamtee ciifti jedhan. Beelti nu fixee, reebichi hammaate. Kudha ja’an keenya keessaa lama fuudhanii ba’anii nutti hin deebisne, yaaddoo guddaa keessa jirra jedhu.

Gaaffii fi Deebii Guutuu kana cuqaasuun dhaggefadhaa

The post Iggitamtoota : Uummanni Oromoo Akka Lubbuu Keenya Oolchuuf Iyyanna appeared first on Bilisummaa.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337


<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>