Baarentuu Gadaa Irraa //
Irreechi bara 2016 wayyaanee fi ergamtoota isaaf kan xumuraa ta’uu qaba.
Sodaa fi yaaddoo irraa Irreecha baranaa to’achuuf diinnii fi
lukkeeleen diinaa maal godhaa jiru????
……. Akka kanaan 1ffaa = koreen naannoo ergamticha Wayyaanee Muktaar
Kadiriin yoo hogganamu;
2ffaa= Sadarkaa godinaa fi magaalotaatti bulchitoonni godinaa fi
kanatiiboonni magaalaa akka koree ayyaana irreechaa kan baranaa
waltajjii OPDO/Wayyaanee taasisuuf hundaaye kana gaggeessan ta’eera.
3=ffaa Sadarkaa Onaa fi gandeen baadiyyaattis dabballooni OPDO
bulchitoonni gandeenii sabboonummaan Oromummaa irreecharratti
muldhatuu akka hanqisaniif gaggeesitoota koree waan kana hojjetu
akka ta’an murtaayee hojiitti galaniiru.
==============================
Irreecha Baranaa Akka Keenyattimoo Akka Wayyaaneetti Kabajuuf Jirra..?
Irreechi Oromoof maali? irreechaa fi ummata Oromoo maaltu walitti
hidha jedhee kan gaafatu yoo jiraate inni alagaa aadaa fi duudhaa
Oromoo hin beekne ykn kan aadaa fi duudhaa Oromoorraa moggaa galee
dha!. Dhugaadha yeroo dheeraaf akka aadaa fi duudhaan Oromoo ifa hin
baane, akka Oromoon ani Oromoo dha ofiin hin jenne afaan, seenaa fi
aadaan Oromoo gabroonfattoota Habashaatiin ukkaanfamee hunduu mataa
gadi qabatee deemaa ture. Har’a garuu galanni kan qabsoo Oromoo ABOn
hogganamaa turee fi jiruu, galatni kan sabboontota Oromoo haa ta’uutii
Oromoon mataa gadi qabatee deemaa ture ol jedhee deemaa jira. Lafee
fi dhiiga gootota qabsaawoota ilmaan Oromootiin weertoonni osoo hin
jaalatin dirqamanii akka aadaa, afaan, seenaa fi duudhaa Oromoo
kabajan ta’eera.
Gaaffiin ummata Oromoo guutummaa guutuutti kan deebii argatu gaafa
Oromoon hiree ofii ofiin murteeffatu ta’us qabsoo ABOn gaggeessaa
turee fi jiruun injifannooleen cuccululuqoon laayyootti hin ilaalamne
galmeeffamaniiru. Dhiibbaan adda addaa bal’inaan jiraatus Oromiyaa
keessatti ummatni Oromoo akka afaan isaatiin baratuu fi hojjetu
ta’eera. Guutuu ta’uu baatuus ummanni Oromoo aadaa fi duudhaa isaa
sodaa tokkoo fi heyyama halagaa malee dhugeeffachaa fi gaggeeffachaa
jira. Qabsoo isaatiin afaan isaatiin barachaa fi barsiisaa jira. Kun
injifannoo qabsoon Oromoo argamsiise malee kan alagaan Oromoof kenne
miti. Injifannoolee cuccululuqoo fi sabboonummaa eenyuyyuu duubatti
deebisuu hin dandeenye kana boodammoo ABOn jiraachuun ifaa dha; kan
quba hin qabnes hin jiru. Dhugaa kana ammoo Oromoo mitii alagaanuu
ragaa ba’aa jira.
ABOn Oromoon akka Oromummaa isaatti, aadaa, seenaa fi afaan isaatiin
boonu godhee jira. Akka duudhaa isaa dhugoomfatu taasiseera. Diinonni
Oromoo keessumaa Wayyaaneen har’a impaayeera Itiyoophiyaa afaan
qawween qabdee saamaa jirtu guddinni aadaa, afaan, seenaa fi eenyummaa
Oromoo akka eebichaa itti hadhaa’ee liqimsuufis, diduufis dhiphattee
lafee qoonqootti rakkate akkuma jedhan san itti ta’eera. Wayyaaneen
akka mootummoota isii duraa ifatti aadaa Oromoo xureessuu,
balaaleeffachuu fi yakkuuf sadarkaan qabsoon Oromoo ABOn hogganamu
irra jiru ishiidhaa hayyamuu baatus shiroota adda addaa xaxuu fi
gufuulee hedduu uumuun gama ofii barbaaddee fi yaaddeetti micciiruuf
hedduu yaalaa turte; yaalii kana har’a yeroo bool’a irra dhaabbattee
jirtu kanattillee hin dhiisne.
Haaluma kanaan murni gabroonfattuu fi saamtuun waggoota 25n darbaniif
ummata Oromoo saamaa, hidhaa fi ajjeesaa turte Wayyaaneen jibbaa fi
tuffii aadaa Oromoof qabdu karaa muldhisuun irreecha bara kanaa
jechuunis Onkolooleessa 2016 bacancarsuu fi akka ofii barbaaddutti
micciirtee waltajjii siyaasa ishii irratti gaggeessitu godhachuuf
karoora bal’aa baafattee jirti. Ayyaanichi akka aadaa fi duudhaa
Oromootti akka hin kabajamne taasisuun guyyaa qondaaloonni lukkeelee
wayyaanee OPDO /Wayyaanee/ waltajjii qabatanii guddina, nageenyaa fi
misooma sobaa gaggeessine jedhan irratti hololan taasisuuf sadarkaa
adda addaatti koree ijaaranii amma irraa sochii akka jalqaban ummatni
Oromoo beekuu qaba.
Akka karoora wayyaanee kana keessa beektoonni saaxilanitti Wayyaaneen
qabsoo ummanni Oromoo gaggeessaa jiruun dhiphuu hamaa keessa seenuun
Irreecha baraanaa kan Oromoo fi jaalattoonni aadaa Oromoo biyya
keessaa fi addunyaa guutuurraa irratti hirmaatan kana waltajjii
ergamtoonni ishii miseensoonni OPDO irraa sirbanii fi holola siyaasaa
irratti gaggeessan taasisuuf koreen walii galaa sadarkaa naannootti
ergamticha maqaaf Pireezidaantii naannoo Oromiyaa jedhamu Muktaar
Kadiriin gaggeeffamu yoo ijaaramu isaa gadittis sadarkaa sadarkaan
koreen ayyaana irreechaa baranaa waltajjii OPDO/Wayyaanee taasisuu
irratti xiyyeeffate hundeeffamee hojii eegaleera.
Akka kanaan 1ffaa = koreen naannoo ergamticha Wayyaanee Muktaar
Kadiriin yoo hogganamu;
2ffaa= Sadarkaa godinaa fi magaalotaatti bulchitoonni godinaa fi
kanatiiboonni magaalaa akka koree ayyaana irreechaa kan baranaa
waltajjii OPDO/Wayyaanee taasisuuf hundaaye kana gaggeessan ta’eera.
3=ffaa Sadarkaa Onaa fi gandeen baadiyyaattis dabballooni OPDO
bulchitoonni gandeenii sabboonummaan Oromummaa irreecharratti
muldhatuu akka hanqisaniif gaggeesitoota koree waan kana hojjetu
akka ta’an murtaayee hojiitti galaniiru.
• Akkaataa raawwii hojii koreelee OPDO/wayyaanee kanaa;
1ffaa= Koreeleen sadarkaa naannootii amma gandeen baadiyyaatti
ijaaraman kunneen irreecha birraa akka walii galaatti Hora
Arsadiitti kabajamurrattis haa ta’u, irreecha birraa malkaalee Oromoo
bakkayyuu jiran irratti akka sabboonummaan hin calaqqifamne hojjetan;
akka dubartoota, dargaggoota, manguddootaa fi abbootii Gadaa ajaja
isaanii fudhatanii fi afaan isaanii dubbachuu danda’anitti leenjisan,
horiin sossoban, kaan ammoo doorsisan qajeelfamni kennamaaf. Kun
karoora wayyaaneen OPDOf irreecha ilaalchistee baafteefi dha.
Haaluma kanaan baatii Hagayyaa bara 2016 irraa eegalee koreeleen
Irreecha baranaa bacancarsuuf ykn danquuf sadarkaa naannootii amma
gandeen baadiyyaatti dhaabbatan kunneen turban torbaniin wal gahanii
sochii jiru xinxalu. Diddaa ummata Oromoo keessumaa kan dargaggoota
Oromoo ukkaamsuuf toftaalee adda addaa hojiirra olchuuf tattaafataa
jiru. Iddoo baayyeettis, keessumaa karaa midiyaalee sirnichaa FXG
ilaalchisee holola gaggeessaa jiru.
2ffaa= Akka karoora baheetti calqaba baatii Fulbnaanaa bara 2016
irraa kaasee amma guyyaa irreechaatti guyyaa sadi, sadiin wal arguun
caalaatti dubratoota, dargaoota, manguddoota, abbootii gadaa fi
namoota hawaasa biratti beebbeekamoo ta’an horii fi holola adda
addaatiin hawwachuun sabboonummaa bal’eessuu, akka waayee misoomaa,
guddinaa fi nageenyaa hololan, sirna wayyaanee nama nyaataa kana
faarsan jajjabeessuurratti hojjetama. Kanaafis maallaqni guddaan kan
ramadame yoo ta’u, kan kana dide ammoo akkuma baran ukkaamsuuf
karoorfataniiru.
Egaa walumaa galatti karoora Wayyaaneen karaa ergamtoota ishii
OPDOdhaan diriirsite kanarraa kan ifatti hubachuu fi beekuun danda’amu
waa lama. Inni tokko Wayyaaneen qabsoo ummanni Oromoo gaggeessaa
jiruun dhiphuu hamaa keessa galuu dha. Inni lammataa ammoo afaaniin
aaadaa fi seenaan akkasumas afaan ummatootaa kabajame jettee hololtus
qabatamaan garuu jibbaa fi tuffii aadaa Oromoorraa qabdu ifatti
muldhisa ykn mirkaneessa.
Ummanni Oromoo erga FXG eegalee baatileen 9 darbaniiru. Ammas itti
fufee jira. Amma Wayyaaneen gateettii ummata Oromoorraa buututtis kan
dhaabbatuu miti. Kanarraa ka’uunis wayyaaneen karoora akkamiituu
baaftee Irreecha ukkaamsuu ykn danquu yaaltus ummanni Oromoo diddaa
eegale hin dhiisu. FXGn itti fufa. OPDOn ergaa wayyaanee bakkaan
gahuuf Irreecha waltajjii siyaasa ishee kufe irratti geggeeffattu
godhachuuf qophooftus gaaffii ummata Oromoof deebii hin ta’u.
Haatu’iitii ukkamsaafis haa ta’u tuffiirraa kaatee Wayyaaneen karoora
akkanaa karoora irreecha Oromoo, kan Oromoon aadaa isaa dhugoonfachuuf
waggaatti yeroo tokkoo walargee geggeeffatu ergamtoota ishii OPDOta
bobbaaftee danquuf karoorfachuun gongumaa kan fudhatama hin qabnee
dha. Maddi isaa maaliyyuu haa ta’uu ummanni Oromoo Irreecha isaa,
kan aadaa isaa kan ganamaa irratti dhugoonfatu dinaaf dabarsee hin
kennu, kennuus hin qabu. Irreechi kun kan kabajamuu qabu akka Oromoon
barbaadutti malee akka Wayyaanee fi ergamtootni diinaa fedhanitti
miti. Waltajjii dhiiga gootoota sabboontota Oromootiin argame waan
ta’eef yoo kun ta’u Oromoon callisee ilaalu hin jiru; ilaaluus hin
qabu. Keessumaa dargaoonni sabboontoonni Oromoo mirga abbaa biyyummaa
Oromoof qabsaawaa turanii fi jiran, jaalattoonni aadaa Oromoo shira
Wayyaaneen aadaa fi duudhaa Oromoorratti karoorfattee socho’aa jirtu
kana dursanii harkaa fashalsuuf sochii gama hundaa taasiisuun dubbii
fardii dha.
Wayyaaneen yeroo waltajjii dhiigaa fi lafee gootota keenyaatiin dhufe
kana kan ofii godhattu, gara baraabbdeetti miciirtu callisanii
ilaaluun dhiiga sabboontotaatti bishaan naquu dha. Kan ta’uu qabu
Oromoon aadaa fi duudhaa isaa akka barbaadee fi akka isaa toletti akka
qopheeffatuu fi dhugoonfatuuf hojjechuu dha. Diddaa gama hundaa
jabeessuu dha. Kaayyoo diinaa .. kaayyoo Wayyaanee kana dura
dhaabbachuudha. Harkatti fashalsuu dha.
Akka yoo abbaa tuffatan farda jalatti dhaanu jedhamu san akka hin
taane dursanii of ittisuun akkaan barbaachisaa dha. Kan Oromoo dha
ofiin jennu martuu alaa manatti karoora Wayyaanee kana
balaaleeffachuu qabna. Aadaa fi duudhaa keenya akka ofii barbaannetti
malee akka diinni nuuf karoorsee fi yaadeetti kabajuun caalaatti of
tuffachiisuu fi of xiqqeessuu waan ta’eef, hundi keenya haa
balaaleffannu, dura haa dhaabbannuun dhaamsa kooti!!!
The post Irreecha Bara 2016 “Akka Wayyaaneetti Moo Akka Oromootti” Kabjuuf Jirra…..???!!! appeared first on Bilisummaa.