Quantcast
Channel: Welcome to bilisummaa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337

‪#‎OromoProtests‬ ODUU GADDAA: Ibsaa Adam kan dheengaddaa Harargee Bahaa Aanaa Gurawaa magaalaa Doguu keessatti rasaan dhahamee ture har’a lubbuun dabartee jirti.

$
0
0

Ibsaan baranuma Yunivarsitii Adaamaa irraa kan eebbifame yoo ta’u eddoo dhalootaa isaatti deebi’ee osoo cidha hiriyaa irraa jiru, loltoonni dhukaasa bananii isaafi namoota jaha kan biroo madeessan. namoota san keessaa shamarree Rihaanaa Ahmad bakkumatti yennaa wareegamtu, Ibsaafi kan hafan shanan gara Hospitaala Gaara Mul’ataa geeffamanii turan. Ibsaan madaa isatirraa fayyisuun dadhabamee guyyaa har’aa lubbuun baatee jirti. Rabbiin gootota keenya hafan waliin jannataan haa qananiisu jenna. Maatiif firoota isaatiif jajjabina hawwina.

The post ‪#‎OromoProtests‬ ODUU GADDAA: Ibsaa Adam kan dheengaddaa Harargee Bahaa Aanaa Gurawaa magaalaa Doguu keessatti rasaan dhahamee ture har’a lubbuun dabartee jirti. appeared first on Bilisummaa.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337


<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>