Quantcast
Channel: Welcome to bilisummaa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337

Daawuud Ibsaa dantaa mataa isaatiif malee danta QBO fi dantaa tokkummaa Oromoo hin qabu..

$
0
0

Shanee: Maafiyaa Horroo Guduruu

Akkuma har’a hunduu hubatu, Shaneen Maafiyaa Horroo Guduruu ti. Itti gaafatamaan ol’aanaan

Maafiyaa kanaa Obbo Daawuud Ibsaa ti. Yeroo dheeraa keessatti, Daawuud Ibsaa dhoksaan

Maafiyaa kana ABO keessatti ijaaraa ture. Ijaaruu duwwaa osoo hin taane, sadarkaa hundatti

namoota Horroo Guduruu itti remade. Maafiyaan kun, hamma ijaarameen booda yakka hamaa fi

hammaataa daangaa hin qabne qabsoo Oromoo, ABO, fi miseensota ABO irratti raawwataa

jiraachuun isaa oolee fi bubbulee jira. Yeroodheeraa irraa jalqabee hamma har’atti Maafiyaan

Horroo Guduruu kun, qabsoon bilisummaa Oromoo akka hin milkoofineef danqaraa fi daggaraa

ittatti ta’ee jira. Murni kun, naqarsa (“cancer”) qabsoo keessaa ta’uun isaa har’a ifatti mul’atee

jira. Dhugaan turee fi jiru

Daawuud Ibsaa, daantaa mataa isaatiif malee daanta QBO fi daantaa

tokkummaa Oromoo hin qabu

; qabaateellee hin beeku. Namuu hubatuu kan qabu, Dawuud Ibsaa

namoota ganda isaa, namoota Horroo Guduruu, qoofa bakka hundatti rammaduu isaa ti.

Fakkeennaaf:

1. Obbo Jirreenyaa Taffaraa Itti gaafatamaa Jaarmaa biyya Awuroppaa—-Horroo Guduruu;

2. Obbo Gaashuu Lammeessaa, Itti gaafatamaa Jaarmaa biyya Awustiraaliyaa—Horroo

Guduruu;

3. Dr. Shuguxee Galataa, Itti gaafatamaa Damee Diploomaasii ABO—Horroo Guduruu;

4. Obbo Mikaa’eel Boranaa, Itti-gaafatamaa Jaarmaa Abba Seeraa fi Alangaa; Itti-gaafatamaa

Jaarmaa, Damee Beeksisii biyya Alaa; Itti-gaafatama Jaarmaa Damee seeraa fi toohanoo,

akkasumas Itti-gaafatamaa Jaarmaa,Damee Diinagdee USA fi Kanaadaa ti—Horroo Guduruu.

Asirratti kan nama ajaa’ibuu fi maalalchiisu, nama tokko irratti aangoon heddu tuulamuu isaa ti.

5. Aadee Dinknesh D. Kitilaa, Ijaarsa dhokkissaa namoota nannoo Horroo Guduruu ijaaruu fi Itti

gaafatamtuu ‘International Oromo Women organization (IOWO)’ jedhutti rammade—Horroo

Guduruu.

6. Obbo Tashomee Diimee, ‘International Qeerroo Support Group’ USA fi Kanaadaatti

rammade—Horroo Guduruu.

7. Obbo Girmaa Xurunaa, ilma obbolleettii isaa Itti-gaafatamaa Qeerroo biyya keessaa, Itti-
gaafatamaa Raadiyoo Sagalee Qeerroo fi Itti-gaafatamaa Diinadgee biyyaa keesaa ti—–

Horroo Guduruu.

8. Obbo Lammii Shunaa…miseensa Maafiyaa ti—Horroo Guduruu.

Dhuugaan lafa jiru, Maafiyaan Horroo Guduruu kun dhimma mataa isaatiif jecha ABO keessatti

diimokraasii dhabamsiise. Bakka diimokraasii abbaa-irrummaa, gandummaa fi dabaanbulina

(corruption) biqilchee fi magarsee sirna ittiin masakkamu kan tokkummaa Oromoo fi qabsoo

bilisummaa Oromoo ittiin laamshesu godhate.

Sinuma diriirtate kana irratti irikatee, Obbo Dawuud Ibsaa saganataa ABOn alaatti aangoo isaatti

dhimma ba’uun hojiin qabsoo fuula duratti akka hin tarkaaffanne godhaa ture; ammallee godhaa

jira. Maallaqni maqaa qabsoon walitti qabamu, bakki dhaquu fi ga’uu hin beekkamuu. Yeroo

gaafiin itti ka’u, WBOf ergame jechuun ala ragaan qabatamaan (accountability and transparency)

hin jiru. Murni Maafiyaa kun, gama tokkoon ABO diiga; qabsoo bilisummaa laamshessa. Gama

biraatiin ammoo, maqaa qabsoo fi maqaa ABOn maallaqa lammiwwaan Oromoo irraa guura.

1

Waggaa kudhanii saddeeta guutuu, maqaa Guyyaa WBOn, Guyyaa Gootoota Oromoon, Guyyaa

Fincila Diddaa Garbummaan fi amma ammoo maqaa ‘International Qeerroo Support Group’

jedhuun caasaa Maafiyaa Horroo Guduruu addunyaa keessa diriirsee lammiiwwaan Oromo

gowwomsuudhaan maalaqa guuree daldala adeemsisaa jira. Kana duwwaa odoo hintaane,

maallaqa guurame kanaan gootoota Oromoo biyyaa keessatti dhabamsiisaa jira. Maafiyaan kun,

afaaniin bilisummaa! Walabummaa! Jedhaa dhaadata. Hojiin isaatiin ammoo, tooftaa fi tarsimoo

qabsoo bilisummaa fi walabummaa Saba gonfachiisan nyaata. Afaaniin tokkummaa faarsa.

Hojiin ammoo, tokkummaa diiga. Maafiyaan kun, afaaniin jaalala Oromoof qaba jedha.

Gochaan garuu, ganda isaatiin ala jibba lammiiwwaan Oromotiif qabu hojjata. Maafiyaan kun,

ganda isaatiin ala, lammiwwan Oromoo hundaa akka masaanutti (arch-enemy) ilaala.

Xiyyeeffanaa fi adeemsi murna kanaa, Oromoo moggeessuu fi facaasuu, qabsoo bilisummaa

Oromoo laamshessuu, maseensuu fi bu’aa dhabiyyee godhee hambisuu dha. Hojiin Maafiyaa

kanaa har’a, mataa irraa hamma miillatti tortoree ajaawee jira. Haalli kun, har’a ragaa ifatti

mul’ataa Maafiyaa Horroo Guduruu ti.

The post Daawuud Ibsaa dantaa mataa isaatiif malee danta QBO fi dantaa tokkummaa Oromoo hin qabu.. appeared first on Bilisummaa.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337

Trending Articles


Girasoles para colorear


mayabang Quotes, Torpe Quotes, tanga Quotes


Tagalog Quotes About Crush – Tagalog Love Quotes


OFW quotes : Pinoy Tagalog Quotes


Long Distance Relationship Tagalog Love Quotes


Tagalog Quotes To Move on and More Love Love Love Quotes


5 Tagalog Relationship Rules


Best Crush Tagalog Quotes And Sayings 2017


Re:Mutton Pies (lleechef)


FORECLOSURE OF REAL ESTATE MORTGAGE


Sapos para colorear


tagalog love Quotes – Tiwala Quotes


Break up Quotes Tagalog Love Quote – Broken Hearted Quotes Tagalog


Patama Quotes : Tagalog Inspirational Quotes


Pamatay na Banat and Mga Patama Love Quotes


Tagalog Long Distance Relationship Love Quotes


BARKADA TAGALOG QUOTES


“BAHAY KUBO HUGOT”


Vimeo 10.7.0 by Vimeo.com, Inc.


Vimeo 10.7.1 by Vimeo.com, Inc.



<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>