Quantcast
Channel: Welcome to bilisummaa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337

Amnesty International: Dhiittaan Mirga Namummaa Itiyoophiyaa Amma Sadarkaa Yaaddessaarra Gahee Jira

$
0
0

Amnesty International: Dhiittaan Mirga Namummaa Itiyoophiyaa Amma Sadarkaa Yaaddessaarra Gahee Jira

Waggoota 25 darbaniif gochi dhiittaa mirga namumaa Itiyoophiyaa keessatti ta’aa jiru ittuu akka itti caalaa dhufe dhaabbanni mirga dhala namaatiif falmu Amineestii Internaashinaal dubbate

Waggoota 25 darbaniif gochi dhiittaa mirga namumaa Itiyoophiyaa keessatti ta’aa jiru ittuu akka itti caalaa dhufe dhaabbanni mirga dhala namaatiif falmu Amineestii Internaashinaal dubbate


Waggoota 25 darbaniif gochi dhiittaa mirga namumaa Itiyoophiyaa itti caalaa dhufe jedha dhaabbanni mirga dhala namaatiif falmu, Amineestii Internashinaal(Amnesty International).

Dhaabbitichi wal gayii mata dureen isaa ‘Dhiittaa Mirga Namummaa Waggoota 25f itiyoophiyaa Keessa Ture’ jedhu irratti marii kaleessa taa’e irratti kana ibse.

Kufaatii mootummaa Dargii boodas dhiitamuun mirga namummaa Itiyoophiyaa keessatti waan itti fufeef lammileen biyyattii hedduun hidhaatti ugguramuun itti fufeera jedha.

Wal gayii kana irratti namootni dararri mootummaa Itiyoophiyaan irra gahe dhiyaatanii ragaa yoo bahan baqattoonni Oromoo fi lammiilee Itiyoophiyaa kaan kan wal gahii kanarra turanis Gamtaa Mootummootaatti dhaabbati baqataa UNHCR tajaajila nuu kennuu maluu nuu kennaa hin jiruu jechuun komii qaban dhiyeefftan.

02D59931-85B9-4E46-8099-317545AADDB0_w610_r1_s

Waggoota 25 darbaniif gochi dhiittaa mirga namumaa Itiyoophiyaa keessatti ta’aa jiru ittuu akka itti caalaa dhufe dhaabbanni mirga dhala namaatiif falmu Amineestii Internaashinaal dubbate

 

Akka Amnesty International jedhutti dhiittaan mirga namummaa Itiyoophiyaa waggoota 25 darban itti fufuu qofaa mitii ira sadarkaa yaaddessaa irra gahee jira.

Haalli qabiinsa mirga ilma namaa Itiyoophiyaa keessa jiru haga yoonaa waan hin fooyya’iniif lammileen Itiyoophiyaa yeroo ammaa kana rakkoo keessa jiraachuus dhaabbatichi ibsee jira.

Wal gayii Naayiroobiitti gaggeeffame irratti baqattoonni Itiyoophiyaa hidhaa keessa turan, waan isaan irra gahaa ture saba walgayii san irratti argameef akka ragaatti hiraniiru.

Barsiistuun Yuuniversitii Haramaayaatti barataa turte tokko akka sabaaf ragaa baatettii, barataa yeroo turtee kaaftee akka hidhaa fi darara cimaa keessa dabarte dubbatti.

Keessumaa labsiinn dhimma shororkeessummaa ilaalchisuun bara 2009 labsame fayyadamuun mootummaan Itiyoophiyaa paartilee mormitootaa balleessuuf, gaazexeessitootaa fi namoota mirga namummaaf falaman hidhuudhaaf ta’ee jechuun dhimma itti baheera jechuun bakka bu’aan Amnestiin wal gahii kana irratti ibsaniiru.

Waggoota 25 darbaniif gochi dhiittaa mirga namumaa Itiyoophiyaa keessatti ta’aa jiru ittuu akka itti caalaa dhufe dhaabbanni mirga dhala namaatiif falmu Amineestii Internaashinaal dubbate

Waggoota 25 darbaniif gochi dhiittaa mirga namumaa Itiyoophiyaa keessatti ta’aa jiru ittuu akka itti caalaa dhufe dhaabbanni mirga dhala namaatiif falmu Amineestii Internaashinaal dubbate

Kana maleessa akka gabaasa Amenstiitti bara gabaasa mata duree ‘Because I am oromo’[Waan ani Oromo taheef] jedhuun mootummaan Itiyoophiyaa dhalateen Oromoo ka ta’an, waan isa mormaniifii waggaa sadii keessatti qofaa namoota 5000 hidhatti guuree jechuun gabaase.

Haala qabiinsa mirga namaa Itiyoophiyaa keessa jiru ilaalchisuuun dhaabbileen mirga namummaaf falman yeroo hedduu rakkoo jiru dubbatanus hawaasi addunyaa garuu haga yoonaa deebii quubsaa ittti hin kennine, kuni maaliif tahe jechuun gaafata Muthoni Wanyeki, hoogganaa Waajira Damee Amineestii internatinaal Damee Afriikaa Bahaa.

Mata dureen walgahii irratti ka’e biroon, dhimma baqattoota Itiyoophiyaati. Baqattoonni kunis waajjirri baqataa UNHCR gargaarsa nuu kennuu maluu nuuf kennaa hin jiruu jechuun komataniiru.

WalgahichA irratti ka argaman bakka bu’aan dhaabbata baqataa, UNHCR yeroo ammaa kana lakkoofsi baqataa akka addunyaatti waan dabalaa dhufeef dhaabbati UNHCR hanaqina maallaqaa akka qabu himaniiru.

Dhaabbatichii rakkoolee baqattoota Oromoo irraa gahan jiran jedhes dubbateera.

Gama biroon dhimmi buufata kaampii baqataa Dadhaab cufuu ka’eefii ka ture yoo tahu, lammilee oromoo achi keessa jiran egereen isaanii maali ka jedhuuf Mrs. Marry’n “Mootummaan Keeniyaa erga sagantaa isaa nu beeksiseen booda haala isaan itti gargaaraman mala dhoofnaa jedhanii,” jiran.

Walgahii Amineestii Internaashinaal Naayiroobiitti qopheesse kanatti irratti namoota 150 ol tahanitti itti dhufe.

The post Amnesty International: Dhiittaan Mirga Namummaa Itiyoophiyaa Amma Sadarkaa Yaaddessaarra Gahee Jira appeared first on Bilisummaa.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337

Trending Articles


FORECLOSURE OF REAL ESTATE MORTGAGE


Gwapo Quotes : Babaero Quotes


mayabang Quotes, Torpe Quotes, tanga Quotes


Problema Quotes – Pera Quotes


Break up Quotes Tagalog Love Quote – Broken Hearted Quotes Tagalog


Two timer Sad tagalog Love quotes


Tagalog Quotes about Love


Best Love Life Quotes Collection


EASY COME, EASY GO


Pokemon para colorear


Vimeo 10.7.0 by Vimeo.com, Inc.


Sapos para colorear


tagalog love Quotes – Tiwala Quotes


Tagalog Love Quotes – Nagmamahal


Long Distance Relationship Tagalog Love Quotes


Ligaw Quotes – Courting Quotes – Sweet Tagalog Quotes


5 Tagalog Relationship Rules


Re:Mutton Pies (lleechef)


Vimeo 10.7.1 by Vimeo.com, Inc.


Girasoles para colorear



<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>