Quantcast
Channel: Welcome to bilisummaa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337

Mormii Magaalaa Finfinneetti dhalateen namoonni sadii ajjeefaman.

$
0
0

OMN:Oduu Caamsaa 18,2016 Magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa Booleetti, ijaarsa seeraan alaa manniinii jechuun, bulchiinsi magaalattii, manniin jiraattotaa wayta diigaa turetti, mormii uumameen, dhukaasa poolisoonni Federaalaa roobsaniin namoonni sadii ajjeefamuun himame.

Magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa Boolee Bulbulaa naannawaa Warra Gannuu jedhamutti, guyyaa hardhaa Caamsa 18 bara 2016 maqaa ijaarsa seeraan alaa manniin jechuun wayta bulchiinsi magaalattii manniin diigaa jirutti mormii dhalateen, poolisoonni Federaalaa namoota sadii ajjeesuun himamee jira.
Miidhaan hamaan Poolisoota namoota ajjeesan kanarra gahuunis ibsame.

Jiraataan magaalaa Finfinnee tokko akka jedhanitti, akka laakkofsa biyyattiittii ganama hardhaa ture, bulchiinsi magaalaa Finfinnee ijaarsa seeraan alaa jechuun wayta manniin jiraattotaa diigaa jirutti kan mormiin isaan muudate.

Booda ammoo poolisoonni Federaalaa meeshaa waraanaa hidhatan jiraattota manniin keenna nurraa diiggamuu hin qabu jechuun mormatan irratti dhukaasa roobsaniin battalumatti lubbuun namoota sadii darbee jira.

Akka namni kun jedhanitti, bulchiinsi magaalatti manneen kun seeraan ala ijaaraman haa jedhu malee dhugaan jiru sanii miti.

Jiraattoonni ajjeefaman kun ijaarsa seeraan alaa manniin isaanii kan ijaaratan osoo hin taane, lafa san irratti kan dhalataniidha.

Mootummaan humanaan biyyattii bulchaa jiru ammoo ta’e jedhee lubbuu namoota nagaa baasaa jira.

Kana gochuun isaa mootummichaa karaa dhoksaa ta’een, karoora maastar pilaanii Finfinnee hujii irra oolfataa jira jedhan.

Jiraataan magaalaa Finfinnee kun itti dabaluun jiraattota lafa kanarratti handhuurri isaanii bu’e lafa irraa buqqisanii lafa san abbootii qabeenyaaf kennuuf ajjeechaa kana raawwataa jiru jedhan.

Wayta gara garaatti ijaarsa seeraan alaa manniinii jechuun magaalaawwan Oromiyaa hedduu keessatti diiggamiinsa geggeeffamee tureen, lubbuun namoota baayyeetis darbuun isaa kan yaadatamuudha.
Usmaan Ukkumeetu Gabaase.

The post Mormii Magaalaa Finfinneetti dhalateen namoonni sadii ajjeefaman. appeared first on Bilisummaa.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337

Trending Articles


Girasoles para colorear


mayabang Quotes, Torpe Quotes, tanga Quotes


Tagalog Quotes About Crush – Tagalog Love Quotes


OFW quotes : Pinoy Tagalog Quotes


Long Distance Relationship Tagalog Love Quotes


Tagalog Quotes To Move on and More Love Love Love Quotes


5 Tagalog Relationship Rules


Best Crush Tagalog Quotes And Sayings 2017


Re:Mutton Pies (lleechef)


FORECLOSURE OF REAL ESTATE MORTGAGE


Sapos para colorear


tagalog love Quotes – Tiwala Quotes


Break up Quotes Tagalog Love Quote – Broken Hearted Quotes Tagalog


Patama Quotes : Tagalog Inspirational Quotes


Pamatay na Banat and Mga Patama Love Quotes


Tagalog Long Distance Relationship Love Quotes


BARKADA TAGALOG QUOTES


“BAHAY KUBO HUGOT”


Vimeo 10.7.0 by Vimeo.com, Inc.


Vimeo 10.7.1 by Vimeo.com, Inc.