1.Mala Hawaasummaa(Social Engineering)
Malli kun salphamatti dadhabinna keessanitti fayyadamuun akkaawuntii Facebook keessan banani seenu jImage may be NSFW.
Clik here to view.echuudha, innis maloot heddu uf keessaa qaba muraasni isaani -password keessan tilmaamu, kunis lakkoofsa bilbila keessan itti yaalu,lakkoofsa bilbila keessan email facebook sanitti yaalu -Forget password ka jedhuun filannoowwan facebook fiduun isin fakkaatanii odeefannoolle keessan itti guutu,odeefannoolle keessan email Facebook guutuun email banuu yaalu.
2. Qurxummeessuu(Physhing)
Akka mala kanaatti dura warri password isin jalaa hatuu barbaade websaayiti Facebook fakkaatu hojjatanii linkii iImage may be NSFW.
Clik here to view.saa isinitti ergu booda yeroo isin linkii san bantan websaayiti fuula Facebook cufame fakkaatutu isinitti dhufa isin ammoo weebsaayiti facebook isinitti fakkaate password fi email itti guuttanii login ka jedhu tuqxu booda eega isin login tuqxan linkichi gara warri linki isinitti erge ajaje isin fida. Password fi email keessan ammoo warroota linki isinitti erge bira dhaqa.
3. Keylogger
Keylogger jechuun akaakuu softweerota password fi email dabalatee wanta isin keyboard keessan fayyadamtanii barreessitan hunda galmeessu jechuudha, Keylogger gosa lamatu jira. Inni tokko waan isin keyboard fayyadamtanii barreesitan hundaa galmeessee kompitera keessatti save godhuudha booda namichi bakka waan beekuf eega isin deemtam faayili san banee laala.
Image may be NSFW.
Clik here to view.Inni lammataa ammoo namichi isin irraa fagoo taa’ee halaalatti vaayirasii Keylogger kompitera yookiin mobila teessan keessa galcha, karaa heddu fayyadamuun mobila/kompitera keessan keessa galcha booda vaayirasiin Keylogger sun waan isin keyboard fayyadamtanii barreesitan hundaa qubee,lakkoofsa fi mallattoo isin tuqxan hundaa namichaaf erga jechuudha.
– See more at: http://www.orolandtechnology.com/password-facebook-keessan-karaa-sadihiin-isin-jalaa-hatama/#sthash.sT1F6Rxz.dpuf
The post Karoota sadiin Password Facebook keessanii isin jalaa itti hatamu appeared first on Bilisummaa.