Quantcast
Channel: Welcome to bilisummaa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337

BUBBULTUS SEENAAN NAMA HIN IRRAANFATTU!

$
0
0

 

Nama qooda guddaa qabsoo Oromootiif gumaachee, garuu waa’een isaa hin himamin yoo jiraate nama suuraa irratti argitan kana; Mohammad Umar Qaadii jedhama. Mohammad Umar Qaadii nama yeroo duraatiif dizaayina alaabaa ABO kaaye, bara 1968’tti biyya Soomaaliyaa, magaalaa Muqdishootti yoo tahu, maallaqa isaatiin Hindoota biratti maxxansee, Oromoon mallattoo isaa qabatee akka bahu godhee nama qooda guddaa gumaache. Akkasumas nama waggaa shan mana hidhaa mandheeraatti hidhamee miidhaan guddaan irra gaheedha. Jaarraa Abbaa Gadaa waliin warra biyya yaman irraa leenjifananii gama biyyaa seenuuf yaalii osoo godhaa jiranii, biyya Somaaliyaatti qabamanii waggaa 5 guutuu Ziyaad Barreen hidhe keessaa, Mohammad Umar Qaadii nama tokko; umriidhaan hidhamtoota Oromoo san hundarra guddaa yoo ta’u, yeroo sanitti dhukkuba gaastiriikii waan qabuuf hedduu miidhamee nama tureedha.

Dhaloonni isaa Harargee, Dadar yoo tahu, kan dhalate naannawa bara 1918’tti tilmaamama. Lola addunyaa 2ffaa gaafa xaliyaaniin biyya teenya seente baate innis wajjiin biyya Somaaliyaa magaalaa moqadishootti gale. Yeroo ammaa lubbuun hin jiru.

Bifti alaabaa yeroo sanii akka armaan gadiitti walaleeffamee ture.

Moggaan lameen diimtu’uu, magariisaan jiddu’uu
handhurtisii urjji’ii, madanni isii heddu’uu

Abbaan walaloo wallisaa Shantam Shubbisaati.

Barreessaan Ferhan Abdulselam

The post BUBBULTUS SEENAAN NAMA HIN IRRAANFATTU! appeared first on Bilisummaa.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337


<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>