Quantcast
Channel: Welcome to bilisummaa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337

Garee Shanee ABO fii QC ABO jiddutti ammas rakkinni dhalate jedhu

$
0
0

Oduu Haarawa Asmaraa Irraa

Dubbataan ABO Obbo Toleeraa Adabaa dhiyeenya kana qaamoota lamaan ABO kan bara 2014 walitti dabalaman QC-ABO fi ShG gidduutti rakkinni hamaan dhalatee jiraatuu hime. Haata’u malee, rakkinna dhalate jedhe maal akka ta’e ifa hin goone. Garuu, akka dubbataan kun jedhetti sadarkaa waliin hojjatuu hin dandeenye irra geenyee jira kan jedhu dubbate. Akka Obbo Toleeraan himaa jirutti, rakkinna kana kan uume QC-ABO ti.

Akka murni rakkinna kana uume qoratamuuf, Koreen qorannoo utubamuun isaallee dubbate. Durataa’aan Koree qorannoo kanaa Obbo Ibrahim Muummee ta’uu hime. Kan nama gaddisiisu, garuu, Obbo Ibraahim Muummee koree utubame keessaa hojjii gad-dhiisse jedhe. Rakkinni dhalate maalii dha jedhamee irra deddeebi’amee gaafatamnaan, akka makmaakni Oromoo“Saani dorrobe dhaluun isaa hin hafu” jedhu rakkinni dhalate kunis oolii-bulii, turii-dafii ifatti gad- bahuun isaa waan ooluu miti jedhe. Kanaaf, ammaaf mee na dhiisi jedhe. Ani stole jedhee dhiise.

The post Garee Shanee ABO fii QC ABO jiddutti ammas rakkinni dhalate jedhu appeared first on Bilisummaa.


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337


<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>