Quantcast
Channel: Welcome to bilisummaa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337

Obboo Lammaa Magarsaa walitti makamuu Paartiilee ADWUI kan hin fudhanne tahuu beeksise

$
0
0

Odeeyfannoo #Nuuralhudaa
November 29, 2019

Obbo Lammaan gaafii fi deebisaa raadiyoo sagalee Ameerikaa VOA waliin godheen, Jalqabuma irraa yaada Ida’amuu jedhuu fi Paartiilee walitti mukuu kana diduu isaa beeksise. Obbo Lammaan ibsa kenneen “jalqabuma irraa yaada kana kan itti hin amanne tahuu Koree hojii raawwachiiftuu ODPtiif bal’inaan ibsee jira; walitti baquun Paartii kanaa sirrii miti, yoo sirrii tahees yeroon isaa ammaa miti jechuun yaada kiyya ibsachaa ture” jedhe.

Obbo Lammaan itti dabaluudhaanis sababa dideef yemmuu ibsu “sabni Oromoo nu amanee gaaffiilee gurguddaa nutti kenne; nuti hoggantoonni Oromootis isiniif deebisna jennee waadaa galle; gaafii sabaa dhaaba akka biyyaalessaatti hundeeffamaa jiru keessatti osoo hin taane, dhaabaa ODPtiin deebisuuf waadaa galle; kanaafuu waadaa ummanni Oromoo lakkaahee nutti kenne hin nyaadhu jedhee dide” jechuun ibse.

#Lammaa_Magarsaa


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337


<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>