Quantcast
Channel: Welcome to bilisummaa
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337

MALLATTOOWWAN DHUKKUBA KALEE SHAN (5) fi WANTOOTA GOCHUUN NURRAA EEGAMU.

$
0
0

 

( #Dr_Gurmeessaa irraa…)

1.Naannoo ijaa fi fuulaa, keessumaa ganama ganama dhiita’uu (hiita’uu)

2. Miilla lamaan naannoo koomee dhiita’uu (hiita’uu)

3. Humna dhabuu, fedhii nyaataa dhabuu, maashaan qaamaa nama dadhabuu/caccabuu, yeroo dheeraaf oldeebisuu (balaqqamuu)

4. Fincaan keessa dhiigni jiraachuu (garmalee diimachuu fincaanii), garmalee koffaa’uu/hoomachaa’uu, hagi fincaanii kan duraanii irra baay’achuu yokaan xiqqaachuu

5. Hirriba rafuu dadhabuu, googaan ofii yeroo mara gogaa (dry) ta’uu fi hooksisuu
Mallattoowwan armaan olii kana yoo qabaattan gara mana yaalaa deemuun fayyummaa keessan mirkaneeffachuuf qoratamuun gaariidha.

Qoratamuun alatti maal gochuudhaan kalee keenya eeggachuu dandeenyaa?

1. Bishaan ga’aa ta’e (litira 2 guyyaatti dhuguu. Yoo fincaan nama qabu yeroo dheeraaf ittisuu dhiisuu

2. Qorichoota analgesics baay’isanii fudhachuu irraa of qusachuu

3. Ashaboo baay’isanii nyaachuu dhiisuu, Nyaata prootina hedduu qabu yeroo mara soorachuu irraa of qusachuu

4. Alkoolii baay’isanii dhuguu dhiisuu fi tamboo tasuma xuuxuu dhiisuu

5. Hirriba ga’aa ofiif kennuu danda’uu fi Infekshinoota xixiqqoo osoo hin tuffatiin yaalamuu

Fayyaan faaya
Maddi :- #Dr_Gurmeessa irraa…


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1337


<script src="https://jsc.adskeeper.com/r/s/rssing.com.1596347.js" async> </script>